100% found this document useful (4 votes)
3K views19 pages

Barumsa Dhuga Ba'umsaa

Barumsi kun ilaalcha seenaa fi aadaawwan mana amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa irratti hundaa'uun kan qophaa'eedha.

Uploaded by

zergemechis1
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
100% found this document useful (4 votes)
3K views19 pages

Barumsa Dhuga Ba'umsaa

Barumsi kun ilaalcha seenaa fi aadaawwan mana amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa irratti hundaa'uun kan qophaa'eedha.

Uploaded by

zergemechis1
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd

(Ortodoksii Tawahidoo Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffate)

Dambii Dolloo, Oromiyaa

Mudde/2012

I | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
Baafata Fuula
Seenaa Qopheessaa:-............................................................................................................................. IV
I. Seensa ............................................................................................................................................ IV
1. SEENAA ORTODOKSI TAWAAHIDOO ITIYOOPHIYAA ...................................................... 1
1.1. Hundeeffama ........................................................................................................................... 1
1.2. QULQULLOOTA SAGLAN (tµt> Që&±N) ..................................................................... 2
1.3. MOOTOTA ZAGWE (ZAGWE DYNASTY) ....................................................................... 2
1.4. PHAAPHAASOTA BIYYA MISIR ....................................................................................... 3
1.5. MOOTUMMAA WARRA SOLOMOON (SOLOMONIC DYNASTY) .............................. 4
1.6. MOOTUMMAA ATSEE ZARA YAA’IQOOBII FI HAAROMSA ..................................... 4
1.7. SIRNA BARREEFFAMOOTA GARAA GARAA................................................................ 5
1.8. HUNDEEFFAMA SINOODOSSII ........................................................................................ 5
2. ORTODOKSI TAWAAHIDOO ITIYOOPHIYAA HAR’AA....................................................... 5
2.1. CIMINA ORTODOKSII YEROO AMMAA FI KAN DURII ............................................... 6
Barumsa Dogoggoraa Yeroo Ammaa Ortodoksii keessatti Mul’atan ..................................................... 7
3.1 Wantoota dogoggoraaf haalota mijeessan ................................................................................... 7
3.2 Barumsa Dogoggoraa .................................................................................................................... 8
Kitaabolee qulqullaa’oo ...................................................................................................................... 8
I. Macaafa Qulqulluu .................................................................................................................. 8
II. Kitaabota Dhalatoo ................................................................................................................. 9
1. Fayyina irratti ............................................................................................................................ 10
3. Taabota irratti ........................................................................................................................... 10
4. Araarsummaa Irratti.............................................................................................................. 11
Akkamittiin Ortodoksiitti Wangeela Lallabna? ..................................................................................... 12
Dhuga bahumsa ............................................................................................................................ 12
Guduunfaa ............................................................................................................................................ 14
Bibliography .......................................................................................................................................... 14

II | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
III | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
Seenaa Qopheessaa:-
Gammachiis Zarihuun mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti dhalatee
barattoota sambataa keessatti daa’imummaa isaa irra eegaluun dhimma mana amantaa isaa
barachaa fi faarfannaadhaan tajaajila kan guddateedha. Akkasumas Fulbaana 21, bara 2001
karaa Abune Heenook tajaajila daaqunummaaf akka seera mana amantichaatti muudame.
Bara 2001 hanga bara 2003tti tajaajila daaqunummaa, faarfannaa fi lallabaan mana amantaa
Teessoo Galataa (gara Qeesii) Sillaasee Dambi Dolloo keessatti tajaajilaa kan ture fi Mana
Lubummaa Aanaa Sayyoo faana ta’uun Aanicha keessa naanna’uun amantoota jajjabeessuu fi
sagantaawwan gurguddaa akka mana amantichaatti qophaa’u irratti hirmaachaa ture. Bara
2003 immoo barumsa kutaa 12ffaa barachaa jiru addaan kutuun karaa Phaaphaasii Godina
Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Beenishaangul Gumuz duraanii Abune Heenook
afeerraa taasifameefiin barumsa oogwaaqummaa(Ti’ooloojii) barachuuf karaa mana
amantittii gara Maqaleetti adeeme. Gara Maqalee, Tigiraayi yeroo adeemu Koollejii
ogwaaqummaa Fireeminaaxoos Abbaa Salaamaa Kasaate Birihaan irra sadarkaa
Dippiloomaan barachuuf galmaa’ee barnoota isaa qaphxii ga’aa ta’een baratee bara
Adoolessa bara 2005 eebbifame. Sana faana Wangeela Gooftaa Yesuus isa dhugaas fudhatee
bahe. Bara 2006 ji’a fulbaanaa irraa ka’uun Mana Lubummaa Aanaa Daallee Sadiitti gita
hojii gara garaa irratti ramadamuun geggeessaa tureera. Kunis Kutaa Lallabaa Aanaa Daallee
Sadii, barreessaa Aanaa, fi k.k.f ta’uun tajaajileera. Mudde 2007 irratti ammoo yaa’ii Walii
gala Kutaa lallabaa Godina Qellem Wallaggaa irratti dhiyaachuun Abune Heenookii fi
geggeessitoota biroo faana falmii geggeessuun mana amantichaa keessaa ari’atamee bahe.
Sana booda mana amantaa Ortodoksiif Haaromsi ta’uu qaba ejjennoo jedhu qabachuun
namoota hedduutti, bakka garagaraatti Wangeela lallabaa jira.

I. Seensa
Namni waa’ee amantii kiristiyaanummaa biyya Itiyoophiyaa beekuuf waa’ee ortodoksii
Itiyoophiyaa beekuun murteessaadha.Biyya Itiyoophiyaa keessa uummatni harki caalu
amantii kana jalatti eegamee kan jiraachaa turee fi har’as hedduun amantaa kana hordofaa
jiru.Sababa kanaaf namni wangeela biyyattii kana keessatti lallabuu barbaadu yoo ortodoksii
keessatti lallabe uummata biyyattii harka caalu qaqqabuu isaati.

Barumsi kun gartuu dhiuga baatotaa fi tajaajiltoota waaldolee kiristiyaanaaf yoo kenname
hundumarra bu’a qabeessa ta’uu danda’a.

IV | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
.

V | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
BOQONNAA 1

1. SEENAA ORTODOKSI TAWAAHIDOO ITIYOOPHIYAA

1.1. Hundeeffama
Hundeeffama mana amantaa ortodoksii keessatti ilaalchota garaagaraatu jira.Isaanis

i. Jalqaba karaa namicha Xuwaashii,ajajaa qabeenya mootittii warra Itiyoophiyaa


Kaandaakee jedhamtu,isa harka Filiphoositti cuuphameen lallabame jedhu.
ii. Namooti kaan ammo Ergamaan Maatewoos gara Itiyoophiyaa dhufee lallabee
Itiyoophiyaa keessatti wareegame jedhu.
iii. Seenaan giddu galeessummaan namootni hedduun itti walii galan karaa
Fireminaaxoos Abbaa Salaamaa Kesaate Birihaan jaarraa 4ffaa keessa (bara 330’tti)
Izaanaa fi Sayizaanaan erga wangeela amananii cuuphamanii booda amantaan
kiristiyaanummaa amantaa hojii mootummaa ta’e.Kana booda Uummatni biyyichaa
amantaa kiristiyaanummaa fudhatan jedhama.

