i
Barreessaan
Guutaa Rabbirraa Baqqaanaa (MA)
Asoosama Dheeraa
CAAMSAA, 2013
FINFINNEE, OROMIYAA
i
Brief Biography of Guta Rebira Bekana
Guta is a Development, Emergency and Social expertise at Government and Non-
Government organizations in Ethiopia. Mr Guta Rebira has served Ethiopia for more
than 9 years in development and emergency works, particularly through program
designing, coordinating, mentoring, training, and monitoring of skilled professionals
in the area of both urban and rural development and/or emergency projects. His main
specialisation is the Non-profit Corporate Management, and Urban Sociology.
Holding BA in Sociology, MBA and MA in Sociology, Guta has served as project
expert through to managerial position in different organizations for the past nine
years. During these professional and development leadership times he has put the
organizations as one of the top performing partners from among the project
implementers.
As a coordinator of development projects during his past career time, He has successfully managed the conduct of
program management process steps starting from proposal designing through to project/program closure despite of
compromising both program quality and staff interests. Currently, Mr Guta Rebira is serving as a Monitoring,
Evaluation, Accountability and Learning (MEAL) Officer at International Rescue Committee (IRC)
ii
© Guutaa Rabbirraa Baqqaanaa 2013
Maxxansa Jalqabaa 2013
Maxxansa Lammaffaa 2018
Cover page content idea: Guta Rabira
Cover page design: Mitiku Fekadu (Journalist)
Asoosama kanarratti yaada, qeeqa yookaan dhaamsa
qabdan dabarsuu yoo barbaaddan teessoo armaan gadiin
asoosicha quunnamuu nidandeessu.
Lak. Bil. +251-912-298996
Email: guta2014@gmail.com
Skype : guta.rabira
Yaadannoo
Kitaabni kun, barattoota Oromoo egeree isaanii
fooyyeffachuuf jecha baratanii bu’aa dhama’a
isaanii osoo hindhandhamiin dhiiga isaanii
dhangalaasaniifi lubbuun hobba’aniif haa ta’u.
iii
Galata
Duraan dursa kitaaba kana qopheessuuf qofa miti, nama
waan yaade bakkaan ga’uuf rakkoon fayyaa hindaangessine
ta’uukoof, rabbi guddaan oolmaa eegumsa isaaf baraa
hamma baraatti haa ulfaatu. Waaqayyotti aanees, kennaa
waaqayyoo akkan fayyadamuuf guca cicha ga’ee aartii
ogbarruu oromummaa baatee, waan hundumaan kan ana
fuuldura ibsaa ture, barreessaan kitaabota Afaan Oromoo
kan akka Furtuu, Quba Qabduu, Ichima Jaalalaafi kanneen
biroo obboleessikoo Geetaachoo Rabbirraa jaalalaaf galata
daangaa hinqabne na biraa qaba. Galatoomi Gechoo.
Akkasumas, yeroon halkaniif guyyaa dadhabaa turetti, ana
cinaatii kan hindhibamne haadha manaakoo kanan baay’ee
jaaladhu barsiistuu Dastaa Ibsaafi ijoolleekoo anatti
naanna’anii na bohaarsaan Miiltoo, Hiiroofi Rooban Guutaa
galateeffachuun barbaada. Hiriyyaakoo yeroo hundumaa,
gaafa jalqabaa qalamnikoof barruuleenkoo walitti buutee
eegalee na cinaa ture, Balaay Gobooshoo hedduun si
galateeffadha.
Addumatti, asoosamni kalaqa sammuukoo ta’e kun
maxxanfamee uummata Oromoo bira akka ga’uuf maallaqa
guutummaa maxxansa isaa kan naaf gumaache
obboleessakoo Obbo Dassaalany Rabbirraa guddaa
haagalatoomu.
Dhumarrattis hiriyyootakoo Dajanee Margaa, Mitikkuu
Fiqaaduu, Lammeessaa Asaffaafi Gaaddisaa Abarraa
akkasumas barsiisaa Qixxeessaa Ibsaa yeroo isaanii aarsaa
godhanii dubbisuudhaan, iddoo jallate sirreessuun kan na
gargaaraa turaniif galannikoo guddaadha.
iv
Dhaamsa
Addunyaan biyya lafaa buburreefi walxaxaadha. Rakkataan
irratti boo’a. Dureessi irratti boona. Dhabeenyi nama
boochifti, qabeenyi nama boonsifti. Isa boo’uufis ta’e isa
boonuuf, kan darbeef seenaa kan dhufuuf seexaa dhaamuun
seera uumaa dhalachuuf du’uu waliin kan walqabatee
dhufedha.
Anis waan dhaamullee qaba sabakoo, garuu waan baayyee
jechuuf osoo na rakkiseyyuu waa xiqqoo dhaamuun
barbaada. Kaan dhaba boochisa, Oromoon qaba garuu
inboo’a. Kaan qabeenya boonsa, Oromoon qaba garuu
hinboonu. Qe’ee Oromootti maaliif seerri uumaa jallate
laata? Hiriyyootakoofi namoota biroo carraan adda addaa
walitti nu fide birattillee yeroo hedduu osoo hinjaalatiin waa
jechuu nan jaaladha. Ta’us hamma ta’e namoota barreeffama
Afaan Oromoo dubbisuu danda’aniifi dubbisuuf onnata
qaban hedduutti dubbachuuf hamma yoonaatti carraas ta’e
dhamaatiin naaf milkaa’e hinturre. Garuu osoon waan
dubbadhu hindhabiin carraas ta’e milkaa’ina dhamaatii
dhabee turus, guyyaan itti abdii kutee harka maradhee taa’e
hin yaadadhu. Guyyaafi haalli, carraaf milkaa’ina
dhamaatiikoo sakaales haqaaqqatee, dubbiin qabu keessaa
calaqqee qarqara ishii tokko jedhee Asoosama dheertuu
Mil’uu Miliquu jedhamtu kanaan kunoo miixannaa waggaa
kudhaniin booda afaan hiikkadheera.
Asoosama kana barreessuun anaaf saba Oromootti
dubbachuuf yookaan saba Oromoof dubbachuuf uleekoo
jalqabaa saamsa ittisa daangaa cirtu taatus, kaayyoon
Oromoof turjumaana ta’uu waan ana keessa bule hinjiru.
Oromoon aadaa boonsaa qaba. Saba boonaas qaba;
v
eenyummaa miidhagaas qaba. Lafa sanyii hin nyaannes
qaba; afaan jecha hinwaakkannes qaba; jaalala
hinligidoofnes akkasuma, garuu of ibsuufis ta’e jiraachuuf
kan Oromoon baroota jaarraan lakkaawwamaniif hanga
har’aatti alagaan ibsamuufi mul’istuu eenyummaa isaa
alagaan irraa mulqamee, ofirratti alagaa moosisee mataatii
gad cabee beekamtii kenneefii kun dhalootaan hiree Oromoo
akka hintaane afaankoo banadhee dubbachuuf wanti na
shakkisiisu hinjiru.
Handhuura dhaamsakoo ta’ee saba Oromoo bira akka naaf
ga’u kanaan barbaadu keessaa inni ijoon, sabni Oromoo
hiree Waaqa biraa kennamteen baraabaratti akka
hacuucamus ta’e miila jalatti akka dhiitamu hireen
qoodameefi hinjiru, yoo hiree nama yookaan saba biraa irraa
kan kennamteefii taate malee. Oromoon beekaa qaba iddoo
sadarkaa hundatti, jaarsolii qe’ee irraa kaasee hanga
yunivarsiitiilee gurguddoo addunyaatti. Garuu barri
beektotaa darbuun hinoolu, darbees agarreerra. Osuma
beektota qabnuu, gidiraafi hacuuccaan saba Oromoo irratti
ta’u bara dhufee darbu itti caalaa adeeme. Beekaan ilma
Oromoo addunyaa gajjallaa hanga gararraatti beeekumsaan
kuulame, madaafi madda hacuuccaa saba isaa kana baruun
maaliif akka jalaa dhokatte dhaamsakoof gaaffiidha. Deebiis
barbaada. Ani dhimma Oromoof nama gaaffiif malee deebiif
ga’ee hinqabnedha of jechuukoos miti. Oromoon turjumaana
barbaada jechuukoos miti. Ilmi Oromoo dhimmi Oromoo
dubbatu turjumaana Oromoo miti. Dhimmi Oromoo, ilmaan
Oromoof dhimma dirqama Oromummaati. Oromoon, aadaas
ta’e mul’istuu eenyummaa dubbatu waan qabuuf, of ibsuufis
ta’e ifuuf alagaan akka ibsaa qabuuf hinbarbaachisu. Maaliif
barootaaf dukkanaan akka deemaa jirru wallaalus, sabni
vi
Oromoo ofuma isaa iyyuu ibsaa akka ta’e hinshakku. Kan
nama naasisu garuu, barootaafi guyyoota darban keessatti
Oromoon jireenya hacuuccamuu dabarsus, Oromoonni
yeroo sana turanis ta’e yeroo ammaa jiran kun osuma
dhalarraa dhalatti dabarsanii fincilaa dhufanii, inni du’u
du’ee inni dhalates guddatee har’a ga’eera. Har’a garuu
dhala Oromoo alagaatu Oromoorratti guddisaa jiramoo
Oromootu guddifataa jiraa? Hanga har’aatti diina lolaa as
geenyus, lafa dhihee barii’u tokko ta’uuf bilisummaatti
dhiyaachuutu mallattoo agarsiisaa jira osoo hintaane,
tokkummaa dhabuufi gochaan diinaa sabuma ofii keessaa
oomishamaa deemuutu dabalaa adeeme. Yeroo diinni guboo
saba Oromoo keessatti dhagaa bu’uuraa buufatu
qoqqoodamuun saba Oromoo ragaa seenaa jiraataadha.
Akka natti fakkaatutti garuu kan Oromoon yaadda’uu qabu
inni guddaan isa alagaan guboo saba Oromoo keessatti
dhagaa bu’uuraa kaa’u osoo hintaane, akkaataa oromoon
shira alagaa kanaaf deebii kennaa jirudha. Kanaafuu akkuma
“xuxiif buxiin waldida” jedhamu karaa saayinsaawaa haa
ta’uu aadaa, sochii Oromoon bilisummaa gonfachuuf godhu
keessatti deebiin shira xaxxootaaf kennamu akkaataa
ka’umsa hundee isaaniitti adda adda ta’uun dirqama natti
fakkaata. Keessumaa iyyuu dhiiga ofii of wallaalee diinaaf
ergamu jechuun diina miti. Diina ta’uu dhiisuun isaa garuu
gochaa diinaa oromoo irratti hinraawwatu jechuukoos miti.
“Quba ofii ajaa’e jedhanii kutanii hingatan” akkuma
jedhamu, wallaalaa ofiis gorsatanii barsiifatanii gochaafi
hojii qaanii_ alagaaf ergamuu_ keessaa baafatanii humna
godhatu malee, akka diinaatti balaaleffatanii deebiifi gochaa
diinaa yoo itti deebisan, duraanuu wallaalaadha ittuu abidda
qabsiisanii akka mana gubu jajjabeessuu natti fakkaata.
vii
Kunimmoo Oromoof gabrummaa kunuunsuudha, diinaaf
immoo milkaa’inadha.
Rafnes kaanes, falles dhiisnes, gootomnes daboomnes,
qabsoofnes dhiisnes yeroo dheerata malee bilisoomuun
keenya kora hinhafne waan ta’eef dhaloonni milkoomee
bara birmadummaa kana qaqqabes ta’e dhalate, dhiiga isaa
alagaaf ergamaa ture kana akka harkisoo guboo diinaatti
lakkaa’uu danda’a. Kunimmoo Oromoon hamma lafa
kanarra jirutti quba walitti qabaa akka diinaatti wal nyaachaa
jiraachuu qofa osoo hintaane, lafa dhihee barii’u hammi
diinaa itti baay’ataa waan deemuuf, bara jireenyasaa guutuu
yerootti diina mormu malee yerootti hojjetee misoomu akka
hinarganne tilmaamuun waan ulfaatu natti hinfakkaatu.
Sabni baratee hojjetee hinmisoomne immoo ergamuuf
ergaramuu irra darbee qooda inni taphatu waan yartuudha.
Anis asoosama dheeraa ‘Mil’uu Miliquu’ jedhamtu kana
keessatti calaqqee seenaafi eelaa dhugaa, bilisummaa
dhabuun barattoota Oromoo Oromiyaa irratti geessisaa
tureef rakkoo hawaasummaa, dinagdee, aadaa, seenaa,
siyaasaafi harkisoowwan biroo tuquuf yaaleera.
Gama biraatiin immoo hiikkaan jireenya jaalalaa
sabboontota dargaggeessaaf dargaggeettii saba Oromoo
barootaaf ture, hanga du’aa dullumaattimoo hanga jiraa
du’aatti isa jedhuuf ajandaa sabni Oromoo jireenya
sabboontotaaf jecha irratti yaaduus ta’e mari’achuu qabu
akka ta’e ani akka ilma Oromoo tokkootti amantaa guddaan
irraa qaba, waa jechuus yaaleera. Jaalalas ta’e jaalalleen
ilmaan Oromoo, qabsoo Oromoof humna ta’uu qaba malee
sakaallaa kaayyoo ta’uu hinqabu.
viii
Bilisummaan damma caalaa mi’oofti. Gabrummaan eebicha
caalaa hadhoofti. Bilisummaan qabeenyaa namni yookaan
qaamni gurmaa’ee humnas ta’e aangoo qabu yeroof nama
harkatti sarbuu danda’u ta’uu danda’a malee, qabeenyaa
namni namaaf kennuu danda’u tasumayyuu ta’uu
hindanda’u. Carraan haala jireenya Oromoo si’anaas
cuunfaa eebicha gabrummaa unachuu ala ta’uu hindanda’u.
Bilisummaan qabeenyaa kennaa rabbii baasii tokko malee
dhala namaa hundaaf walqixa kenname ta’us yoo sarbame
deebifachuuf qabeenyaa baasii guddaa nama gaafatan
keessaa kan gatii bilisummaa caalu hinjiru. Kan rafe
barbaadanii lafa jirutti dammaqsuu barbaada, kan dammaqe
dhageessisuuf duuka bu’anii jajjabeessuu barbaada.
Kanaafuu sabni gabroome, jabaatee bilisoomee eelaa darbe
dhalootaaf katabee akka seenaa yaadatuuf, bilisummaa
gonfates hadhaa jireenya gabrummaa beekee dammaqinaan
akka tikfatuuf, aartiin ogbarruu meeshaa hinligidoofne akka
ta’e jabeessee dhaamuun barbaada. Isinis aartii Oromoo
guddisuu keessatti ga’ee qabaadhaa.
Dhumarrattis, maqooliin ani asoosama kana keessatti
fayyadame calaqqee seenaa dhugaa ta’anis kallattiidhaan
eenyuunillee kan bakka hinbuuneefi kalaqa sammuukoo
qofa akka ta’an ibsuun barbaada.
Maqaa uumaatiin tokkummaan saba Oromoo gidduutti
coologe deebi’ee haalatu! Saba bilisummaatti jiraatu malee
saba bilisummaa hawwu ta’uun barri isaa haagabaabbatu!
Dubbisa Gaarii Isiniif
Hawwa .
Guutaa Rabbirraa Baqqaanaa
ix
Boqonnaa Tokko
Maatii guddaa baadiyaa Birraa yeroo nyaata asheeta
boqqolloo galgala galgala walitti naanna’anii jimmaa
jimmiiteefi hibboo taphatan keessattin dhaladhe. Mootiin
maatii keenyaa_ abbaankoo yeroo hedduu hojii oolanii yeroo
galan miilla isaanii dhiqsiifatanii, dagalfatanii ciisanii nama
gorsuu jaalatu.
