100% found this document useful (6 votes)
4K views38 pages

Orthodox Evangelism

1. The document discusses several key topics of Christian theology including the canon of scripture, faith and religion, intercession, salvation, baptism, and the Ark of the Covenant. 2. It provides historical context for the development of the biblical canon, noting debate around certain deuterocanonical books. 3. Several concepts are explained in detail including the roles of Jesus Christ and the Holy Spirit in relation to faith, salvation, and truth according to scripture.

Uploaded by

abebechdandesa
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
100% found this document useful (6 votes)
4K views38 pages

Orthodox Evangelism

1. The document discusses several key topics of Christian theology including the canon of scripture, faith and religion, intercession, salvation, baptism, and the Ark of the Covenant. 2. It provides historical context for the development of the biblical canon, noting debate around certain deuterocanonical books. 3. Several concepts are explained in detail including the roles of Jesus Christ and the Holy Spirit in relation to faith, salvation, and truth according to scripture.

Uploaded by

abebechdandesa
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd

“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.

Wangeela Yohannis 8:32

“Nuyi dhugichaaf hojjenna malee, dhugicha irratti hojjechuu hin dandeenyu.”


***
“For We Can Do Nothing against the Truth, But For The Truth”
*2Qorontos 13:8*

Qopheessaan:
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos/SMO/
Prepared by:
Onesmos Missionary Movement /OMM/ Gospel Team

Fulbaana 2016 GC
Jimmaa, Oromiyaa, Itiyoophiyaa
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32

Baafata Fuula
Kaayyoon Barumsa Kanaa:- ........................................................................................................................................... 3
Galma ............................................................................................................................................................................ 3
Dogoggorota jiran akka armaan gadiitti tokko tokkoon haa ilaallu .............................................................................. 3
Bara callisuu (the period of saliency) .................................................................................................................... 4
1. MAACAFNI QULQULLUN MAALIIF MAACAAFA QULQULLUU JEDHAME: .............................................................. 4
Yaadannoo............................................................................................................................................................. 4
Safartuu Macaafa Qulqulluu (Canonicity) ............................................................................................................. 5
Macaafota Awaaldii (Deutrocanonicals) ....................................................................................................................... 7
Macaafonni awaaldii maaliidha? ............................................................................................................................... 7
Raakkoo Macaafota Awaaldii .................................................................................................................................... 9
2. AMANTII FI AMANTAA (FAITH&RELIGION )............................................................................................................. 11
3. KADHAA/GIDDUU-GALUU/INTERCESSION MEDIATOR/ ...................................................................................... 12
Ulaagalee giddu galuuf (UMË)barbachisaan ....................................................................................................... 13
Ulaagalee gidduu galuuf barbachisan kan armaan dura heerre kana :-............................................................. 19
4. SAGADAA (eÓǃ).................................................................................................................................................. 28
5. LUBUMMAA ........................................................................................................................................................ 33
1. LUBUMMAA BARA SEERA –LAPHEE. ............................................................................................................... 33
2. LUBUMMAA BARA SEERAA............................................................................................................................. 34
[Link] BARA KAKUU HAARAA .................................................................................................................... 35
Garaa garummaa angafa luboota kakuu haaraa fi kan bara seeraa ................................................................... 36
6. TAABOTA (Ark)/ SANDUUQA KAKUU/ ................................................................................................................. 36

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32

Kaayyoon Barumsa Kanaa:-


1. Sirrii fi madda bekuumsa hundaa kan ta‘ee macaafni qulqulluun barumsa inni barsiisuu
mul‘isuu
2. Dorgoggoroota umurii dheera lakkoofsiisaan sagalee waaqayyootiin qoranii soororsuuf.
3. Kanneen dogoggoraan,dogoggora isaanii irraa gara barsiisa dhugaa fi sirriitti akka deebi‘an
taasisuudha.
4. Caalma amanta gargaraa gidduu jiru mul‘isuuf osoo hin taanee Amantii keenyaa isa ittin
Fayyinne Yesus kiristoosiin mul‘isuu.

Galma
Kristaanni kan koo kan jedhu dhugaan dhuunfaasaa hin jiru. sababnisaa dhugaan kristaana
dhugaa waaqayyoo waan ta‘eefi. Dhugaan waaqayyo immoo ilmasaatiin kan himame, hafuura
qulqullutiin kan mul‘ifamee qulqullootaan kan barreeffamee sagalee waaqayyooti. Ibr 1:2
Kanaaf sagaleen waaqayyoo kan jedhu fuudhachuu fi amanuun immo dhugaa beekuuf dandii
filatamaadha. Dhugaa akka dhugummaa isaatti fudhachuu qofaan yaada fi ilaalcha dhuunfaa
ofii sagalee qulqulluu(macaafa qulqulluuf) bichiisisaani jiraachuun dirqama
kiristaanummmati. Dhugaan tokkoof tokko malee dhugaan lama sadii hin jiru. Dhugaan
amansiisaan immoo yesus kiristoossidha.(Yoh 14:6, yoh 8:32)

Dogoggorota jiran akka armaan gadiitti tokko tokkoon haa ilaallu


Waliin makamuu macaafa qulqullu( ¾SêNõ pÆe w[³)
Wangeelli jecha Giriikii ―ivaangeeloo‖jedhamu irraa dhufee yoommuu ta‘u hikni isa immoo ‗sagalee
misirachoo‘[Link] qulqulluun barreffamee dhumuuf gara wagga 1600 itti
[Link] jechuuniis kutaaleen macaafa qulqulluu jalqabaa (macaafonni seeraa) barreeffamuu
kan eegalan DH.K.D naannoo waggaa 1400-1500 yoo ta‘uu, kutaan macaafa qulqulluu inni dhumaa
(mul‘atni yohannis)kan barreeffame immoo bara 96-100 DH.K.B yeroo ture keesssatti [Link] kun
macaafa qulqulluun barreffamee dhumuuf Yeroo baay‘ee dheeraa kan ittti fudhate kitaaba kophaa
ta‘uusaa ibsa.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Raajiini fi barreessaan kakuu moofaa inni dhuma milkiyaas ture. milkiiyaas macaafa raajiisaa kan
barreesse DH.K.D 425 tti yoo ta‘uu raajii milkiyaas booda waaqayyo karaa rajii tokko iyyuu ergaa
hin finne; macaafas hin barreessisifne [Link] bara milkiyaaasii hamma dhaloota gooftaa
yesuusitti barri 400 jiru bara callisuu waaqayyoo jedhama.

Bara callisuu (the period of saliency)


Barrii kun raajii milkiyaas macaafa kakuu moofaa isa dhuma caafee erga xumuree booda hamma
ka‘umsa yohaannis cuuphaattti kan ture waggaa 400 kan agarsiisuudha. Bara kana keessa waaqayyo
tasumaa nama eenyumaattu raajii ykn macaafa hin [Link] kun bara ce‘uumsa kakuu moofaa
gara kakuu haaraatti goodhamee ture.

1. MAACAFNI QULQULLUN MAALIIF MAACAAFA QULQULLUU JEDHAME:


2. Inni kenne Waaqayyo ofii isaatii Qulqulluu ta‘uu isaa
3. Maacafichi kan waaqayyooti,waaqayyoo immo qulqullu waan ta‘ef. (ISAY 34:16)
3. Macaafota adda addaa lakkoofsa hin qabne addunyaa kanarra jiran irraa macaafa
baay‘ee
baay‘ee adda ta‘e waan ta‘ee fi kkf.
Yaadannoo
1. Waldaalee ortoodooksii fi kaatoolikii keessatti akka kutaa macaafa qulqulluutti Yeroo booda
fudhatama kan argataan macaafonni awaaldii (deuterocanonical) caafamuu kan eegalan bara
callisuu waalakka keessa Bara 200 DH.K.D hangaBara 100-200 DH.K.B ture. Kun kan
agarsiisuu macaafonni awaaldii akka macafoota kanneeni gaggessuummaa hafuura qulqulluun
kan hin barroofnee fi akkasumaas macaafolee kakuu moofaati yoo jedhaman illee bara kakuu
haaraa keessatti illee macaafonni barreeffaman waan jiraniif walitti bu‘iinsa seenaa fi baraa
fiduu danda‘aniirru.
2. Kakuu(Ÿ=Ç‖):-jechi jedhu wali galtee (eUU‘ƒ) ,waada(¬M),yaada jedhu kan ibsuu yoo
ta‘uu,afaan Girikiin kakuu gosa lamatu [Link] “suunaatikee” gosoota walqixxummaa
qaban lama gidduutti kakuu taasifamuu fi “daayaatikee”immoo walqixa kan hin taane
gosoota lamaa gidduutti kan taasifamuudha. kanaafuu kakuun macaafa qulqulluu
―dayaatikee‖dha.(nama fi waaqayyooti gidduu)
(daabalatan waa‟ee maacafa Qulqulluu fi seenaa isaa “BARSIISAA DHUGAA WANGEELAA”
Dawit Fasil‟n barreffame ilaali)

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Safartuu Macaafa Qulqulluu (Canonicity)
Jechi ―Qenoonaa‖ jedhu jecha Giriikii irraa fudhatame waan ta‘eef hiikkaan isaas bara sanatti
ulee shomboqqoo irraa hojjetamee akka meetiraatti waan tokko safaruu ykn shallaguuf kan itti
fayyadaman ture. Safartuu Macaafaa Qulqulluu yommuu jennu, Macaafota 66‘n
Macaafa quqlulluu keessa jiran bara sanatti macaafota Macaafota Hafuuraa fakkatanii jiran
irraa addaan baasuuf gaggeessitootni Waldaaa Kiristiyaanaa fi beektonni Macaafa
Qulqulluu (Scholars) ulaagaalee isaan fayyadaman jechuu dha

Safartuun Macaafa Qulqulluu Maaliif Barbaachisee?


1. Macaafotnii fi ergaawwan sobaa baay‘inaan waan tamsaafamaniif /raabsamaniif/
amantooni kutaalee Macaafa isaanii isa dhugaa beekuu waan qabaniif;
2. Dhalootni hundinuu sagalee Waaqayyoo isa guutuu /mudaa kan hin qabne/ akka argatuuf;
3. Sagaleen Waaqayyoo barreeffamaan kan kaa‘amee fi dhimmoota Hafuuraa hunda
irratti aangoo ol aanaa/guutuu/ (Authoritative) qabu akka jiraatu baarbaachisuu isaatiif;
4. Diinni Macaafota kana balleessuuf irra deddeebi‘ee akka gubatu waan taasiseef
Macaafoticha walitti qabanii eeguun barbaachisaa waan tureef; Fakkeenyaaf: Mootiin
Diyooqilxiyaanoos Kiristiyaanummaa balleessuuf kana jechuun tooftaa inni fayyadame
tokko kutaalee Macaafa Qulqulluu funaanuudhaan gubuu ture.

Ulaagaalee Safartuu Macaafa Qulqulluu

Waldaan Kiristiyaanaa gosaa fi baay‘ina Macaafichaa addaan baasuuf ulaagaalee adda


addaa fayyadamteetti.
1. Hafuura Waaqayyoo(Inspiration): Macaafichi gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin
barreeffamuu isaa, qabiyyee isaatiin, cimina isaatiin, ergaa isaatiin, faayidaa isaatiin fi kkf
ragaa argachuu (2Phex 1:21).
A. Dhuga-bahumsa/ragummaa/ keessaa: Macaaficha keessatti kan argaman waa‘ee
eenyummaa macaafichaa, waa‘ee eenyummaa barreessaa, ragaawwan ibsanii fi dhuga-
bahumsa Waaqayyoo fi raajotaa barbaaduu (Kes 31:24 – 26, IyA 1:8, Abo 3:4, Er 36, Nah
8:1 – 8, Dan 9:2, Zak 7:12, ergaawwan Phaawuloos hunda, 2Phex 3:15 fi kkf).
B. Dhuga-bahunsa/ragummaa/Alaa: Qabiyyeen barreeffama isaa, dhiibbaa fi dandeettiin
jijjiiramuu isaa, guddummaa fi gadi fageenyi qabiyyee barnoota isaa; aangoon isaa inni hin
loognee fi kkf (Hafuura Waaqayyoo isa jedhu ilaali).
2. Dhuga-bahumsa Kakuu Haaraa (Apostolicity): Macaafotni ragaadhaaf Gooftaa
Yesuusii fi ergamoonni itti fayyadamanii fi beekamtii kennamaniif hundi
fudhatamummaa argataniiru.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
3. Yihudoota Biratti Fudhatamummaa Isaan Qaban: Ulaagaawwan Macaafota Kakuu
Haaraadhaaf taa‘an akkuma jiranitti ta‘anii, irra guddeessatti garuu Macaafotni Kakuu
Moofaa kan kennaman Yihudootaaf ta‘uu isaatiin Macaafota isaan fudhatan hunda
fudhachuun dirqama dha. Haata‘u malee, isaaniif Waaqayyo kallattiidhaan kan kennee fi
isaan biratti fudhatama kan qaban har‘a Macaafa Qulqulluu keenya keessa kan jiran
Macaafota 39 dha.
4. Dhiibbaa Dandeettii Hafuuraa (Recognition): Dhiibbaa jireenya Hafuuraaa inni
fayyadamtoota irratti fidu waan gaarii fi faayidaa inni amanaaf tajaajila guutuu/hundaa/
(foon, hafuuraa, lubbuu) kennu (2Mot 22:8 – 23:3, Nah 8).
5. Ulaagaa Wal-simannaa (Consistency): Macaafota Macaafa Qulqulluu keessa jiran
kanneen biroo wajjin wal-mormii tokko malee walii galuu qabu

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Macaafota Awaaldii (Deutrocanonicals)

Macaafonni awaaldii maaliidha?