Haaluma kanaan utuu jiruu,amantiin kiristiyaanaa yeroo bakka lamatti hiramu bara 415
bakka Kaalqedoon jedhamutti amantaan kiristiyaanummaa Itiyoophiyaa keessa ture
hooggansa warra Misir(Aleksaanderiyaa) jala waan tureef gara warra bahaa(Non-
chekedonian) warra jedhamanitti gorte.Gareen kunis Oreintal Orthodox jedhamuudhaan
beekamu. Kiristiyaanummaan biyya Itiyoophiyaas Ortodoksi Tawaahidoo jedhamuudhaan
moggaafame.Manni amantaa kun jalqaba :-

 Macaafa Qulqulluu (MQ) bifa ifaa fi dhugaa ta’een namoota biraan qaqqabsiisaa ture.
 Afaan biyyichaatti macaafotni garaa garaa akka hiikaman taasisaa tureera.

1 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
 Waldaan kiristiyaanaa amantaa hojii mootummaa ta’ee akka tajaajilu taasise.
 Barnootni Amantaa kiristiyaanummaa akka babal’atuuf haala mijeesseera.

1.2. QULQULLOOTA SAGLAN (tµt> Që&±N)


Waldaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti quiqulloota saglan kanneen jedhaman
bakka guddaa qabu.Namootni kun monoksoota biyyoota bittaa mootummaa Roomaa
keessaa walitti qabamanii gara Itiyoophiyaa dhufanii dha.

Isaanis:-

1. Abbaa Haaregaawwii
2. Abbaa Pheenxelenewoon
3. Abbaa Afiitsee
4. Abbaa Tsihaannaa
5. Abbaa Gariimaan
6. Abbaa Yimi’aataa
7. Abbaa Guubaa
8. Abbaa Liqaanoosii fi
9. Abbaa Aaleef

Namootni kun gara biyya Itiyoophiyaa dhufanii manni amantaa ortodoksii akka hundee
ishee jabeeffattuuf gahee mataa isaanii bahataniiru.Hojiin isaaniis:-

 Kitaabileen amantaa kiristiyaanaa danuun akka afaan Gi’iiziitti hiikamu taasisaniiru


 Bataskaanonni bakka baay’eetti akka dhaabbatan taasisaniiru.
 Gadaamiiwwan hedduu hundeessaniiru.
 Kiristiyaanummaan biyyattii keessatti akka jabaatu taasisaniiru.

Walumaa galatti namootni kanneen seenaa Ortodoksii keessatti bakka guddaa qabu.

1.3. MOOTOTA ZAGWE (ZAGWE DYNASTY)


Manni amantaa ortodoksii amantaa hojii mootummaa ta’uu isaa irraan kan ka’e moototni
biyyattii hoogganaa turan warra Aksumi,isaanis nuti Sanyii warra
Solomooni,kanaafuu,mootummaan Waaqayyoon biraa nuuf kenname jedhanii barsiisaa
turan.Yeroo jalqabaatiif kan aangoo mootummaa warra Aksum kuffisuu danda’e
mootummaa warra Zagweeti. Isaanis aangoo erga qabatanii booda karaa luboota hedduu
2 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
mormiin isaanirratti ka’uu eegallaan tooftaa ittiin tasgabbeeffatan kitaaba KibreNegest
jedhamu barreessuun seenaa mootichi Solomoon dubartoota Itiyoophiyaa lama irraa ijoollee
godhachuu isaa ibsuu fi Taabotni,lubootni fi Isiraa’elootni hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuu
isaanii dubbatu barreessuun luboota danuu leenjifatan.

Hanga mootummaan isaanii kufutti barumsi kun beekamtii argachaa adeeme.Mootummaan


warra Zagwee kunis mana amantaa kanaaf:-

 Gadaamiiwwan hedduu hundeessaniiru


 Bataskaanota babal’isaniiru
 Barsiisa dogongoraa akka lubootni babal’isan taassisaniiru
 Waldaan kiristiyaanaa yeroo sana turte amantii hojii mootummaa taatee akka itti fuftu
taassisaniiru.

1.4. PHAAPHAASOTA BIYYA MISIR


Erga Fireminaaxoos Abbaa Salaamaa Kaseeta Birihaan biyya misiritti luba ta’ee
muudamee gara biyya Itiyoophiyaa dhufee eegalee, lubootni waldaa kiristiyaanaa
Itiyoophiyaa keessa jirtu hoogganan biyya Misir irraa ramadamuudhaan dhufanii hoogganaa
turan.Namootni Kun:-

 Afaan uummataa waan hin beekneef afaan baruuf yeroo itti fudhata ture.
 Aadaa fi safuu hawaasaa hin beekan
 Erga Misir Isilaamummaadhaan booji’amtee ammoo Ajaja mootii Musiliimaatiin dhufu.
 Seeraa fi qajeelfama barbaadan fidanii uummata barsiisaa turan
 Seera sinoodosii biyya Niiqiyaa irratti “Itiyoophiyaan teessoo Maariqoos jalatti haa
bultu malee,Phaaphaasiin akka Itiyoophiyaadhaa hin muudamne!“ jedhamee
murtaa’eera jechuun akka namni biyya Itiyoophiyaa Phaaphaasii hin taaneef dhorkaa
turan.Miidhaan Phaaphaasotni biyya Gibxii Itiyoophiyaa irraan gahaa turan:-

1. Miidhaa Hafuuraa
 Wangeelli sirnaan akka hin babal’anneef gufuu turan
 Geggeessitootni Waldaa kiristiyaanaa Hafuuraan bilchaatoo akka hin taane taasise
 Waldaa kiristiyaana Itiyoophiyaa keessa turte akka hin babal’anne taasise

2. Miidhaa siyaasaa
o Biyyattii garbummaa Afuuraa keessa akka teessu taasise
o Uummatni biyyattii misooma irratti akka hin bobbaane taassise

3 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
o Lolaa fi bulchiinsa irratti akka ofitti amanamummaa hin qabaanne taassise

1.5. MOOTUMMAA WARRA SOLOMOON (SOLOMONIC


DYNASTY)
Mootummaa warra zagwe kuffisuun aangoo kan harkaa fudhate namoota shawwaa
kaabaati.Warra Manzee jechuudha.Jarri kun akkuma warra Aksum durii nutis sanyii
Solomooni jechuun mootummaa isaanii Waaqayyoon biraa akka waan isaaniif deebi’ee
fakkeessuun barreessan.Bara mootummaa warra Solomoon keessa jechuun bara Yikunoo
Amlaak-Atse Haayilesillaasee 2ffaa’tti moototni Shawwaa,Gondor,Walloo,Tigraayii fi kkf
turaniiru.Bara mootota kanaa keessa:-

Kitaabotni maalummaan isaanii sagalee Waaqayyoo faallessu akka malee


barreeffamaniiru
Manni amantaa ortodoksii macaafa qulqulluu dhiisuun seenaa fi afoola namootni uuman
barsiisuu eegalte.
Kabajaa fi ulfina moototaa lallabuu fi bakka waldaan ortodoksii jirtu maratti lallabuu
eegalte.

