+++Waggittii kana na dhiisi+++
Waggaadhaa waggaatti-Ija utuu hin godhatin-Akkuman gogetti
Diilallas ta'ee ho'aa-Lamaansaa utuu hin ta'iin-Akkuman bushaa'etti
Manakeen jira kunoo-Dacheekee lalisaa-Akkan gogsetti
An beeka waaqakoo-Ijakoo funaanuuf-Akkan si dhiphisee
Har'as ija utuu hin godhatin-Qoraattii biqilchee-Gogeetan si eege
Kan naaf hin godhamne-Kan naaf hin dhangalaasnee-Kan naaf kennine tasa maaltu hafee
Garuu immoo kun hunduu-Sin sirreessu jedhee-Addunyaattan hafee
Ati yaa isa hin nuffinee-Amman ka'e ijaajjutti-xiqqodhuma naaf obsimee
Hamminakoo dhiisi-Dhagayi ergamaakee-Barana naa dhiisi
Anis atis beeknaa-Beellama siif kennee-Akkan hin kabajnee
Al meeqa karoorsee-Al meeqa dhaadadhee-Haasaatti akkan hafee
<Barana'oo...!> akkan jedheti-Wagga har'aa yoonakanaa-
Na dhageessee turtee
Anoo achuman jiraa-Utuu hin jijjiiramin-Barri haaraa dhufee
Kan Iji na hin baanee-Anaan kunuunsuf -Harkikee dadhabee
Ammas kunoo jiraa-Har'as na hin quubsinee-Dhikkifannaan cubbuus
Jechakee bishaanii-Mucaakee dhagaarratti-Nuffii malee naqxee-Barri lakka'aamus
Laphee kootti utuu hin lo'iin-Akkasumatti yaa'ee hafee-utuu hin jijjiiramin.
Jecha kee illee quqquufee-na dedeeffachiisaa-Kaan amma dhaga'utti
Garuu jechakeen jiraachuuf-Naa qabamuu dide-Qaaliitti qabachuuf
Xiqsii baay'een argadhe-Kitaabakee keessaa-Babbanee ilaaluus
Utuun cubbuun rafuu-Mataakoo irratti-Jecha tokkon arge.
Firiin koo gad bu'aa-Barataa barumsi-Hin qabamneef ta'uus
Barana na dhiisi-Ammas waan baradha-Takkuma naaf obsi
Maaloo na hin murin-Dachekee qulqulluurra-turuu na eeyyami
Qulqulloota naqatan-Firiin foolii isaanii-Urgaasaa illee argadhuuf.
Yaa isa na baattee-Har'as na baadhu egaa-Na hin nuffin imaanaa
Eenyutu naaf obsaa-Akka diinaa ta'e-hojjechuukoon dharaa
Nanbaasin manakee-Iddoo baay’ee hin fudhuu-Waanan ija hin qabneef
Bakkas hin fudhannee-manakee hin dhiphisnee-Balas ija hin qabnee
Warri iddoo qabatan-Warra hojii gaarii-Qulqullootni ke ille
Akkuma meexxiidhaa-Qabsuurriif qajeelinni-Kan irratti horroobee
Gaattiraa libaanoniin-Caalaa kan baay'atuu-Gaarummaan isaanirraa hafe-yaa'ee dhangalaa'ee.
Anas miti-Kan iddoo fudhattuu-Harmeema kee dhahoo
Hiddishee lafarratti-Fiixeenshee samiirraa-Ga'ee kan agarree
Barana na dhiisii-Ishee jalan ta'a-Tarii yoon naqadheef.
Barana na dhiisi-Maaloo yaa waaqakoo-Waggaan tokko siif maali
Waggaan kumni guyyaa tokkoo-Akkas mitii siifii-Waggaan qabaa hin guunnee
Barri kunis darbee-Ammas <Naaf kenni waggaa>-Amman siin jedhuttii
Maaloo egaa yaa Gooftaa-Barana na dhiisii-Amman qaqqabutti!