Macaafa qulqulluu isa sirrii (baratamee)(SÅu—) keessa kan jiraan macaafoota 66 yoo
ta‘u, waldoolee ortodooksii fi kaatoolikii keessatti immoo akka kutaa macaafa qulqulluutti
fudhatamanii kan dabalamaan macaafonni biroo jiru. Gooftaa yesuus tasumaa macaafota
kana irraa akka luqisiitti irraa fayyadamee kan hin beekne yoo ta‘uu,waldoolee gubbaatti
ibsaman keesssatti garuu fuudhatama argataniiruu.
Yaadanno: waldaan ORTODOOKSII maacafaa 81 kan fayyaadaman ta‘ee lakkofsan garuu yoo
laakka‘aman gara 84 ta‘uu. Dabaalatan maacafoota gosa lama fayyaadamu
1) Bara 1980 e.c tti ―Bitsu weqidus Taklehaymanot‖ paatiriraarikin kan hiikaamee maxxanffame
fi
2) Bara 2000 e.c ―Bitsu weqidus Abune Pawulos‖ paatiriraarikin kan hiikaamee maaxxanffame.
 Egaa maacafoota kana gidduutti garagarummaan jira Isa duraa 1980 kessaatti maacafotni
Awaaldii qophaatti kan barreeffaman yoo ta‘uu, daabalatan ROOMEE 8:34 irraatti ―kan
nuuf dubbaatuu‖(yamalidal) jedha. Maacafni inni laammata maxxanfame immoo
maacafoota awaldii maacafoota warraa kan waliin wal kessaa makaamee kan barreffame fi
ROOMEE 8:34 irraatti immoo ―Ni faarada‖ jedhe hiikeerra kun immoo akka falmiif
isaaniif ta‘uutti maacafaa qulqulluutti of siressuu irraa maacafa ofiitti sireessuu
filaataniirruu.
Macaafonni Awaaldii Bakka 2tti Qoodamu.
1. Apokiriifaa (Apocrypha)
2. Siiwudeepigiriifaa (pseud epigraphs) jedhamuun beekamu.
1. Apokiriifaa (Apocrypha):-kan hin mul‘anne(e¬`))ykn dhookata (Éwp))‖jechuudha. Tarii akka
kutaa macaafa qulqulluutti baay‘inaan kan hin mul‘anne fi ammayyuu garuu eegamanii kan jiran
ta‘uusaatiin mooggasaa keennameefidha. Macaafonni Apokiriifaa 15 yoo ta‘an hundumtuu kan
barreeffaman barressitoota Yihuudotaatiinidha. Barri isaan itti caafamanDH.K.D. 200
hangaDH.K.B100tidha. Originalin isaa afaan ibrootaan ,aveemaayikiin fi girikiin yoo ta‘uu
hamma ammattis giriikiin,laatiinin, Ithoophiyaan, gibxiin , araabaan, sooriyaani fi armeeniyaan
eegamanii [Link] 250tti gara Giriikiitti kan hiikamee macaafota kakuu moofaa irratti yoo hin
dabalamnee iyyuu suuta suutaan garagalchoota warra kan irratti tokko tokkon dabalamaa kan

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
dhufan turani. Haa ta‘uu malee macaafonni kakuu moofaa waaqayyo baraa kan isaaniif kennamee
yihuudota biratti tasuma akka macaafa qulqullutti fudhatamanii hin lakka‘amnee.

Goosota Maacaficha bara itti barreffame


1 maacafa ogummaa ------------------------------ DH.K.D 30
2 xoobiit --------------------------------------------- DH.K.D 200
3 siiraak --------------------------------------------- DH.K.D 132
4 yoodiit --------------------------------------------- DH.K.D 150
5 izra isa duraa------------------------------------ DH.K.D 150-100
6 maaqabiyaa isaa duraa------------------------ DH.K.D 110
7 maaqabiyaa isaa lammaffa------------------- DH.K.D 110-70
8 baarook ------------------------------------------ DH.K.D 150-50
9 ergaa ermiiyaas ------------------------------- DH.K.D 300-100
10 izraa isa lammaffa--------------------------- Baraa araara 100
11 Asteer ------------------------------------------ DH.K.D 140-130
12 tseloote seelestu deqiiq --------------------- DH.K.D jarra 2ffa/1ffaa
13 soosinaa ---------------------------------------- DH.K.D jaarraa 2ffaa/1ffaa
14 beelii fi diraagonnu(daani’el) ------------- DH.K.D 100
15 kaadhata minaase--------------------------- DH.K.D jarraa 2ffaa/1ffaa

2. Siiwudepigiriifaa(pseudepigraphs):-macaafonni kunneen amaloonni ittin beekaman immoo


rawwatee eenyummaa barressitoota fi barri itti caafaman beekuun dadhabamuu isaati. Haa ta‘u
malee garuu walitti qabaatti kan barreeffaman DH.K.D. 200 hanga DH.K.B.200tti giddutti ture.
Hammamumayyuu macaafonni kunneen macaafoota qaanonaa(66)kessaatti yoo hammatamuu
baatanii fi yihuudota biraatti illee fudhatamaa yoo dhabaniillee macaafonnii kun Yeroo sanatti
facca‘iinsa kan qabanii fi yihuudotaa fi kiristaanota biraattii illee kan beekaman turan.
Fakkeenyaaf yihuudan ergaasa barressee keessatti macaafa henook irraa kan caqasamee ni
arganna. Yihuuda Lakk.9,14-15
Goosa/maqaa/ maacafichaa
1) Maacafa iyoobeliyuu 9) maacafa Baarook
2) Ergaa arsixiyaas 10) maaqabiyaa isaa duraa
3) Maacafa Addam Wehewaan 11) Maaqabiyaa isa lammaaffa
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
4) Semaa’itat Isaayas 12) Seenaa Ahiqaar
5) Maacafa Henook 13) Farfaanna Solomoon
6) Kaakuuwwaan Abboottii 12’n 14) Farsaa 151
7) Seenaa Raajootaa Dubaaraa 15) Hojjii Saaduqootaa
8) Maaacafa Musee

Raakkoo Macaafota Awaaldii


1. Eenyummaan barreessaa sirriitti beekamuu dhisuu. Kutaalee macaafota qulqulluu
kanneen eenyuu akka barressee baruuf baay‘ee rakkisaa miti. Macaafota awaaldii garuu
gonkumaa barreessitootni isaanii hin beekaman. akkasuma abbaan seenaa lubbuun osoo
hin jiraatin kan barreeffaman ni caalu.
Fakkeenya:- Taarefee Daani‘eel, Tarefee Ermiyaas
2. Rakkoo ibsama baraa. Kessumattuu macaafonni Siiwudepigiriifaa(pseudepigraphs)barri
ittibarreeffaman baruun baay‘ee rakkisaa dha. Kanaatti dabalees macaafonni awaaldii
dubbisaasaanii keesssatti dogoggora fayyadamiinsaa Yeroo ykn baraatu argama.

Fkn:- Yesuus osoo hin dhaalatin ―Ilma Abbaa Yesuus‖jechaanii ifatti barreessuun
raajiichaan osoo hin taanee,gooftaan erga dhalatee booda barreffamu isaaf ragaa ifaadha.
Taarafee Ermiyas 11:46
3. Walitti bu’iinsa seenaa:- macaafota awaaldiif beekamti kenninee kutaa macaafa
qulqulluutti osoo daballee walitti bu‘iinsaa seenaa uumuu. Fakkeenyaf:-
M/Q;-Daani‘eel kadhaata dhaabuu diduu isaatiin boolla leencotaati darbatamuuisaa. Dan 6;1
Awaaldii:- Daani‘eel jawwee ajeessuusaatin boolla leencotaati darbatamee jedha Terefe Dan 13:7-
8
M/Q:- Daani‘eel guyyaa tokko qofa boolla leencota keessa bulu isaa. Dan 6:17-23
Awaaldii:-Daani‘eel guyyaa torbaa boolla leencota keessa ture [Link] 13:9
4. Walitti bu’iinsaa barsiisa (doctrine)
M/Q ;- horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irra latuudha. 1Xim 6:8-10
Awaaldii:- qarshiin na gaha hin jedhiin. siraak [Link]
M/Q:- Jilbii hundinuu ulfiina maqaa yesuusiif ni jilbeeffata. Fil 2:9-11

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Awaaldii:- gara mana mushuurraa (caaqula) yeroo seentuu ixaanaa bulla‘ee: boodas qurxummii
onneesheerra, tiruusheerra, fiddee itti aarsii. Hafuuurri hamaan gaafa urgeeffatuu ni baqata;
barabaraanis hin deebi‘uu. Xoobit 6:16
5. Aarbeessuu(guuddisuu)(emphasis) kessaatti mul'ata.
Awaaldii dheerinni namoota dhumdhumaa 3000 ture. (henook 2:3)
( dhumdhuma 3000=1500m=1.5KM )
Awaaldii:-Abiimeelek waggaa 66'f hiriba rafee. Isaayuu hirriibbaa hin quufne osoon deebi‘ee rafee
gaariidha jedhe. Terefe Erm 9:1
6. Dogoggoroota adda adda kan biroo
A. M/Q:-daawit mana ulqullumaa siifan hojjedha jennnaan dhisii naaf hin hojjatiin jedhee dhowee
waaqayyo. 2sam 7:1-6 1sen 28;3
Awaaldii:-waaqayyo mana qulqulluummaa 'hojjedhuu‘ jedhe jedha. iziraa sutuu'el 1:3
B. MQ;-Addam baala harbuun qullasaa dhookfaatee malee muka bekumsa nyaate. Um 2:17
Awaaldii:-addam kan inni nyaate muka arbuudha jedha. Sutuu'el 1:7; 1maqabayi'an 27:15
[Link]:-yesuus kristoos 'uruu'el' ergamaa jedhamuudha jechuun eeggannoo malee caafameera.
izira sutuu'el 3:4. (dabaalatan kaakuu moofaa fi haaraa eegaanna malee waliitti
makaa,‖mariyaam‘n maqaan waama. Izraa 3;2)

D. Ergamaamti kun akka waaqayyoo abbaattis caafameera. izira sutuu'el 5:1, 8-9
E. Trinity :-(Sadan Tokkummaa) jechi jedhu dura ta'aa waldaa kiristaana kan ture
'turtuuliyaan'[Link] kenname moggasa yoo ta'uu, macaafota akakuu moofati kan jennuun
kessaatti immoo caqasamee ni [Link] sutuu'e 4;1 yoodit 11:19 ,sirak 3:22
―...Garbicha koo trinity hin qorin” siraak 3:22
F. M/Q;-maqaa yesuusin yoo kadhannee deebii ni argannaa Yoh 14:13,16-23
Awaaldii:-gadi deebi‘uun fooni kadhanni akka dhagahamuu godha jedha. Sutuu'el 8:24
G. Ergamaan Soba Yero Dubbatu xoobit 5:11-12
H. Awaaldii:- aarsaa nama qulqulleessiti xoobit 14:11
M/Q:-Rom 4:4-6,Gal 2:21
I. Barreessaan macaafa maaqabiyyaani bekumsaa macaafa qaba laata?
"...Abboonni keessan abboota isaanirraa waaqeeffannaa fi abboommii sagaliis akka barataan..
1maqabiyaan 19:14
"Obboleessi isaa kan isa jallatuu itti fakkatee garramuummaan isa duukaa bu'ee, karaa hamaa
obbolessaasa ajjeesse seeraa qaayinitti qabamtee hin jiratin innis dubartii irraatti ittiinaafee
Obbolessaasaa Ajjeesse...... 1maqaabiyan 23:1-2
J. Barreessichi [Link]'inna? (Siraak 4:25 henook 21:31)
"Cubbuu Kee himachuu hin sodaatin,bishaan akka abbayyaa jiru addoleessa fi hagayyaa nan cee'a hin
jedhiin "siraak 4:25
K. Ibiddi isa kan hin dhamnee,raammoon isaa kan hin dunee"jechoota kakuu moofati? siraak 7:17
L. Maariyaam, pheexiroos,waaqayyoo abba kan jedhuu rawwatee kakuu moofa kessaatti hin
beekamu. siraak 24:10,12,28 oggummaa 2:12-18
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
M. Namaa Fi Allattiin yeeroo haasawaan terefe Erm 10:23-18
N. Taskaraa baasuunfayyinaa. siraak 7:33
....."Nama du'eef taskarra baasuu hin dhisiin siraak 7:33
O. Waaqayyoo Ergamoota wajjin yeroo mari'aatuu. kufaalee 4:4. Vs Isa 40:13-15
"Waaqayyoos nuu akkas nuun jedhe-kan akkasaatii ni umnaaf malee addam qofasaa jiraachuun gaarii
miti jedhee. waaqayyoo uumaan keenya Addamiitti hirriba itti buusee,innis ni rafe" kufaalee 4:4
P. Bineensonni hundinuu afaan tokkon duuddubatuu ture jedha. kufaalee 5:1
"Bineensonni Fi Bileedonni bosonaa hundinuu addunyaa kana irraa kan deddebi'aan umamni fi
sinbiroonni uumamani sochoo'u hundinuu tokko tokko wajjin afaan dubbachuu irraa [Link]
dura garuu tokko tokko wajjin arraba tokkoon ni duddubatuu turan . kufaalee 5:1
Q. Mikaa'eel Yookiis Saaxinaa'eel? Henook 19:1
"Guyyaa Sanattis mikaa'eel qulqulluun,bekumsii hafuura qulqulluu gara gadduutti na geessa,na
aarsaas jedhee qulqulluu rufaa'eeliif deebisee"henok 19:1

2. AMANTII FI AMANTAA (FAITH&RELIGION )


Amantii :-amantiin abdii kessa nama tokko kan itti amanatuu fi itti hirkaatu kan agariisudha.
Amantiin wanta abdii godhaanne tokko akka rawwatu sirrii kan itti taanuu;wanta hin agarre tokko
akka agarreetti ykn qabatamaa akka ta'ee kan ittin hubannu humna abdiiti.
Ibr 11:1 "amantiin waan abdatan ‗dhuguma ni ta'a‘jedhanii fuudhachuudha;waan ijaan hin argines
akka waan arganitti 'jira'jedhanii lakkaa'uudha.‖
 macaafni qulqulluun akka dubbatuuti amantiin tokko qofaatu [Link] amantii
tokko qofaa beeka jechuudha.
"Gooftaan tokko, amantiin tokko,cuuphaan tokko" Efe 4:5
Amantii ishee tokko kana kan jalqabee immoo Yesuusidha. Jalqabee dhiisees miti; fiixaan baasee
male
"Yesuus isa amantii kenyaa jalqabee fiixaan baasuu sanaatti ija hin buqqifannu...." Ibr 12:2
Sababiinsa isumaatu fidee waan ta'eefi.
"seerri museedhaan kenname,ayyanni fi dhugaan garuu yesuus kristoosiin argamanii." yoh 1:17
yesuus ayyanaa isa amantiidhaan gara fayyinaatti geessuu fidee dhufee jechuudha. wa'ee ayyanaa
mata-duree biraa keessattii ni baranna.
Yesuus amantii tokko kanaf ergamaa illee ture.
―Kanaafis yaa obboloota waaqayyoof qulqulloftanii,wamichaa isa waaqa irraa keessaa hirmaattanii,
yesuusiin ergamaa fi angafa lubootaa,isa amantii keenyaan beeksiifnuu yaadadhaa. Ibr 3:1
Yesuus waa’ee amantii kana barsisaa hubachiisa ture.
Amantiin –amanuu qofa osoo hin tanee amanachuus ni mul‘isa.
Amanuu-jechuun immoo qaamni isa caalu tokkoo naaf hojjetaa jedhanii abdii godhatanii itti
dhiyaachuu,itti hirkachuu mul‘isa.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Amanachuu-jechuun immoo qaamni abdii goodhatee naaf ta‘a, naaf hojjetamaa jedhee abdii
eeggatee akka raawwatamuufitti osoo hin taanee akka rawwatameeruufitti sirritti eeguujechuudha.
Amantaan (Religion):- immoo deemsa,sirnaa fi dangeeffama amantii alaan mul‘atuuti.
Amantaan amantii irraa kan dhufu yommuu ta‘u amantiin immoo waaqayoon beekuu irra sagaleesaas
dhagahuu irraa kan argamuudha.
―Egaa amantiin dhag‘uu irraa ni dhufa,wanti dhaga‘uun ta‘uu immoo dubbii kristoosiin ni beekama.‖
Rom 10:17
Haa ta‘uu malee macaafni Yeroo hiikamuu amantii amantaa jedhanii hiikuun rakkoo uumeera.
Macaafa qulqulluu sirnaan dubbisuun amantiin maal akka ta‘ee kan mul‘isuudha.
Obboloonni keenya warri macaafota 81 baatanii deeeman macaafa isaanii keessatti amantii (faith)isa
jedhuu amantaa jedhanii bakka [Link] qulqulluun akkas jedha:-
―Inni dubbatu,isa waaqayoo jedhe haa dubatu‖ 1phe 4:11 malee,akkuma barbadnee dubbanna
miti;akkuma barbadnees hikna miti.
Namni fayyuu kan danda‘uu amantiidhaan malee amantaadhaan [Link] isaa‖amantii malee
waaqayyoon gammachiisuun hin danda‘amuu‖ Ibr 11:6
Walumaa galatti amantaa bakka gurguddaa lamaatti qoduun ni danda‘ama. amantaa hojii fi amantii
[Link] addunyaa kana irraa jiruu hundinuu,amantii kristaana (the true Christ followers)
irraa kan hafee amantaa hojiiti.
Amantiin kristaana (duukaa butota kristoos)garuu amantii ayyanaati. Kana jechuunis amantii hojii
kristoos fannoo irratti rawwatee fayyuuf gaha akka ta‘ee kan amanatuu jechuudha.
Egaa amantiin keenya humna waaqayyoo irra malee ogummaa nama irra hin dhabbanne 1Qor
2:5