1.6. MOOTUMMAA ATSEE ZARA YAA’IQOOBII FI HAAROMSA


Jaarraa 16ffaa’n yeroo sadarkaa Idil-Addunyaatti Haroomsi boba’eedha.Haaromsi karaa
Maartin Luuter gara biyya Jarmanii osoo hin dhagahamin waggoota 100’n dura biyya
Itiyoophiyaa keessa Abbaa Istifaanos kan jedhaman monokseen shiree irraa ka’e tokko
abidda wangeelaa bobeessuun ejjennoo gurguddaa ta’an hedduu qabachuun kaaba
biyyattii irraa eegaluun gara giddu galeessa biyyattiitti adeemaa tureera.Ejjennoon isaa kunis

1. Abbaa,Ilma,Afuura qulqulluuf malee sagadni eenyuuf iyyuu hin ta’u .


2. Gooftaa Yesuusiin malee fayyinni tokkollee hin jiru.
3. Macaafa qulqulluun alatti ani kitaaba sagalee waaqayyoo ta’e kan biraa hin beeku.
4. Tsiyoon eenyuudha ? jedhe

Ejjennoo fi barnoota kanaa fi k.k.f danuu qabatee foolii Haaromsaa biyya Itiyoophiyaa
keessatti jaarraa 15ffaa keessaa eegalee ture.Haa ta’u malee mootiin yeroo sanaa Atseen
Zaraa Yaa’iqoob, Abbaa Isxifaanosii fi namoota barsiisa kana fudhatan walitti qabuun
bakka har’a Debre Birihaan jedhamu irratti ajjeese.Waldaan ortodoksii guyyaa har’aa
Atsee Zaraa Yaa’iqoobii fi Abbaa Isxifaanos qulqulloota jettee kabajji.

4 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
1.7. SIRNA BARREEFFAMOOTA GARAA GARAA
Jaarraa 15ffaa keessa monokseen barreessaa Atsee Zaraa Yaa’iqoob ture, Abbaa Yohaannis
Kaamaa kan jedhamu kitaabota seenaa (Gediloota) garaa garaa barreessuu
eegale.Akkasumas Raajiiwwan (Taammirii) garaa garaa barreessaa ture.Isaan keesaa Raajii
Maariyaamii(Taammira Maaramii),Seenaa Tekile haayimaanotii (Gedile
Tekilehayimaanotii) fi k.k.f akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Haaluma kanaan Abbaa Giyoorgis Zagaasicaa kan jedhamu monokseen naannoo Walloo
tokko immoo jaarraa 16ffaa keessa kitaabota kadhannaa garaa garaa barreessaa
tureera.Isaan keessaa:-Bifa yesuus(Malkaa Yesuusii),Sa’aataatii,kana malees namootni
maqaan isaanii hin beekamne danuun kitaabota hangana hin jedhamne barreessuun mana
amantaa kana seensisaa ittiin akka geggeeffamtu taassisaa turaniiru.

1.8. HUNDEEFFAMA SINOODOSSII


Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa hundaa’uun ishee waggoota kumaan
yoo lakkoofsise illee, bulchiinsi ishee Ortodoksii warra Misir jala ture.Haa ta’u malee; bara
Atsee Yohaannis mootii biyya Itiyoophiyaa turan keessa Phaaphaasonni shan lammii
Itiyoophiyaa kan ta’an Phaaphaasummaatti muudaman.Sana booda bara Atsee Haayile
ffaa
sillaasee 2 keessa bara 1951 Dh.K.B. yeroo jalqabaaf Paatiriyaarikiin lammii Itiyoophiyaa
ta’e, Abune Baasiliyoos kan jedhamu biyya Misiriitti muudamee gara Finfinnee
dhufe.Sana booda Sinoodosii yeroo jalqabaatiif Ortodoksi Tawaahidoon Itiyoophiyaa
hundeeffatte.Sinoodosiin kunis hanga ammaatti Paatiriyaarikii 6’n hoogganameera.

BOQONNAA 2

2. ORTODOKSI TAWAAHIDOO ITIYOOPHIYAA HAR’AA


Waldaan ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa ishee har’aa kaayyoo,ergamaa fi galma ishee
jalqabaa sirnaan adeemsisaa kan jirtu hin fakkaattu.Haa ta’u malee,yeroo ammaa kana
caaseffama mataa ishee kan qabduu fi karaa garaa garaa miseensota isheef tajaajila kennaa
jirti.Caaseffama ortodoksii har’a jiru yeroo ilaallu,ortodoksiin sinoodosii irraa eegalee
hanga sabakaa Axibiyaa tokkoo keessa jiruutti caasaa walqabataa ta’een kan
ijaaramteedha.Kun immoo waldaan ortodoksii akka haala salphaadhaan hin diigamneef
humna cimaa isaaniif ta’eera.Haa ta’u malee,achuma keessatti geeggeessitootni ortodoksii
sanyummaa,siyaasaan, firummaa fi loogiidhaan yeroo ammaa kana maqaan isaanii

5 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
baay’ee ka’a.Akkasumas gareen garaa garaa Wangeela mormuudhaaf wal ijaarratanii
geggeessitootaa fi tajaajiltoota wangeela lallaban kan balaaleffatanis jiru.Isaan keessaa
Waldaa qulqullootaa(Maahibere Qiddusaan) jedhamuun gareen beekamu isa
duraati.Gareen kun yeroo ammaa kana guutummaa biyyattii bakka manni amantaa ortodoksii
jiruu miseensa qaba.Miseensota isaa kanaaf yeroo garaa garaatti leenjii kennuun akka isaan
wangeela morman, nama Gooftaa Yesuusiin lallabuu fi faarfatu akka balaaleffatan
taassisuun,namootni wangeela lallaban akka mana amantichaa keessaa baafamaniif hojii
garaa garaa hojjetu.