Gammachuu nuuf himtaa
Gammachuu nuuf himtaa ergamtee samiirraa
Amantaan nu dhaabdee nu oolchuun du'arraa
Jabaadhaa dhaabbadhaa jettee ergamootanii
Ganiinsa Saaxnaa'eel ciminaan mormuunii
Maaltu siin fakkaataa ergamoota keessaa
Ilma waaqaa jechuu hiikni maqaa isaa
Gabri'eel jedhamaa Ergamaa gammachuu
Kan nu jajjabeessuu nuuf ta'ee gammachuu
Xaa'otni tolfamee boba'us abiddii
Abiddi nun nyaatuu nu oolfata badii
Raamarraa ergamee dhufa nuun baraaruu
Gabri'eel qofaadhaa inni nuun gargaaruu
Diyooqilxaanosfaa qaanessee naasisee
Abiddaa inni kaasee innoo qabbaneessee
Boba'us abiddii tasan gubuu jaraa
Gabri'eeltu dhufee gidduu isaanii jiraa
Abjuu kan nuuf hiiktuu nuuf laattu jabinaa
Yaa Ergamaa waaqaa kanaaf si faarsinaa
Harras dafii koottuu iddoo si waamnettii
Furmaata nuuf laadhuu yeroo rakkannettii
Lubicha Yaa himuu Zakkaariyaas dubbatee
Adabuus dandeessaa Isa siin hubatee
Dhaloota Yohaannis addunyaaf labsitaa
Warra umuriin jaaree at ni gammachiiftaa
Gammadi Yaa Maariyaam jedha ergamichii
Ergamaasaa ergee nu oolche gooftichii
Kan gammachuu labsuu waa'ee ilma waaqaa
Ariifatee dhufaa nuuf lallabee haqaa
Ji'a jahaffaattii gara dubroo dhuftee
Waaqayyoon ni deessaa jettee itti himtee
Harras si waammannaa nuuf koottu nuuf koottuu
Nutoo sitti abdannaa furmaata Akka laattuu
Anaaniyaa Azaariyaa Akka oolche Misaa'eel
Qirqoosis gargaaree ergamaan Gabri'eel
Iyyeluxaan naatuus danficha dhageessee
Ati ergamtee dhufnaan dhaabbatte dandeessee
Seefii keen yoo tuqxuu ni qorra ariitiinii
Abidda abiddaan dhaamsa waaqayyoonii
Uumamni keessa addaa koochoon kee ballaadhaa
Dhaabbanni kees addaa Jira iddoo hundaadhaa
Harras si waamnaatii abdiin kufnee mana keettii
Si'iin ni faarfannaa iddoo qulqulluuttii
Galaana gidiraa keessa nu dabarsii
Gabri'eel nuuf koottuu haa gahu abaarsii
Kadhannaaf galataaf fuula waaqaa dhaabbataa
Waaqayyorraa ergaa namatti dubbataa
Kadhannaa namootaas waaqatti dhiyeessaa
Ergamaan Gabri'eel adda kennaan isaa
Gabri’eel jedheeraa
Gabri’eel jedheeraa waammadhee maqaa kee
Nan dubbadhaa fanii dhalootaaf waa’ee kee
Hangafa ergamootaa jabaa ergamaa raamaa
Waaqarraa ergamee missiraachoo himaa
Maqaa waaqayyootu jira maqaa keerraa
Kan kee kun na dinqaa qabda simboof surraa
Ilma waaqayyootii gooftaaf tajaajilaa
Nuun kan fayyifattuu diina keenya jalaa
Ani kanaafiyyuu garasaattiin boo’aa
Gabri’eel ergamaan seexanicha moo’aa
Cimaatii dhaabbadhaa jedhee tasgabbeessaa
Samiirraa ergamee abiddicha dhaamsaa
Diinas ni qaanessaa
Heenook kitaabasaarratti maqaa kee barreesssee
Maqaa kee kan waamee maaltu isa naasisee
Kanaaf yaa Gabri’eel nutoo si jaalannaa
Badiisa nu oolchii nuti si waammannaa
Naabukadanatsoor of tuuluus aangoonii
Qondaaltota waamee miidhuuf daa’immanii
Anaaniyaa Azaariyaa Misaa’eel faan waaqatti amananii
Abidda gatamnaan Gabri’eeliin bahanii
Abidda hamaadhaaf yoo nu laatanisii
Ariitiidhaan dhufee Gabri’eelinisii
Warri nuun gatanii ajaja mootinii
Du’anii laboobaan sodaa mootichaanii
garuu ijoollee sadan gidduu Gabri’eel jiraa
Abiddi hamaan sun nun gubnee baanerraa
Kan ergamaa dhaamsuu samiirraa ergamee
Waaqni Israa’elii ulfinaan faarfamee
Raajaan Daani’eeliis haa himu waa’ee kee
Zakkaariyaas illee haa baru maqaa kee
Kan dubroo Maariyaamiif ulfina laattuudhaa
Ati kabajaa keetiin isa jiraattuudhaa
Kennaan kan guuttamtee jedhee raajeffataa
Addunyaaf ni himtaa at dhaloota gooftaa
Saba abdii kuteef missiraachoo himtaa
Aarsaaf kadhannaadhaaf waaqa dura dhaabbataa
Mootiin fokkorullee Albeellee qopheessee
Samiirraa ergamee abiddicha dhaamsee
Ergamaa Gabri’eel harras dafii koottuu
Si kadhanna nutii akka nu yaadattuu
Yoon maqaa kee waamuu lapheen koon gammadaa
Isatu na oolchee kanaaf diinni gaddaa
Gabri’eel sin waamaa anoo sin jaaladhaa
Sagalee ol kaasee anis sin waammadhaa
Ergamaa raamaatii kan fannoo qabatee
Abiddaa nu oolchee kan nuun hanbifatee
Magaalaa samiirraa kan Arbaab jiraatuu
Seefiisaatiin innoo kan namaaf birmatuu
Seexanni yoo sobee samiirratti of tuulee
Amantaa lallabdee atoo shakkii malee
Kanaaf hin raafamnuu jabaannee dhaabbannaa
Waaqarraa ergamtaa kana ni dubbannaa
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuuraa Qulqulluu Waaqa Tokkoo Ameen!