3. KADHAA/GIDDUU-GALUU/INTERCESSION MEDIATOR/
Kadhaa /giddu galuu/ (UMË))jechuun namni tokkoo wa‘ee nama biraa kadhachuu(gaafachuu),
argamuufii giddu galaa ta‘ees ararsuu kan mul‘isuudha.
Gidduu galuun(Nuuf Kaadhachuun) Qulquloota(maariyaam,yohaanes,abbootti amanta kanbiroo fi
ergaamoota) jedhamanii warra waamamanii Dooktiriinii yookiin barsiisa Waldaa Bahaa
orthodooksii roomaa fi orthoodoksootaa biroo fi Kaatoolikii Roomaattiin barsiifamuu fi ittin
geggeffamaniidha. Gara QULQULLOOTAA jedhaamanitti kadhaachuun kan inni shakkalamuu
jalqaabee jarraa 3ffaa DH.K.B irraa kaasee yoo ta‘uu, Waldaa jalqabaa kessaatti yookiin jarraa
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
3ffan duraa kan hin beekamnee fi barsiisaa gooftaa keenyaa Yesus kiristoos fi ergaamootaa
kessaas kan hin jireedha. Egaa namoonni fi waldoole garagaraa kana godhaan saababootaa kumaa
hedduu qabaachuu danda‘uu, maacafni garuu akkas jedha:
Waaqayyoo tokkicha,inni gidduu dhabbaate Waaqayyoo fi Nama walitti fidus tokkicha,inni immo
Kiristoos Yesus isa nama ta‟ee mul‟aateedha. 1Xim 2:4

Ulaagalee giddu galuuf (UMË)barbachisaan


A. Yakkaa Irraa bilisa ta’uu i.e ofiisaa birmaaduu kan ta‘eedha warra kaan birmaaduu baasuu
kan danda‘uu.
 Yakka jechuun seeraan akka hin rawwannee wanta dhorkamee tokko gochuu (rawwachuu)jechuu
yeroo ta‘uu rawwataan gochaa sanaa immoo yakkamaa jedhama.
Yakkamaa tokkof yakkamaan wabii darbuu hin danda‟uu.
B. Gatii (beenyaa)irra bilisaa kan ta’ee .[Link] kan irra jiruu gatii nama biraa kaffaluu hin
danda‘uu. ba‘aan kan irra jiruu ba‘a nama bira bachuu hin danda‘uu.
 Gatii (°Ç) jechuun liqii hin deebinee ,yoo deebi‘uu baatee kan nama gaafachiisuu jechuudha.
―gatiin (mindan )(beenyaan )nama cubbuu hojjetuu du‘adha.‖ Rom 6:23
C. Wabiidhaaf nama gahaa ta’ee(dandeetti wabii ta‘uu qabachuu)gatii kaffaluu hundumaa
kaffalee nama barbaadamee sana dhiyeessuu nama danda‘uu.
D. Nama guutuu fi waaqa guutuu kan ta’e
Kan miidhamee (waaqayyoo) fi isa midhee (nama) gidduu galee dhabbachuu nama danda‘uu
ta‘uu [Link] wajjin qixa ta‘ee nama wajjiiniis qixa ta‘uu qaba jechuudha.
Ulaagalee armaan oliitti eeraman kana guutuu kan danda’u immoo yesuus qofaadha.
o Gooftaa fi fayyisaan keenya yesuus kristoos giddu galuudhaan hojii inni hojjetu kessa tokko
nama waaqayyoo wajjin walitti [Link] fi nama gidduu walitii dhufeenyi gaarii
ture sun manca‘uusaatiifi lolli (walitti bu‘insi ) uumamuusaatiif sabaabni namadha malee
waaqayyo miti. Abboomamuu didu dhalaa namatiin cubbu hojjetame nama waaqayyoo wajjin
walitti buuseet adda baasee iddoo diinummaa akka ta‘uu godheera.
o ―Hundinuu yakkaniiru,ulfinni waaqayyoos isaanitti hir‘ateera ― Rom 3:23
Namni hundinuu cubbbamaa waan ta‘eef waaqayyoo wajjin araara kan isa barbachisu diina
ta‘[Link] inni gidduu galu kan inni araarsu waaqayyoon namaa wajjin osoo hin tane
,nama waaqayyoo [Link] galaa kakuu haaraa kan ta‘e Gooftaan keenya Yesuus
Kristoos nama waaqayyoo wajjin kan walitti araarsu karaa du‘a isaatiinii dha.
Yesuus hojii araarsuu hojjechaa kan inni jiru caalmaatti warra isatti hin amanneefiidha.
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Qol 1:20-22
Kanaaf nama hundumaa irratti du‘a faradame ofii du‘uudhaan hojii araarsuusaa hojjeteera.
Gooftaan keenya yesuus kristoos fannoo irratti du‘uu isaatin Addunya kana keessa kan jiran
namoonni hin amanne waaqayyoo wajjin walitti araarsuu kan danda‘u bu‘uurabuuseera. Hojii
araarsuu Kristos hojjete kanas akka labsaniif ergamoota isaatti adaraa kenneera. 2Qor 5:18-
21;1Qor 1:23
 Tajaajilli giddu- gala gooftaa keenya yesuus kistoos inni kan biraan nuuf kadhachuu
(›TLÏ‘~) isaati. Inni kana kan inni hojjetu waaqayyo duratti waa‘ee namootaaf kadhata
dhiyeessuudhaani. Inni waaqummaasaatin kan kadhatamu, kadhannaafi sagada kan fudhatu
akkuma ta‘e , namummaasaatiin immoo waa‘ee keenya kan kadhatuu dha. Haa ta‘uu malee
inni gara samiitti erga ol ba‘ee booda waaqa qofa osoo hin ta‘in namas akka ta‘ee hubachuu
dadhabuudhaan yesuus kan inni kadhate lafarra yeroo fooniin deddebi‘aa ture qofaadha
gara murtoo jedhutti kan gahan danuudha. Erga ol butamee booda nuuf kadhata jechuun
waaqummaasaa fi abbaafirdii ta‘uusaa kan gadi buusu itti fakkaatee lubbuuf baayyee
barbachisaa kan ta‘ee dhugaa isa nuuf kadhata jedhu amanuu irraa of hir‘isaniiru. Macaafni
qulqulluun garuu Yesuus yeroo fooniin lafa irra tures, erga ol butamee boodas akka nuuf
kadhatu ifatti ni dubbata. kanaas itti fufnee haa ilaallu

Yeroo fooniin lafa irra ture


Gooftaan keenya Yesuus kristoos yeroo lafarra fooniin turetti kadhata dhiyeesseera. Fakkeenyaaf
pheexiroosiif amantiinsaa akka hin badneef yeroo kadhatuuf ni argina.
―Yesuus, Simoon,seexanni akka namni qamadii gilgilchuu isin gingilchuudhaaf isin falmeera. Ani
garuu amantii kee iddodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti
deebitutti,obboloota kee jabeessi!‖ jedhe. Luq 22:31-32
Yesuus ―siif kadhadheera‖jedhee yoo dubbate, nuyis jechuma kana fayyadamnee ―kadhateera‖jechuu
ni dandeenya. kutaa kana irratti akkuma ibsame seexanni kadhata inni dhiyeesse pheexiroosiis ta‘e
duuka buutota gooftaa warra kaan akka qamadiitti gingilchuudhaaf akka isaaf heeyyamamuuf ture.
Gooftaan ―siif kadhadheera‖kan inni jedhe garuu seexanni akka qamadiitti akka isaan hin
gingilchiineef osoo hin taane, amantiin pheexiroos akka hin badneef ture. Dhugumayyuu galgala
gooftaan qabametti duuka buutonni isaa hundinuu isa dhiisanii baqatanii turan.(Mat
26:56).Pheexiroosiis taanan indaanqoon utuu hin iyyin si‘a sadii ganee ture.(Luq 22:34,54-
60).Kanaaf seexanni yeroo isaan gingilche hundumtuu kuufaniiru jechuudha. Haa ta‘u malee
amantiin Phexiroos badee akka hin hafneef Yesuus waa‘ee isaaf kadhaateefii ture. Kun Yesuus
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
waa‘ee Pheexiroosiif gara waaqayyootti kadhata (UMË) inni dhiyeesse ture; ta‘ullee inni giddu-
galeessaa waan ta‘eef Pheexiroos yeoo sadaffaaf (3ffaaf)yeroo ganuYesuus galagalee akka isa ilaale
ni dubbifna. Kanaafis Pheexiroos jecha Gooftaa yaadatee gadi ba‘ee mararamee boo‘uusaa ni argina.
Luq. 26:61-62
Kanaaf kadhanni gooftaa kaayyoonsaa inni guddaan kan isaa kan ta‘an jechuunis amantoonni
qorumsoota darbuu dadhabanii amantiitti yeroo isaan kufan amantiin isaanii akka hin banne gochuu fi
isaaniin gara bakka isaanitti deebisuudha.
Pheexiroos sana booda ‗hoolota koo eegi‘ adaraa jedhu yeroo fudhatu ni argina.(Yoh 21:15-
17).Gaafa ayyaana guyyaa shantammaffattis Pheexiroos warra kudha tokkoo wajjin dhaabatee
duraan ganee kan turee fi Yihuudoonnis fannisanii kan turan, haa ta‘uu malee du‘aa kan ka‘ee fi
mirga waaqayyo abbaa ulfiinaan ol-ol jedhee kan jiru waa‘ee Yesuus ija-jabinaan yeroo dhugaa
bahu ni argina.(HOE 2:14-36). Kun hundinuu bu‘aa kadhannaa Yesuus ture. Akkuma Pheexiroos
qorumsa seexanaatiin guufannee yoo kufne illee kadhanni Gooftaa Yesuus nuun gara isaatiitti nu
deebisuun amantiitti akka cimnu nu taasisa.
Akkasuma wangeela Yohaannis boqonnaa 17 irratti akka dubbatutti gooftaa Yesuus Kristoos jala-
bultii guyyaa fannifamuusaatti kadhanni inni dhiyeesse yoo ilaallu kan isaa kan ta‘aniif kadhannaa
gidduu galuu (¾UMË çKAƒ)akka kadhate ni hubanna. Kanas kadhatuma kana keessatti yeroo ibsu:-
―Ani isaaniifan kadhadha,biyya lafaatiif hin kadhadhu,warra ati anaaf kenniteef malee;isaanoo kan
keeti,kan kees kan kooti, ulfinni koos isaaniin ni mul‘ata.‖(Yoh. 17:9-10). Akkasuma kadhanni kun
duuka buutota yeroo sana turan qofa osoo hin taane warra Yesuusitti amanan hundumaaf kadhata
dhiyaate akka ta‘e yeroo dubbatu ―isaan kana duwwaaf miti,warra dubbii isaanii dhaga‘anii anatti
amananiifis immoo nan kadhadha malee isaanis tokko haa ta‘ aniif,yaa abbaa,akka ati ana keessa
jirtu,anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas akka na ergite haa
beekuuf kadhachuu koo ti.‖Yoh 17:20-21
Yesuus yeroo fooniin lafarra turetti kadhataa fi waammata dhiyeessuusaa Macaafni qulqulluun walitti
qabee yeroo dubbatu ‖Yesuus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan
imimmaaniin, kadhataa fi wammata gara isa du‘a isa oolchuu danda‘uutti dhiyeesse; sababii inni
ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis,kadhanni isaa ni dhaga‘ameef‖(Ibr 5;7).
Sagaleen kun gooftaa Yesuus Getesemaaneetti ―muddama isaa keessattis ittuma cimsee kadhate dafqi
isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ture‖. (Luq.22:44)muddamaan cimsee yeroo kadhatu
kan agarsiisudha.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Gooftaan Yesuus osoo hin du‘iin dura fannoo irra yeroo turetti namoota isa fannisaniif ―yaa
abbaa,waan godhan hin bekani‘o isaaniif dhiisi!‖(Luq 23:34) jechuudhaan isaaniif kadhateera. Isatti
kan hin amannee fi waaqayyoo wajjin warra hin araaramneef kadhanni inni dhiyeesse iddoo kana
qofattiidha. Kana ilaalchisee Isaayaas yeroo dubbatu:
‖waa‘ee cubbuu isaaniitiifis isaaniif ni kadhate‖ (Isa 53:12) jedheera. Bu‘aan kadhannaa kanaas
namoonni qalbii jijjiirratanii waaqayyoo wajjin araaramuu [Link] hojii ergamootaa keessatti
kan arginu yeroo ta‘u, guyyaa ayyaana shantammaffaatti namoonni kuma sadii yeroo amanan, gaafa
naafti waggaa afurtamaa fayyetti immoo namoonni kumni shan amananiiru. (HOE 2:41; 4:4). Haa
ta‘u malee kanaan dura wangeela Yohannis 17:9-10 akkasumas lakk 21 akka ilaalletti Yesuus
walitti fufiinsaan kan inni kadhaatuuf warra isatti amananiif akka ta‘e hubachuun barbaachisaadha.