2.1. CIMINA ORTODOKSII YEROO AMMAA FI KAN DURII


Waldaan ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana jirtu cimina, seenaa fi
ammaa qabdu hedduun jiru.Isaanis:-

1. Rakkoowwan gurguddaa hedduu moo’achuun keessa darbiteetti.


2. Rakkoo karaa dubartii warra Ibirootaa Yoodiit Guudiit jedhamtu dingata weerara biyya
Itiyoophiyaa irratti taasisuun waggoota afurtamaaf yeroo biyyicha bitte kitaabolee garaa
garaa fi manneen amantaa gubuudhaan mana amantichaa irratti miidhaa guddaa
geessiteetti.Miidhaan isheen geggeessite kunis:-
 Magaalaa Aksumiin barbadeessite.
 Mootummaan warra Saabaa akka lammaffaa olka’ee dhaabbachuu hin dandeenye
taassiste
 Waaldolee kiristiyaanaa ni gubde.
 Kitaaboleen ni gubatan.
 Lubootni,barsiisotaa fi Diyaaqonoonni ni ajjeefaman.

Walumaa galatti manni amantichaa yeroo sanatti haala ulfaataa akkasii injifattee darbuun
ishee cimina guddaadha.

 Olaantummaa kooptik Ortodoksii Misirii fi Phaaphaasota Ortodoksii Misir Waldaan


Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa waggoota 1600 oliif geggeessummaa kooptik
Ortodoksii Misir jala jiraachaa turte.Bara geggeessummaa ishee kana keessa naannoo
bara 1039-1069 Dh.K.B. Phaaphaasota Musiliima ta’an xalayaa sobaatiin gara biyya
Itiyoophiyaatti ergamaniiru.Namootni kun Phaaphaasota osoo hin taane barsiisotaa fi
geggeessitoota amantii musiliimaa turan.Manni amantaa ortodoksii yeroo kana haala

6 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
ulfaataa ta’een Isilaamummaadhaan weeraramuuf kan turte haalaa fi tooftaa jaraa irratti
baruun sabichi Isilaamummaadhaan akka hin booji’amne taasisaniiru.
 Jaarraa 7ffaa keessa gara biyyattii amantiin Isilaamaa karaa nagaa dhufee ture.Amantiin
kunis “Nuti tokko” jecha jedhu fayyadamuun biyyattii keessatti babal’achaa
tureera.Keessumattuu karaa bahaa fi kaaba baha biyyattii babal’achaa tureera.Kunis
ta’uu kan danda’e namoota yeroo garaa garaa sababa daldalaan dhufaniin ture.Haaluma
kanaan jaarraa 16ffaa keessa Giraanyi Mohaammed kan jedhamu lola guddaa
geggeessuun waldaa kiristiyaana Itiyoophiyaa irratti miidhaa hedduu geessiseera.Haa ta’u
malee,kana keessa darbuun Waaldattiin har’as jirti.
 Ciminni Ortodoksiin har’aa qabdu inni biroon aadaa fi safuu hawaasaa utuu hin
ssballeessin sirna amantii ishee geggeeffachuu
 Kabajaa fi beekamtii geggeessitoota isaaniif kennuu. Kun bu’aan isaa qajeelfamootaa fi
ajajni olii bahu humna akka godhatu taassisa.
 Ciminni caasaan bulchiinsa isaanii, Ortodoksiin jabaattee akka dhaabbattu kan taasisee
dha.
 Baajeta keessoodhaan hoogganamuu fi hojjechuun ishee hirkattummaa tokko malee
ofiin of dandeessee akka isheen tajaajiltuuf gargaara.
 Barumsa dhugaa ta’an isheen of keessaa qabdu:-
 Barumsa Sillaasee (Trinity)
 Barumsa Namummaa (Christology)
 Barumsa deebi’ee dhufuu Kiristoos ( Eschatology) fi kkf irratti barnootni
ciccimoon manni amantittii qabatte jiru.(Kitaaba Hayimaanot Abew jedhamu
dubbisi).

BOQONNAA 3

Barumsa Dogoggoraa Yeroo Ammaa Ortodoksii keessatti Mul’atan

3.1 Wantoota dogoggoraaf haalota mijeessan


Barnoota darbe keessatti seenaa gurguddaa fi cimina mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa
bifa gabaabaa ta’een ilaaluuf yaalleerra. Haa ta’u malee, Waldaan Ortodoksii yeroo ammaa kana
barumsa dogoggoraa hedduun waltajjii ishee fudhatanii jiru. Dogoggorri akka mmana amantaa kana
seenuuf wantoota haala mijeessan keessaa muraasa akka armaan gadiitti ilaalla.

i. Dheerina umurii manni amantichaa qabu.

7 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
ii. Barumsa monoksummaa fi qarrummaa Qulqullootni saglan biyya Misir irraa fidanii
dhufan. Namni karaa dhiiga Yesuus qofa osoo hin taane bosona /gadaamii/ seenuun
qarrummaadhaan yoo jiraate jireenya bara bara argata barsiisa jedhu fidaniiru.
iii. Mootummaan amantii keessa harka galfachuu isaa:- Aangoo isaanii Waaqarraa akka
dhufe taasisanii of mul’isuuf yeroo garagaraatti kitaabotni moototni maqaa mana amantaa
kanaan barreessisaa turan rakkoo jajjabaa fi doggora hedduu n akka seenu taasiseera.
Kanneen keessaa:-
 Dogoggora seenaa
 Doggora barnootaa
 Amantii fi siyaasni wal-makuu fi k.k.f
iv. Lolaan manca’uu kitaabotaa, ajjeefamuu Lubootaa fi Diyaaqonootaa bara Yoodiit Guudiit
v. Kitaabota toora hin qabne abbaan fedhe barreessaa turee fi har’as barreeffamaa jiru!
vi. Phaaphaasota Gibtsii ergamanii dhufaa turan kanneen amantaan isaanii Islaama ta’anii fi
ajaja mootii Musiliimaatiin dhufan.
vii. Ergamtoota Waldaa Kaatolikii/ The Catholic church missionaries/
viii. Waldattii irratti namni ajaja baasu baay’achuu
ix. Urjii lakkaa’uu fi xibaara jaarraa 13ffaa
x. Waaqeffannnaa ormaa haaraa ta’e Jaarraa 15ffaa

3.2 Barumsa Dogoggoraa

Kitaabolee qulqullaa’oo

I. Macaafa Qulqulluu
Macaafni qulqulluun sagalee Waaqayyooti. Geggeessummaa Hafuura Waaqayyootiin karaa namoota
Waaqayyoo barreeffame. /2Ximo 3:16-17, 2Phex 1:19-21/

Macaafni qulqulluun tokkummaa kan qabuu fi walii walii isaatiin kan wal hiikuudha. Barumsi
Macaafa qulqulluu keessa jiru dubbii Waaqayyoo isa jiraataa fi namoota Waaqayyo yeroo adda
addaatti filateen kan barreeffameedha. Namootni barreessan, barri itti barreeffame, haalli inni
keessatti barreeffame garagara yoo ta’ellee qabiyyeen isaa Waaqayyo isa tokkichaan kan dubbatame
waan ta’eef ergaan isaa tokko.