Erga irbaanni nyaatamee booda, yeroo maatii keenya keessaa
namtokko ka’ee jimmaa jimmiitee jedhee nama kolfe
abaaree, nama obse immoo lafaaf biyya kennee eebbisee,
cilaattiifi daaraa fuulatti dibatee mana keessa olii gad kaatu,
abbaankoo taa’anii hunda taajjabu. Kaan kolfa qabachuu
dadhabee akkuma sangaa siddisa nyaatee bokokee, utaalee
futtaafata. Kaan immoo fuula cocorreefi buburree kana
dandamatee osoo takkaa ilkaan hinsaaqiin, erga abbaan
jimmaa jimmiitee missinee dadhabee booda, yeroo inni
kukuluutuu jedhu, bariite jedha. Eebba isaas unata. Akka
cimaattis lakkaawwama. Taphichas akka injifateetti ilaalama.
Abbaankoo jaarsi nama guddaan taa’anii kana hundaa
taajjaban, jireenya dhala namaa erga gaafa dhalatanii hanga
guyyaa du’aniitti jiru madaalanii, muuxannoo bara jireenya
isaanii waliin walqabsiisanii gorsa tokko tokko nu gorsu.
Isaanis guyyaa galgala tokko, yeroo nuyi jimmaa jimmiiteef
hibboo taphannee xumurru walitti nu qabaniiti, jecha addaa
tokkoon nu gorsan.
1
“Elaamee ijoolleekoo…… Namni lafa kanarratti gaafa
uumamu akeeka uumameef qaba. Akeeka uumameef kana
bira ga’uuf yookaan raawwachuuf garuu laggeen gurguddoo
sadii kan irra cee’uuf hedduu nama rakkisan jiru. Laggeen
kunis: Fe’isa fe’amee hinhiikamne, qara qaramee
hindoomneefi nama du’ee du’aa hinkaanedha. Garuu namni
jabaan waan godhuuf maaliif akka godhu beeku laggeen kana
riqicha mataa isaatiin irra taruu danda’a. Kunis ta’uu kan
danda’u namni nama ta’ee qaamaaf yaada fayyaa qabu akka
nama lafarra deemuutti of ilaaluu dhiisee yoo akka nama
mukarra ciisuutti of ilaaledha. Namni mukarra ciisus guyyaa
yookaan torbee dagachuu osoo hintaane maaykiroo sekoondii
tokko dagachuutu lafee nama cabsee qaama nama
laamshessa. Ajjeessee achiin hambisuus indanda’a” jedhan.
Maatiin gorsa kana taa’ee dhaggeeffataa tures nama hedduu
ture. Keessaa garuu obbolaan waliin dhaladhe ana malee
nama torba turan. Namoonni haala adda addaatiin miseensa
maatii keenyaa ta’anii gorsa abbaakoo dhaggeeffataa turanis
lakkoofsaan baay’ina obbolaakoo kanaa gad kan ta’an miti.
Ani maqaankoo Jaawwaraa Caattooti. Maqaan haadhakoo
ishii ana deessee immoo Rabbituu Beekaa jedhamti.
Obbolaan waliin dhaladhe keessaas dhiirri nama shani.
Maqaan isaaniis angafa irraa gara quxisuutti; Milkii,
Namoomsaa, Hulluuqaa, Abdiifi Dorcaa Caattoo jedhamu.
Warri hafan dubartoonni lamaan immoo Marartii Caattoofi
Galgalee Caattoo jedhamu.
Egaa ana waliin abbaankoo dhiira ja’a qaba. Anis abbaakoof
mucaa afraffaadha. Hulluuqaatti aanee jechuudha_
dhalootaan. Anis egaa dhalootaan tokkicha_ nama
qobummaan isa jeequ, akka hintaane rabbiin galateeffachaa
2
obbolaakoo ofcinaatti ilaaleen beeka. Haata’u malee
dhalootaan qobummaan yoo natti dhagahamuu baate iyyuu
seeruma uumaa hiree jireenya dhala namaa kan ta’e hojiin
waan jiruuf, hojjechuuf immoo barnoonni murteessaa waan
ta’eef akkuma obbolaakoo warra angafaa baratanii hojii irra
jiranii, anis jireenyakoo fuuladuraaf jecha barnootaan qobaa
ta’uu ergan eegalee waggoota muraasa lakkoofsisuu
eegaleera.
Garuu duraan osoo waggoota qobummaa kana lakkoofsisuu
hineegaliin yeroon sabaafi uummata lammiikoo keessa taa’ee
barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa ture, barnootakootti
akkuma obbolootakoo angafaa barataa cimaan ture. Qabxii
qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaa s gaarii fideen gara isa itti
aanu kan afaan Ingiliziitiin baratamuutti darbe _ mana
barnootaa sadarkaa olaanaa. Akkuma sadarkaan barnootakoo
dabalaa adeemeen, gostiifi qabiiyyeen barnootaa dabalaa
adeemuun osoo ana hinjeeqiin wanti ani beekuufi himuu
hindandeenye na jeequu jalqaban_ yeroo sanatti. Sadarkaa
barnootaa kanatti ergan darbee booda egaa waxxeen
qormaata jireenyaa anuma mataakoo irraafi kan anaan ala
naannookoo jiran irraa natti waxxifamuu jalqabe.
Dhiigni dargagummaa akka qeerransa kiyyoon qabee ana
keessaa wixxifatuufi qormaanni jireenyaa akka laga Mormor
ganna ganna jirma guuree yaa’uu, narratti walga’anii akka
qilleensa birraa olii gadi na raasuu eegalani. Mukti
qilleensaan raafame yoo hunda ta’uu baate illee osoo
hinjaalatiin baala lama sadii osoo gad hinlakkisiin hinhafu.
Garuu muka baala qabu yoo ta’edha malee muka baala
hinqabne qilleensuu hinraasu. Raasamus waan lakkisu
hinqabu. Anis guutummaa guutuutti namummaakoofi
hojiikoo gad lakkisuu baadhus hamma ta’e of dagachuunkoo
3
hinoolle_ waxxee qormaata jireenyaa anatti waxxifaman
kanaan. Xiqqaattus hamma humna ishii narratti milkoofteetti.
Akka nama du’ee muka baala hinqabnetti fakkeeffamuu
baadhus, qabxii barattoonni ani dorgomu fidan biratti, kankoo
boquukoo ‘mataa muka qagii’ na goote. Lafa na ilaalchifte.
Anis akkuma nama qoosee dhahamee guyyaan qabxiikoo_
jechuun kan kutaa 10ffaa argee eegalee boquun ol na jechuu
dadhabe. Waanumti halle akka nama gabaatti alba’ee qaanii
natti ta’e. Leeyyoon natti duule.
Guyyaa tokko yaadaan badee magaala keessa osoon deemuu
miilumtikoo fuudhee mana dubbisa kitaabaa uummata
magaala Shaambuutti na baase. Anis xiqqoo balbala mana
kitaabaa kana fuuldura ijaajjeen waanuman arge seeneen
dubbisa, hamman magaala keessa jooru jedheen ol itti seene.
Xiqqoo kitaabota hiriira galanii nalaalan sana ijaan irra
fiigeen, keessaa tokko kitaaba ‘sooshaal rileeshin’ jedhu
suuta fudheen gara teessuma rakkoo jiru tokkootti siqeen irra
gad taa’e. Dubbisuus nan eegale.
Akkuman waa dubbiseen mata dureen ani dubbise yaadnisaa
naaf galuu dide. Iddoo naaf galun dubbisa jedheen as duubatti
deebi’ee baafata kitaabichaa tokko tokkoosaa yaada qalbiin
ilaale. Xiqquma gad siqeen maqaa Albert Inistaayen jedhu
yeroon argu dafeen fuula baafatichaa ilaale. Albert
Inistaayen, barnoota sadarkaa gadii yeroon baradhu namoota
bebbeekamoo hayyoota addunyaa jedhaman keessatti yeroo
baay’ee maqaasaa waanan dhagahuufi malee maaliif akkan
dubbisu, maal akkan dubbisu waanin karoorfadhee manaa
bahe tokko illee hinjiru. Osoon joonja’ee magaala keessa
jooruu Kitaabuman dubbisa jedheen olseene malee.
4
Garuu akkuma nama karoorfatee dhufee, mata duree keessaa
filadheen gara fuula baafatichaa dhaqee dubbisuu eegale.
Fuula sadan tokko akkuman dubbiseen jecha “namni
qormaanni itti baay’atu yoo qormaaticha mo’ichaan irra
darbe beekumsi isaa inbaay’ata” jedhun arge. Akkuman jecha
kana dubbiseen yaadni isaa ifa naaf ta’uu dideeti, akka
dambalii bishaan haroo qilleensi raasuu, sammuukoo keessa
gaggaragaluu eegale. Qormaata akkamii? Isa barsiisaan mana
barumsaatti nu qorudhamoo? Kun immoo akkamiin nama
qormaanni itti baay’atu jedhama? Barataan kutaa sana keessa
jiru hundihoo baay’ina gaaffii qormaataas ta’e gosa
qormaataa wal fakkaatu fudhataa, Maal jechuu barbaadeeti?
Warri mana barumsaa galanii barachuuf carraa
hinargannehoo? Qormaanni kun isaan hinilaallatu laata?
jedheen oljedhee gorroo mana dubbisa kitaabaa irra ijakoo
hordeen yaadaan buusee baase.
Ta’us qormaatichi nama lafa tokkorra jiru keessaa tokkotti
baay’atee tokkotti xiqqaatu isa kam akka ta’e walii baree
murteessuu dadhabeen yaadakoo hiixatee ijakoo gorrootti
fannise gad dachaafadhe. Jechuma kitaabichaa hima kanaaf
ibsa kennan, jechichumatti aanseen yaada qalbiin dubbisuu
eegale.
Dubbisee dubbisee gara gidduu yaadichaa yeroon ga’u,
„
qormaanni kunis kaayyoo dhalli namaa bira ga’uuf yookaan
argachuuf kaayyeffatee gara fuuladuraatti itti adeemuufi
namticha abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa gidduu
fageenya yaadaatu jira. Deemsa fageenya yaadaa kana
keessas qaamaanis ta’e yaadaan tabba osoo fiigaani nama
dhaabu, irraangadee osoo dhaabatanii nama fiigsu, hirriba
osoo sireen jiruu nama didu, ija osoo aduun ba’uu fayyaa
ta’ee argaa dhabuufi ta’iiwwan hunda akka kanaa dugdaafi
5
garaa ta’an kan qaamota miiraa dhala namaan hubatamaniifi
hinhubatamne, adeemsa fageenya yaadaa kaayyoofi abbaa
kaayyoo gidduutti nama mudatanidha” jedhun dubbise.
Ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan qormaata jireenyaa ta’an
kunis lakkoofsaan hammana jedhamanii beekamuu
baatanillee baay’inni isaanii daandii adeemsa fageenya
yaadaa, kaayyoofi abbaa kaayyoo gidduutti, abbaa kaayyoo
yookaan dhala namaa mudatan kun, ulfinaanis ta’e
baay’inaan, namaa namattis ta’e baraa baratti garaagara.
Kanaafuu nama ta’iiwwan akkanaa kun deemsa fageenya
yaadaa kana gidduutti itti baay’ataniifi namni ta’iiwwan kana
yookaan qormaata jireenyaa kana injifannoon irra
tarkaanfatee deemsa fageenyaa kana xumure_ jechuun kan
kaayyoo isaa biraan ga’e, beekumsa guddaa argata jechuu
dha. Kunis jedha, namni kaayyoo kaayyeffate biraan ga’e
hundi beekumsa guddaa wal qixa qaba jechuu miti. Maaliif
jennaan, hamma guddina beekumsaa kan murteessu hamma
mudannoo qormaata jireenyaa deemsa fageenyaa sana
gidduutti nama mudatanii injifannoodhaan irra darbamaniiti
malee, namni waan hawwu yookaan kaayyoo isaa biraan ga’e
hunduu beekumsa guddaa qaba jechuu miti_ abbaan carraafi
haala yeroon milkaa’uunis waan jiruuf.
Haata’u malee namni ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan
qormaanni jireenyaa itti baay’atan, garuu mo’ichaan irra
darbaman beekumsa dabalata yeroo jedhamu, abbaa kaayyoo
ta’iiwwan kanatu beekumsa badhaasa jechuu miti. Nama
qormaanni akkasii itti baay’atu beekumsi itti baay’ata yeroo
jedhamu, hojii humnaa qottoon muka kutuu yookaan laga
utaalanii ce’uu jechuu osoo hintaane. Yeroo qormaanni tokko
simudatu qormaaticha injifannoon darbuuf yaada ati itti
yaaddee keessa darbuuf karaa sirriidha jettee murteessite,
6
yoo sirrii ta’ee sidabarse ati beekumsaa akka dabalatte
agarsiisa. Garuu karaan filatanii keessa darban hunduu
sirriidha jechuu miti. Kanaaf laga ce’uuf, utaaluu dura yaada
karaan itti laga cehan maal maaltu jira? Isaan keessaahoo
kamtu hunda irra akka salphaatti na ceesisa? Jirma mukaa
daandii ati deemtu irratti jigee jiru yoo siqunname immoo,
qottootiin kutuu dura irra tarkaanfachuumoo, gad
gangalchuumoo qottoon kutuu wayya jettee, tarkaanfachuufis
ta’e gad gangalchuuf humnakee, kuttee gatuuf waan itti
kutan qabaachuukee, akkasumas tooftaalee mirga namaatti
hinbuune biroo wal bira qabdee yaaddee kan ati keessaa
filattee ittiin irra tarte gochaadha.
Garuu yaadni gochaa kana gochaalee keessaa filatee
milkaa’ee si ceesise kun siif beekumsa. Beekumsa dabala
jechuunis, daandiin yookaan gochaan ati filatte akkuma
garaagarummaa qormaata simudataniitti garaagara waan
ta’aniif, yaadni karaa darbinsaa kana yaadee murteesses
tokko tokkoon isaa akkuma baay’ina qormaatichaan
beekumsa adda addaa burqisiisa. Kanaafi egaa namni
qormaanni itti baay’atuufi qormaaticha injifannoon irra tare
beekumsi itti baay’ata kan jedhameefii jedha _ibsi
kitaabichaa.
Anis kitaabicha akkuma gundoo fuuldurakoo diriirseen, ergaa
jechootan dubbisaa turee kana jireenyakoo darbeefi
kaayyookoo kan gara fuuladuraa wajjin walitti fideen xiqqoo
galaana yaadaan daake _ mana dubbisa kitaabaa uummata
magaalaa shaambuu keessa taa’ee.
Yeroo kana anis battalumaan waan lama sammuutti of fide_
osoo hinjaalatiin. Inni tokkoffaan, Albert Inistaayen yeroo
“adeemsa fageenya yaadaa” jedhee ibsa laatu waa’ee
7
kaayyoo dubbatee ture. Innis adeemsa abbaa kaayyoo
yookaan dhala namaa irraa gara kaayyootti adeemamu yeroo
jedhu, kaayyoon fuuldura dhala namaatti akka argamuufi
tasuma iyyuu duuba abbaa kaayyoo akka hintaane. Osuma
waltumsuun barbaachisaa ta’uu, kan geejjiba dhuunfaafi
karaa dhuunfaatiin bira ga’amu akka ta’e nan hubadhe.