Ol Butamuusaa Booda
Yeroo fooniin lafarra turetti kadhata inni dhiyeesse yeroo sana jalqabee hamma ammaatti warra isatti
amanan hundumaaf kadhata dhiyaate akka ta‘e beekamadha(Yoh 17:20). Fannoo irratti du‘uunsa
amantoota bara kanaaf akkuma ta‘e hundumaa kadhanni yeroo sana inni kadhates akkasuma
amantoota bara kanaaf ni lakkaa‘ama. Dhiigni Yesuus Ibroota12:24 irratti akkuma ibsuu(―Yesuus isa
gidduu galee waaqayyoo fi namoota gidduu kakuu haaraa dhaabe, dhangala‘uu dhiiga isa dhiiga
Abeel caalaa wanta wayyu dubbatu biras ga‘uu keessan.‖) Dhiiga Abeel caalaa wanta wayyu
dubbatu dhiiga faca‘uudha. Dhiigni Abeel Qaayin isa isa ajjeese kan himatu yoo dubbatu; Dhigni
Yesuus garuu warra isa fannisaaniif kadhanna Yesuus godhee kan dubbatudha. Haa ta‘u malee kana
jechuun Yesuus erga ol ba‘ee booda saba isa warra lafa irra jiraaniif wanta isaan barbaachisuu
hundumaaf kadhachuufii dhaabeera jechuu miti. Erga ol butamee boodas sabasaa gargaaruuf yeroo
hundumaa akka kadhatu kutaawwan macaafa qulqulluu armaan gadii irraa hubachuun ni danda‘ama.
1ffaaRoomaa 8:33-34 irratti ―Warra Waaqayyoo fo‘ate eenyutu hadheessa ree? Erga waaqayyo akka
waan balleessaa hin qabneetti isaan lakkaa‘ee,kan hadheessu hin [Link] itti farada ree? Erga
kristoos Yesuus du‘ee kafamee immoo,gara mirga waaqayyootti argamee waaqayyoon nuuf
kadhatee,kan itti faradu hin jiru.‖ Kana irratti ― kan du‘ee, du‘a kaafame, mirga waaqayyootti
argame‖ jechoota jedhan sirritti hubachuu qabna. Du‘uu fi du‘aa ka‘uun isa jechoota taatee darban
agarsiisaniin barreffaman. ―mirga waaqayyootti argamee‖ kan jedhuu immo taatee amma mul‘suun
katabamee jira.
Gooftaan keenya Yesuus Kristoos akka Maarqos 16:19irratti akka ibsametti mirga waaqayyoo taa‘e
kan jedhame erga ol buutamee boodadha. Ammas achuma jira. kanaas Pheexiroos ―inni du‘aa ka‘e
sun gara waaqatti ol ba‘ee,gara mirga waaqayyoo jira;ergamoonni waaqayyoo ,warri aboo qabu
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
jedhamanii sodaataman humnoonnis harka isaa jala jiru‖jechuudhaan ibseera (1Phex 3:22). kanaaf
Phaawuloos ―gara mirga waaqayyootti argamee‖erga jedhee booda ―Waaqayyoon nuuf kadhatee‖
yoo jedhu ol erga butamee booda amma mirga waaqayyoo waan jiruuf akka nuuf kadhatu mul‘isa.
Haa ta‘u malee dhugaa kana fudhachuu namoonni hin barbaadne dubbii kana ―wa‘ee keenyaaf
faradu(eK •— Ãð`ÅM) jechuudhaan hiikuun sagaleesaa gara jabinaan jijjiiruuf [Link] ta‘u
malee macaafonni kakuu haaraa hundinuu jalqabatti kan ittiin barreeffamanii fi hiikkaa hundumaaf
bu‘uura kan ta‘e afaan Giriikiin kan barreeffame nuuf kadhata(Eentuunkihaanoo) jecha jedhu
fayyadameera. Hiikkaan isaas namoota kaaniif kadhachuu,gidduu galuu jechuudha malee faraduu
jechuu miti. ‖waa‘ee keenyaaf kan faradu‖jedhanii namoonni sagalicha jijjiiranis yoo ta‘e dhugicha
fudhachuu hin barbaanne yoo ta‘ellee ganuu waan hin dandeenyeef jala kitaabichaatti (foot note)
―Girikiidhaan nuuf kadhata jedha‖jedhanii ragaa bahuuf dirqamaniiru. kanaanis isaan kakuu haaraan
kan ittiin caafame hiikkaa isa Girikii wajjin wal faallessu kaa‘uusaanii agarsiisaniiru.

Akkasuma Yesuus kristoos warra jiranii fi warra du‘an irratti kan faradu ta‘uusaa kristaanni
kamiyyuu dhugaa fudhachuu qabuu dha. Haa ta‘u malee kan faradu ta‘uusaa kan ittiin ibsinu Rom
8:34 dhaan miti. Baarbachisaa yoo ta‘e Yesuus akka inni faradu luqqiisiin ibsan Yoh 5:24-29
,2Xim 4:1 ilaaluun ni danda‘[Link] sodaa waaqayyootiin kiristaanni jiraachuu barbaadu
luqqisoota jechaa fi yaada ittiin dubbatamaniin hiikuu qaba malee nuuf kadhata kan jedhu ni farada
jedhanii jijjiiruun sagaleesaa hedachuu hin qabu.
2ffaaIbroota 7:25 irratti immoo ―kana irraa kan ka‘es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhaachuudhaaf
waan jiraatuuf,warra karaa isaa gara waaqayyoottii dhi‘aatan hamma dhumaatti fayyisuu ni danda‘a‖
jedha. Dubbii kana keessatti ―Inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf..‖jedhu
kana kessaa ―yeroo hundumaa‘jecha jedhu yeroo ilaallu bara kadhannaa isaatii sirriitti ni hubanna.
Lubummaan Yesuus kristoos akka lubummaa Aaroon isa diigamee osoo hin taane akka lubummaa
Malkiisedeq isa‖barri jireenya isaas jalqabaa fidhuma hin qabne (Ibr 7:3)‖akka ta‘e macaafni ni
dubbata.
Waa‘ee lubummaa Yesuus mata duree ‗lubummaa‖jedhu jalatti bal‘inaan ni ilaalla .Garuu luboonni
kakuu moofaa akka itti fufanii hin tajaajilleef du‘atu isaan ittise. Yesuus Kristoos garuu luba bara
baraan jiraatu waan ta‘eef hunduma keenyaaf nuu kadhachuuf yeroo hundumaa ni jiraata. Ibr 7:23-
25 ―Yeroo hundumaa isaaniif kadhachuuf waan jiratuf ― Ibr 7:25 kan jedhu kun Yesuus osoo hin
du‘in dura jireenya inni biyya lafaa irra jiraachaa ture kan ibsu osoo hin ta‘iin du‘a mo‘ee erga
ka‘ee booda jireenya isa jiru kan ibsuudha.
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Innis waa‘ee jireenya isaa kana yeroo ibsu ―takka ille du‘een ture‖ erga jedhee booda ―amma garuu
kunoo,baraa hamma bara baratti jiraachuuttan jira‖ jedheera .(Mu 1:18). Kanaaf ―inni Yeroo
hundumaa isaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf‖ inni jedhu du‘aa erga ka‘ee booddee ol butamee
mirga waaqayyoo erga taa‘ee yeroo ammaa kana kan nuuf kadhatu ta‘uusaa kan ibsuudha.
3ffaa1Yoh 2:1 iratti ― yaa ijoollee koo ,akka isin cubbuu hin hojjenneef kan isiniifan caafa; namni
tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu ,nama nuuf dhaabbatu abbaa biraa qabna; innis yesuus kristoos
isa qajeelaadha.‖ jedha . ―nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna‖kan jedhu yeroo ilaallu kristoos
waaqaratti waa‘ee hunduma keenyaaf kan dhaabbate ta‘uusaa [Link] waa‘ee keenyaaf
dhabatu erga jiraate kan nu hadheessu akka jiru ni hubanna. Hadheessituun keenya kunis
seexanadha. Raajii zakaariyaas 3:1-2 irratti angafa lubaa iyaasuun hammeessuudhaaf seexanni gara
mirga isaa dhaabbatee akka ture ni dubbifanna. Mul‘aata 12;10 irrattis seexanaan ―hadheesiituun
obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture immoo
gad darbatameera.‖[Link] ―guutummaa biyya lafaa wallaalchisu‖ta‘uusaa
dubbatameera (Mul 12:9) .Haa ta‘uu malee inni wallalchisaa qofa osoo hin tane hadheessitu ta‘uusaa
ni hubaanna.

Haa ta‘ malee seexanni hammina hundumaa yeroo nu irratti kadhatu waa‘ee keenyaaf kan kadhatu
akkuma jiru hundumaa waaqayyoo keenya duratti yeroo nu hadheessuu immo himatasaa kan kuffisu
/kan falmu / kan nuuf dhaabbate /qabna;innis yesuus kristoosidha. Seera addunya kana keessatti
namoonni dhimma isaanii gara mana murtiitti dhiyeessuuf kan isaaniif dhaabbatu
(xaabaqaa)argachuuf qarshii kaffalanii/baasanii/ti. Kan gochuudhaaf qarshii gahaa namoota hin
qabneef immoo bu‘uura seeraatiin mootummaan xaabaqaa dhaabafi. Barcuma firdii waaqayyoo
duraatti garuu namoonni dursanii bifa wareegaatiin waadaa kan galan kennaa qarshiis ta‘e qabeenya
ittiin xaabaqaa dhaabbatan hin [Link] humnaa fi hojii gaarii hammamiyyuu yoo qabaanne
waaqayyo duratti ofii keenyaaf xabaqaa dhaabbachuu hin [Link] ta‘u malee ,sagalee isaa
keessatti ifatti akka himametti ―Nama nuuf dhaabbatu abbaa biraa qabna,innis yesuus kristoos isa
qajeelaa dha.‖(1 Yoh 2:1) kanaaf yesuus nuti kan dhaabbanne osoo hin ta‘in waaqayyoo kan nuuf
dhaabee xabaqaa keenyadha.
Xabaqummaan yesuus kristoos isatti kan amanan hundinuu tasa sababii fooniitiif cubbuu yoo hojjetan
illee yeroo takka kan argatan jireenya bara baraa akka hin banneef wabii amansiisaadha
.Amantoonni cubbuu akka hojjetaniif hin eeyyamamuufi; kanaaf sagalichi yeroo jalqabuu ―yaa
ijoollee koo ,akka isin cubbu hin hojjenneef kana isiinifan caafa‖jedha ta‘uullee gooftaa
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
amanuudhaan du‘aa gara jireenyaatti kan dabarre yoo ta‘ellee biyya lafaa kana irra hamma jirutti
seexanni nu dogogorsee ykn foon nu mo‘ee cubbu y eroo hojjennu jirachuu ni danda‘[Link] sana
―egaa banne,du‘i bara baraa nuttifaradama‖akka hin jennef ―Namni tokko illee yoo cubbu hojjete
garuu,nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna‖kan jedhuu sagaleen abdii nutti
dubbatame,kanajechuun garuu yesuus cubbu hojjechuu keenyatti walii gala jechuu miti kun ta‘uu
kan danda‘amu miti.
Yeroo lafarra turetti warri fariisootaa gara isaatti kan fidan dubartii ejja irratti qabamte sanatti yoo
itti faraduu dhiiseyyuu erga warra ishee hadheessan yeellaasisee booda ―...dhaqii ammaa jalqabdee
cubbuu hin hojjetin isheedhaan jedhee‖ture.
Pheexiroos iyyuu ganuunsaa gooftaa yoo gaddisiisee iyyuu waa‘ee isaaf erga kadhatee booda gara
isaatti ‗gara galee‘yeroo ilaaluu ni [Link]‘as himata seexanaa kuffisuudhaaf waa‘ee keenyaaf
erga dhaabbate booda sagaleesaa fi hafuura isaatiin immoo nu ifachuudhaaf gara keenya ilaala.
Bu‘aansaas nuyi cubbuu keenyaaf gara qalbii jijjirannaatti ni dhufna. ― cubbuu keenya yoo isatti
himanne , inni amanamaafi qajeelaa waan ta‘eef ,cubbuu keenya nuuf ni dhiisa,jal‘ina keenya
hundumaattis nu qullessa.‖jedhamee akkuma caafame 1Yoh 1:9 kan isaa sababii taaneef dhiifama ni
argannajal‘ina keenyattis ni qullofna.
Walumaa galatti kutaalee armaan olii keessatti akkuma caqasnetti gooftaa yesuus yeroo foonin
lafarra ture qofa osoo hin ta‘iin erga ol buutamee boodas akka inni nuuf kadhatu sirriitti ilallerra.
Kana jechuun garuu akka yeroo lafarra turee wa‘ee dhimma tokko tokkoo irratti kadhata jechuu
keenya miti. ―Gaafas isin maqaa kootiin ni kadhattu,ani immoo abbaatti isiiniif nan dubbadha isinin
hin jedhu.‖ Yoh 16:26. Kana jechuun immoo erga ol ba‘ee booda nuuf hin kadhatu jechuu
[Link] kadhata isaanii dhiyeessuu yoo barbaadan ofiisaanii kallattiidhaan kadhachuu ni
danda‘u .Haa ta‘umalee kadhata isaanii maqaa yesuusin dhiyeessuu [Link] isaatin kadhachuun
mataansaayyu kadhanni keenya isarraa kan ka‘e ykn sababiisaatiif fudhatamummaa akka qabaatu
gaaffachuudha waan ta‘eef giddu-galumsasaa ykn ―amaalaajummaasaa‖ kan agarsiisuudha.

Ulaagalee gidduu galuuf barbachisan kan armaan dura heerre kana :-


A. Abbonni amantii guutuu hin dandeenyee guutuus hin danda’an. Sababiinsa akkuma kana
dura ilaalleetti ulagaa kana guutuuf yakka irra (cubbu irraa) bilisa ta‘uun bay‘ee barbaachisadha.
Haa ta‘uu malee namni hundinuu cubbamaa fi qajeelummaa mataa isaatii akka hin qabne
macaafni qulqulluun ni dubbata. ―Caaffanni qulqullaa‘aan, ‗namni qajeelaan hin jiru, lakkii,tokko
illee hin jiru‘‖ jedha. Rom 3:10