Macaafni qulqulluun bara 368Dh.K.B biyya Kaarteej jedhamutti baay’inni isaa murtaa’e. Haaluma
kanaan bar a sana Abbootni amantaa turan baay’ina duraan dursee Atinaatewoos tarreesse
mirkaneessaniiru. Haaluma kanaan baay’inni macaafa qulqulluu yeroo sana murtaa’e kitaabota 66
ture. Haa ta’u malee, Waldaan Kiristaana Ortodoksii fi Kaatolikii kitaabota kanatti dabaluudhaan
Katolikiin kitaabota kakuu moofaa 7 yeroo fudhattu, Ortodoksiin immoo kitaabota kakuu moofaa 7 fi
kakuu haaraa 8 akka fudhattu barsisti. Kitaabonni kanneen Appokirifaa/ Deutro canonical books/
jedhamuudhaan beekamu. Kitaabonni kanneen Waldoolee Kiristaana Pirotestaantii biratti kan hin
fudhatamneedha.

Waldaan Ortodoksii Itoophiyaa kitaabota 81 akka fudhattu Fitiha Negestii irratti ibsiteetti kitaabotni
dabalataa 15 yeroo ta’u kakuu moofaa 7 fi kakuu haaraa 8. Isaanis yeroo ammaa kana kitaaba 81
jedhamu irratti warri ka9kuu haaraa 8 utuu hin dabalamin kitaabota 81 ol ta’anii jiru. Kitaabni 81
baay’inaa fi qabiyyeen isaa bara maxxansa isaa irratti hundaa’uudhaan garagarummaa qaba. Kitaabota
bara 1980 dh.k.b fi 2000 dh.k.b maxxanfaman wal-bira qabuun ilaali. Kitaabni 81’n qabiyyee
barnoota isaatiin kutaa macaafa qulqulluu of keessatti qabatee jiruun wal-faallessa. Fknf:-

8 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
1. 1Maqabiyan 23:1-3 fi 1Yoh 3:12:- Qaayin maalif Aabeeliin ajjeese?
2. 3Maqabiyan 1:15 fi Mate 4:10, Isa 14:12:- Seexanni maalif kufe? Sagadamuun eenyuuf ta’a?
3. Siiraak 20:25 fi Bahu 20:15-16:- Hannaa fi Soba keessaa kamtu wayya?
4. Kuffaalee 6:9 fi Mate 22:29-31:- Ergamootni fuudhaa fi heeruma qabuu?
5. Heenook 19:1 fi Ibrota 1:14, Mul’ 4:9-11, 5:11-14:- Ergamootni warra Waaqayyoof
hojjetanimoo warra Hafuura Qulqulluutti aaraniidha?

Walumaa galatti kitaabonni dabalataa kitaabota sagalee Waaqayyoo ta’anii wajjin ergaa wal-faallessu
of keessatti qabatee jira. Kanaafuu sagalee Waaqayyooti jechuun hin danda’amu.

II. Kitaabota Dhalatoo


Akka ilaalcha mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaatti kitaabota dhalatoo jedhamuun kan beekaman
kitaabota 81 irra hin jirre baay’inni isaanii, barri isaan itti barreeffamanii fi namni barreesse kan hin
beekamne garuu amma har’aatti kanneen barreeffamaa jiranii fi mana amantichaa keessatti kitaabota
bakka guddaa qabaniidha. Kitaabonni kanneen:-

 Kadhannaadhaaf
 Barsiisaaf
 Fayyinaaf jecha amantootni mana amantaa Ortodoksii hojiirra oolchu! Kitaabotni kitaabota
dhalatoo jedhamuun waamaman kanneen:-

 Kitaabota raajii jechuun raajii Maariyamii, raajii Yesuus, raajii Giyorgisii……
 Kitaabota bifootaa/melka melki/jechuun bifa Mariyamii, bifa Yesuus, Bifa Mikaa’eelii, ….
 Kitaabota qabsuuraa/Gedlii/ jechuun Qabsuura Teklehayimanoti, Qabsuura Kiristoos
Samiraa, Qabsuura Arseemaa,……
 Kitaabota Afoolaa/Dirsaanii/ jechuun Dirsaanii Mikaa’elaa, Gabri’eelii, Rufaa’elii, ……

Kitaabonni kanneen dhugaa sagalee Waaqayyoo jijjiiruun ulfina Waaqayyoo uumamaaf kan kennu,
fayyinni Yesuus Kiristoosiin qofa jedhamee barreeffame gara uumama birootti jijjiiruun daandii
fayyinaa hedduu kan tarreessuudha. Qabiyyee isaa kana keessaa:-

a. Raajii Maariyaamii/t¹Mr ìR¶M/:- kitaabni kun bara Atsee Zara Yaa’iqob keessa
jaarraa 15ffaa barreeffamee Waldaa Kiristaanaa biyyattii keessa kan raabsameedha. Kitaabni
kun itti lixa isaa irratti “Yaa obboloota koo gara mana qulqullummaatti yeroo dhuftan yoo
isiniif danda’ame foonii fi dhiiga Gooftaa nyaadhaa dhugaa, yoo isiniif hin danda’amu ta’e
immoo raajii Maariyamii kana dhaggeeffadhaa gala. Namni naaf ta’a jedhee raajii
Maariyaamii dhaggeeffatu akka nama fooniif dhiiga Gooftaa nyaatee fi dhugeetti
lakka’amaaf” jedha.
Macaafni qulqulluun immoo gonkumaa foonii fi dhiiga Yesuusiin wanti bakka bu’uu danda’u
jira hin jedhu. /Yoh 6:53-56/
b. Bifa Maariyaamii/mL· ìR¶M/:- kitaabni kun abbaan barreessee fi namni barreesse hin
beekamu. Garuu hiika isaa irratti namni Abbaa Giyoorgis Zegaascaa jedhamu akka
barreessetu barreeffamee jira. Haa ta’u malee kitaabni kun mana amantaa Ortodoksii keessatti
yeedaloodhaan, guungummiidhaan, akka kitaaba kadhataatti yeroo hundumaa fayyada.
Kitaaba kana yeroo ilaallu bakka baay’eetti jechoota macaafa qulqulluun Waaqayyoof kennu
Maariyaamiidhaaf kennuudhaan barreessa. Isaan keessaa:- kutaan s®M lL±Nk^/nagaan
afaan keetiif/ jedhu keessatti yoo ilaalle “Waaqa irrattis lafa irrattis abdiin koo si’i” jedha
Maariyaamiidhaan.