..garaan gubate mootii...
Misiraachoonkee hin dhumu
danuudha jechikee
Ergamaa ifa
balleessaa jinnootaadha hojiinkee
Dadhabaa gargaaruuf
ni kadhattaaf uumaakee
Garaa sitti hin jabaatuu waaqni
ni dhaga'aa kankee
Angafa ergamootaa
keessaa tokkoo Gabri'eelidha
Fuula Waaqaa duras
dhaabbachuuf mudameedha
Akkas jechuun kadhata
cubbamootaaf cubbuusaaniifi
Qulqulluu Gabri'eel kennaasaatiin
dhugumaa dhiisisaafi
Bara Seexanni ana gooftaan
keessan jedhe ergamootaanii
Qulqulluun Gabri'eel tole jedhee
hin fudhanne ni mormeenii
Bakka jirtanitti dhaabbadhaa
hamma Waaqni dhufutti
Jedhee dubbate ergamoota
hundumaa yeroo abboometti
Aangoon kee guddaa
Gabri'eel himaa misiraachoo nagaati
Waaqayyoos ergee Galiilaatti
garaa durboo maariyaamiitti
Itti hime ergaa Waaqayyoo
hundumaa baatee akka dhufeetti
Isheenis jettee akka jecha keetii
jettee fudhattee misiraachootti
Gabri'eel samiirraa dhufee
ijoollee isaaf dirmata ariifatee
Diinnis hin dhaabbattu jala
ofiin baqattee naasuun rifatee
Ifa fannoosaatiin of wallaalee
daaraa barbaada taatee
Maal kana qofaree Seexanni
gootummaa isaa arge baqatee
Eegaa cubbamootaa hundumaaf
kadhachuuf jaalalaaf nagaa
Gabri'eeltu fide Waaqayyoon
biraa itti nuuf erge nagaa
Magaalaa ergamootaarra
kan jiraattu ati raamaa irraa
Achirraa barrisaa dhuftee
dhaabbattaa mataa diinaarra
Gabri'eel Abbaa ijoollootaa
kan iyyeeluxaaf qirqoosii
Misaa'eel, Anaaniyaafi Azaariyaa
ati kan gargaartesii
Diinni inaafee akka inni du'uuf
gadi darbe Daani'eelii
Inni duukaa jira yoomiyyuu
hafee hin beeku Gabri'eeli
Boolla Leencaa seenee
afaan qabee akkanni hin nyaanneefi
Daani'eel ni gammadee
Innis ifa cimaa yemmuu ergeefi
Afaan Leencaa cufameera
humna waaqayyootiinii kuni
Jabaadhuu dhaabbadhu
Inni nun gatu nuti itti amanaani
Naabukadanaatsoor darbatee
abiddaa walakkaatti
Ijoolleen sadan darbatamaniiru
abidda keessatti
Waaqayyootti amanaanii
seenaanii utuu hin shakkini
Waaqayyoos ni ergeef
Qulqulluu ergamaa Gabri'eelini
Naabukadanaatsoor ni gammade
itti fakkaate waan gubatanii
Jaroonni sun yoom humna waaqayyoo
ilaalanii hubatanii
Itti fakkaatus har'aaf aangoof
dhiirummaan kan isaanii
Kun Waaqayyoof salphaa
isaaniin balleessuuf ni jira inni
Iyyeeluxaaf Qirqoos Waaqa tolfamatti
hin amannu jechuun isaanii
Garaan gubatee mootiin yeroo dhaga'u
waa'ee mucaa xiqqaa sanii
Dhaqaa fidaa mucaaf haadhasaa
ani nan amansiisaa jedhe mootiinii
Iyyeeluxaan shakkituus
Qirqoos hin shakkin jedhee haadhasaatiinii
Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaafi misaa'eel
nuu gargaara nuunisii
Iyyeeluxaan ni gammadde
dubbii Qirqoosiin akkuma dhageesseenii
Humnishee jabaatee isheenis abdattee
ergamaa Gabri'eeli abdiidhaanii
Mootiin waan tokko murteesse
akkasaan bulluqaan dhumanii
Bulluqii bulluqee asii ol samiitti aaree
dirrisiisaa sodaachisuuf jedhee
Mucaan waggaa sadii hin shakkine
abdiin keenya Gabri'eel jedhee
Erga akkas ta’ee geessaa gataa
abiddatti haa dhumaani isaanii
Ni duutu Jechuun bulluqa keessatti
gatee darbate isaaniinii
Ergamaan Gabri'eel hamma libsuu ijaatti
argamee isaan biraatti
Iyyeeluxaaf Qirqoos
bishaanicha daakuu eegalan akka qurxummiittii
Mootiin ergee ergamoota isaa
akka deemaanii ilaalaniif bishaanichaa
Isaan naasuun mootii biratti deebi'anii
waan ta'e hundumaa raajeffachaa
Sadii ta'aanii dhaabbatu bishaan walakkaa
tokkoo fannoo baatee
Mootiinis dhaqee ilaalee
garaasaanii waan hundumtuu abjuu fakkaatee
Innis amaneera Waaqa Gabri'eelitti
balleessaa isaaf dhiifama jechuunii
Galanni siif haa ta'u yaa ergamaa Gabri'eel
bara baraan jechuun ani!!!