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
―…. Wanta caaggaasisaa ni hojjetu,namni waan gaarii godhu tookko illee hin jiru.. hundinuu
karaa irraa goraniiru, hundinuus walga‘anii manca‘aniiru,namni gaarii godhu tokko illee hin
jiru, lakkii,tokko iyyuu hin jiru.‖ Far 14:1-3; 53:1-3
―Hundinuu yaakkaniru,ulfinni waaqayyoos isaanitti hir‘ateera.‖ Rom 3:23
Fakkenyaaf Abrahaamin haa ilaallu:-
Abrahaamiif waaqayyo mucaa si kenna jedhee kakateefii ture. Waaqayyoos mucaa
Abrahaamiif kennu barbaade saaraayi irraa [Link] garuu waaqayyoon obsaan
eeggachuu dhiisee sagalee saaraayi dhagahe. ―Abraamis dubbii saaraayi ni dhaga‘ee‖ Um
16:2 Kana irraa kan ka‘ee inni hojjettuu haadha mana isaa(saaraayi) Aggaar bira ni ga‘e.
―inni Aggaar bira ga‘e, isheenis ni ulfoofte;ulfa ta‘uu ishee argitee giiftii ishee ulfiina
dhowwatte.‖ (Um 16:4) Kun egaa bu‘aa cubbuu Abrahaam fideedha. Inni isaa waaqayyoo
isaan jedhe obsaan eeguu dhiisee sagalee haadha manaa isaa dhagahe. Kana qofaas miti
Abrahaam haadha mana isaatiin namoota sodaate obboleetti kooti isheetiin jedheera.
― Egaa waa‘ee keetiif anaatti akka tolutti, sababii keetiif ani immoo akkan jiraadhutti, ‗Ani
obboleetti isaati jedhi!‘ jedhe. Um 12:13. Itti dabalii Um 12:10-20; 20:1-18 dubbisi
Akkasuma mucaan Abrahaamiis yisihaq haadha manaa isaatiin obboleetti kooti jedheera.―Akkasitti
Yisihaq geraar keessa ni jiraate. Namoonni iddoo sanaa waa‘ee haadha manaa isaatii yommuu isa
gaafatan ―ishee obboleetti koo ti‖ jedhe.(Um 26:6-7); Um 26:1-11 dubbisi
 Wa‘ee Abrahaama macaafni qulqulluun garuu amantiidhaan akka inni qajeela ta‘ee ni
dubbata.
―Abrahaam waaqayyoon amane,inni immoo qajeelumaatti ni lakka‘eef‖ Um 15:6.
―.. ‗Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa‘ameef‘ jedha. Rom4:3
dabalataan Gal 3:6; Rom 4: 9,yaq 2:23 dubbisi
Kanaaf Abrahaam qajeelummaa amantii keessaa argamu malee qajelummaa matasaa hin
qabu. Kanaaf Abbaan amantii Abrahaam amantoota amma jiraniif giddu galuu hin
danda‘[Link] Abrahaam amma du‘eera; kanaaf amantoota amma jiran kanaaf giddu
galuufiin iyyuu haa hafuutii isaaniin iyyuu hin bekuu.
Barri kun bara mootota miti; bara rajootaas miti; bara kakuu haaraa (bara ayyanaa)isa
dhiigaa yesuusiin dhabbateeti. Giddu galuus kan danda‘u Yesuus kristoos qofaadha.
Haa ta‘u malee Abrahaamiis ta‘e abbootiin amantii durii waa‘ee biyya isaaniif,lammii isaaniif,fira
isaaniif kadhaatan kutawwan macaafa ququlluuu hedduu kessatti ni argina. Akkasuma kakuu haaraa
keessattis phawuloos Yeroo inni waldoota baay‘eedhaan waaqayyoon isinii kadhaadha jedhu iddoo
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
baayeetti ni argina; akkasuma immoo amantootan nuuf kadhaadha ni jedha. Waliif kadhachuu akka
qabnuus macaafni qulqulluun nu [Link] amantoonni waliif kadhataniis akka dhaga‘amu
karaa kooo sirrittin amana. Haa ta‘uu malee isa gooftaa Yesuus gidduu galee sa‘aatii 24 bara baraan
dhaabbatu sana kadhanni nuyi waliif kadhannu bakka hin bu‘u.
Mee luqqisii namoonni qulqullonni akka isaan gidduu nuuf galuu danda’aniitti namoonni
fudhatanii itti fayyadaman haa ilaallu:-
1. Mat 10:40-42 “Yesuus, ‗namni isin simu ana simuu isaati, namni ana simus isa ana erge simuu
[Link],raajii tokko raajii ta‘uu isaatiif sime, gatii raajii tokkoo ni argata; namni nama
qajeelaa tokko qajeelaa ta‘uu isaatiif simes,gatii nama qajeelaa tokko ni argata… gatii isaa hin
dhabu‘ jedhe‖ jedha. Guutummaa yaada boqonnaa kanaa gabaabsinee yeroo ilallu gooftaan
keenya fayyisaan keenya Yesuus Kristoos bartoota isaa waamee ajaja fi aboo yoo
kennuuf,rakkoolee isaan mudatu, eeggannoo gochuu qaban akkasumaas ergama isaanii yeroo
rawwatan namoota isaan simatanii fi hin simanee kan ibsu ibsa bal‘aa kan qabudha. Haa ta‘u
malee yaada kana gidduu galuu qulqullootaaf akka ragaatti tuqamuu irra darbee maqaa isaaniitiin
kadhata yoo kadhanne ykn yaadannoo gochuudhaan mootummaa waaqayyoo nu
galchuqajeelummaa argatanis nuuf kennu jechaa waltajjii garaa garaa irratti lallabamuu erga
eegalee namoonnis rawwachuu erga eegalanii bubbuleera. Haa ta‘u malee kutaan kun sagalee
waaqayyoo akka sagaleessatti fuudhachuu irraa gara yaada fedha fooniitti harkisuu yoo ta‘e malee
badaasaa wallaalchisa hin qabu.
―Namni isin simu ana simuu isaati‖ yeroo jedhu bartoonni isaa ergamanii yeroo deeman
yaadaa fi fedha isanii raawwachuuf waan hin taaneef isaan simuun isa simuu jechuudha.
―namni rajii tokko raajii ta‘uu isaatiif sime, gatii raajii tokko ni argata‖inni jedhu immoo
raajicha raajii jedhanii simachuun dudduuba raajichaa kan jiru abbaa raajii isa ta‘e
waaqayyoon simachuun gatii raajichaa argachiisa jedhanii isa ergetti amanuudha. Raajichaaf
jecha (raajii) kan kenne waaqayyoo dha. Isas kan dhaggeeffateefii jecha isaatti kanamane gatii
raajichaa argachuun ni malaaf. Raajichaafi isa dhaggeeffatee amanate gidduu garaa
garummaan hin jiru; lamaanuu fedha waaqayyoo rawwachuuf abboomamoo waan ta‘aniif.
Jechasaa kan hin fudhanne jechuunis raajichuma yoo ta‘eyyuu sagalee raajiisaaf yoo hin
ajajamne adabni akka isa eeggatu sagaleen waaqayyoo iddoo bay‘eetti ni dubbata. kanaafis
Yihuudaatii gara Bet‘el (mooti Yerobi‘aam) kan ergame seenaa raajichaa ilaaluun gahaadha.
1Mot 13:1-25

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
―Namni nama qajeelaa tokko qajeelaa ta‘uu isaatiif simes,gatii nama qajeelaa tokkoo ni
argata‖jechuun qajeelicha qajeelaadha jedhanii simachuun namicha sana eenyutu qajeelaa
godhee?akkamitti qajeelaa ta‘ee? kan qajeelchu ykn abbaa qajeelummaa isa ta‘e waaqayyoon
yaaduudhaan namni kun nama waaqayyooti jennee simachuun qajeelaa osoo hin taane isa
qajeelchu simachuudha.
Qajeelummaa simachuun dhugaa simachuu jechuu dha; innis ilma waaqayyoo Yesuus
[Link] 14:6. kanaafiidha kan isin simatu ana simata kan jedhe Gooftaan Yesuus
Wangeela keessatti. Dhugaa kana kan hin qabne nama qajeelaa jedhamee waamamuu
gonkumaa hin danda‘[Link] Yesuus ilmaan namootaa fayyisuudhaaf osoo hin dhufin
dura qajeelaan hin jiru ture. Rom 3:10-19
Yaa dubbisaa!kutaa macaafa qulqulluu (Mat 10:40)kana qo‘achuuf kutaalee armaan gadii itti
dabalii dubbisi; hubachuuf si gargaaraa. Mat 25:45; Mar 9:36 Yoh 13:20
2. Yoh 14:12-14―...namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas ni hojjeta ;ani gara abbaa
waanan dhaquuf kana irra kan caalu iyyuu ni hojjeta. Abbaan ilma isaatiin ulfina akka
argatuutti,waanuma isin maqaa kootiin kadhattan,ani nan raawwadha. Waanuma tokko isin maqaa
kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha‖ jedheen. Kutaa kana walitti qabnee yeroo ilaallu
amantiin humna akkami akka qabu kan argisiisu malee waa‘ee gidduu galuu hubachiisuuf luqqisii
tuqamu miti. Amantiidhaan maqaa Yesuusiin kan godhamu malee qulqulluu (qulqulleettii)
ekeleen gocha godhamu kan agarsiisu of keessaa hin qabu. Kadhannaa, himata,araara akka ittiin
gaafannuuf samii gaditti maqaan nuuf kenname tokko qofaadha; innis maqaa Gooftaa keenyaa
fayyisaa Keenya Yesuus Kristoosidha.
―Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojettan hundinuu maqaa Gooftaa
Yesuusin haa ta‟u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi‟eessaa!‖Qol 3:17
Sagaleen waaqayyoo ―ani nan rawwadha‖ kan inni jedhu;kanaaf amantii guutuu irraa adda
baanee yoo ta‘e malee Yesuus kan inni hojjete maqaasaatiin kan ittiin hojjannu aboo
mucummaa fi kakuu nuuf kenneera. Kanaaf waan goonu hundumaa isatti amanuudhaan
maqaa isaatiin gochuu dandeenya.
3. 2Qor 5:18-20 ―kun hundumtuu waaqayyo isa karaa kristoos ofitti nu araarse biraa ta‘e. Inni hojii
araarsuu isaa kanas namootatti akka dabarsinuuf nuuf kenne. Kunis waaqayyo irra daddarbaa
namoota itti lakkaa‘uu dhiisee,karaa kristoos biyya lafaa ofitti araarse jechudha;ergaa araara isaa
kana immoo hadaraa nutti kenne. Egaa nuyi afaan kristoos taanee ergamneerra;waaqayyos karaa

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
keenyaa isin ni dhageessifata;‗waaqayyooti araaramaa!‘jennee qooda kristoos taanee isin ni
kadhanna.‖
Dubbisa armaan olii irraa akka hubanutti waaqayyon karaa kristoos beekanii kan amananii fi
hin amanne giddutti araara godhamuu kan mul‘[Link] namoota hin amanne gara
amantiitti akka fiduuf akka muudame 1xim 1:12 kessatti ―ani kristoos yesuus gooftaa keenya
isahojii koo kanaaf humna anaaf kenne kana, ‗amanamaa dha‘ jedhee hojii isaa irra na
dhaabuu isaatiif nan galateefadha.‖ jechuudhaan ofiisaa of ibsa.
Kanaafuu tajaajila isaatiif kaayyoon inni muudame inni guddaan hojii araarsuu akka hojjatuuf
ykn akka labsuufidha. Namooni araaraman ykn kadhataman immoo waaqayyoo wajjin
araaramuusaanii ykn dhiisuu isaanii kan beekamu lallaba ergamichaa fedha guutuudhaan
amantiidhaan fudhachuu fi fudhachuu dhiisuudhaan kan murtaa‘udha. Kanaaf umamni
haaraan tokko namummaa moofaa keessaa bahee fayyina kan inni argatu yesuus
kristoosinidha.
Waaqayyo wajjinis araaramuun kan inni danda‘amu yesuus kristoosiin yoo jenne hojii
araarsuu rawwanne jechuudha. Sagalichas dhagahee gara kristoositti kan dhufe hojii
araaramuu argateera jechuu dha. Kadhanni (araarri)namoota yeroo hundumaa yesuus
kristoosiin beeksisuu qofaadha. Sababiinsaa waaqayyoo wajjiin isa malee araaramuun hin
danda‘amuu waan ta‘eefidha.
4. Yoh 2:3-5 ―Daadhii wayini duraa dhumnaan,haati isaa daadhii wayinii hin qaban‖jette yesuusitti
himte. Yesuus immoo―haadhoo maaliif hojii koo keessa lixxa ree?waa gochuuf yeroon koo amma
illee hin geenye‖ jedhee deebise. Haati isaa yommuus warra achii ergamaniin ―waanuma inni
isinitti himu godhaa‖jetteen. Harmeen keenya qulqulleettii dubaroo maariyaam yeroo sanatti kan
mudate rakkoo /hanqina/daadhii waynii mucashee fi waaqayoosheetti [Link] deebii yaada
gaaffichaa irraa adda ta‘e [Link] shee cidhicha irratti kan mudate rakkoo yeroo kan
ta‘ee dhumuu daadhii waynii yeroo ta‘u;deebiin isaa immoo kaayyoo inni dhufeef kan inni
mul‘isuudha. ―Haadhoo,maaliif hojii koo keessa lixxa ree? Waa gochuuf yeroon koo ammallee
hin geenye‖ kan jedhu deebinsaa yooma waligaltee (communication) isaanii waaqarraa fi lafarra
yoo ta‘eyyuu rakkinicha akka ishee dhagahee waan amanteef gara warra achii ergamanii deemtee
―wanuma inni isinitti himu godhaa‖ isaanin jette. Sirna cidhaa kana keessatti abbaan chidhichaa
daadhiin waynii uumuusaatin giiftii koo maariyaam! Adaraa kee mucaan kee daadhiin waynii na
jalaa dhumeera waan ta‘eef bishaan daadhii wayiniitti naaf haa jijjiruutii naaf kadhadhu yeroo
inni jedhu hin arginu.
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Walumaa galatti luqqisii kun giddu galuu maariyaam hin agarsiisu. Sababni isaas:-
A. Abbaan chidhichaa ishee hin kadhanne.
B. Bakka sanatti argamtee rakkinicha waan argiteef akka amantuu tokkootti mucaa isheetti
himte malee aangoo ishee fayyadamte miti.
C. Deebiftee gara Yesuus matumasaatti agarsiisfte i.e ―waanuma inni isinitti himu godhaa‖
jette malee waanan ani isinitti himu godhaa hin jenne.
D. Inni yeroo isaatti waaqa gochuu danda‘u kan agarsiisuudha.
5. Ermiyaas 42:9-11 ―anis isaaniin, „waaqayyoo gooftaan inni kan israa‟el, inni isin akkan isiniif
kadhadhuuf itti na ergattan, isin biyya kana kesssa yoo jiraattan ani isin nan dhaaba malee isin
hin buqqisuu;isin nan ijaara malee, isin hin diigu;badiisa isinitti waanan fideef ani gaddera.
Mootii baabilon isa amma sodaattan kana si‟achi hin sodaatinaa!ani isinii wajjiin waanan
jiruuf,isin gargaarees harka isaa keessaa waanan isin baasuuf,isa hin sodaatinaa.‖
Namoonni qulqulla‘oon lubbuun osoo jiranii giddu nuuf galuu ykn wabii nuuf dhaabbatu jedhamee
kutaa macaafa qulqulluu tuqamu kessa isa tokkodha. Haa ta‘u malee lakkoofsa 1 irratti namoonni
caqasaman raajummaa Ermiyaas fuudhachuudhaan wanta nuyi si kadhannu nuuf dhaga‘i waaqayyoo
gooftaan kee maal akka goonu akka nutti mul‘isuuf nuuf kadhadhuu jedhaniin. Raajichiis akkuma
isin na gaafattan kanattii waaqayyoon gooftaa kenyaa isiniif nan kadhadha,wanta inni anatti himu
hundumaas waan tokko illee kessaa utuu hin hambisin isinitti nan hima jedhe. Isaanis ―wanta ati
waaqayyoo gooftaa keenyaa biraa dhageessee nutti himtu gochuu yoo dhiifne waaqayyo dhuga-
baatuu amanamaa nutti haa ta‘u!‖ jedhaniin lakkofsa 2-6 [Link] rajiichi guyyaa 10
booddee (kadhatasaa yeroo rawwatuu)bu‘aa kadhaatasa fidee [Link] ta‘u malee israa‘eloonni
garuu waada galan irranfatanii karaa Ermiyaas sagalee waaqayyoo dhufee sobadha jedhanii
mormaniin. kanaaf israa‘elii fi waaqayyo gidduutti ararri osoo hin bu‘in hafe. Erm 42:1-22 fi 43:1