9 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
Akka macaafa qulqulluutti yoo ilaalle garuu namni namas ta’e uumama kamiin iyyuu abdii
isaa taasifachuu akka hin qabneefi karaa hundumaan abdii dhugaan nuti qabnu Kiristoos
Yesuus qofa akka ta’eedha. /Faar 25:3, 145:15, H/Erg 16:30-31, Rom 3:25, Yoh 5:24, Gal
4:7, 2Qoro 5:17/
c. Qabsuura Teklehayimaanot/gDl tKlhYìÑT/:-kitaabni kun seena nama Tekle
Haayimaanot jedhamuu kan dubbatuu fi karaa baay’eedhaan dhiiga Yesuusiin gatii
dhabsiisuuf kan yaaluudha. Fknf:- “maqaa isaa kan waame, yaadannoo isaa kan taasise,
kadhata isaa keessatti namni waammate, hanga dhaloota torbaatti akka fayyisuuf Waaqayyo
kakateeraaf” jedha.boqonnaa 5 fuula 4
Macaafni qulqulluun immoo “fayyinnis Yesuus Kiristoosiin malee kan biraa tokkoon illee hin
jiru” jedha./H/Erg 4:12/
d. Macaafa Ziiq/m:hf z^Q/:- macaafni kun waggaadha hanga waggaatti kitaaba baatii
ayyaanaa lakkaa’uun yeedaloon guyya guyyaatti yeedaleeffamu irratti barreeffamee jiruudha.
Kitaaba kana keessattis akkuma kitaabolee olitti kaasne rakkoo hedduutu jira. Ji’a Eebla gaafa
26 kan jedhamu “ Yaa abbaa koo Marqoorewoos ati waa’ee kootiif gonfoo qoraattii mataa
keetti baatte anaaf jettee fannoo irratti dhiphatte,”jedha.
Dhuaan isaa garuu kan ilmaan namootaatiif fannoo irratti dhiphatte tokkicha. Inni immoo isa
jaalala Abbaa isaatiin gara biyya lafaa kana dhufee lubbuu isaa fannoo irratti dabarsee nuuf
kenne Yesuus Kiristoos qofaadha.
Egaa kitaabota akkasii kanaan akkamitti kitaabota qulqullaa’oo jechuun danda’ama? Ykn
ammo akkamittiin waldaan Kiristaanaa itti fayyadamuu dandeessi?
1. Fayyina irratti:- Akka macaafa qulqulluutti namni kamiyyuu Yesuusitti amanuudhaan
jirenya barabara argata jedha. Yesuus gatii fayyinaaf barbaachisu hunda baasuun namni isatti
amanee jireenya akka argatuuf balbala jireenyaa keenya nuuf ta’eera. Namni isa amanate
jireenyicha fudhateera. Namni isa hin amanne garuu ammuma iyyuu firdii jala jira./ Yoh
3:16-17,36, H/Erg 4:12/
Haa ta’u malee Waldaan Ortodoksii dubbii dhugaa kana gar- tokkotti dhiisuudhaan barsiisa
addaa yeroo gara garaa ishee keessa lixeen fayyina karaa garagaraa barsiifti. Daandiiwwan
Ortodoksiin fayyina argamsiisa jettee barsiiftu keessaa:-
 Seera eeguudhaan
 Xabalaan
 Taskaaraan
 Uumama Waaqessuu fi maqaa uumamtoota gara garaatiin
 Kadhannaa Ergamootaa, namoota qulqullootaa,
 Bosonatti galuudhaan fayyinni argama jechuun barsiifti.
3. Taabota irratti:- bara kakuu moofaa keessa Waaqayyo mallattoo kakuu isaa fi argamuu
isaa taasisuun Saanduqa kakuu tokko Museen akka hojjechiisuuf ajajeera. /Bahu 25:11-22/
Saanduqni Kakuu Waaqayyo kenne kunis:-
 Dheerinni isaa dhumdhuma lamaa fi walakkaa
 Bal’inni isaa dhumdhuma tokkoo fi walakkaa
 Irraan oleen isaa dhumdhuma tokkoo fi walakkaa
 Muka laaftoo irraa tolfama
 Alaa fi keessaan warqeetu itti uffifama
 Amartii warqee qaba.
 Danqaraadhaan baatama
 Teessoo araara qaba
 Teessoo araaraa irraan Kiruubeel lamatu ka’ama.

10 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
 Gabaatee dhuga baatuutu keessa ka’ama
 Dinqii gurguddaa hojjechaa ture/Iya 3:14-17, 1Samu 5:1-6:21, 2Samu 6:1-23/
 Maqaa Waaqayyo Gooftaatti waamama. /2Samu 6:2/
 Hanga diigamuu mana qulqullummaa Yerusaalemitti achuma mana qulqullummaa
Solomoon ijaare keessa ture. /2Seenaa baraa 35:3, 36:15-23/
 Yeroo Isiraa’eelonni boojuudhaa deebi’anitti akka deebi’ee hin hojjetamne, akka hin
barbaadamnes dubbatameera. /Ermi 3:14-16, 31:31/

Mana amantaa Ortodoksii keessa immoo amma kana meeshaan Taabota jedhamu tokko jira. Akka
kitaabni Fitihaa Negesti fi Siraate betekiristaan jedhaman dubbatanitti meeshaan kun irbaata Gooftaa
irratti dhiyeessuuf kan tajaajilu saaniidha malee Taabota ykn Tsillaatii bara kakuu moofaatti saba
Isiraa’eliif kenname miti. Haa ta’u malee, yeroo ammaa kana namootni Waldaa Ortodoksii keessaa
barsiisan Taabota kakuu moofaa keessa saba Isiraa’eliif kennamee wajjin wal- fakkeessuun akka
waan har’a inni dura saba Isiraa’eeliif kenname hojjechaa jirutti lallabu. Akkasumas ni sagadamaaf,
maqaa uumama adda addaatiin waamamuudhaan sirni Waaqeffannaa taasifamaafii jira.

Taabotni har’a mana amantaa Ortodoksii keessa jira jedhamu isa kan saba Isiraa’eeliif kennamuu
wajjin wal- hin fakkaatu. Garagarummaan isaaniis:-

Taabota kakuu moofaa Taabota Ortodoksii


Ajaja Waaqayyootiin hojjetame/Bahu 25:10 Ajaja Phaaphaasotaa fi gaaffii uummataatiin hojjetama
Muka laaftoo irraa hojjetama/Bahuu25:10 Muka naannootti argamu irraa hojjetama.
Warqeetu itti uffifama/Bahuu25:11 Akka namni hin argineef uffatni caccalaqqisu itti uffifama
Danqaraadhaan baatama/Bahuu 25:12-14 Nama tokkotu mataa irratti baata.
Maqaa Waaqayyoo qofaan waamama/2Samu6:2/ Maqaa Waqayyoo, namootaa fi Ergamootaatiin waamama.
Tokko qofa ture Lakkoofsi isaa hin beekamu
4. Araarsummaa Irratti:- Gooftaan Yesuus fannoo irratti namaa fi Waaqayyoon walitti
araarseera. Namni kamiyyuu hojii isaatiin ciminaa fi dandeettii isaatiin Waaqayyoon arguu
waan hin dandeenyeef Yesuus karaa ittiin gara Abbaa dhaquun danda’amu nuuf ta’e. /Yoh
14:6/ Kiristoos hojii al tokko fannoo irratti hojjeteen bara baraaf araarsaa ta’ee gara mirga
Abbaatti ol-ba’e. Macaafni qulqulluun kakuu haaraa irratti araarsaan Yesuus qofa akka ta’e
ibsa./1Ximo 2:5, Ibro 7:25, 1Yoh 2:1, Rome 8:34/