Garuu deemsi fageenya yaadaa qormaata jireenyaa
injifachuuf deemamu jiraachuuf, dirqama kaayyoofi abbaan
kaayyoo yookaan dhalli namaa jiraachuu akka qaban
sammuukootti dhufe. Maaliif? Adeemsi fageenyaa jalqabuuf
ka’umsa (abbaa kaayyoo) xumuruuf immoo dhuma
(kaayyoo) yoo qabaate malee adeemsa hawwaa keessaa waan
ta’uufi. Kan gaaffii natti ta’e garuu namni nama ta’ee
kaayyoo hinqabne jiraayi? Yoo jiraate maddi beekumsa isaa
maal ta’aree? Qormaata jireenyaa beekuu laata? Warri
qaamaan nama ta’anii yaadaan akka namaatti ofiifis ta’e
sabaaf waan boruu hin yaadne warra akkasii tayinnaa? Warra
seera uumaa cabsanii, waan darbeefi waan du’e walii
wallaalanii akka waan jiruutti irratti bobba’anii, kan mataa
ofiif saba burjaajessan. Biyya keenya keessa jiruu laata? Moo
biyyuu kan isaaniitii? Ani hinbeeku deebisaa. Garuu warri
dhiyoo kana haalaaf lafa mijate irratti dhalatanii akka
duumessaafi hurrii baddaatti lafa qabatanii tiratan kun, kan
warra keenya ifaan dimismisa dukkanaa keessa deemsisan
sammuutti na dhufnaan malee. Isaanumaafan dhiisa hamma
of baranii deebii gaaffii kanaa deebisanitti. Ta’uu baannaan
osoo beekumsaa hinargatiin bara isaanii guutuu osoo ofiif
saba burjaajessanii du’anii hobbaafatu. Kana beekuun jalqaba
isaanuma mataa isaanii, warra akka daawwitii ofii of duuba
wallaalanii karaa fuuladuraa kan dura qaban agarsiisan,
fayyada waan ta’eef. Haa taa’u qadaadamee hamma gaafa
8
deebii argatuutti. Baraaf waaqa malee namni kanaaf waan
deebii qabu natti hinfakkaatu.
Inni lammataa ani kitaaba kana irraa hubadhe immoo, ani
Jaawwaraan_ ilmi abbaa Milkii waxxee qormaata jireenyaa
anaafi wantoota anaan ala jiran irraa anatti waxxifamaniin,
bakka hiriyyaakoo ga’uu dadhabee akka nama gabaatti
alba’ee boquunkoo gadi cabee deemu, guyyaa baay’ee kaniin
keessa darbuuf murteesse, boquuma cabsee osoo
hiriyyootakoo ija isaanii hinilaaliin, mana barumsaama
ooleen gala jedheen ture_ yoon milkaa’eef hamman biyya
nama maalummaakoo hinbeeknee dhaqutti. Garuu maaltu
boquukoo akka cabse, furmaanni isaa boquukoo ol qabu
immoo maal akka ta’e, guyyaa tokko illee yaadee hinbeeku.
Kun immoo dogoggorakoo isa guddaa akka ta’e, guyyaa
ayyaantuu guyyaan kitaaba kana itti dubbisen hubadhe.
Ergan hubadhees, waxxeen kun qormaata jireenyaa akka
ta’eefi qormaata kanaaf gad cabuunkoo furmaata akka
hintaaneefi beekumsaa dabalachuuf dadhabuukoo,
akkasumas beekumsaa dabalachuuf immoo kaayyoo lafa
qabate yookaan kaayyoo bishaan gabatee irraa hintaane kan
fuuladurakootti argamu qabaadhee gufuu baay’ee anaaf isa
gidduu jiru injifannoon irra darbuu akka ta’e hubadheen
murteessee dhugaa bahe dogoggoruukoo. Innis qormaata
mo’anii irra darbanii beekumsa badhaasamaniif osoo hin
yaaliin waxxee qormaata jireenyaa natti waxxifamaniif
ganamaan jilbeeffachuukoo.
Isan boquu cabsee oolee galuuf murteessee, amaleeffadhee
tures, guyyaa kanaa eegalee kaayyookoo of fuuldura dhaabee,
deemsa fageenya yaadaa anaafi kaayyookoo gidduu diriiree
qormaata jireenyaan guutame, injifannoon irra tarkaanfadhee
9
kaayyookoo biraan ga’uuf ofumaa ofif murteesseen
kitaabicha iddoo isaatti deebisee gara manakoo ishii golli
ishiis, bakki ciisichaas, bakki nyaataas, bakki qo’annaas
kutaama tokkoon guutamte mana kiraayiikootti, ofitti
odeessaan ba’ee qajeele. Kana hundaayyuu kanaan murteesse
egaa, qabxiinkoo baay’ee ana gammachiisuu baatus barnoota
sadarkaa qophaa’inaa (preparatory) seenuuf ga’aa waan
ta’eef baradhee boodas, barnoonni sadarkaa dhaabbilee
barnoota olaanaa hedduun kaayyoo garaagaraa waliin
akkuma fuuldurakoo jiru qormaanni jireenyaa hedduunis
gidduu keenya waan jiraniif sodaa tokko malee injifannoon
irra darbuufi.
Haa ta’u malee har’uma guyyaa yaadnikoo kana
murteesseefi, yaadnikoo galgalaa ergaan wantan dubbisaa
oole deddeebisee yaadee waan baay’ee wal gate. Gaaffii natti
uume. Naburjaajesse_ yaadnikoo. Mannikoo ishiin mana
kiraayii kutaa tokko qofaa qabdi. Garuu kutaan
qo’annaakoos, kutaan nyaataakoos, kutaan ciisichaakoos
hunduu osoo adda addaan naaf ta’e baay’ee natti tola ture.
Fedhaafi hawwii kana hundaa kutaa qofa qofaatti kan gaafatu
qabaachuu miti, tokkittiimti tajaajila kana hundaa laattu
iyyuu kankoo yookaan kan abbaakoo akka hintaane mana
kiraayii ta’uusheen hubadhe_ kan nama ormaa.
Kun immoo anaaf qormaata jireenyaati. Barachuun
kaayyookoo waan tureef_ yeroo sanatti. Kana hundaa garuu
kutaa tokko keessatti fayyadamee barattoota ijoollee
sooressaa kan kutaan tajaajila adda addaa kun hundi isaaniif
guutame waliin mana barumsaa tokkoofi kutaa tokko keessa
taa’ee dorgomaa tokko ta’ee osoo addaan hinkutiin
barachuunkoo mala dhahee qormaata jireenyaa tokko
injifadhee beekumsaa dabalachuukoo agarsiisa jedheen of
10
waliin yaada wal jijjiiree of gammachiisuu eegale_ beekumsa
badhaasamuukoo.
Kana duwwaas miti kaniin dur calliseetuma mana barumsaa
oolee galu, har’aa kaasee maaliif akkan mana barumsaa
deemu beekuun qaba jedheen taa’ee of gaaffe_ Sodaa
qormaata jireenyaan kaayyookoo dheessee akka biraa
hinbadneef.
Deebiinsaa garuu kaayyookoo tokkicha lafa qabate
qabaadhee fuulduratti itti adeemuuf waan lama natti ta’eeti
kanan filadhu ana wallaalchise. Inni tokko mana barumsaa
dhaquun anaaf kaayyookooti moo? jedha, inni kan biroon
immoo mana barumsaa dhaquun daandii deemsakoo
kaayyookootti ana geessudha jedhee yaadakoo waliin dhaha.
Xiqqoo tokko taa’een keessakoo dhaggeeffachaa yaade.
Manni barumsaafi barnoonni isaan lachuu kaayyookoof
daandii akka ta’aniifi akkasumas deemsa anaafi kaayyookoo
gidduutti, qormaata jireenyaa ana mudatan injifachuuf garuu
manni barumsaafi barnoonni kaayyookoo ta’aniiti karaa itti
kaayyicha lafa qabate bakkaan ga’an deemsakoo fuuladuratti
butu. Garuu akkuma haalaafi bifa qormaatichaa irratti
hundaa’ee daandii, mana barumsaafi barnoota kaayyoo
taasisu akkan filadhu nan murteesse. Yeroo kana egaa,
daandiin kaayyoo lafa qabatetti nama geessu yeroo tokko
tokko bifa jijjiirratee, kaayyoo illee fakkaatee, daandiin kun
kaayyoo kaayyootti nama geessu fakkaatee akka mul’atu ija
yaadaanan arge.
Ta’us jalqaba deemsakoof of godhadhee deemsakoo
xumuruuf dhumni isaa kaayyookoo isa lafa qabatedha, jedhee
ergaan xiqqoo yaadee booda ammas sammuunkoo qormaata
11
jireenyaan waxalamaa ture gaaffii biraa natti dhale. Kunis
qormaata jireenyaa, deemsa fageenya yaadaa kaayyoo bira
ga’uuf taasisu keessatti ana qunnaman hunda, moo’ichaan
darbee kaayyookoo bira yoon ga’e isaa booda kaayyoo
qabaachuuf xumura irran ga’emoo? Kaayyoon biraa ammas
fuuladura jira jedheen of gaaffe. Battalumatti gaaffiin of
gaafadheef sammuunkoo hiikkaa xiinxala jechootaan
dubbisaa oole irraa jireenyakoo darbe waliin wal bira qabee
deebii naa erge_ haa galatoomu. Akkana jedhe. Wanti wanta
tokkoof xumura ta’e wanta isatti aanee gara fuuladuraatti
jiruuf jalqaba ta’a jedhe. Anis itti amaneen kaayyoo tokko
qormaata jireenyaa injifatanii biraan ga’uun kaayyoo biraa itti
aanuuf karaa soquu jalqabuu yookaan ka’umsa akka ta’e nan
hubadhe.
Kanaafuu kaayyoon dhala namaa dhuma hinqabu, garuu
seeruma uumaa ta’ee umriin dhala namaa, guyyaan
beellamaa wallaalamus, dhuma waan qabuuf ammaan
lubbuun jirutti karaa gara kaayyootti, kaayyoo gara karaatti
jijjiiruu, seera uumaa gufuu daandii jireenyaa ittiin irra taran
kana, waan gochuu hindandeenye itti dhama’ee humnakoo
galata muka qoraanii gochuufi waanan gochuu qabu osoo
hingodhiin hafee asheeta daraaree osoo ija hin naqatiin
caamsaan qaqqabe osoo of hintaasisiin waanan gochuu
danda’u gochuuf waadaa ofiif seeneen qabattookoo
jabeeffadhee bixxillee xaafii nyaachaa barnootakoo kutaa
11ffaa eegale.
*****
Egaa, durillee yeroon barnoota sadarkaa tokkoffaas ta’e
sagaliif kudhan baradhe, lakkoofsaan akka malee
hedduummannu illee baay’een keenya ijaan wal beekna_
12
barattoonni. Naannooma tokkoo dhufne waan ta’eef. Kutaa
11ffaa ergan eegalee garuu akka duraanii baay’inaan hagas
hedduu miti. Ta’ullee barattoota daree adda addaa, waliin
mana barumsaa barannu keessatti hedduun keenya bifaan
illee wal agarree hinbeeknu. Kunis kan ta’eef barattoonni
qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa na waliin fudhatan
hedduun isaanii qabxii gara sadarkaa barnoota qophaa’inaatti
isaan dabarsu waan dhufuufii dideef, hunduu gara na baasa
jedhee filatetti adduma adda faffaca’eera. Kaan gara
qonnaatti, kaan gara daldalaa, kan qarshiifi lafa dhabe immoo
kaan gara hannaaf saamichaa, kaan immoo isa qabuuf
hojjechaa du’aaf jireenya gidduu marmaaru_ gaaf tokko
tokkotti kufuun isaaniis hinoolu. Barattoonni qophaa’inaaf
dabarres xiqqoo kan ijaan wal beeknu illee daree adda
addaatti bittinoofnee jirra.
Warri mana bornootaa biraa kan akka Finca’aa, Jaartee,
Haratoo, Saqalaafi Abee Dongoroo irraa carraa akka
keenyaa_ qabxii qophaa’ina isaan seensisu argatan, manni
barumsaa qophaa’inaa yeroo sanatti iddoo ani itti baradhe
mana barumsaa magaalaa Shaambuu malee kan isaanitti
dhiyaatu waan hinjirreef, barattoota bakka biraatii fira qaban
malee, baay’een isaanii dhufanii galmaa’anii barnoota
eegalaniiru. Baay’een keenya egaa keessummaa waan walitti
taaneef, garuu manni barumsaa nuyi hundi itti walgeenye
immoo dhuunfaatti abbaa manaa akka mana dhuunfaatti waan
hinqabneef, kan ka’ee wal haa barru kun abalu jedhama, an
abaluun jedhama, dubbadhaa, taphadhaa jedhe tokkollee
hinturre. Hunduu ija lafa jalaan hatee hatee wal ilaaluu malee.
Barnoota eegallee ji’a tokko erga darbee booda yeroo hunduu
akkuma walitti dhiyaatee taa’uun wal taphachiisuu eegalu,
anis kan ana cinaa waliin waa’ee barnootaa dur bakka turretti
13
dabarsinee, taphachuun eeagale. Osuma seenaan barnootakoo
darbee madaa qubaa natti ta’uu.
Akka carraa ta’ee barataan ana cinaa taa’e barataa mana
barumsaa Haratootti xumure Kifilee Zamanuu jedhama.
Maqaas wal barree wal kokkofalchiisaa hasaasuu erga
jalqabnee guyyaan bubbuleera. Guyyaama dhufee darbu
baay’ee garaa wal barree waa baay’ee waliin taphachuutti
kaane. Ajandaa guddicha bara dargaggummaa kan ta’e,
waa’ee shamarranii kaasnee erga waliin qoosnee booda,
shamarroota mana barumsaa biraa irraa dhufan daree keessaa
halaalatti ijaan barbaaduu eegalle. Akkuma tasaa yeroo iji
keenya shamarroota sadii kan taa’umsa gara gamaa irra
taa’an waliin wal irra bu’us gaduma jennee akka nama
qaana’eetti ofii wal ilaallee walitti kofalla_ anaaf Kifileen.
Shamarran nuti hannee isaan ilaallu kunis osuma nu arganii
akka nama hinagarree sobanii gama gama ilaalu malee qaanii
keenya kana nurratti hubachuu hinoolle.
Bulee bubbulee isaanis nu ilaalanii wal ilaalu. Nikokkolfu.
Yeroo hundaa deddeebi’anii ijaan nu mil’atu. Guyyaa
tokkodha egaa kan yeroo kaan, yeroo hunda, si’an ijaan isaan
ilaalu kolfanis callisanis, ani garaakootti kolfee gammadu,
waan haaraan kan na mudate. Innis, kolfa shamarreen sun nu
mil’atanii kolfan, yeroo hunda iyyuu yerooma ilkaan saaqan
ijaan halaalatti agarra malee sagaleedhaan kolfa ishii kamiitu
akka bareedus ta’e fokkisu gurraan dhageenyee hinbeeknu.
Garuu ijikoo dur gamatti fuula isaanii ilaalee nikolfu,
nicallisu jedhee sammuukootti himaa ture, har’a altokkittii
baallee ijakoo olqabadhee garuman dur baretti yeroon ibsaa
ijakoo ibsu, ijashee bongol gootee xiqqoo na ilaalteeti kan dur
ijikoo argu kolfa seeqa ilkaanshee dhiistee calluma jette_
waan haaraa. Ergan ishii ilaaluu jalqabee kan ani argee
14
hinbeekne nyaara guurtee lafa ilaalte. Anis akka nahuu taheen
callisee osoo ijakoo irraa hinbuqqisiin kan durii caalaan ishee
ilaale_ ija baasee.
Yeroo kana egaa galma onneekoo irraa ka’ee daandii carara
ibsaa ijakoo irra deemee habbuuqqaa jaalalaa geessee osoo
ishiitti hinhimiiniifi itti hinkenniin toluma, kolfasheefi seeqa
ishii irraa gammachuu kan naa fidaa ture har’a daandii
summii hirriba nama dhowwu irra daldalan ta’ee achii as ija
babaasisaasaa natti guure_ yaadnikoo.