Sabni sun yaada waaqayyoo akka isaanitti beeksisuuf gara Ermiyaas deemuun isaani sirrii ture.
waaqayyoo waan saba isaa irrattii rawwachuuf karoorsee itti hin mul‘isuu taanan raajii mitikaa. Gara
raajichaa kan deeman israa‘eloonni sagalee waaqayyo keenya dhagahuudhaan gaarii akka nuuf
ta‘uuf waaqayyo keenya nuuf kadhadhu jedhan malee, waa‘ee keef jedhee araara akka nuuf godhuuf
hadarakee nuuf kadhadhuu, nu araarsi hin jennen. Isas yoo ta‘e waa‘ee koof (anaaf jedhe)araara akka
isinitti agarsiisuuf waaqayyon isinii kadhadha hin [Link] waaqayyo isinitti hima jedhe malee.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
6. ―Warri du‟an warra jiraniif; warri jiran warra du‟aniif ni kadhatuu‖ barsiisa jedhu gooftaan
keenya Yesuus Kristoos yeroo fooniin lafarra deddebi‘ee barsiisaa turretti Yihudoota gidduutti
ka‘aa kan turedha. Haa ta‘u malee gooftaan keenya haala nama hin shakkisisneen fakkenyan
deggaruun [Link] 16:19-31
Fakkeenyiichis namicha sooressa,deegaa Alaazaar jedhamuu fi abbaa amantii isa ta‘e
Abrahaam kan [Link] sooresichi qilillee keessa (si‘ool), Abrahaam fi deegaa
Alaazaar Gannata keessa osoo jiranii, dhiphinaatti kan jiruu sooresichi,qannoo fi
gammachuutti kan jiru Abrahaam biraa araara kadhatee.
Dhiphina dheebuu bishaan irraa qabbana‘uufis buukkeesaa kan jiru Alaazaariin akka erguufif
gaafate. Lubbuu qofaan kan jiru (fooniin miti)Abrahaamiis garuu ―…. as gama keenyaa gara
keessanitti darbuu warri barbaadan,akka hin dandeenyeetti achiis gara keenyaa akka hin
ceenetti,bowwaa guddaan isaa nu gidduu jira‖ittin jechuudhaan kadhatisaa gatii dhabaa
iyyisaas hiikaa dhabaa ta‘ee hafeera.
Irra deebi‘uun lubbuu qofaan kan jiru sooressichi foonii fi lubbuun kan jiran obboloota isaa
shanaaniif adabbiin isa argate isaan akka hin arganneef Alaazaariin akka isaaniif erguu
Abrahaamiin kadhatee. Abrahaam garuu museedhaaf raajota/macaafa musee fi raajota/qabu
isaan haa dhagahan jedhe. Kanaaf warri lubbuu qofaan jiran warra lubbuu qofaan jiran araarsu
akkuma hin dandeenye;warri lubbuu qofaan jiran warra foonii fi lubbuun jiraniif kadhachuufi,
giddu-galuufi akkasumas araarsu hin danda‘an.

B. Ulaagalee giddu-galuuf barbaachisan kan armaan dura eerree kana akkumaa abboota amantii
(qulqulloota)ergamoonnii waaqayyoos guutuu hin danda’ani. sababni isa:-
a. Hojiin isaanii kan biraadha.
 Waaqeffachuu fi Yeroo hundumaa galateeffachuu Isa 6:3 mul 5:11-12
b. Maqaansaanii iddoo fi Yeroo wamamee hundumaatti nuu qaqqabuu hin danda‘an
c. Bakka hundumaatti Yeroo tokkicha hin argaman
Mee amma immoo luqisii ergamoonni waaqayyoo giddu nuuf galuu danda’aniitti
namoonni fudhatanii itti fayyadaman haa ilaalluu:-
1. Baa’uu 23:20-21 ―kunoo ani karaa irratti akka si eeguuf iddoo ani qopheessettis akka si
geessuuf ergamaa si dura nan erga. Atis of eeggadhuu,dubbii isaa dhaggeeffadhu! Maqaan
koo isa keessa waan jiruuf, inni irra-daddarbaa kee siif hin dhiisu,ati isaan mormitee
irrattii hin ka‘iin.‖ Kutaa kan irraa qabxiilee gurguddaa nuyii hubannuu:-
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
 Ergamicha kan erge waaqayyo ta‘uusaa
 Kaayyoon ergameefis akka eeguuf ta‘uusaa
 Ergamicha kan fuudhatan ergichaa fuudhachuuf fedha dhabanii yoo argaman akka itti
aaruuf akka adabuu jedhees akka isaan fixuu waaqayyoo amala ergamichaa Yeroo inni
beeksisuu ni hubanna. Kutaan kun gara bal‘inaa fi obsa waaqayyoo akkasumaas obsii
ergamichaa immoo xiqqoo ta‘uusaa jechuunis inni irra-daddarbaa sabichaa kan hin
dhiifnee ta‘uusaa kan agarsiisuudha malee gidduu galuu ergamoota kan mul‘isu miti.

2. 2Mot 6:16-17 ―Elsaa‘in immoo deebisee, ‗warri nu wajjin jiran,warra isaanii wajjin jiran
irra ni caaluuti hin sodaatiin‘ [Link] fufees ‗yaa waaqayyoo akka inni argutti hadaraa
ijaa isaa baniif‘ jedhee ni kadhaate. Waaqayyoo yommuus ija naa‘ichaa ni
baneef,naa‘ichis gaaronni naannoo Elsaa‘i jiran guutummaatti fardeeni fi konkolaattoota
ibiddaatiin guutamani ni arage.‖
Kutaa kana ergamoonni waaqayyoo gidduu nuuf galu jedhani dhiyeessuuf, raajichi elsaa‘i
akkas osoo jedheera ta‘ee nama hin dinquu, ―nannoo keenya kan jirtan ergamoota
qulqullota waaqayyo(fardeenii fi konkolaattoota ibiddaa) nana akka isin arguuf ija
namicha kana hadaraa keessan anaaf jedhaa banaaf‖ jechuun irra jira ture. Inni garuu
naannoo isaa nanna‘anii kan jiran dhiisee waaqayyoon isa hin argamnee Yeroo kadhaatuu
ni argina. sababni isaa raajichi waaqayyoo eenyuummaa fi malummaa waaqasaa beeka.
Dhagahuu waqaasaattiis hin shakkine.

3. Far 91:11 ―karaa ati adeemtu hundumaatti,akka sii eeganiif ergamoota isaa siif ni
abboma” jedha. Ergamooonni ilmaan namaa Kan gargaaran ergamanii yoo dhufan malee
yaada fi fedha mataasaaniin miti. Sababnisaa qajeelchaa fi seera mataasanii baafatanii
ilmaan namaaf Kan oolaan oolmaas ta‘e gargaarsa hin qabani.
4. Far 34:6;7 “namichi gadadamaan Kun yommuu iyyate waaqayyo isaaf dhaga‟e,rakkina
isaa hundumaa keessas isa ni oolche. Ergamaan waaqayyoo naannoo warra waaqayyoon
sodaatanii ni buufata,inni isaan ni oolchas.‖
Nama rakkina dhiphasaa keessa galee tokkoo fi deebii iyyasaa argachuudhaan rakkina
isaarra nama oole mul‘isa. Naannoo namicha kana ergamoonni waaqayyo akka buufatan
hubachiisa. Ergamoonni Waaqayyo buufachuusaanif sabababa kan ta‘ee immoo
waaqayyoon sodachuu fi gara waaqayyootti iyyu [Link] macaafa qulqulluu kana
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
kessatti jechi ‗oolchee‘jedhu waaqayyoo (uuma) fi uumaamaaf (ergamaa
waaqayyof)tajaajila wal-qixaa kennuuf kan oole fakkata. kana irra kan ka‘ee dhugaa jiru
walaalchisaa fakkessa. Haa ta‘u malee kutaa kana guutummaasaa yoo dubbifnu fayyisuu
waaqayyo malee fayyisuu ergamoota hin dubbatu. Kanaaf ragaa kan nuuf ta‘u ‗king
james version’kan jedhamuu kitaabni qulqulluun Ingilliffaa durii akkas jedha ―this poor
man cried, and the lord heard him, andsaved him out of all his troubles.‖The angle of the
LORD encamps around those wo fear him, anddelivers them‖Psalm 34:6-7.
Hojii oolchuu isaa jalqabaa ―saved him‖ jechuudhan fayyisuu kan jedhu yoo kennuu
gaalee isa lammaffaa immoo ‗delivers them‘means to set tree re-save they prayed to God
to delivert hem from danger‖ jedha. Kunis kan agarsiisuu Yeroo rakkotti gara
waaqayyootti iyye balaa irraa fayyuu (ooluu) dha.
5. Zak 1:12 ―ammas ergamaan waaqayyoo deebisee, „yaa waaqayyo gooftaa maccaa!
Hamma yoomiitti mandara Yeruusaalemii fi mandaroota Yihuudaa warra waggaa
torbaatama itti dheekkamte kanaaf araara hin deebiftu ree‟jedhe.‖
Kutaan macaafa qulqulluu kun giddu- galuu ergamoota agarsiisa jechuudhaaf:-
a. Hamma yoomiitti jechuurra hadaraakee itti araarami jechuun irra ture.
b. Waaqayyoos sagalee nama jajjabeessuun ergamichaaf Yeroo deebisuu gara
yeruusalemitti araaran deebi‘eera jechuu irra ―waa‘ee keef jedhee (siif jedhee)mandara
yeruusalemii fi mandaroota yihudaatti araarameera‖jechuutu irra ture.
Haa ta‘u malee haasawaa ergamicha irra akka hubannuuttii yerusaaleemii fi yihudaa
araarri kan godhamuuf yoom akka ta‘ee akka hin beeknee kan mul‘[Link]
adabbiin isaanii waggaa 70 ta‘uusaa raajjiin dubbatamee (Erm 25:11-12) waan tureef
barrii kun dhumuusa baree adabbichii dabalamuuf moo kan biraadha jedhee baruuf
gaaffii akka dhiyeessee mul‘isa malee gidduu –galuusaa hin mul‘isuu.

6. Luq 1:12-13 “Zakaariyaasyommu isa arge, na‘eesodaate ergamichi immoo itti dubbatee
‗yaa zakaariyaas hin sodaatin waaqayyoo kadhanna kee dhaga‘eera‘oo..‖
Kutaan kun gifduu galuu ()agarsiisa jechuu ergamichi zakariyaasiti jechuun kan irra
turee‖kadhata kee dhagaheera hin sodaatiin ―yookin ―kadhaata kee waaqayyoo biraan sii
gaheera hin sodaatin ―ture Ergamichii garuu ergamasaa (gaheesaa) fi aangoo waaqayoo

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
waaqasaa sirriitti kan beekuu waan ta‘eef hin [Link] kee siif dhagameera kan inni
jedhe

4. SAGADAA (eÓǃ)
Sagaada yeroo jennuu mataaduree baayyee barbaachiisa fi hubaana barbaachiisuudha, dabaalatanis
Hinaaffa waaqayyoo kan bobbeessuudha.
―Ati bifa qirixaame, fakkeenyaa wanta ol waaqa irraa jiruu, gad lafa irraa jiruu hin tolfaatin! Ati bifa
fakkeenyaa kanaf hin sagadin isaafis hin hojjetin! Ani waaqayyoo gooftaankee waaqayyoo
hinaafaadha ;….‖ Ba,uu 20:4-5
Sagaada: jechi jedhu ingiliiffan Worship(waqeffannaa) jedhe hiikaa, akkas jechuun immoo
jilbeenffachuu irraa hiikaa guddaa fi adda ta‘ee akka qabuu mul‘isaa.
Barsiisaan kaakuu haaraa kan ta‘ee Ravi Zakrias akkas jedha:
“Namni sagaduu duraa Kiristoosin Furaamuu qaba isa Boodaa Qajeelaa ta‟uu qaba, isa boodaa kan
inni waqeessuu danda‟uu.”
Kan saagadamuuf waaqa qajeelaa qofa fi kan saagadus nma kiristoosin qajeelaa fuulaa waaqayyo
duraatti ta‘ee qofa. Seexaanni kiristoosin kara inni ittin qoree kessaa tokko kara naaf sagadi jechuuni.
“Lafa dhooftee yoo naaf Sagaadde,isaan kana hundumaa siif nan kenna” jedhen. Mat 4:9
Yesus garuu akkas jechuun deebise:
“…”seexaana nana argaa koo duraa turi! Waaqayyo kee Gooftichaaf jilbeenfaatte Sagadi isa
duwwaafis hojjedhu! Kan jedhu caafamera” jedhen. Mat 4:10
Nuuf akkakechiisaa guddaa fi Enyuuf saagaduu akka qabnu kan nuti argsiiisuudha. Egaa namoonni
qulqoolotaf hin saagadnu hin kabaajana malee jedhan jiruu akkumma nuti beeknuu garuu gochaan
kan isaan argsiisaan kanumma jechuun saagadumma.
Saagadni(worship) bakkaa dhabbaata fi beekaama tokkoti miti kan inni Kaakuu haaraa kana
keessaatti geggeffaammu. Garuu kaakuu moofaa kessaatti Sabni kammiyyuu akka enyummaa isatti
bakka itti sagaadu qaba. Fknf sabni isra‘el Yerusaalem tti jedhani amanuu(Yoh 4:20), sabni
saamariyaa immoo gara gubbaatti in saagadu turan(YOH 4:20). Saagada kna ilaalchiisee egaa
namoonni haar‘aa iddootti amanaan jiruu garuu maacafni maal jedha.
Yesus yommus, dubaartii nan yeroon itti isin gara kana gubbaatti yookiis Yerussalemitti abbaadhaf
hin saagadne dhuufuf jira; na amani! YOH 4:21
Tole, Essaatti saagadama? Akkaammitti saagadama? Isa jedhuuf maal deeebii qabna.
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaf sagadan garuu in dhufa;
innis ammuma iyyuu ga‟eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada. Yoh 4:23
Yeroo baay‘ee namoonni kan sagadaan abootiin sagadaniiruu jecha jedhuu irra ka‘anitu. Haa ta‘uu
malee nuurra hin jiru. sababii godhaniif duwwaa gochuun nuurra hin jiru sababiinsaa immoo
dogoggoruu danda‘uu waan ta‘[Link] Um 12:10-11 irrattii Abrahaam ni sobe.
Haa ta‘u malee sagadni kan maluuf umaa waaqa fi laafaa waan hundumaa kan umee fi
qopheesse isa tokkichaa fi kan bara bara waaqayyo qofaafidha.
Namaaf sagadni hin barbachisuu
a. HOE 10:25-26 Phexros utuu ol lixuuf jedhuu,Qarneelewos isaa simuuf ba‘[Link]
isaatii kufee [Link] immo ol isa qabee ―ka‘ii anis akkuma kee nama‘o!‘jedhe‖
kutaa kana irra akkuma hubanuu ergamaan waaqayyoo Qarnelewoositti mul‘ate
phexroosiin wamasiisii waan si ergee pheexiroosin [Link] phexiroos ol senuuf
jedheetti milla isaatti kufe sagadeef sagadnii kan waaqayyo qofa akka ata‘e
bartichi9phexroos)sirritti waan beekuuf ulfini kan mataasaatiif olchuu hiin
[Link] pheexiros immo ol isa qabe kakuu haara kessatti namni dhiga yesuusiin
miicatee hundiinu uumama haaraa akka ta‘uu yookaan anis akkuma kee nama‘o jedhe

b. HOE 14:13-15 “Lubni,galma zeos isa mandaricha duubaa kessas hojjetu tuntunoootaa fi
daraaraa bate dha‘amee gara kella mandarichaati fide ,lubichii jara achi turaan wajjin
ergamoota sanaf aarsaa dhi‘eessu [Link] sun barnaabaasii fi phawulos
waa‘ee kanaa yommu dhga‘aan wayyaa isaanii tarsaanii fiigichaan tuuta jar asana keessa
lixanii itti [Link] nanna ,inni isin hojjetaan kun maal?nuyii waaqayyooli miti,akkuma
kessan nama…‖
Akkuma amma dubbifaannii barnabaasii fi phawuloos osoo lisxiratti wangeela lallabani
namichi naafti tokko ni fayye;ke‘ees ni [Link] ta‘ee kana kan nergaan namooni
mandaritti ergamoota kanaaf aarasaa dhiyeessuu barbaadan taatee kana kan argan
barnaabaasii fi phawuloos garuu wayya isaani tarsaasani itti iyyan nuyis akkuma kessan
naman jedhaniin .enyuun akka waaqessan waan beekaniiff jara dogoggoranii
dogogggorsuf ka‘an kanaan hin [Link] waaqayyoo argachuun maluufis ofiif
oolchuu hin barbanee sababiinsaa ulfachuun waaqayyoo ulfina isaani akka ta‘ee sirritti
adda basanii beekuu.