Akkasumas kitaabotni mana amantaa Ortodoksii keessa jiran hedduun waa’ee araarsummaa
Yesuus raga ni bahu. Fknf;-

 Macaafa Qiddaasee:- “Yaa Waaqayyo Abbaa dhiigni Ilma kee Yesuus waa’ee kootiif gara
keeetti ni iyya,” jedha. /Qiddaasee Duukka bu’ootaa/
 Kitaaba Galatoo Maariyaamii:- “ Araarsaa Kakuu haaraa ta’e,” /…w×n… o™q† l¾ë^S
KëN..../ Galatoo Maariyaamii Sambata Guddaa
 Kitaaba Kakuu/m:hf KëN/:- “Hafuura qulqulluu kan nuuf kennite nama taate Abbaa
kee wajjin walitti kan nu araarsite……” /Macaafa kakuu ganamaa
 Kitaaba Sa’ataat/m:hf ±AªT/:- “ yaa Abbaa maqaa Ilma kee Yesuus Kiristoosiin si
kadhannaa nu gargaari! Yaa Ilma Abbaa Yesuus Kiristoos Abbaa kee nuuf kadhadhu!
Yaa Hafuura qulqullu nu jabeessi! Macaafa sa’atat fuula 22

Walumaa galatti kitaabonni garagara waa’ee araarsummaa Yesuus akkuma macaafa qulqulluu sirriitti
dubbatu keessuma immoo kitaabni amantaa abbootaa/ hYìÑT abˆ/ jedhamu keeyyata 64
lakkoofsa 14 irratti “Yesuus maalif nama ta’e jedhanii yoo si gaafatan araarsaa koo naaf ta’uuf Abbaa
isaa wajjin walitti na araarsuuf jedhii deebisiif jedha. Egaa Yesuus al-tokkicha dhiiga isaa

11 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
dhangalaasuun barabaraan Abbaa isaa duratti nuuf mul’achuuf gara iddoo hunduma caalaa
qulqulluutti ol seeneera.

Haa ta’u malee dhugaa Sagalee Waaqayyoo fi kitaaboleen mana amantaa Ortodoksii kanneen
haasa’an dagachuun yeroo ammaa kana jechi “Yesuus ni farada malee hin kadhatu” jedhu mana
amantaa Ortodoksii keessatti bakka guddaa qaba. Jechuma kan irratti hundaa’uudhaan Ortodoksiin
namoota fi Ergamootni Waaqayyoo wajjin akka walittii araarsaniif yeroo hedduu maqaa isaaniitiin
kadhatu. Kana malees maqaa uumama jiru garagaraatiin Waaqayyoon firoomfachuuf carraaqu.
Haaluma kanaan namootni hedduun Waaqayyoon araarfachuuf maqaa Gabri’eelii fi Mikaa’eliitiin,
Maariyaamii fi Arseemaatiin, Tekliyee fi Gorgisiitiin wareega adda adda baachuun gaaraa fi laggeen
hedduu keessa darbuun bataskaanota irra naanna’u.

Walumaa galatti mana amantaa Ortodoksii keessatti kanneen olitti kaasne qofa osoo hin taane
dogoggoroonni hedduun seenaniiru. Kanaafu, manni amanticha yeroo ammaa kana yaada Waaqayyoo
jalqaba qabatee ka’e gad-lakkisuun yaadaa fi geggeessummaa namootaatiin hogganamaa jira. Namni
Wangeelli dhugaan qaqqabee fi galeef hundi karaa mijatuufiin amantoota Ortodoksii Wangeela
qaqqabsiisuuf carraaquutu irra jiraata.

BOQONNAA 4

Akkamittiin Ortodoksiitti Wangeela Lallabna?


Dhuga bahumsa
Gooftaan Yesuus bartoota isaatiin “nama duratti dhugaa kan naaf bahuuf anis ol Waaqa irratti fuula
Abbaa koo fi Ergamoota isaatti dhugaa nan bahaf, nama duratti kan natti saalfatu immooanis fuula
Abbaa koo fi Ergamoota isaatti dhugaa hin bahuuf” jedha. Mate 10:32-33

Phawulos immii H/Erg 20:24 irrtti” Wangeela ayyaana isan Waaqayyo harkaa fudhadhe dhugaa
bahuudhaaf jireenya koo akka waan gatii hin baafneettan lakka’a” jedha.

Dhuga bahumsi dirqama nama Kiristoositti amane hundaati. Dhuga bahumsaaf maaltu nama
kakaasa?:-

a. Jireenya qabaachuu:- Namni Ilma Waaqayyootti amane jireenya qaba. Warri karaa
Kiristoos jireenya argatanii jireenya isa dhugaa Kiristoosiin warri fudhatanii jiran
namummaa isaanii Kiristoosii wajjin fannoo irratti fannisaniiru. Kanaafuu jireenyi
isaanii Kiristoos isa isaan keessa jiru ta’a. Jireenya dhugaa jiraachuu jalqabu. Namni
jireenya dhugaa qabu immoo jireenyi isaas ta’e dubbaannaan isaa waa’ee
jireenyichaaf dhuga baatuudha./yoh 3:16-17, Gal 2:20, 1Phex2:9/
b. Jaalala qabaachuu:- namni Kiristoosiin amane karaa Hafuura qulqulluu jaalala
Waaqayyoo gara laphee isaatti ni fudhata. Jaalala dhugaa Waaqayyo karaa Ilma isaa
nu jaal’ate sanaan namni gaafa booji’amu jaalalichaaf jiraachuu jalqaba. Namoota
Waaqayyo Ilmasaa tokkicha dabarsee kenneefifis jaalala dhugaa qabaata. Kanaafu,
warra jaalala Waaqayyoo isa dhugaa kana hin fudhannetti Wangeela lallabuudhaan
jaalala Waaqayyoo dhugaa bahuu eegala./Rome 5:5,1Yoh 4:8-xumuratti
c. Hafuura qulqulluudhaan guutamuu:- Ilma Waaqayyoo Yesuusiin yeroo amannu
Hafuura qulqulluudhaan ni guutamna. Namni Yesuusiin yeroo amanatu qabdii