Anis akka of wareeruu ta’eeni mucaa ana cinaa taa’u kana_
Kifilee, kottu waa wal mari’anna jedheen mataasaa qabee
gara kootti ofitti qabe.
Innis gadi natti jedheeti « maali Jaawwaraa har’ammoo
dubartootittii yeroo hundaa as nu laaltu kana ijaan illee
ilaalteema kolfuu iyyuu irraanfattehoo » na jedhe.
Kifilee… ana dursitee dubbatte malee kaniin mari’anna siin
jedhe illee waa’ema kanaati. Kanaan booda, ani har’aa kaasee
akka kanaan duraa hunduma isaaniitti ilkaankoo hin yaasu.
Garuu isaan keessaa ishii mucaa dhiiraa mataa jigaa sanaafi
intalittii diimtuu mataa dheeraa sana gidduu teessu du’een
bada malee hindhiisu. Yoo dhuguma hiriyyaakoo taate
ammaa kaasii mala naaf barbaadi karaan intala kana itti
argadhu jedheen intalittii ijikoo ilaalee sammuunkoo wareere
sana kifileetti agarsiifadhe_ mudannoo haaraa har’a na
mudatee qaama na rom’isiise of keessa dhoksee.
Kifileenis “duraan dursa garuu Jaawwaraa gaaffii ani
sigaafadhu fedhakeetiin dhugaa onneekee keessa jiru naa
deebisuuf ati eeyyamamaadhaa ?” jedhee na gaafate.
15
Eeyyee, waanan beeku hinbeeku, siin hinjedhu. Waan
barbaadde sodaa tokko malee na gaafadhu jedheen ija isaa
keessa ija jaalalaan ilaale.
Innis xiqqoo lafa hedeeti, “toleka Jaawweekoo” jedhe. Ana
gaafachuuf waan afaan banate fakkaateeti achumaan callisee
na ilaale.
Maali? maal taate? sin gaafadha jettee na gaafachuu
sodaattemoo, maal shakkite? jedheen anis ija isaa keessa
ilaale. Haalli fuula isaas kan dur waliin qaaqnu irraa adda
natti ta’e.
“Lakki hinsodaanneyyuu. Jaawwee, haa ta’u malee ati hanga
har’aatti jaalallee jaalala waliin dabarsite qabdaa?” jedhe.
Afaanii baasee na gaafate_ fuulaafi haalaan ani itti himes
tapha durii irraa adda waan itti ta’e natti fakkaata.
Lakki, jaalalleen jaalala waliin dabarse hanga ammaatti
hinqabu. Garuu shamarran tokko tokko ishuma gaafa gabaatti
karaatti wal agarree waliin taphannu malee, jaalallee dhugaa
hamma du’aa dullumaatti naa taati, waliinan jireenya biyya
lafaa dabarsa jedhee qabadheeru hinqabu jedheen dhugaa
onneekoo keessaa osoo hindhoksiin kan natti fakkaate itti
hime.
“Ihii … maal maal jette aboo. Jaalallee hamma du’aa
dullumaatti ana waliin taatun godhadha jetteetiire, ati amma
intala gama teessu kana kan naaf haasofsiisi na jettu” naan
jedhe_ Kifileen.
Eeyyeekaa . Kun sii hingallee ? Hamma yoomiittan jaalala
karaa irraafi gabaa irraa dabarsa ani Kifilee… jedheen callise.
16
“Akkas yoo ta’e egaa, haadhookoo osoo shamarreen jaalala
karaarraas ta’e gabaarraa waliin dabarsite, kan garaa isaaniifi
maalummaa isaanii beektu jiranii, kan jaalala karaa irraafi
gabaa irraa waliin hindabarsine intalittii kana jaalala hamma
du’aaf dullumaatti waliin dabarsuuf akkamitti filatteree ?
Moo… dubartiin ati jaalala akkasii waliin dabarsuuf filattu
madaallii kan ati ittiin madaaltu kan addaa qabda ?” jedhe.
Ammas gaaffii irratti gaaffii natti dhiyeesse. Silaa dura na
gaafadhu jedhee waan eeyyameefiif homaa jechuu
hindandeenye.
Xiqquma calliseen akkas jedhe. …..Kifilee ani karaa
mataakoo akkamitti akka jaalallee filatani miti jaalalumti
mataan isaa hanga har’aatti maal akka ta’eefi akkam akka
nama godhus, maal akka namaa godhus, waan tokko illee
waanuman beeku hinqabu. Garuu har’ammoo, shamarreema
dur ilaallee walitti kofallu sana, ijikoo xiqquma osoo ishiin na
laaltuu irra bu’ee yeroo deebi’u, waantuma qaamakoo akka
dhallaadduu bishaan keessaa na hoollachiisuufi garaakoo
akka nama waa gatee ana bir’achiisu na keessa facaase.
Kanaaf, anis hanga har’aatti yeroon jaalala karaa irraafi gabaa
irraa dabarsaa turetti akkas ta’ee waan hinbeekneef, kun
jaalala isa dhugaa umrii dheeraati ta’aa jedhee shakkeeni sitti
himachuunkoo iyyuu jedheen, gaaffiirratti gaaffiin kan inni
na mudde dhugaa jiru, kan dura rom’uukoof kirkiruukoo
dhoksadhee ture ifa baaseen itti hime.
Bilbilli dhumaa gara manaatti gallu waan bilbilameef, “waan
hundaafuu mee ka’imee Jaawwee hanga wal irraa maqnutti
odeessaa yaana. Kan hafes bor rafnee kaanee mari’anna”
jedhe. Barruulee isaa walitti qabatee na laale _ hiriyyaankoo
Kifileen.
17
Tole, garuu xiqqoo obsi. Intalittiimti kun daree keessaa haa
baatu. Duuba isaanii deemnee mana barumsaa kamii akka
dhufteefi eessa akka ishiin galtu itti gaafanna jedheen ol ka’ee
minjaala irratti barreeffannu irra fuuldura Kifileen taa’e.
Akkuma barattoonni dareetii yaa’aniin intala hiriyyaashee
daree biraa jirtu intala bareedduu diimtuu tokko cinaa buutee
intalittiin dareekoo ani hoollachaafii jiru kun, gara mana
ishiitti kokkolfaa qajeelte. Anis hiriyyaakoo Kifilee waliin
duuba bu’een qajeele_ akka tikee galgalaan loon galchituu.
Duubuma isaanii osoo deemnuu yeroo duubatti mil’attu,
ijikoo ija ishiirra bu’e. Ishiinis hiriyyaa ishiitti waa
hasaasteeti kikiksanii kolfani.
Anis waanan dubadhu wallaaleen, sombikoo lapheetti ol
cufameeti, hafuura baafachuufis fudhachuufis nama aara
hubboo keessa seenen ta’e. Muddamuufi cinqiin baay’ee natti
dabalaa adeeme. Maalittan duuba jara kanaa dhufe ? Osoon
dura darbee galeera ta’e, jedheen of ceepha’aa sodaan ishii
irraa qabuun jaalala dhugaa ishiif qabu itti dubbachuu miti
ijaajjee deemuuf lukti najalatti sirbe_ of fuulduratti ishii
ilaalee.
Kifileenis, calliseetuma ana cinaa deemee waa’eekoo ammaa
kana, kanan duratti isatti dubbadhe waliin makee yaadaan
buusee baasa. Nu lachuu osuma waan tokko itti hindubbatiin
iddoo mana kiraayiikoo geenye.
Hirriyyaankoo Kifileenis “Jaawwee… jedhi egaa mannikee
asi natti fakkaata. Waan hundaafuu ani amma duuba isaanii
deemeen mana ishiin galtuufi mana barumsaa ishiin irraa
dhufte gaafadheen bor siif bareen dhufa. Isaa booda akkuma
taanu taanee siif haasofsiifna. Jedhi, galii kitaabakee dubbisi”
18
jedhe. Gateettiin natti bu’ee teellaa isaanii qajeele, kophaa
isaa.
Tole, jedhi nagaatti. Galatoomi! Jedheen dallaa mana
kiraayiikootti seene. Dhagaa warri abbaa manaa tuulaniiran
tokkorra koree taa’een galaana yaadaa haphaluu eegale.
Amma dhuguma intalli kun osoon gaafadhe tole najettii ?
Ani hinbeeku. Ilkaan ishii silaa baddeessaa arfaasaa laga
Asattiiti. Yaa uumaa siif safuu! Ilkaan rabbi naaf laate osoon
qabuu kan namaa ilaalee yeroo qaamnikoo hoollatu. Ija ishiis
ilaali adaraa waaqaa, buutii dhagaa jalaa akka gucaa namatti
ibsu fakkaata yeroo ishiin baallee ijashee olqabdee gabatee
gurraacharraa qubee funaantu. Rifeensi matichaa silaa maali,
ishiinuu beekkattee ol martee gad martee xaxxee hiiteetti
malee osoo gadi gadhiistee deemti ta’ehoo Jaawwee ilmi
abbaa Milkii yoona qaata maraatteetti.
Waaqayyoof safuudha! Ishii kaanoo kaan funyaan milikkita
gumbii fakkeessa, kaan rifeensa mataa xaafii goordanarraa
roobni itti caame fakkeessa, kaan hidhii qarqara cumboo
Horroo fakkeessa, kaanimmoo ilkaan kalaadaa karkarroo
fakkeessa. Kaan immoo deemsa jettee jilbaan lafa
gadheessiti. Otuma hamma ta’e qaama alaan hunda
tolcheyyuu kaanimmoo amalaan foolii Xirinyii godhee akka
namni irraa baqatu, karaa ishiin dabarte akka namni
hindabarre godha. Kan ishii kanaa nama ajaa’iba.
Qaamaanillee akkuma Mahibuubaa mudaa bareedinaa tokko
malee ishii uumeeti, amala isa akka aannanii nama
qabbaneessu kana, kan akka asheeta birraa daandiirraa nama
waamu. Nama hawwatu kana ishii badhaase. Bohoo! lafumti
dhihee naaf haabari’u. Tole jettes jechuu baattus lafa maaltu
garagala. Afaankootii baaseen du’a. Maaltummoo na ajjeesa?
19
Akka ani ishii jaaladhehoo ammuma iyyuu ciicachuun ishii
hinhafne.
Garuu maaliif na laaltee hiriyyaa ishiitti hasaastee kofalti?
Ishii jaalachuukoo barteeti ana tuffattee kofaltimoo?
Akkasidha taanaan kuni fala hinqabu. Kana rabbumatu
kuulee sararee uumee, mana barumsaa ishiin barattee harka
qabee fidee, ana cinaa kaa’ee na maraachee qullaa na
deemsisuuf murteesseera yoo ta’e malee…. Nama dhiba
hojiin rabbii! Yerootti baakteeriyaafi vaayirasoonni dhala
namaa fixaa turan qoricha argatanii, bara namni fayyaan
jiraachaa jiru keessa, nama akka ofii bishaan dhugee fincaan
fincaa’uufi midhaan nyaatee udaan hagu, ala isaa ijatti
bareechee dhukkuba natti godhee ana ajjeesuufii? Ajaa’iba!
Ishii kan alli ishii bareede, qaamni ishii jaalala ishiif dabaleeti
kankoo keessikoo jaalala dhugaan bareede onneenkoo
dhukkuba naa dabalee? Moo bara fuggisoo dhaladheen
jaalalaan miidhamaa? Dhalachuunkoo akeeka rabbii mitii
laata? jedhee osoon yaadaan uumaaf uumamaa waliin makuu
“Maali aabbee har’ammoo jedhuma jettee dabtarakee
manatti galfachuun illee si jibbisiiseeti barruulee qabattee kan
sa’aa jahaatti galte hanga sa’aa kanaa ala teessaa?” jedhee
galaana yaadaa keessaa wareersee na dammaqse.
Hiriyyaankoo ollaa manakoo galu_ Tokkummaan. Yeroon
oljedhee isa ilaalu mucaan dhiiraa fuula haarowaa tokko
duuba isaa ijaajja.
Anis xiqqoo uf-f-f…. jedhee hafuura dheeraa baafadheeni,
lakkii… Tokkee dhagaan kun taa’umsaaf natti tollaaninii as
taa’a malee manakoo jibbeen miti. Kottaa ol seenaa. Shaayii
isiniin dhaaba jedheen iddoon taa’uu ol ka’ee dhaabadhe.
20
“Beenukaa erga jetteemmoo nuu danfisi. Anoo
keessummaayyuu qaba har’oo” jedheeti mucaa fuula haaraa
duuba isaa ijaajju sana harkasaa qabatee garakootti siqe.
“Mee dursa mucaa kana waliin wal bari Jaawwaraa….
Hiriyyaakooti. Daree keessatti wal bira teenya”
jedhe_Tokkummaan.
Tole, jedheen itti siqee harka fuudhe. Jaawwaraa naan jedhan
jedheen maqaakoo itti hime. Innis “Gaanfuree naan jedhan”
jedhee maqaa isaa natti hime.
Kottaaka. Ol seenaa jedheen balbala manakoo furtuun
baneen olseenee barruuleekoo olkaayyadhe. Isaanis
duubakoo na hordofanii manakootti olseenan.
*****
Silaa bakka taa’umsa keessummaa duraanuu hinqabu. Siree
ciisichaakoo ishii muka duudaa irraa akka saqalaa boqqolloo
laga ciraatti hojjetamte irra gad taa’ani. Shaayii isinii
danfisakaa jedhaa taphadhaa jedhee yeroon cinaa isaanii
bakkan taa’ee ol ka’u, “lakki anoo taphaafan siinjedhe malee
nuyi manakootii laaqana nyaannee, dhugnee dhufne. Amma
suma waliin xiqqoo taphanna jennee dhufne malee waan
dhugamu barbaacha miti. Garuu ati waan laaqana hin
nyaanne fakkaatta. Yoo jiraate ofiikee fudhuu nyaadhu. Yoo
hinjiru ta’emmoo beenu manakoo deemnee bixxillee gogduu
nyaatta. Cuuphanni illee waan jiru natti hinfakkaatu” jedhe.
Ija keessa nalaale.
Lakkii, Tokkeekoo nyaadheerayyuu. Isin nyaattaniittu
taanaan asuma turaa teenyee waliin taphanna jedheen osuma
bixxilleen manakoo jiruu, otoo hin nyaatiin akka nama
21
nyaateeruu ta’eeni fuuldurasaanii ofirra quuphaneen
taphachuu eegale.
Gaanfuree ati mana barumsaa kam irraa dhufte? jedheen
gaaffe.
“Ani mana barumsaa Finca’aa irraan dhufe” jedhe.
Tokkeen sitti himeera natti fakkaata egaa. Nuyi asuma
Shaambutti baranne jedheen anis eessatti akkan baradhe itti
hime.
“Eeyyee, natti himeera. Anis kanumaafi egaa manakee
Tokkummaa wajjin kanin dhufe . Biyya na barsiistu. Kan
akka jaalalleefaa durba Shaambuu keessaa naaf barbaaddu
malee waggaa lama hamman as turutti kophaakoo
danda’aare ?” jedhee nu kofalchiise_ Gaanfureen.
“Nuyi intala keenya nama intala biyyasaa nuu fideef malee
dabarsinee hinlaannu. Yoo barbaadde shamarran biyyakee
achitti waliin baratte dafii wal nubarsiisii garaa nu laaffifadhu
malee kanaan ala ilmoo kuruphee taatee hafta Shaambu
irratti” jedheeti Tokkummaanis qoosaa irratti qoosaa
dabaleeti kolfaan mar’ummaan nucire.