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Hojii angoo lisxiraatti hojjetamees ciminaa fi dandeeti isaaniin akka hin taanee ni
beekuu;garuu ayyanaa waaqayyootiin [Link] galatti kutalee macaafa qulqulluu
hamma ammattii ilallee irra ergamonni (duukaa buutonni )kristoos ille sagada akka hin
barbanee ta‘usaa ni hubanna kessumaa bara kakuu haaratti namoonni Yeroo waalif
qommaa‘an illee kutaan dubbatu hin jiru.
 Ergamoota waaqayyootiif sagadni hin ta‘u
Yeroo baayee namoonni tokko tokko ergamootaaf Yeroo sagadaan ,kadhaatan wareegaan
,waammatan ,maqaa isaanitiinis Yeroo kakkatan ni [Link] ta‘uu malee yadnii kun
macaafa qulqullu wajjin wal [Link] hojjii ergamoota waaqayyoo kana osoo hin
tane maal akka ta‘ee kanaan dura ilallera (irra deebi‘ii dubisii)
 Ergamoonni waaqayyo sagada ni barbaadu?
Macaafni qulqulluun maal jedhe?yoo namoonni sagadaniif deebiin ergamoota maal ta‘innaa
lata?mee waliiin kutaa macaafa qulqulluu kessa lamaann tokko haa ilallu.

A. Mul 19:10 ―kana irrati isaaf sagaduudhaaf milla isaatti nan kufe ;ini garuu‖kana gochuun siif
hin ta‘u!anii siif ,obbolota kee warra isa yesuus dhugaa ba‘eetii qabamaaniifis hidhata
hojiiti,waaqayyoos sagadii!‖naan jedhe…‖ kutaa kana irra akka hubanuutti waaqayyo waan
gurgudda gara fulduratti ta‘uu garbichaasa abbaa mul‘ataa yohaniis ergamaasa eerguudhaan
akka itti mul‘isuu tasiisee ergamaanis waan hundumaa yohannnisitti [Link] waan
argeetti dinqisiifate ergamichaaf [Link] sun garuu waan ajajamee qofa akka
raawwatee fi ofiisaa waan tokkollee akka hin goonee sagadamuufiin kan maluufis waaqayyoo
qofaaf akka ta‘ee waan beekuuf yohannis wajiin [Link] akkuma kee hojjetamedhaa
siifi imo hidhataa hojiiti ,kanaas waaqayyoo qofaaf sagadii jedhee
B. Mul 22:8-9”ani yohannis kanahundumaa dhaga‘eera argeeras kana dhaga‘ee ,argee ani
rawwadhee ,ergamaa isa kana hundumaa anatti argiseeseef saagaduudhaaf milla isaatti nan
kufee .inni garuu kana gochuun siif hin ta‘u!anii sii fi obboloota kee warra rajootaaf,warra
dubbi macaafa kanaa erganiifis hidhata hojiiti,waaqayoof sagadii!naan jedhe.‖
Abban mul‘ataa yohannis wanta macaafa isaa keessatti cafee hundumaa
dhaga‘eera,ergeeraas kana hundumaa waaqayyoo kara ergamaasa isaatti argisisseera kan
aitti argisiisa ture kun ergamichaatu aboo fi aangooo isaatinn se‘etu yohannis mul‘ataasa
kessatti sagaduufi kan inni jedhee ji‘a tokko qofaa kufe si‘a kan inni barreesseef
dogoggora cimaa waan ta‘eef eenyuu ille inni akka hin akka hin dogoggoreetti
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
[Link]‘a tokko qofa kufuusaa kan ittin beeknuu mul 22:8-9tti kutaa lamanuu mee
ingiliffaasa haa ilaallu
―At this I feell at his feet to worship [Link] he said to me,
don‘t do that iam a fellow –servant with you and with your brothers and sisters who hold
to the testimony of [Link] God!for it is the spirit of propheey who bears test mony
to jesus. Rev 19:10
―I,john,am the one who heard and saw these [Link] when I had heard and seen them ,I
fell down to worship at the feet of the angel who had been showing them to [Link] he
said,tome ‗Don‘t to that !‘Iam a fellow servant with you and with your fellow prophets
and with all who keep the words of this [Link] God!‖
Egaa inni lammaffaa kun akka taatee darbeetti (past tense) kan inni [Link]
takka sagaduufiif jedhee kufee dhorkamee irra deebi‘ee barresse malee si‘a lammaffa
dogoggoreetu miti kana hubachuu qabna.
A. Mat 4:10 ―yommus yesuus immo ‗seexana nana, ergaa koo dura turii!‖Waaqayyoo kee
goftichaaf jilbeefattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!‘Kan jedhu cafameera‖jedheen.‖
Boqonnaa kana irra akka hubannuutti yesus seexanaan qoramuudhaaf ,hafura
qulqulludhaan gara lafa onattii geefame .inni guyya afurtamaa fi halkan afurtamaaf
erga soomee booddee seexanaan [Link] seexanni dhiyeesseef keessaa inni
tokko kufii naaf sagadi animmoo motuummoota biyya lafaa hundumma fi ulfinaa isa
siisfan keenna kan jedhu ture deebi‘iin yesuus garuu arga koo dura turii ‘waaqayyoo
kee gooftichaaf jilbeefatte sagadi isa duwwaa fi hojjedhu‘kan jedhu caafameera kan
jedhu [Link] kun wangeela Luq 4:1 tti caafamee ni [Link] yesuus kakuu
moofaa kessa seexanichaf liqqisee immoo kes 6:13 irra kan jiru [Link] sagannii
kan maluuf motii waaqa fi lafaa isaa ta‘e hunduma danda‘[Link] iddoo hundumaattis
argamu qofaafidha.
Namoonni tokko tokko macafa ergaa Room 13:7‖Egaa hundumaaf waan isaan isin
irraa argachuuf malan baasaaf,isa gibirrii isaaf ta‘uuf gibira ,isa qaraxi isaaf ta‘uuf
qaraxa ,isa sodatamuun isaaf ta‘uuf sodaatamuu,isa ulfinni isaaf ta‘uuf ulfina
kennaaf‖irra isa jiru kana akka malee Yeroo fayyadaman ni argina ‗isaaf ta;uuf ulfina
kennaf ―isa jedhu kana ergamootaafis ulfinni ni barbaachisa jedhni namoonni baay‘ee
Yeroo isaa ergamootaaf sagadan ni argina

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Haa ta‘u malee kutaa kan hubachuuf boqonnaa 13 lakkofsa 1 eggalle dubbisuun nurra
[Link] akkas jedhee dubata ―feedha waaqayyo malee aboo qabachun hin
danda‘amu warra aboo qabataniis waaqayootu achii isaan dhaabe‖jedhee kiristanoota
warra romaa [Link] phawuloos warra biyya bulchaaniin ulfina namaaf ta‘u
kennaf jedhee gorsa kana jechuunis immo itti qomma‘uu miti,kakuu haara kessatti
Yeroo namnii namaf qomma‘uu caafamee hin [Link] jedhan dogoggaraa jechuu
isaati.
Ulfinni adda bahe kan kennamuuf maqaa waaqayoo [Link]
qulqullun ifaatti ni dubata ‗ulfinni maqaa isatiif ta‘u waaqayoo f dhi‘eessa!‖
1Sen 16:29 phawuloos akka jedhee warra Qolasaayisiitti dubbata.
―Namni gad deebi‘ee ergamoota waaqa irra waaqessuu jallatee, mul‘ata argee tokko tokkon
himuudhaan sababii gad utuu hin qabaatin, yaaduma garaa isaati of bokoksee, galata isin
hin dhabsiisin.‖ Qol 2:18
Nama gochaa kana rawwatuun phawuloos gadi deebi‘uudhaan jedhee dubbata sababii
wanta kana immo pheexiros ergasa keessatti Yeroo ibsuuakkas jedhe
―Raajonni warrii wa‘ee ayyana isinif keenamuuf ture sana raajii dubbatan ,fayyina
kana barbadanii wa‘ee isaa [Link] waa‘ee dhipina kirstosin argatuu waa‘ee
ulfinaa booddedhaan isaaf dhufuuf jiruu,duraan dursaanii Yeroo dubbatan ,hafuurii
kristoos inni isaa kessa ture ,gara nama attamii yookiis Yeroo attamii akka ini
argisiisaa turee ni [Link] isaan hojjechaa turanis utuu hin ta‘in,isiinif akka ture
mul‘ifameera kunis hafuura qulqullu isaa waaqa irra ergameen,ama karaa warra
wangeela lallbanii isinitti himame ,kana immo ergamoonni waaqayyo iyyuu keessa
lixanii ilaaluu ni hawwu turaan.‖1Phex 1:10-22
Kutaan kun erga gurguddaa hedduusa of keessa qaba haa ta‘uu malee nuyii irra kufnee
isa mata –dure keenyaa wajjin wal-qabatuu haa ilaaluu ,kana immo ergamoonni
waaqayoo iyyu kessa lixanii ilaaluu ni hawwu turan ―isa jedhu
Fayyina gudda isa karaa ayyana tola argannee kana ergamoonni waaqayoo iyyuu
kessa lixanii ilaliuu ni hawwuu sababiinsa nuyii sagalee isaatiin lammaffaa dhalnee
(1phe 1:23) umama haara taaneerra (1qor 5:17)
Kanaf nuyi ijoollee waaqayyootti (yoh 1:12-13) ergamoonni waaqayyo garuu
muudama mucaa jedhuu hin argannee jechuunis ijjolee waaqayyo jedhamanii hin
waamaman Ergamoota waaqayyoo malee nuyii garuu carra ijollee waaqayyo
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
jedhamani waamamuu fi mucaa ta‘uu [Link] isa karaa ayyana kristoos
nuuf ta‘e kan kessa lixanii ilaaluu ni [Link] carra isaahin argatan

5. LUBUMMAA
‗Luubummaa‘jechi jedhu jecha ibiraayisxii ―kooheen jedhu irra dhufe yommu ta‘u hikkaan
isaas tajaajilaa jechuudha barbaachisummaa lubummaa, lubummaa fudhachuun kristaanotaa
hundumaaf abboommii waaqayyummaa ta‘uusaa hubachuun barbachisaadha. Sababiin isaa
tajaajila lubummaan ala dhiifamuun cubbu waaqayyoo biraa hin [Link] tajaajila
jechu yo ta‘e ,enyuu enyuun tajaajilaa?jenne yoo ilaaluu immoo ilmaan namoota kessaa
namoonni filaman waaqayyoo isa jirata [Link] isaaniis giddu isaani waaqayyoo
akka jiratu maqaasa jajuu fi galateeffachuu yoo ta‘u achuumaniis waqayyoon akka
waaqayyumma isaatti namoota hin beekneef beeksiisuu,seera fi abboommi isaa barsiisuu
[Link] (luboonni)baroota sadaniif tajaajila kennaa turanii fi kennaa jiraan
gabaabsinee haa ilaallu.

1. LUBUMMAA BARA SEERA –LAPHEE.


Seera laphee jechuun seera gara namaa keessatti caafamee jechuu Yeroo ta‘u,ilmaan
namoota jireenya isaani guyya guyyatti lafa kana irratti akka mitti rawwachuu akka qaban
akkasumaas waaqayyoo isaani wajjin hariiroo qaban seera yaada garaa isaanii qofaan Yeroo
bulaa turan (qajeelfamni barreeffamaan ta‘ee Yeroo itti hin jireetti)[Link]
dhufeenyaa isaaniis seera lapheetiin ni rawwatu turani tajajiila kenneen keessa tokko tajaajila
lubummaa lubumman bara seera laphee keessatti tajajjilli isa Yeroo rawwatamu yoo mul‘atees
muudamnii isaa garuu eebeluu fi qomoo kanaaf kenname haala kanaanis rawwata ture kan
jedhu seenaan ibsame hin jiru kana jechuuniis kan cafamee qajeelfamaas ta‘e seera itti
bulmaata hin qaban turanii tajajilli lubbumma bara isa booddeetti (bara seera-museetti)Yeroo
mul‘atee kayyoon isa guddaan aarsaa dhiyeessuu ta‘uusaa macaafota qulqulla‘oo kessatti
[Link] namooni jalqabaa Abeel fi qayiiin aarsa waaqayyoof dhiyeessan Um 4:3-4
keessatti ni [Link] kan akka Nohi,malkiisedeq,Abrahaam,Iyoob abbonni jiran
wa‘eesaanii fi maatiisaaniif tajaajila kan rawwachaa turan Um 8:20 ,12:7 iy 1:5
Abbota kannen kessa bara seera lapheetti muudama lubbumma kan eenyuurra fi akkamitti
akka fudhatee ,hiddi dhaloota isaas kan hin beekamnee barabaraan garuu ilma waaqayyotti
fakkeeffamee kan jiratuu malkiisedeq argina Ibr 5:6

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Malkiisedqe aboo kana dhaalan kan hin arganne fi lubummaa isa kanas gara qaama biraatti
waan hin dabarsiineef angafa lubummaa kakuu haaraa fakkachu danda‘ee lubni kun abba
qommo israa‘el Abrahaamiin kan eebbisee fi isaarraas kurnoo nama fudhate ture.
Inni xinnaan xinnaan harka isa isa caaluuti eebbifama waan ta‘eef Aarooni fi sanyiinsaa
(qomoon lewoota)Abbaa kanarra (malkiisedeq) karaa abbaasanii Abrahaam ta‘aanii akka
eebbifamaan kurnoos malkiisedeqiif akka dhiyeessaniitt lakka‘ameera jedhe macaafni
qulqulluun ibr 7:7-10
Kuniis angafa lubummaa Aarooniif angafa lubummaa malkiseedeqtu ture [Link]
kan ka‘ee kabajaa fi tajajiila lubummaa lewoota caalaa kan fooyya‘ee ta‘uu isaa ni hubanna
Lubummaan yesuus lubummaa malkiisedeqitti fakkeeffameera malkiisedeq kanaan
Abbaa,haadha,ykn hidda dhlootaa hin qabu..(Ibr 7:3) jedha kana jechuun haadha fi Abbaa
hin qabu jechuu osoo hin taane ,macaafa qulqulluu keessatti haatisaa,Abbaansaas ,akkasumaas
hiddi dhaloota isaa hin galmoofnee [Link] israa‘el keessatti hidda dhaloota
lakka‘uun bay‘ee [Link] isaas akka lubummaa lewwii,sanyiin
[Link] mcaafni barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu jedhan (Ibr 7:3)..
Kana jechuun bara inni itti dhalate ,bara inni du‘e macaafa qulqulluu keessatti hin
[Link] yoom akka jiratee ,yoom akka du‘e wanti beekamu hin [Link]
maqaansa bara baraan [Link] lubummaan yesuus akka lubummaa malkiisedeq kan
bara baraati.