12 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
jireenyichaa taasisuun Waaqayyo Abbaa biraa Hafuura qulqulluu ni fudhata. Hafuurri
qulqulluun immoo gaafa gara keenya dhufu waa’ee Yesuusiin dhugaa nuuf baha.
Namni Hafuura qulqulluu fudhates waa’ee Yesuusiin dhugaa baha. Hafuurri
qulqulluun hanga Yesuus deebi’ee dhufuuf dhuga baatota Yesuusiif ija jabummaa
kennuudhaaf yeroo hundumaa guuta./Efe 1:13-14,Yoh 15:26-27, H/Erg 1:8,
2:13,4:31/
d. Kadhannaa:- namni Waaqayyoon kadhatu yeroo hundumaa geggeessummaa
Waaqayyoo fudhachaa adeema. Namni yeroo geggeessummaa Waaqayyootiin
jiraatu immoo yaada Waaqayyoo raawwata. Kanaafuu namni Wangeela dhugaa
bahuudhaafdammaqiinsa godhachuu kan danda’u yoo Waaqayyoon kadhate
qofaadha./1Ximo 2:1-4/
e. Beekumsa fayyinaa qabaachuu:- Namni beekumsa fayyinaa gahaa qabu dubbii
fayyinaa beeku sana himuuf hin saalfatu. Waa’ee fayyina isaa sirriitti waan beekuuf
dhugaa bahuudhaaf gonkumaa wanti isa sodaachisu hin jiru. Dhugaa beeku dhugaa
bahuudhaaf ija jabummaa argata./H/Erg 4:20, 2Ximo3:14
f. Eenyuun akka taane beekuu:- Nuti Ambasaaddaroota Kiristoosi. Kanaafu afaan
Waaqayyoo ta’uudhaan Kiristoosiit araarama jennee namoota gara Gooftaatti
waamna. Gooftaanis waamicha kanaaf humnaa fi aboo nu hidhachiisee nu
bobbaaseera. /2Qor 5:18-20, Luq 9:1-2, Mar 16:15-18/

Walumaa galatti qaphxiiwwan olitti kaasne hundi qaphxiiwwan akka namni tokko Wangeela dhugaa
bahuuf kakaasaniidha.

Namni Wangeela akka hin lallabneef immoo wantootni gufuu ta’an:-

 Soda/ yoo waa narra gahehoo? jechuu/ Fakk29:25, 2Xim1:17/


 Yeelloo/namni maal naan jedha? Jechuu /Rome1:16,Mate 10:32-33,Luq 9:26/
 Cubbuu:- cubbuudhaan golgamne ykn hojii cubbuu hojjechaa dhuga baatuu Gooftaa ta’uun
hin danda’amu. Dhuga bahumsi qalbii jijjiirrannaa booda. /Faarsaa 51:13/
 Dhibaa’ummaa /Lall 11:6
 Akkamittiin akka dhugaa bahan wallaaluu: beekumsa gahaa waan dhugaa bahanirratti
qabaachuu dhabuu
 Al- tokko qofa yaaluun abdii kutachuu /Fakk24:16/
 Of-qofa jaal’achuu/waa’een namoota du’atti adeemaa jiranii nutty dhaga’amuu dhiisuu.
/Hiz 3:17-19, Fakk 24:10-11/

Ortodoksiitti Wangeela lallabuuf:-


Yeoo Ortodoksiitti Wangeela lallabuuf kaanu of eeggannoo wantootni nuti gochuu qabnu:-

 Wantoota jireenya barabaraatti hin geessine dubbachuu irraa of eeggachuu fkf:- fannoo
hidhachuu fi hidhachuu dhiisuu
 Dubbii macaafni qulqulluun jala muree ifatti hin dubbanne ta’innaadhaan dubbachuu irraa
of eeggachuu
 Waa’ee Maariyaamii yeroo dubbannu of eeggannaa taasisuudhaan fayyina Ortodoksiin
karaa Maariyaamii eeggatu, Waaqeffannaa isaan Maariyaamiidhaaf taasisan, Ulfina

13 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun
Waaqayyoo isaan Maariyaamiidhaaf kennan sirriitti hubachiisuun gara dhugaatti akka
deebi’an taasisu.
 Waa’ee Ergamootaa irrattis akkasuma hubannoo fi of eeggannoo guddaadhaan itti
dubbachuu fi dhugaa jiru hubachiisuu
 Waa’ee Taabotaa fi Tsillaatii/saanduqa kakuu fi gabatee dhuga baatuu/ akkaataa macaafa
qulqulluu irra jirutti sirriitti ibsuufi.
 Araarsummaa irratti hubannoo gaha ta’e uumuufi.
 Luqqisaawwan macaafa qulqulluu Ortodoksiin dogoggoraan hiiku addaan baasuun hiika
dhugaa isaa itti argisiisuu
 Warra dhugaa itti bane hordofuun duukka buutuu taasisu.

Guduunfaa
Namni barumsa kana baratu ba’aa Wangeela ayyaana Waaqayyoo uummata Ortodoksii
qaqqabsiisuuf akka inni of irratti fudhatu amantii guddaan qaba. Kanaafuu, barnoota kana booda
Wangeela warra Ortodoksii qaqqbsiisuuf akka inni gatii irraa eegamu baasuuf yaalu shakkii tokko hin
qabu.Waaqayyo Humna isaatiin nu haa gargaaru!

Bibliography
1. Macaafa qulqulluu Afaan Oromoo Hiika haaraa Waldaa Macaafa qulqulluu Itoophiyaatiin
bara 1997 maxxanfame.
2. aìR¼ m:hF Që&S bATÇ?¶ m:hF Që&S ìUbR 1992 ¹.M bBR¾N ³
s®M ìtì@¶ b_T
3. mZgb ;ÉT wm:hf ;ÉT baìR¼ ²l s² SMNT 2000 ¹.M bg.C®s_
BR¾n& zBh_r aKs&M
4. 81 m:hF Që&S ba^TÇ?¶ m:hF Që&S ìUbR 1980 ¹.M
5. 81 m:hF Që&S ba^TÇ?¶ m:hF Që&S ìUbR 2000 ¹.M
6. gDl ab&n ASe^¨ÑS zg&Nëg&NÌ zatÀ mMUR wìUbRzg&Nëg&NÌ dBr
gÞºN ìr¶M gëM 1996 ¹.M
7. kmFrS bÜT bm¬b_ ¾ë^S lYk&N BR¾n& 2017
8. ya^TÇ?¶ b_t KRSt#¶N thDÔ b;¬ aB bql 2006¹.M
9. ya^TÇ?¶ bb_t KRSt#¶N ªRK ba² ÆRÆRÇS 1986¹.M
10. aLt±±TNMN bë^.N aGºÈ tf™ 2010 ¹.M
11. thDÔ ìlT MNDnˆ ba² Bas s®M æL 2006 ¹.M
12. sìN¶ ahë& bAGZaBh_R šL s^mzN bt¿DÅS dm®} 2004¹.M
13. Beekumsa dubbii fayyinaa awwaalame B/sa Damisee Dirribaatiin bara 2010/2018
14. Dubbii fayyinaa akka ilaalcha Ortodoksiitti Afaan Oromootti kan hike Daani’eel Fiqaaduu
bara 2007

14 | P a g e 0921768234/0985206627
Gammachiis Zarihuun

You might also like