Jaalala hiriyyaa saala faallaaf jalqaba ta’uun keenya kunis
Gaanfureetiin illee akkuma nama biyya maccaa dhufeetti
akka ilaallu nutaasise_ durba biyyakee nuuf fidi jechuu
keenya. Akkanumaan tapha nama kokkofalchiisu wal walitti
darbachaa turre.
Aduun dhiiyinaan, “ka’een keessummaa kana gara mana
isaatti gaggeessee deebi’een hojii manaa tokko hojjedha.
Egaa Jaawwee atis xiqqoo qo’adhu” jedhe. Hiriyyaa isaa
Gaanfuree fudhatee qajeele_ Tokkummaan.
22
Tolekaa, deddeebi’ii taphadhu kottuutii achumaan hinbadiin.
Jedhaa nagaan bulaa. Halkan gaarii isiniif haa ta’u, jedheen
isaan gaggeesse.
Deebi’ee manakootti olseeneen kophaakoo takka taa’e. Ijaan
keenyana manakoo fuulduraa hanga duubaatti ilaaleen,
achumaan duubaan sireekoo irratti kufe_ osoo hinbeekiin
hirribaan dagatame. Osuma uffatakoo of irraa hinbaasiin
otoon ciisee yaadaan farda jaalala jalqabaa gulufuu hirribni
dhufee ana fudhatee badeera. Hirriba keessaas dammaqee
yeroon utaalee ka’u sa’atiin halkan keessaa 11:00 ta’eera.
Hamma kanaatti egaa barruuleekoo qaamaan miti
yaadaanillee gargar hinsaaqne. Waa’een qoonqoo silaa
irraanfatameera. Irbaanni waa’ee intala bareedduu yaaduu
taate. Barruuleekoo tokko butadheen of fuuldura kaa’ee
dubbisuun eegale. Madaa of dagachuu bara barnootakoo
darban keessatti na mudatantu na keessaa bir’atee barruulee
na kaasise malee sammuu tasgabbaa’ee qayyabannaaf
qophaa’e qabaadheen miti.
Osoo barruuleekoo hindubbisiin yerookoo haga kana
gubuunkoo baay’ee na aarse. Anis dafee utaalee ala ba’een
fuulakoo dhiqadhee deebi’een dubbisuu eegale. Xiqquma
akkan dubbiseen boroon barii borgog jedhee diimate. Laftis
bari’e. Anis akkuma durattii cireekoo bixxillee gogduu
nyaadhee, barruuleekoo qabadheen gara mana barumsaatti
qajeele. Hamman hiriyyaakoo, Kifilee arguttis baay’ee
ariifadheera. Waa’ee kaleessa dubbannee gargar baanee sana
maal irra akka inni ga’ee bule gaafachuuf. Akkuman mana
barumsaa ga’een dafee ariitiidhaan Kifilee bira deemee
anumaa itti haasa’uu jalqabu baay’ee natti kolfe.
Maali? maal natti kofalta? jedheen deebi’ee lafa ilaale.
23
“Waanuma kaleessa hamma kanaa guddifnee taphannetu na
ajaa’ibee ana kofalchiisa” jedhe_ kifileen.
Ati fayyaa hinqabduu obboleessakoo? Wanti kana caalaa
guddifamee odeeffamu anaafi sii gidduutti akka hinjirre
hubadhu. “Ollaan bultee beekaa akkatti bule abbaa beeka”
jedha oromoon. Kanaafuu keessakoofi muddamakoo anaafi
galgala edaatu beeka. Salphistee hinilaaliin, jedheen fuula
aariitiin sagalee jabaa itti dubbadhe.
Kifileenis, “wanta ani jechuu barbaade osoo hinhubatiin
jarjartee waan biraa keessa galte malee, Jaawweekoo kan ani
siin jechuu barbaade waan biraati” jedhe.
Maali inni biraa immoo? jedheen ammas nyaara itti guure.
“Maal seete Jaawwee, intalittii ati jaalatte sun, kan kaleessa
maqaa ishiifi mana ishii baruuf akka waan guddaatti ilaalle,
har’a maqaasheef manashee dhiisiitii akka ati ishii
jaalatteyyuu itti himee amansiise. Akka ishiin si haasofsiiftus
waadaa galcheera. Kanaafi egaa salphisee ilaalee sitti
kolfuunkoo. Wanta nuti hineegnetu nuuf mijate waan ta’eef“
jedhe kifileen. Akka inni yaadetti, nan haasofsiisa jechuun
ishii, waan tole jette fakkaata.
Dhugumakee jettamoo natti qoosaa jirtaa? kifilee…. Egaa ani
kana hinamanu jedheen callisee lafa ilaale.
Kifileenis, “Jaawwee egaa amantes amanuu baattes har’a
sa’aa booda mana barumsaatii akka baaneen walin isin
qunnamsiisa jedhee waadaa ishii galcheen jira. Kanaafuu,
booda waan jettu ammumaa jalqabii itti qophaa’i. Ani waan
anarraa eegamu xumuree gara keetti dabarsuuf sa’aa xiqqootu
ana hafe” jedhee gara dareetti ol seene.
24
Anis faanuma isaan ol seene. Barsiisaanis daree seenee
barsiisuu eegale. Anis sa’atii sanaa eegalee waanan ishii
jedhuufi waanin gochuufii qabu buusee baaseen yaaduu
jalqabe_ tole ana jechuu ishii gammadee. Namni ofiifuu waan
godhu hinqabne kan bixxillee gogaa nyaatee oolee bulu_
waa’ee barsiisaa dhaggeeffachuu dhiisee. Akkuma barsiisaan
jalqabaa daree keessaa ba’een, anis kottee isaa irra ejjedheen
utaalee ala bu’e. Fiigichan keessaa fuudhe. Akka jabbiin
burraaqe. Akkamitti dareetii akkan ba’es, akkamitti akkan
manakoo ga’es hinbeeku. Balbaluma manakootti of arguukoo
malee _ gammachuuf naasuun walmakee of na
wallaalchiseera. Manakootti olseeneen uffatan qabu hundaa
gad guureen ofitti safaruu jalqabe. Kamtu irra caalaa anarraa
bareedee intala sana hawwatee gammachiisuu danda’a jedhee
filadhee uffachuuf. Namni yookaan hiriyyaan kun sirraa
bareeda uffadhu, kun immoo sirraa fokkisa ofirraa baasi kan
ana jedhes hinturre. Yaadaan intalli ani jaaladhe kun ka ana
cinaa dhaabattee kana wayya, kana dhiisi jettu natti fakkaata
ture. Dhugaan jiru garuu kan ilaalus ana, kan ilaallatus ana.
Sanuu onnee lafa bir’ateen. Durumaanuu uffata hedduu
hinqabu. Ta’us ishuman qabu keessaa ergan filadhee
uffadhee fuulattis waa diddibadhe. Gara mana barumsaatti
deebi’een akka billaachaa kaadhe. Yeroonis egaa qophaa’i
jedhee taa’ee sin eeguutii sa’atii booda inni jedhame, yeroon
beellamaa ga’uuf bilbilli dhumaa bilbilamee gara manaatti
yaanee qajeelle.
Kifilee… Maqaa ishii barteetta mitii ? Eenyu jedheen ishii
dubbisaree? Amma natti himi malee, jedheen osoo hinbeekiin
Kifilee gaaffiin sarduu barbaade. Kan dura ishii argachuun
samii tuquuf yaaluu natti fakkaatee ture sin haasofsiisa jechuu
ishii dhageenyaan lapheen nuugii natume.
25
“Maqaan ishii illee Kuluulee jedhamti. Garuu ati yeroo harka
fuutu maqaankoo abalun jedhama jedhii itti himi. Ishiinis sitti
himti” jedhe, Kifileen. Inniin ani barumsa dhiisee galee uffata
jijjiirradhee, fuula cululuqfadhee deebi’e garuu Kifilee
baay’ee kofalchiiseera. Osuma afaanii baasee dubbachuu
dhiiseyyuu.
Tole jedheen hiriyyaakoo_ kifilee waliin balbala galma mana
barumsaa irra ijaajjinee eegne. Kuluuleenis hiriyyaa ishii
waliin akkuma kaleessa yoonaa kokkolfaa dhufte. Akkuma
dhufanii nu bira ga’aniin, “jarana maal taatan? Barsiisaan
biraa erga nuyi baanee isinii galemoo? Moo deemsuma
dadhabdaniiti boodatti haftan?” jedheeti Kifileen harka isaa
gara Kuluuleetti hiixate_nagaa gaafachuuf. Ishiinis akka
qaqqaana’uu tokko taateeti callisteetuma harka hiixattee
nagaa gaafatte_ hiriyyaa ishii waliin.
“Kun egaa hiriyyaakoo kaniin kaleessa waa’ee isaa sitti
himedha. Wal bari Kuullee” jedhe, Kifileen.
“Kuluulee naan jedhan” jettee harka na fuute.
Anis Jaawwaraa naan jedhan jedheen harka hafuura
sodaadhaan dafqa dibateen harka fuudhe.
Yeroo yartuuf hundi keenya iyyuu akka callisuu taane. Garaa
waan wal hinbeekneef qofa miti wanti wal nu barsiise sun
_jaalalli _hunda keenya iyyuu waan saalfachiise natti
fakkaata. Warri kuun yoo akkakoo sodaan hollachuu
baatanillee. Egaa anis callisuma keenya kana cabsuuf jecha,
barnoonni akkamiree kuluulee jedheen ijaan of ishii
ilaalchise.
26
“Gaariidha egaa hanga ammaatti, isa gara fuuladuraa
hinbeeku malee” jette. Dubbiin ana jalaa bade. Itti fufee
waanan dubbadhun dhabe. Waanan itti qophaa’e hunduu lafa
inni bu’en dhabe. Wantin ani dubbii fida jedhee itti
dubbadhus jechuma ishiin altokko dubbattuun guduunfama.
Kifileefi hiriyyaan Kuluulee akka nuyi waliin taphannu
barbaadaniiti, anaafi Kuluulee dhiisanii qarqara daandii
qabatanii akkuma nama nu hinbeeknee lama ta’anii
haasaadhaan wal kokkofalchiisaa nurraa siqan. Anis yeroon
waanan dubbadhu dhabu iddoo maqa manakoo ga’ee osoo
waan tokko afaan ishii irraa hindhagahiin maal jedheen irraa
gora jedheen of wareeree akkuma nama gammoojjii Baloo
Bareedaa keessaa leencaaf gafarsa ari’uu dafqa xuruurfadhe.
Kuluulee…. ergaankoo si ga’eera mitii? jedheen gaaffe.
“Ergaa maaliiti?” jettee yeroo ija keessa na laaltu ittuu itti
caale dafqi fuulakoo irraa roobu. Ishiinis akkan ani ishii
saalfadhe hubatteetti. Saalfii sodaa ta’uuf jaalala dhugaa
ta’uu isaa garuu adda baafachuu hindandeenye.
Ammas ija keessa na mil’atteeti, osuma ani waan tokko
hindeebisiiniifii, “Kifileen waan kaleessa natti hime
sanadhaayi?” jette.
Eeyyee, jedheen callise anis _ gammachuu ana haasofsiisuu
ishii irraa qabuun.
“Maaliree deebisaa isumatti himeen ture, isarraa
hindhageenyee?” jette.
Dhagaheera, garuu afaan namaa caalaa afaanumakee irraa
osoon dhagahe na gammachiisa jedhee waanin yaadeefi
malee jedheen deebiseef.
27
“Wanni anarraa dhageessu hunduu na gammachiisa
jechuukeetimoo maal jechuu barbaadeeti?” jette.
Eeyyee, Kanumaafi si jaaladhee si gaafachuunkoo iyyuu
jedheen akkan ishii jaaladhullee dubbii hiriyyaakoo
kaleessaatti dabalee afaanii baaseen itti hime.
“Dhiifama naaf godhi Jaawwaraa…. yeroon amma anis ta’e
ati irra jirru, jireenya keenya gara fuuladuraaf kan itti dhagaa
bu’uuraa keenyudha malee kan itti jaalala keessa gallee wal
takaallu miti. Anaaf yeroon itti jaalala hiriyyaa saala faallaa
jalqabnu amma miti. Atis kana beektee osoo waan baay’ee
keessa hingaliin meeshaa barri hinjijjiirre kan ittiin dhagaa
bu’uura jireenyaa ittiin kaa’aniifi ittiin gamoo jireenyaa
ijaaran kana, barnootakee jabaattee barattee bakkaan akka
geessu si gorsuun barbaada. Kanaafuu wanni haaraan anarraa
dhageessu yoo jiraate, akka obbolummaatti gorsa waan ofiif
yookaan obboleessakoof hinbarbaanne siifillee akka
hinhawwine sitti himuu qofaadha” jette.
Asitti jalqabe wanti ani yaadee dhufeefi wanni dhugaan ana
mudate jireenyakoo irratti qumaaraa taphachuu. Sodaan
anaan dafqa firiirsise, waa’ee tole jechuusheefi dhiisuu ishii
adda baasuu osoo hintaane, waa’ee tapha dubbii jaalala
hiriyyaa faallaa wallaaluukooti. Dubbiin ganamaan daree
barnootaakoo keessaa ana baasee uffata sagal na jijjiirsisee
dibataan fuulakoo cululuqse waan uffata anarraa baasee
awwaara natti uffisee qullaa na fiigsuuf ka’e fakkaata. Akkan
dubbii afaan Kuluulee irraa dhagahetti. Addunyaan jireenyaa
uffata gurraachaan kan ana marse yero kana egaa.
Maaloo Kuluulee, inni ati jette akkuma jirutti ta’ee, yeroo
kanatti hiriyyaa qabachuun waan jireenya namaa sakaalu natti
28
hinfakkaatu. Hiriyyaa keenya miti kan nuu gadiiyyuu yeroo
ammaa kana hiriyyaa lama sadii qabu. Tokko qabatanii waliin
jiraachuun garuu rakkoo qabaatee natti hinmul’atu. Akkamitti
sitti akka fakkaate hinbeeku malee. Kanaafuu gorsa yaadakee
kana irra deebii ilaali. Baay’een sijaaladha. Siwaliin
jiraachuufis onnata guddaan qaba. Jaalala ani siif qabu naaf
hubadhu. Ati jaalala jalqabuun jireenya sakaala jetta. Ani
garuu jaalalakee dhabuutu jireenyakoo sakaala jedhee
shakkiifi sodaa guddaan qaba. Maaloo Kuulleekoo naaf beeki
jedheen mata duree yaadee hindhufne taphachiisuu eegale.
“Yoo gorsakoo fudhatte, yaadakee jijjiirrattee nama jireenyaa
taatee barnootakee akka seeraan barattu abdiin qaba. Yoo
fudhachuudhaa baatte garuu ani yaadakoo hinjijjiiru,
karoorakooti waan ta’eef. Inni ati har’a jireenyakoof furmaata
ta’a jettee yaadde bor fixeensa ta’ee akka wucoolee gogorrii
barrisee siharkaa badee, weennii gabaa keessatti mukarraa
buute sigochuu danda’a waan ta’eef kunillee akka jiru beekii
jiraadhu. Yoo ana waliin ta’uudhaa baatellee akka amma
jechaa jirtutti shamarra biraa waliin jaalala jalqabuunkee
waan hinoolleef. Kanaa booda ani yeroo barnootakoo
duwwaadha karoorfadhee kan ani qabu. Kanaaf hojii manaa
ani hinkaroorfanneefi yeroo kanatti hinbarbaanne irra
deddeebitee akka karoorakoo ana jalaa hingufachiifneefi
har’a sibeellamee dhugaa jiru fuulaaf fuulatti sitti himuu
kanan barbaadeef. Kana hubadhuutii ana waliin jaalala
jalqabuuf karoora yoo qabaatte anas ta’e mataakee osoo
hinmiidhiin ammumaa kaasii dhaabi” jette, Kuluuleen.