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan
Afuuraa Qulqulluu waaqa
tokko AMEEN
Walaloo
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
Gammachiisaa Dhugaa
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
Gammachiisaa dhugaa kan
waaqni filatee
Misirrachoo himuu deema
hababoo qabatee
Maqaan isaa aja'ibaa hogganaa
samii raamaa
Hangafaa ergamoota inni
Gabri'eel jedhama x2
Kan isaaf laatee waaqni
kennaa aja'ibsiisaa
Warra dhala dhabee
isaa gammachiisaa
Ragaa haa bahuu lubni
qulqulluu Zakkariyaasi
Dullumaa keessa kan argatee
qulqulluu yoohaanisi x2
Ol samii gubbaatti lolli
guddaan ta'ee
Saxana'eel of_tuulaan
Uumadha ofin jedhe
Raafamuu ergamoota
jechasaan kan dhaabee
Kan nu uume hangaa dhufutti
yaa dhabbannuu jedhe x2
Sillaaseen dhufaani
Seexanaa qanneessanni
Abbaa sobaa oftuulaa
si'oolitti darbannni
Gabri'eel nu dhaabi
akka kee amantiin
Akka ittin dhaabbannuuf
Mana waaqayyooti x2
Gabri'eel jechuun namni
waaqa ta'ee
Waaqni nama ta'uudhan
sirratti barra'ee
Maqaa keerran barradhe
Iccitti foon uffachuu.
Yaa ergama waaqa ammas
siif haa ta'uu gammachuun
Addaamiif kan labsitee
dhaloota lammataa
Fuula waaqa kan dhaabbatu
ati ergamaa gooftaa
Nabuukadanatsor mootiin
warra baabiloonni
Labsii baasee waaq_harkeef
akka sagadanni
Ijoollonni sadan Ananniyaa
Azariyaa misaa'ilini
Waaq_harkee keetif hin
sagannu mootichan jedhani
Ati yoo barbadee nu ajjeessuuf
naqxee ibiddaa laboobatti
Nuu baasa inni amannuu
waaqa waaqotatti x2
Amantaa guutuudhan
seenaan abiddichaa
Qulqulluu Gabri'eel dhufee
samirraa arrifachaa
Labooba abiddaa fannoo
isaatin dhaamsee
Osoo him gubaatin
abiddichaa baasee x2
Waaqa isaan olchee
yeroo galatteffatanni
Nabuukadanatsor
dhagahee iyyaa isaanii
Abiddaati kan darbannee
nama sadii turee miti
4ffaan kunihoo ilmaa
waaqa fakkaatati
Kottaa bahaa jedhen
isaaniis bahanii
Osoo hin gubaatin
fayyaasaani arganii
Mootichis waaqayyoof
sagadee amannee
Har'aas nu haa bararruu
waaqni nu qabannee x2
Muddee kudha sagal
kanaaf kabajamaa
Nuu wajjin haa ta'uu eebbif
Eegumsi Gabri'eel ergamaa x2
Obbolleessa mariyaamii
Gabri'eel ergamaa
Nuu eegi nu tiksii yerumaa
hundumaa
Akka ijoollee sadanii
Qirqoosif harmeesaa
Nuu bararrii maaloo
Abiddaa Addunyaa keessaa x2
Waa'ee kee dubbadhee
hin fiixuu Gabri'eelii
Gargaara naaf ta'ii
Adaraa akka Dani'eelii
Galanni waaqayyoof
barumaa baranii
Kadhaaf eebbi haadhasaa
Dubree mariyaamii
Kabajni fannoosaaf ebbiif
sugni Gabri'eel ergamaa
Ani dadhabadha yoon
dogoggoree dhiifamaa
🌹🌷 ==//== 🌷🌹