2. LUBUMMAA BARA SEERAA


Lubummaa bara seeraa jechuun lubummaa gaafa Waaqayyo saba
ana keessa ture addumaan kan saba Israa‘eliif kennameedha. Bara kana keessa luboonni jira saba
Israa‘eelii fi Waaqayyo gidduu kan dhaabbataniidha. Sabni biraan as keessatti qooda hin qabu.
Bara seeraa keessa luba ta‘ee hojjechaa kan ture saba israa‘el keessaa qomoo tokko qofa, qomoo
[Link].8:15-19,3:10. Lewwii irraan kan hafe qomoon kaan aarsaa dhiheessuuf fuula
Waaqayyootti argamuu hin danda‘u ture. Luboonni kun yeroo yerootti cubbuu ofii isaaniif aarsaa
dhiheessanii kan warra kaanifis aarsaa dhiheessu turan. Ibr.9:7

Luboonni guyyuma guyyaatti iddoo isa qulqulluu jedhamuutti seenanii aarsaa dhiheessu,Angafti
luboota immoo waggaatti yeroo tokko iddoo isa hunduma irra qulqulluutti galee aarsaa cubbuu ofii
isaatiif akkasumas sabaaf [Link].9:1-7. Akka seerichaatti namni tokko luba ta‘uuf qaamnisaa
mudaa(physical defect) qabaachuu hin [Link].21:6-8.
Walumaa galatti lubonni bara seeraa namoota gosa Leewwii qofa ta‘an, saba Israa‘eelii fi Waaqayyo
gidduu kan dhaabbatan,Angafni luboota yeroo yerootti cubbuu ofii isaatii fi kan sabaaf aarsaa kan

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
dhiheessu , yeroon booda kan jijjiiramudha. Angafa lubootaa irraan kan hafe namni iddoo golgaa
duubatti darbe,luboonni iyyuu,ni [Link] Lubummaan bara seeraa
Lubuunni qomoo Lewwii qofa
Luboonni kan dhaabbataniif Israa‘elota qofaafi
Kakuu moofaatti angafni lubootaa nama du‘u ture. Aarooniin dabalatee baay‘een isaanii du‘aniiru
akka seera Israa‘elitti. Garuu kakuu haaraatti Angafa lubaa kan ta‘e Kiristoos jiraatadha,
akkasumas lubummaan isaa kan hin jijjiiramneedha. (Ibr. 7:23-25)
Aarsaa cubbuu dhiyeessuun duratti lubni cubbuusaatiif aarsaa dhiyeessa ture. Garuu Kiristoos luba
cubbuu hin qabneedha. (Ibr. 7:26-28)
Aarsaan dhiigaa kakuu moofaa cubbuu namootaa qulqulleessuu hin [Link] dhiigni
Kiristoos al tokkicha dhangala‘e, Yeroo hundaaf cubbuu keenya akkasumas Yaada garaa
keenyaattii nu qulqulleesseera. (Ibr.10:11-14), (Ibr.9:14)
Angafa Lubaa qofatu golgaa mana qulqullummaa duuba iddoo hunda caalaa qulqulluu kan Waaqayyo
jirutti ol seenuu danda‘a ture. Garuu amma sababa Kiristoos du‘a isaatiin golgaa mana qulqulluu
iddoo lamatti tarsaaseef, kallattiidhaan nutis iddoo waaqayyo jirutti dhiiga Kiristoosin ol seenuu
dandeenya. Ibr.10:19-22, Mat. 27:51.
Kakuu moofaatti Waaqayyo duratti simatamuun dursa kan Yihuudotaa ture. Garuu kakuu haaraa
keessatti warra hundaaf kan ulaagaa amantichi barbaadu guutan mootummaa waaqayyootti
simatamaniiru. (HoE. 15:7-9, 1Xim.2:3-4)

[Link] BARA KAKUU HAARAA


Lubummaa bara kakuu haaraa jechuun lubummaa erga Yesuus fannoo irratti nuuf fannifamee golgaa
saboota gidduu ture sana tarsaasee as jiru jechuudha.
Kakuu haaraa keessattis akkuma bara seeraa angafni lubootas luboonnis jiru .Garuu Angafni lubootaa
nama du‘u osoo hin taane isa bara baraan [Link] kakuu haaraas qomoo tokko qofa
osoo hin taane warra dhiigichaan bitaman , amantoota hundumaadha.

Mul.1:6‘‘ Isa mootummaadhaafii Waaqayyo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf
ulfinniifi aangoon bara amma bara baraatti haa ta‘u‘‘

1Phex.2:9‘‘Isin qomoo fo‘amaadha, luboota mana mootummaati,saba qulqullaa‘aadha,warra


dhuunfaa Waaqayyootiidha.‘‘

Mul.5:10……ati ofii keetiif qalamtee …Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf luboota isaas akka
ta‘an isaangodhatte…
Kakuu haraa keesatti amanaan hundinuu [Link] kallattiin fuula Waaqayyootti dhihaachuu ni
danda‘a. Mirga guutuu, ija jabinas [Link].10:19
Amanaa tokkoo fi Waaqayyo gidduu dhaabbachuu kan danda‘u dhaabbatees kan jiru Yesuus kiristoos
isa nama ta‘e qofaadha.1Xim 2:5

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS


“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
Angafni lubaa keenya isa bara baraan jiraatu ilma Waaqayyoo gooftaa keenya fayyisaa keenya
Yesuus kiristoosidha.

Ibr.4:14..Angafa lubootaa isa guddicha bantiiwwan waaqaa keessa darbe yesuus ilma Waaqayyoo
erga qabaannee beeksisa amantii keenyaa jabeessinee ni qabanna.

Ibr.7:[Link] lubootaa isa qulqulluu,waan ittiin jedha hin qabne,….. akkasii qabachuun nuf ni
barbaachisa.

Garaa garummaa angafa luboota kakuu haaraa fi kan bara seeraa


Bara seeraa Bara kakuu haaraa
[Link] du‘uudha,ni jijjiirama Jiraataadha,Kan bara baraati Ibr.7:22-25
[Link] cubbuu ofii isaaf ni dhiheessa Cubbuu hin qabu qulqulluudha. Ibr.7:26-
28
[Link] Lewwii qofa Hidda dhalootaa hin qabu. Ibr.7:3
[Link] Qaama [Link].8:5
[Link]‘ina qaba Kan caaluudha,hir‘ina hin
qabu,guutuudha Ibr.8:6-7
[Link] yeroo tokko qofa iddoo Yerooo hundumaa achuma jiraata.
qulqulluu qulqulluutti ol seena Ibr.9:6-8
[Link] dhiiga bineensotaa dhiheessa Aarsaaf dhiiga ofii isaa dhiheesse.
Ibr.9:12-14
[Link] gulgaan gargar ba‘ee fuula Golgicha tarsaasee amantoota fuudhee
Waaqayyootti dhihaata fuula Waaqayyootti qulqulleessee
dhiheesse. Ibr.10:19-20
[Link] hinduufne Kakuun dhufe. Ibr.7:18-21
[Link] kaan irraa kennaa fudhatu Isaanumti kennaa kennaniirufi,akka inni
isaan caalu argisiisan. Ibr.7:4-10

6. TAABOTA (Ark)/ SANDUUQA KAKUU/

Waaqayyo gaafa saba Israa‘el biyya Gibxii baasu kakuu isaan waliin galee ture. Kakuun inni isaan
waliin gale kunis kakuu haala irratti hunda‘e (conditional covenent) ture. Mallattoo kakuu kanaaf
Sanduuqa kakuu akka hojjetaniif isaan abboome.
Sanduuqni kakuu sanduuqa muka laaftoo irraa tolfamee bakkeen isaa guutummaatti warqeen kan
aguugame, ajaja Waaqayyootiin kan [Link] 25:10-22. Kan inni of keessatti qabatee jiru
gabatoota dhagaa abboommiin kurnan irratti barraa‘an,ulee Aaroon isa late fi killii warqee isa
maannaa [Link] isa irra teessoo araaratu jira. Kirubel immoo teessoo araaraa kana marsanii
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
[Link].9:1-5 Teessoon araaraa kun bakkee angafni lubootaa waggaatti yeroo tokko ol galee aarsaa
cubbuu isaatiif akkasumas cubbuu namootaaf itti [Link].161:1- Bakkeen kun bakkee
tokkicha aariin Waaqayyoo itti qabbanaa‘uu, cubbuun namootaas itti dhiifamuu danda‘uu dha.
Egaa kan inni qabatee jiru waada Waaqayyo saba Israa‘elif yeroof gale dha. Waanti keessa joruu fi
irratti godhamu hundinuu dhufaatii Yesus fulduratti kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf muka irraa
tolfamuun saa nama ta‘uu ,guutummaan isaa warqeen haguugamuun isaa waaqummaa Yesuus kan
ibsuudha. Uleen aaroon inni late du‘uu fi du‘aa ka‘uu Yesuus kan ibsu dha. Akkuma kana teessoon
araaraa immoo cubbuun dhala namaa kam iyyuu dhagna Yesuus kiristoos isa fannoorratti fannifame
qofaan dhiifama argachuu kan danda‘u argisiisa. Kana jechuun bakkeen biraan ykn karaan biraa
cubbuun itti dhiifamuu danda‘u tokkollee hin jiru [Link].10:20

Kanaaf iyyuu akkuma ta‘eewwan kaan kakuu moofaa keessatti ta‘aa turanii sanduqni kakuus
gaaddidduu qaama isa dhufuuf jiruu sana ture. Qol.2:17 ,Ibr.8:5,10:1. Kakuu haaraa keessatti
barbaachisummaa hin qabu [Link].9:5
Erm.3:16‖…namni waa‘ee sanduuqa kakuu Waaqayyoo dubbatu,namni waa‘ee isaa yaadatu,kan isa
barbaadus hin jiru,inni deebi‘ee hin tolfamu.‖
Erm.31:33‖… kakuun ani bara sana israa‘eliif galu…ani seera koo yaada isaanii keessa nan
kaa‘a,garaa isaanii keessattis nan caafa…‖
2Qor.3:3‖Isin caaffata kiristoos caafatichos qalamiin osoo hin ta‘iin hafuura Waaqayyoo isa
jiraataatiin, gabatee dhagaatti osoo hin ta‘iin garaa namaatti caafame.‖

Sanduqnin kun eessa dhaqeree? Macaafa qulqulluu keessaa kutaan inni si‘a dhumaaf ibsame
[Link] 35 irratti sana booda waggaa afurtamaan booda mootiin baabiloon biyya yihuudaa
booji‘ee ture. Yeroo sanatti qabeenya hundumaa saamee ture. Saaduqa kana hoo maal godhe kan
jedhuuf waanti ibsame tokkollee hin jiru.

Yaada eessa buutee sanduuqa kakuu irratti jiran


Namichi Graham Hancock jedhamu kitaaba isaa ‗The sign and The seal‘jedhu bara 1992
maxxanse irratti sanduqni kakuu kun bataskaana qulqulleetti mariyaam kan Aksum jirtu keessa jira
jedhee barreesse. Ragaan kun garuu guutumaa guututti soba ta‘uun isaa mirkanaa‘eera. Sababiin isaas
akkaata itti achi ga‘e irratti yaada garaa garaa kaasan,kana malee inni guddaan qorannoo godhameen
achii argachuun hin danda‘amne.
Mul.11:19 Namoonni tokko tokko kutaa kana fudhachuun sanduuqichi samii keessa jira jedhu.
Kun garuu waan ta‘u miti waanti lafa kanarratti godhamaa ture hundinuu fakkeenya isa waaqarraa
waan [Link].9:23
Macaafni dabalataa Meqabiyaan 2ffaa 2:4-5 Raajicha Eermiyaasitu gaara siina irratti holqa
keessa awwaale,namoonni immoo isa hordofaa turan garuu sababii inni isaan ifateef bakkeesaa
beekuu hin dandeenye , kana boodas amma gaafa Waaqayyo mul‘isuutti hin beekamu jedha. Kun
Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS
“… Dhugicha ni hubattu; dhugichis birmaduu isin ni baasa” jedhe.
Wangeela Yohannis 8:32
dhugaa fi soba jechuun rakkisaadha sababiin isaas bakkeen isaa hin beekamu waan jedheef qorannoof
illee rakkisaadha. Garuu akka amma hin jirre dubbatee jira.
Qorattooni Rabbis shlomo fi Yehuda Getz jedhaman akka jedhannitti sanduuqichi osoo mootichi
Yerusaalem hin qabatiin gaarota keessa awwalame [Link] bakkicha to‘atanii jiru waan
ta‘eef namni qoratee mirkaneesse hin jiru.
Ragaa galaana du‘aa ‗dead sea scroll‘irraa argameen waantotni qaama sanduuqichaa fakkaatan
akka osoo mootichi biyyicha hin qabatiin akka badan ibsa. Garuu akka dhugaatti fudhachuuf
guutummaatti hin argamne waan ta‘eef rakkisaadha.
Kanaaf achi jira jechuun [Link] keenya keessatti yeroo ammaa kana maqaa garaa
kennaniufu yeroo waaqessan ni argina. Kun immoo macaafa qulqulluunis ta‘ee seenadhaan kan
deeggaramu miti,siruma iyyuu kan wal dhiituudha malee. Saanduqichi sanduuqa kakuu Waaqayyooti
malee maqaa amma kanaa hin qabu. Yookis immoo kan Goorgis,Aabboo ,Mikaa‘el, Maariyaam,
…miti.

Walumaa galatti sanduuqni kakuu fulduratti dhufaatii Yesuus argisiisaa [Link] [Link]
haaraa keessatti qaamichatu mo‘a ,mul‘atas malee gaaddidduu miti.

Dhugaan yoo mul’atuu (when the truth is revealed)…


“Jesus is my Savior not my Religion”

Gartuu Wangeelaa Sochii Misiyoonummaa Oneesmoos-SMO_FOCUS

You might also like