29
Boqonnaa Lama
Hiriyyaankoo Kifileenis akkanatti hin yaadne ture gaafa ishii
jaalachuukoo itti hime. “Lakki, ani waan akkasii
hinbaarbaadu” gaafa ishiin jettu, amaluma dubaraati yeroo
duraa altakka ofmi’eessuun jedheema waan yaade natti
fakkaata. Irra deddeebi’ee gaafa jaalala ani ishii jaaladhu
baay’ee ulfeessee ishiitti himu, ishiinis “yoo dirqamatu sitti
kennameera ta’e mucaama sijaalate jettu kanallee fuulaaf
fuulatti haasofsiisuu nan danda’a, baay’ee odeessuu
hinbarbaachisu” jette. Si’a ishiin kana dubbattu waan tole
jette itti fakkaate. Innis hedduu gammadeeti “yoom wal isin
qunnamsiisaree?” jedhe. “Yeroo beellamaa dheeraa
hinbarbaachisu. Yoo barbaadde bor sa’aa kanatti yeroo mana
barumsaatii baanu haasofsiisuu nan danda’a” jette. Jecha
ishiin isatti dubbatte kana keessatti jecha shakkii kan isatti
uume tokkollee hinturre. Kanaafi egaa innis dubbii jaalalaa
jaalallee waliin nama tursutti akkan qophaa’u naaf hime
malee dubbii jaalalaa jaalallee barbaadan amansiisutti akkan
qophaa’u naaf hinhimne.
Gaafa guyyaa lammataa ganama yeroo ana argu maal akkan
jedheef maal akka ishiin ana jette afaankoo irraa dhagahuuf
hedduu waan ariifate natti fakkaata. Akkuma daree seeneen
anatti siqeeti “obboo maali callisuu barbaaddehoo? Waan
barbaadan yoo argatan akkanuma galgala tokkotti amala
namaa jijjiira jechuudhaa?” jedheeti natti qoose. Hedduus
natti kolfe.
Anaan garuu aariifi shakkiin dubbii Kuluulee kaleessaa mataa
na bokoksee funyaan waan nadhiitessee jiruuf, akka inni
30
kolfeen deebii kolfaa hindeebisneefii. Callisuurrayyuu darbee
fuulakoo dukkaneesseen nyaara isatti guure. Takkaa qofaa
garagaleen isa ilaale. Innis kolfa isaa dhiiseeti homaa osoo
naaf hindeebisiin darbee bakka isaa taa’e. Waan natti gadde
fakkaata. Deeggarsa naaf godheef galata dhorkachuukoo.
Dubbiin jiru akka inni yaade irraa edana galgala fagaattee
akka bulte hinshakkines. Callisneetuma walcinaa teenye
malee maliif akkan nyaara guure innis irra deebi’ee ana
hingaafanne. Anis maaliif akkan itti bifa jijjiiradhe afaanii
baasee itti hindubbanne. Osuma waa waliin hinqaaqiin erga
oollee yeroo galmaaf yaanu hiriyyaankoo_ Kifileen akkana
naan jedhe.
“Maali Jaawwaraa? Nama ati jaalattee argachuuf kaleessa
guyyaan deemsa hurrii Adoolessa keessaa sitti taate har’a
waliin siqunnamsiisuunkoo akka ati dalga ana ilaaltu
sitaasiseey?” jedhe.
Guddaa galatoomi hiriyyaakoo. Waan deemsa hurrii
Adoolessaa keessaa gara deemsa ifa birraatti ana ceesisteef
jedheen anis ifirraa callise.
“Garuu anaaf hingalle Jaawwaraa, haalliifi akkaataan ati
har’a dubbiikoof deebii kennaa jirtu. Yoo rakkoon jiraate ifa
baasii natti himi. Kan rakkoon hinjirre yoo taate ofumaafuu
akkanatti bifa hinjijjiiratiin” jedhe.
Ani garuu kan siin jedhu, ati kaleessa Kuluuleen tole siif
jetteetti kan anaan jette ana gowwoomsuufimoo of
gowwoomsuu yaaddeeti jedheen aarii garaakootii ka’een
akka Kuluuleen tole ana jechuu didde itti hime.
“Jaawwaraa…. walumaan dubbannee mitii ani ishii
beellamsiisee kan siwaliin wal agarsiise. Ishiinillee
31
haasofsiisuu nan danda’a ana jette. Yeroo waliin qaaqxanis
waan walii galtan anatti fakkaate. Hamma sirraa
dhagahuttillee hedduu ariifadheen ture. Osoo tole jechuu
baattes duraanuu walumaan mala dhoofnee jalqabne waan
ta’eef ammas walumaan mari’annee deemsa keenya ammaa
jijjiirrannee karaa biraan amansiisuu yaalla malee waan
biraan jira jettee yaaddaa kan akkana aariin ofrakkitu. Anillee
tole jettes jechuu baattes akka hiriyyaa tokkootti waan
gochuu qabu gochuuf of hinqusanne. Osoo ta’ellee galata
naaf ta’a malee akkana ana cufuu hinqabdu” jedhe Kifileen.
Jechisaa garaa na nyaateeti, dhiifama Kifilee. Tole sijetteetti
jettee waan ati duraan dabarsitee anatti himteef gaafa ishiin
yaada biraa naaf deebistu keessikoo gaddinaani malee gochaa
hiriyyummaakee shakkeen miti. Yeroo hedduu dubartootni
iddoo dubbatan dhaabachuu akka hindandeenye osumaan
beekuun jechashee amanee hedduu yaadaan of miidhe
malee… jedheen isaan hiriyyaakootti fuula jijjiiradheef qalbii
jijjiirradhe.
Ana qofaas miti dubbiin Kuluulee kun hiriyyaakoos waan
ajaa’ibe natti fakkaata. Nuyi lachuu erga irra deddeebinee
taphannee booda ammallee ishiitti deddeebinee dhugaa
jaalalaa jiru akka ishiitti haasa’uu qabnu murteessine.
Akkuma jenne yeroo hunda qaawwaa argannetti
fayyadamnee yaadaan ishii rakkisuu itti fufne. Ba’a ishiittis,
gala ishiittis rakkoo ishii jaaladhee dhabuun anarraan
geessisaa jiru itti himnee garaa nyaataa itti naqne. Yeroo kana
ishiinis jechaa anaafi hiriyyaankoo ishiitti darbachaa turre
duubatti deebitee xinxaluutti kaate. Guyyaa tokko osuma
akkuma durii daandii qaqal’oo da’oo keessatti eegnee akka
ishiin tole naaf jettuuf dubbii jaalalaan kadhataa jirruu akkana
naan jette.
32
“Ati Jaawwaraa niyaadatta yoo taate guyyaa ani karoora
akkasii ammatti hinqabu siin jedhe sana, ati hiriyyootakee
miti dargaggoon quxisuukee ta’anillee hiriyyaa lama sadii
akka qaban naaf himtee turte. Hiriyyoonni quxisuunkee umrii
sanatti hiriyyaa saala faallaa lama sadii qaban eessatti
baraniiti atimmoo umrii kanatti hanga yoonaa tokkollee
dhabdee osoo hinqabatiin turteree? Moo ati ammallee ana
gowwoomsitee kaayyookoo irraa nakaasuuf halkaniif
guyyaa hiriyyaakee waliin ana hordoftaa?” jette.
Wantootaafi jechootaa nuyi yeroo hundaa ishii amansiisuuf
fayyadamnu waan hedduu garaa ishii nyaateef haala dhugaa
jiruu adda baastee waan tole jechuuf garaa ishii keessatti
murteessiten se’a. Ammas osuma gaaffiishee duraaf deebii
hinkenniin itti dabaltee akkana naan jette.
“Garuu ati si jaaladha jettee gaafduraa kan Kifilee natti ergite
amma immoo kan lama taatanii ana duukaa buutan sababni
isaa inni dhugaan maal akka ta’e har’a irra deebii naaf
himimee Jaawwaraa. Jaalalleekee waliin ni waldhabde yoo
ta’es, hanga yoonaati jaalallee osoo hinqabaatiin jirta yoo
ta’es” jette. Waan nagafataa turtes, waan ana gaafataa jirtus
waan walii wallaalten se’a.
Lakki, Kuluulee. Ana amanuus dandeessa amanuu dhiisuus
dandeessa, garuu ani hanga har’aatti waanuma jaalallee
jedhamtu iyyuu qabaachuu miti afaaniifuu dubartii kan
jedhamte gaafadhee hinbeeku jedheen callise_ ishii gabaafi
karaatti dabarse of keessa dhoksee.
Xiqqoo ofirraa ergan callisee ammas irra deebi’een akkana
jedhe. Kuullee yeroo ammaa kana jaalallee saala faallaa
waliin dabarsuuf yeroosaas ta’e namasaa kan murteessu akka
33
durii maatii qofa miti. Isa yeroo durii maatiin umriikee ilaalee
ofii siif barbaadee fidu miti. Anaafi ati waan biyya lafaa bara
keenyaa kana irratti ta’aa jiru walqixa beekna natti fakkaata.
Hunduu dabtara qabatee gara mana barumsaatti waan
deemuuf kaayyoon isaa barnoota qofaa sitti fakkaatee?
Waanuma maatiin isa deeggaruu qabu barnoota dhiisuu
isaatiin akka irraa hindhorkanneef qofa bartoonni dabtara
baatanii ganamaan ka’anii ciree isaanii nyaatanii manaa ba’an
hagam ta’u jettee yaadda?
Kanaafuu “hunda hindubbatanii dugda hindhungatanii”
akkuma jedhamu sana, dubbiin jaalallee qabaachuuf dhabuu
waa’ee quxisuufi hangafummaa isa umrii irratti hundaa’e
qofaa akka hintaane hubadhu. Hangafummaan waan
baay’eetiin ta’uu danda’a. Anis warreen quxisuukoo siin
jechaa ture akka umrii keenyaatti ilaaleeni. Garuu karaa
jaalallee saala faallaa qabaachuu isaantu angafakooti jedheen
jechoota garaa nama nyaachisan fuuldura ishii naqe.
“Jaawwaraa, egaa dhuguma hojiinkeefi keessikee akka
afaankee yoo ta’e aniif ati jaalala dhugaa A B C D ... jennee
waliin jalqabuun keenya hinoolu. Anis waan kanaaf haaraa
waanan ta’eef. Garuu keessikeef dubbiin afaankee wal
hinargu taanaan osoo hinjaalatiin ati jireenyakoof ani
jireenyakeef gufuu bara dheeraa walitti ta’uu dandeenya.
Nama jireenyaaf akeekaan uumamne osoo taanee jirruu.
Namoota baay’ee, waliin jalqabanii erga jaalala baranii kan
jaalalli isaan wallaale, kan akka kaalsiifi paantii dhiirri dubra,
durbi immoo dhiira jijijjiiruu jalqabanii, galmi kaayyoo
jaalalaa fuuldura isaaniitii dhibee hamma gaafa foon
ijoollummaa fuularra jiruutti olii gad burraaqanii sanaan
booda warra akka harree cabdee kan namni irraa goree darbu
yoon ijaan xiqqoo argellee gurraan baay’ee dhagaheera.
34
Anillee sodaa kanaafi, ejjennoo cimaatiin waan kana kanaan
hedduu irraa dheesseef. Har’a ati ejjennoo yaadakoo kana ana
jijjiirsistus” jettee sagalee ani dubartoota irraa dhagahee
hinbeekne gorsa lafee cabsee nama seenu dubbatte,
Kuluuleen.
Baay’ee gammadeeni, maaloo Kuulleekoo ani waan jaalalaaf
haaraadha. Homaa ana hinshakkiin. Waan hundaafuu guyyaa
biraa bal’inaan irratti taphannee waadaa waliif gallu qabna.
Inni guddaan ani gammadee gammachuudhaan ibsuu
hindandeenye ati qofaan tole ana jechuukeeti. “Manni ariitiin
ijaarame ariitiin diigama” waan jedhamuuf, jedheen
harkashee qabadhee cinaa bu’ee qajeele osuman
gammachuudhaan hoolladhuu.
Ishiinis “waan hundaafuu ani tole siin jedheera. Duraanis
yeroo kanatti karoorakoo akka hintaane qofaan isinitti hime
malee, sirumaa jaalalleen saala faallaa ana hinbarbaachisu
hinjenne. Jedhikaa….. egaa guyyaa biraa wal agarra” jettee
gara mana ishiitti kutte. Anis sa’aa kanaa eegalee keessikoo
gammachuun guutame. Gabaa kennuufi fudhachuu jaalalaa
keessatti yaadaan taatota jaalalaatti makame. Akkuma
dubbannee addaan baane erga deebinee wal agarrees waan
jiru hedduu waliin marii’anne.
*****
Erga walitti dhufeenya riqicha jaalalaan jiraachuu eegallees
ji’oota lakkoofsisneerra._anaafi Kuluuleen. Osuma jaalalaan
jiraannuuti egaa guyyaa tokko jaalalleenkoo Kuluuleen
rifannaa bir’ata garaa ishii ka’umsa isaa hinbeekne kan anatti
himte.
35
“Jaawwee har’a garaankoo nahi nahi naan jedha. Maalin
argamoo maalin dhagaha tayinna?” jette.
Homaa miti, waanuma gaariidha dhageessa. Yoo sitti tola
ta’emmoo sa’atii booda gara manakoo kottu. Waliin
taphannee galgala sin galcha jedheen ofitti qabee maddii ishii
keessa dhungadhe.
“Toleka Jaawwee…. manakoo ga’een deebi’ee dhufa” jettee
ana biraa deemte_osoo mana barumsaatii galaa jirruu.
Akkuma jettetti manashee geessee yeroo dhuftu, manakootti
ol seennee, amaluma duratti wal barsiifne, afaan keessa wal
xuuxuufi morma jala wal dhungachuu, siree irra wal
gangalchaa taphachuu eegalle.
Baay’ee waliin taphannee yeroo biiftuun calalaqxu “maaloo
Jaawweekoo na gaggeessi malee aduun natti dhiya” jettee
mormakoo jala na dhungatte. Keessikoo silaa osoo halkaniifi
guyyaa ana waliin ooltee bulteyyuu ishii quufuufi nuffuu
hindanda’u.
Garuu seerumti rabbii dukkanni, tokko hirribaa kaasee
bobbaasee tokko manatti galchee raffisee waan adda adda
nama baasuuf, anis ishii galchuuf manakootii ba’een
Kuluulee cinaa bu’ee qajeele. Daandii magaalaa keessa
keessaa qabannee osuma taphataa gara mana Kuluuleetti
adeemnuu Hoteela Seenaatti baane.
Kuullee koottu xiqishuu ishii as teenyee shaayee dhugaa
taphanna jedheen harkashee qabadhee gara bitaatti goreen
balbala hoteelichaatti olseene.
36
Ishiinis “osoon si duukaa ture illee baay’ee natti tola, garuu
aduutu dhiyeera. Jaawweekoo xiqqooma teenyee kaana
malee” jette.
Anis tole dafnee yaana jedheen shaayee wayii ajajannee
walitti garagallee taphachuu eegalle. Tapha walitti mi’aawu
waan qabanne natti fakkaata. Gidduutti kunnee shaayee
keenya dhugna jennee yeroo burcuqqoo shaayee ol fuunee
afaanitti unannu shaayeen akka cabbii qorreera_taa’ee
dadhabee.
Nutis wal ilaallee kofalleetuma xiqishuu ishii irraa unneeti
manaa gad yaane_gatii shaayee isaanii kaffallee. Gara mana
Kuluuleetti qajeelle. Jaalala waliif qabnu kan shaayee caalaa
nutti mi’aayee yeroo waliin qabnu osoo hinbeekiin nu saamaa
jiru, xiqqaachuu yerootti gaddaa mi’aawuu jaalalaatti
gammadaa. Garuu yeroon tokkoof baay’atee tokkoof
xiqqaate seera uumaa keessa hinjiru. Jaalaluma waliif
qabnutu nu sobee nutti fakkeesse malee, yeroon abbaa itti
beekee fayyadameef nama kamiifuu qabeenyaa loogii tokko
malee waaqa biraa walqixaan kennamedha.
Balbala mana ishii akkuma geenyeen, “kottu ol seeni. Irbaata
nyaadhuu gali” jette. Harkakoo qabdee ol naharkifte_ gara
mana ishiitti.
Lakki, Kuulleekoo. Boru yeroodhaan dhufeen si waliin
nyaadha malee amma aduun natti dhiheera. Dafeen yeroon
gala. “Kan galeef haati hinboossu” jedhani jedheen barruu
harka ishiifi adda ishii altokko lapheekootti qabee
dhungadheen duubatti garagalee gara manakootti qajeele.
Ishiinis “jedhi egaa nagaatti buli, borummoo akkuma amma
jette irbaata waliin nyaanna Jaawwee” jette.
37
Tole nagaatti buli jedheen deeme of irra garagalee_ dukkana
gargar nu baase yaadaan abaaraa.
Osuman ofitti odeessaa gara manakootti deebi’aa jiruu,
akkuman mana Kuluulee irraa xiqqoo siqeen sagalee nama
naasisu tokkotu dugda duubaan gurrakoo seene. Yeroon
‘bigig’ jedhee bir’adhee of duuba ilaalu nama ta’e tokkotu
uffata gurraacha dheeraa uffatee dargaggoo ta’e tokko
reebuutti jira. Anis dhaanicha ulfaataa kana rifadheen
bakkuma ijaajjetti fajajee hafe. Sagaleen nama dhaanamee
iyyaa jiru kanaas sagalee hiriyyaakoo_ Tokkummaa natti
fakkaate. Kun immoo ittuu rifannaakkoo kana anatti ulfeesse.
Namni iyya isaa dirmachuuf balbala banatee gad ba’es, kan
karaa irraa itti gores tokkollee hinturre. Innis osuma iyyuu
namichis osuma duukaa bu’ee dhaanuu lachuu sila dhufanii
faana miilakoo jalaan ga’an. Anis nama qawwee rarraafatee
hiriyyaakoo Tokkummaatiin lafa irra gangalchee dhaanaa jiru
yeroon jalqaba ijakoon argu, kan duraa caalaa baay’een
rifadhe. Irratti bu’ee hiriyyaakoo irraa faccisuuf qawwee inni
rarraafatee jiru argeen sodaadhe. Dhiisee baqachuufis
hiriyyaakootu akkanatti dhaanichaan du’uuf jira, osoo ijikoo
arguu. Waanan godhus ana wallaalchise.
Namni nama ta’ee dhala namaa daandii gubbaa irratti akka
kanaatti, bara harreen kabajamte, akka harreetti rukutu nama
keessaati hindhalannemoo eessaa dhufe namni akkasii?
jedheen itti fiigee maaloo obboleessa kiyya ana duraa
hinajjeesiin jedheen harka bal’isee kadhadhe.
Tokkummaa dhiiseeti, natti garagalee “dafii jilbeeffadhu”
jedhe. Shiingaa gurraacha akka Laanqisoo namatti maramu
dugdarra na buuse.
38
Maaloo maalin si godhe? Obboleessako adaraa na
hindhaaniin. An nama seera eegee daandii irra deemaa
jirudha. Hinhanne, hinbutne. Maal goonaan dugda na kutta?
jedheen waa’ee hiriyyaakoo dhiiseen waa’eekoof kadhadhe.
Hammanumatti waa’ee hiriyyaakoo dhiiseen waa’eekoof olii
gadi waakkadhe.
“Tambarkak si jechaan jiram” jedheeti ammas mataatii gadi
natti cire_kadhaakoof garaa laafuu didee.
Jaawwee waa’ee seeraa dhiisii jilbeeffadhu. Maaliif duuta?
jedhe hiriyyaankoo_ Tokkummaan.
Anis keessakootti tole jedheen, furmaanni amma jiru kanaan
ala waan natti hinmul’anneef afaankoo qabadheen awwaara
keessa jilbeeffadhe.
“Eenyu maqaankee?” jedhee ana gaafate.
Jaawwaraa’n jedhe.
“Lekkaa ihii… ihii.. Jaawwaraa Caattoo sii guu. Bexaam
xuruu…. Amma raajiikee argita egaa” jedhe. “Ka’aa lamaan
keessan iyyuu” jedhe ammas.
Nus lachuu kaanee dhaabbanne. Ani egaa yeroo kana itti
iyyachuu barbaadeeni namoota nagaa uummataa eegan
_poolisoota magaalaa, ijaan halaalatti barbaaduu eegale.
“Kottaa deemaa fuuldurakoo” jedhee magaala keessa daandii
qalloo tokkorra nu qajeelche.
Nuyis, nama qawwee qabu waan ta’eef sodaanneema faana
buune malee eessa akka nu dhaqatu hinbeeknu, hingaafannes.
Osuma nu oofuu naannoo waajjira qajeelcha poolisii yeroo
39
geenyu UU.UU jedhee iyyuun barbaade. Nagaa eegdonni
yookaan poolisoonni akka nuuf dirmataniif. Otuun iyyuu…
dhiisuu… iyyuu… dhiisuu.. jedhuu balbala dallaa waajjira
qajeelcha poolisiitti “seenaa ol” jedhee kophee kaskisiitiin
hudduu jala nu koobe. Nuyis ol seenne. Hudduu
sukkuummachaa.
Akkuma namicha nu tume kanaa uffata gurraacha dheeraa
kan uffatan namoonni sadii waajjira poolisii keessaa achii as
nutti dhufan. Egaa yeroonsaa aduu dhiya booda, sursura
galgalaa waan ta’eef bifa isaanii adda baasnee beekuu
hindandeenye. Itti iyyachuufis uffanni isaanii namichuma nu
tume kana waliin waan wal fakkaatuuf bitaa nu galeeti
sodaannee callisne. Osoo dhugaa dubbannu qabnuu waan
dubbannu dhabne.
Garuu kanaan dura guyyaa guyyaa yeroon achiin darbu
namoota baadiyaa biyya keenyaa tokko tokko balbalichatti
nan argan ture. Maaliif dhuftaniittu? Yeroon jedhu kaan
maatii waliin wal dhabee, kaan lafa qonnaa irratti wal dhabee,
kaan machaa’aan daandii irratti rukutee dhimma isaanii
hojjettoonni nageenyaa akka furaniifiif akka himachuu
dhufan isa natti himan nan yaadadhe.
Maali? Anatu of wallaalemoo? Maalinni dubbiin akkasii?
Ammas yaadaan deddeebi’een of falme. Qaama gurmaa’ee
biyya dhaanutu galgala kana magaala weeraree buufata
poolisii booji’eera tayinnaa? jennee garaatti shakkuun
keenyas hinhafne. Moo guyyaa guyyaa rakkina furuuf halkan
halkan rakkina uumuu qabu Kan jadhutu seerri isaaniif jira
tayinnaa? Yoo seerri akkasii isaaniif jiraate, kun dhugumaan
seera jedhamuu danda’aa? Seerri tumamu tokko uumama
yakkaaf sababamoo bu’aadhaa? Warri seera tumaniif warri
40
seera hojii irra oolchan wal hinbeekanii laata? Moo waa’ee
seeraa isaan kana malee namni biraan hinbeekuu laata?
Kanaaf tayinnaa namni biyya keenyaa seera wallaalee
mirgaaf dubbatee kan adabamu. Moo mirgaaf dubbachuun
seeraa? Namoonni baadiyaa rakkoo isaa furachuuf qaama
rakkoo uumutti himatu kunimmoo maali? “Rakkataan ulfa
fuudha” isa jedhan sana filannoo biraa waan hinqabneef ta’aa
laata? Garuu maaliif filannoo dhabuu? jedheen gaaffii deebii
hinqabneen mudannoo nu qunname waliin of burjaajesse.
Jarreen sadan sunis nutti siiqaniiti “maalinni kunimmoo?
Eessaa isaan fidde?” jedhanii isa tumee nu fide gaafatan.
“Kuni lamaan warra mana barumsaa jeequuf barattoota
qindeessaa jiranidha. Amma iyyuu dirqama fiigichaafi bu’aa
ba’ii meeqaan bosona irraa bosonatti na dabarsanii deeggarsa
caasaa keenyaan gidiraa akkamiinan qabee fide” jedhe.
Lakkii…. obboleessako, daandii irraa nu fiddee bosonaan
fide nuun hinjedhiin. Maaloo maal si goone? jedhee osoo ani
afaankootii hinfixatiin jarreen sadan suni akka rooba yandoo
ji’a Adoolessaa, dullaa harkaa qaban nurratti roobsan.
“Afaankee qabadhu” naan jedhan. Wal malee nama biraa
dhaggeeffachuuf waan yeroo qaban hinfakkaatan.
Dura miti kana booda ture egaa wanti hundi kan bitaa nutti
galte. Jireenyi addunyaa kanaa biyya irratti dhalanne keessatti
qaawwa limmoo keessa hulluuquu nutti taate. Jarri kun nagaa
uummataa eeguuf jecha mootummaan miindaa kaffalee kan
gad bobbaase natti fakkaata, akkaan dur yeroo waa’ee poolisii
barsiisan dhagahetti. Yeroo barnoota Siiviksii yookaan
Lammummaa barannu “ga’een poolisii inni guddaan nagaa
uummataa eeguudha” jedha. Akkasi taanaan jarri kun maaliif
41
reebanii nu ajjeesu? Garuu uummata jechuun maal
jechuudha? Nuyi lakkoofsa uummataa keessa hinjirrumoo?
Maal jechuudhaa? Akka mootummaa biyya kanaatti
uummata jechuun dargaggoo hindabalatu jechuudhaa? Moo
uummata jechuun warra uffata gurraachaafi buburree kana
uffatan duwwaadha? jedheen ammas irra deddeebi’ee
mudannoo keenya kana waliin yaadaan raata’e.
Biyyeen isatti haasalphattu malee, gorsa akaakayyuukoo
yeroo ijoollummaakoo durii keessaa tokko yaadadheen
xiqqoo gochaaf jecha poolisoota kanaa dinqisiifadhe. Innis,
“sareen tokko dhugumaan saree kan jedhamtu yoo lafa raqaa
dabartedha” jedha ture. Edaa saree dhugumaan saree kan
taasisu eegee olqabattee deemuu, hudduudhaan quxuuxxattee
taa’uu, bifa saree qabaachuu, suksukaan deemuufi foon
nyaachuu osoo hintaane, “sareen abbaan guddifate funyaan
ishii foolii raqaa foon ishii nyaachisu caalaa foolii hattuu
mana abbaa guddisa ishii eegsisu suufa” jedha
akaakayyuunkoo. Kana jechuun, dubbii funyaan sareetu
foolii raqaa hinharkisu jedhu miti, garuu foolii sareen suuftu
hunduu saree ishii hintaasisu jechuudha malee.
Kanaafuu nama tokkos nama kan taasisu yookaan poolisii
tokkos poolisii kan taasisu hojiif itti gaafatamummaa itti
kenname akkaataa qajeelfama seera waltaawaan hojii irra
oolchuudha malee, akkaataa haaloofi gadoo haala yeroon
hojjechuun yookaan uffata seeraa poolisii uffachuu qofaan
isaa, saree funyaan dhadhaa bukaa’e dibamte nama godhee
osoo hinbeekiin barootaaf gorduuba nama naannessa malee
ofiifis biyyaafis fuuladuratti nama hintarkaanfachiisu jedheen
gochaa poolisoota kanaa yaadaan of keessatti gorsaan
goolabe.
42
Poolisoonni sunis xiqqoo walitti hasaasaniiti “ka’aa ol
seenaa” jedhanii mana fooliin fincaanii funyaan nama duuchu
tokkotti nu galchan. Manichis “kan kuftu irratti kan dhuuftu”
akkuma jedhamu kan ajaa’a isaa irratti ibsaa waan hinqabneef
dukkana isaa iji wal hinargu.
Erga dubbiin akkana ta’ee uummanni nagaa isaa eeggachuuf
warra nagaa uummataa booressan yoo qe’ee isaa irraa
balleessuu barbaade eenyu waliin eenyurratti akka duuluu
qabu gaaffii natti ta’e. Kan nagaa uummataa booressu
miindaa nyaachaa seeraan booressuuf qacaramemoo, isa jarri
kun jedhan bosona irraa bosonatti warreen darbanii maqaa
adda addaatiin moggaafamanidha? jedheen funyoo yaadaa
kan mataaf miilla hinqabne ofitti naannesse. Nutis
dukkanichuma mana ajaa’aa kanatti galuu keenya iyyuu
yeroo sanaaf baay’ee gammanne_ reebicha harree hora didde
nu godhan sana keessaa boqochuu keenya qofaaf.
*****
Nuyis, lamaan keenyi iyyuu erga manicha seennee balballi
alaan nutti cufamee booda, xiqqoo yaada dhuunfaa keenya
waliin wal irraa gargar yaane. Yeroo yartuu boodas yaada
keenya dachaafannee waliin qaaquu eegalle.
Tokkummaa…. ati maal goote garuu Kan akka kanatti si
dhaanan? jedheen harkaan mataa isaa susukkuumaa
gaafadhe.
“Dhiisi Jaawwaraa. Waanuman kana jedhee sitti dubbadhus
hinqabu. Maaltu akka ta’eefi akkam akkan ta’es waanuman
beeku hinqabu. Afaankee narraa qabadhu. Osoo akka namaa
yeroon baatee yeroon galta ta’e, maalitti dhiigni keenya akka
43
dhiiga saree daandii gubbaatti dhangala’a” jedhe_
Tokkummaan.
Maali Tokkeekoo, ati ana barbaacha manaa baatemoo?
Maaloo adaraakee maaliif akka si dhaane natti himikaa.
Maaliif akkana aariin of muddita jedheen ammas irra
deddeebi’een isa sossobe.
Tokkeenis, osoo imimmaan lakkuufi dhaanquu lolaasuu,
“anoo kaniin ganama barii barraaqa barruuleekoofi uffatakoo
qabadhee as godana laga Bashaargoo iddoo uffata miiccaa
sana bu’e, uffatakoo miiccadhee afadheen achuma cinaa
kichuu filii baargamoo keessa ciiseen barruuleekoo dubbisaa
oole. Aduun galgalaa’e jennaan uffatakoof barruuleekoo
guurradhee gara manakootti ergan galee booda, qofaan waan
ana jibbisiiseef si duukaa taphadhee deebi’a jedhee gara
manakee dhufnaan ati mana hinjirtu” jedhe.
Ajaa’iba rabbii! Ganama baatee galgala kan galtu nyaata
fudhattee deemtemoo akkanumaan hagabuu oolteree?
jedheen itti deebise osoo inni gaaffiikoo duraaf deebisee naaf
hinxumuriin_ gidiraa nuyi amma argaa jirruufi iddoo inni
oolee dhufe lachuu waan garaa nama nyaatuuf.
“Lakki…. haga kanayyuu ana hinbeelessine. Ganamas
bixxillee galgala hafteettu tokko ciniinee ba’eera. Kanarratti
immoo barruuleekoo dubbisaa waanan tureef yaadnikoo
qayyabannaatiin qabameera. Waanuma garaa iyyuu hin
yaadanne. Yeroo biiftuun qaaritu akkuman manakoo seenee
uffatakoofi barruuleekoo olkeeyyadheen waanuma argamte si
biraa nyaadhee xiqqoo taphadhee dadhabbiikoo dagadhee
deebi’a jedheen gara manakee dhufe. Yeroon achi ga’us ati
mana hinjirtu. Akkuma amalakee mana Kuluulee deemteetta
44
tayinnaa jedheen daandii karaa magaala jalaa karaa mana
obbo Gabbisaa sanarra goreen gara mana Kuluulee dhaqe.
Yeroon achi ga’ee balbala duuba dhaabadhee Kuluulee…
Kuluulee… Kuullee… jedhee ishii waamu, ooko jettee mana
ishii keessaa gad baate. “Eenyu? kan na waamu” jette. Ana
Tokkummaadha. Kuullee…. jedheen bakkuma ijaajjee ishii
waamaa turetti callise. Ishiinis fiigdee dhuftee balbala bante.
“Kottu ol seeni. Tokkee, maali baay’ee wal irraa bannehoo.
Anamoo situ wal dagate?” jettee ofitti qabdee harka na fuute.
Osuma ani jecha tokko hindubbatiin wal walirratti jecha
komii narra naqxe. Anis dhiifama naaf godhi Kuullee. Har’a
baay’ee dadhabeera waan ta’eef dafee galee ciisee boqochuu
barbaadeera. Amma Jaawwaraa manaa waanan dhabeef si
bira dhufeera tayinnaa jedheen si gaafachuu dhufe malee ol
hinseenu. Guyyaa biraan dhufa” jedheen, ati ishii bira
jiraachuukee gaafadhe. “Wayyoo! Ammuma kana karaa isa
olii kanarra na gaggeessee gara mana isaatti kute. Yoona
iddoo manicha bareedaa, isa kan namicha bulchaa sanaa
hindarbu. Dafii qaqqabadhu” na jette. Tole… jedheen harka
fuudhee nagaatti buli jedheen duubatti ofirra deebi’e. Yeroon
karaa ati irra deemte jedhame sanarra qajeelu, egaa Tokkee
har’a hintaa’u erga jettee boru Jaawwee waliin koottaatii
waliin taphanna anaan jette_ Kuluuleen. Tole… ni dhufna
jedheen, si qaqqabuuf daandii ati irra sokkite na jette sana
qabadheen daddafee deemuutti ka’e. Kanuma gidduutti osoon
deemaa jiruu akkuma bakakkaa karaa duubakoo si’uma akka
harree na dhuukkalu isa jalqabaa duwwaan beeka malee isaa
booda akkam akkan ta’es akkam akka ana godhes hinbeeku.
Isuma ofiikee dhaabattee ijakeen agartedha mitii” na jedheeti
bo’ichasaa irqinfatee imimmaan lolaase_ obsuuf qabachuu
dadhabee.
45
Akkamitti inni ana booda ka’ee karaa ani nagaan irra darberra
dhufee uggura kanaaf saaxilame garuu ana ajaa’ibeeti homaa
osoo hindubbatiin xiqqoo ofirraan callise. Dukkanni isaa silaa
imimmaan isaa akkan argu miti qaamuma isaa iyyuu ana
hinargisiisu. Garuu sagaleedhuma irqinfuu bo’icha isaa yeroo
gurrikoo dhagahu waan ta’e garaatii na ka’e. Anis
imimmaankoo isa amma kumbulloo ga’u fuulakoo irra gad
darbachaa, mormakoofi lapheekoo tortorseen bishaan
sochootuu lafa raatuu keessaa fakkeesse_ imimmaaniin.
Waan biraa akka deeggaruu hindandeenye waan hubate natti
fakkaata sammuunkoo kan ajaja biraa dhabee ajaja bo’ichaa
narratti labse. Bo’ichakoo kololaasee yeroo naa gamee
imimmaan ana keessaa dhume, iji na gogee libsachuun
dadhabe. Fuullikoofi hidhiinkoo waan ashaboo dibame
fakkaate. Awwaara reebichaan irra na gangalchan makatee
harree daaraa keessa gangalatte na fakkaate_ yeroon ija
yaadaan of arge.
Hunda caalaa immoo kan gubee na waade hiriyyaankoo
Tokkeen anaaf jecha beeluudhaan mar’ummaan isaa
hidhatee, osoo garaachiifi dadhabbiin mo’oo buustee jirtuu
ana barbaacha dhufee kan akkasitti kaskisiin, uleefi dukkanni
irratti wal ga’an yaadeeni. Egaa ammas boqochuu
hindandeenye. Isa baddaafi gammoojjii yaadaan buusee
baase. Garuu namni nama ta’ee daandii irraa qabee dhiiga si
tufsiisu, lafee si cabsee eelaa bara baraa si keessa kaa’u nama
akkamiiti? Nama nama keessatti dhalatee guddatedhaay?
Gumaa durii kan namni hinbeeknetu jira tayinnaa? Kan akkas
nuuf nahuu didan. “Hidda malee xannachi hindhiigu”
jedhama. Jarri kun alagaa fagoo ta’uu qofa miti, nyapha
cimoo ta’uu danda’u yoo afaan oromoo dubbatanillee.
46
Yookaan nama hinbaranne afaaniifi uffataan nama barate
fakkaatee kan alagaaf ergamu ta’uu danda’u_ shakkiikooti.
Akkuma nama gumaa baasuu daandii gubbaarratti caccabsee
gototee mana hidhaatti nu naqaa? Isayyuu immoo bosonaa
bosonatti fiiganii gidiraattin qabe jedhaa? Yaa gooftaa waaqa
jiraataa! Abbaa dhugaa! Kana hundaa ati inagartas, inbeektas,
indeebistas, deebisuufis akkakoof akka hiriyyaakoo humnas
ta’e beekumsi si hinhanqatu. Nama akkas nama dhaanus,
nama akkas dhaanamus situ uume jedhee osumaan ofitti
gumgumuu halkan waariin qaari’ee gara bariitti waan
dhiyaate fakkaata sagalee korrisa weenniitu dhufee gurra na
seene.
Seera uumaa halkan waariin namaaf rafuu kan ture_
hirribakoo dhiiseen, kan hinhaamamneefi hindhahamne
oomisha yaada fincila diddaa gabrummaa osoon oliif gad
afarsuu korrisni weennii keessaa na baase. Tokkeenis galaana
yaada isaa keessaa dammaqee ka’e.
“Jaawwee amma osoo lafti bari’e eenyutti himanna? Maal
jenneetimmoo itti himanna?” jedhe.
Dhiisi rabbi jira. Waan himannaa miti osuma lafti bari’eyyuu
waan tokkodha jedheen sodaafi jibban dukkanicharraa qabu
gad baase.
“Ati immoo isa kami jetta, kun seera uumaati. Ifaafi dukkana
osoo hindagatiiniifi osoo hinirraanfatiin yeroo isaatti wal
jijjiiruun, hojii rabbiiti. Kan nu sodaachise hojii namaa isa
akka kanaa dukkanatti nama cuqqaaludha malee” jedheeti uf-
f-f….. jedhee hafuura dheeraa baafate_Tokkummaan.
47
Inni ati jette illee dhugumakeeti Tokkeekoo. Garuu lafti yoo
bari’e waan hundaafuu jarri kun waan dhufaniif, waanuma
isaan nuun jedhan dhageenya malee amma yoo mari’annes
wanti nuyi murteessuu dandeenyu hinjiru. Rabbi inni dhugaa
beeku nuyiif haa murteessu malee jedheeni, yaadaan galaana
Didheessaa daakuu eegale. Yeroo kanatti waan nu gochuuf
harkaa qabnu tokkollee waan hinjirre natti fakkaannaan.
Garuu jechii Tokkummaan jedhe dhugaadha jedhee
deeggaruukoof sammuunkoo ana falmuu eegale. Ifaaf
dukkana jijjiiruun hojii rabbii ta’uu isaa yoon shakkuu
baadhellee, namni nama ta’ee waan ofiif hinbarbaanne
namaaf hawwuu irra darbee humnaan akkanatti si ugguru kun
gorsa abbaakoo isa gaafa tapha jimmaa jimmiitee Birraa
yeroo nyaata asheeta boqolloo ta’uu danda’a jedheen shakke.
Hudhaalee jireenya dhala namaa daangessan keessaa
“fe’umsa fe’amee hinhiikamne” jedhanii kan abbaankoo nu
gorsan sun amala namni yookaan sabni tokko amaleeffatee
yeroo hedduu raawwatu akka ta’e nan hubadhe.
Poolisoonni kunis gochaan reebichaa isaan raawwatan kun
baroota jireenyaaf mootummootaa isaan dura turan keessas
waan tureef, yeroo ammaa kanatti namaa namattiifi mootota
irraa moototatti tarkaanfatee waan dhufeef gochaan
dhaanichaa kun amala itti ta’ee, sabootatti laga riqicha
hinqabne ta’ee argame. Kanaaf natti fakkaata sabni oromoo
illee “amalliif tulluun hingodaanu” kan jedhuuf.
Kan hedduu ana ajaa’ibe garuu mootonni biyya keenyaa
riqicha dhaanichaaf gidiraa ta’anii, wal eelessuu darbe
deebisanii dhalattuu godhanii saba biyyaarratti biqilchuu
isaanii qofa osoo hintaane, irrattillee guddisuuf yaaluu
isaaniiti. Kana qofaas osoo hintaane seenaan mootota
48
darbanii madaafi godaannisa isaan kaa’aniin malee
misoomaaf nageenya mirkaneessisaniin kan maqaa
dhahaman haga har’aatti biyya keenyaaf abjuu ta’uu isaati.
Mootonni waljijjiiranis, karooraaf sagantaa haaloo
godaannisa mootota darbaniin kaa’amaniif deebii
godaannisaa kennuu amaleeffatanii guboo saba mootii darbee
adamsuuf kufanii ka’aa jiru. Kan anaafi hiriyyaakoof gaaffii
jireenyaa ta’e garuu sabni Oromoo seenaa darbe keessatti
mootii ta’ee, sabaaf sablammoota biyyaaf eelaas ta’e seenaa
kaa’eeru waan jiru natti hinfakkaatu, garuu nuyi maaliif osoo
waa hingodhiin akka waa taane wallaalle.
Tokkummaanis jecha ani deebiseef sagalee tokkollee osoo
natti hindeebisiin galaana yaada mataasaa keessa seenee
culluxii fagaate. Osuma karaa karaa keenya irra mudannoo
akka bakakkaa tasa nurra bu’e kana jalaa ba’uuf farda yaada
furmaataa gulufnuu, lafti bari’ee simbirroon wacce. Nuyis
farda yaadaa irraa buunee ifa karaa qarqara cufantaa
balbalaatiin seentee nurra buutu jala teenyee, ija ija keessa
wal ilaaluu jalqabne.
Qorri irraaf jalaan nu waadaa bulus, ifni karaa qaawwaa galtu
kun akka waan nu ho’isuu dandeessuu osoo hinbeekiin, waan
irratti wal saamne natti fakkaata. Jarri uffata gurraachaafi
buburree galgalaa sun barii barraaqa kana osoo namni ka’ee
oliif gadi hindeemiin dhufani. Balbalas nutti banani.
“Ka’aa gad ba’aa qulqullaa’aa. Yoo fincaan isin qabeera ta’e”
jedhanii balbalarra dhaabatanii ija nutti babaasani. Nutis
akkuma “namni bofa arge maagaa dheessa” jedhamu sana,
eda galgala waan taane waan beeknuuf daddafneetuma tole
jennee gad yaane.
49
“Elaa! mana qorqoorroo fuuldura keessanii sana seenaa
daddafaa ba’aa” jedhe. Isaan keessaa tokko, qawwee
gombifatee akkuma nama biyya saamee qabame eeguutti
nutti siqee ijaajje.
Nutis silaa waan irra ciifnu miti waan uffannee bullu iyyuu
waan hinqabneef qorri simintoo jalaa irraa ol nu waadaa
buleefi reebichi ulee isaanii wal ga’ee, akka bishaan
kottolleessaa keessaa walitti kottoonfachiisee waan nu
hadoocheef, fincaan nu qabuu isaafi nu qabuu dhiisuu isaallee
waa’ee ajaja qaama miiraa keenyaa wallaalleerra.
Fincaan nu qabuu isaa wallaallus sodaa reebichaa irraa kan ka’een,
ajaja isaanii fudhannee mana fincaaniitti olseenne. Yeroo xiqquma
mana fincaanii keessa seennee ofirra gad teenyu, “hinbaatanii jara
nana” jedhee sagalee jabaa dubbate_ poolisichi ala ijaajjee nu
eegaa jiru sun.
Nutis wareerreeti, daddafnee kofoo dhiigaan bulbulame ofitti
harkisaa mana fincaanii keessaa gad yaane. “Seenaa ol” jedhee ol
nu seensise. Balbalas nutti cufe.
50
Boqonnaa Sadii
Egaa kaleessa galgala yeroo qabamnee dhufne guyyaan isaa
Sambata guddaa ture. Har’a immoo Wiixata waan ta’eef
jaalalleenkoo Kuluuleen akkuma durii ganamaan kaatee
mana barumsaa dhaqxe. Yeroo kutaa seentee iddoo ani dur
taa’ee baradhu ilaaltu hiriyyaakoo Kifilee malee, ani akka
hinjirre agarte. Callisteetuma hanga boqonnaatti baratte.
Hanga boqonnaan ga’utti baay’ee ariifatteetti; maaliif akka
ani mana barumsaa hafe gaafachuuf. Garuu Kifileenis ishii
gaafachuuf baay’ee ariifateera. Akkuma bilbilli boqonnaa
bilbilameen daftee fiigdee dhaqxee Kifilee cinaa teesse.
“Kifilee har’ammoo maa kophaakee teessa?” jettee gaafatte.
“Lakki.... Kuullee …. maaliif akkan kophaakoo taa’u iyyuu
hinbeekne. Garuu si gaafachuuf waanin qajeele dhuftee ana
dursite malee” jedhe innis.
Bitaa ishii gale. “Jaawwaraa waliin wal hinagarree?” jette.
“Lakki erga gaafa Jimaataatii halaalattuu isa argee hinbeeku”
jedhe.
“Toleka, waan hundaafuu hiriyyaa isaa mucaa isa ollaa isaa
Tokkummaatiin gaafadheen dhufa” jettee Kifilee biraa gad
baate_ gara daree Tokkummaa dhaquuf.
51
Iddoo daree Tokkummaa geessee gara kutaa keessa yeroo ol
ilaaltu barattoonni hunduu gad yaa’anii ala jiru_ dareen
dabtara barattootaa malee barataan tokkollee keessa hinjiru.
Namtokkollee daree keessa hinjirani. Duubatti deebitee
barataa balbala fuullee dhaabatu tokko itti siqxe.
“Obboleessa dareenkee asii?” jettee gaafatte. Silaa amalliifi
dubbiin ishii hundatti mi’aawa.
“Eeyyee asi, garuu maal barbaadde?” jedhe, baratichi balbala
fuullee dhaabataa ture. Waan danda’u yoo ta’e ishii
gargaaruuf kan ka’e fakkaata.
“Lakki…. homaa miti. Mucaa dareekee_Tokkummaan iddoo
taa’u natti agarsiifta jedheen malee” jette.
“Iddoo taa’umsa isaa illee sitti agarsiisuu nan danda’a, garuu
Tokkummaan har’a mana barumsaa wan hindhufneef
qaamaan isa argachuu hindandeessu” jedhe.
“Akkasii…. inni hindhufne taanaan guyyaa biraa isa
argachuu nan danda’a. Guddaa galatoomi” jettee biraa
deemte.
Gara daree ishiitti deebitee xiqqoo yaadaan bir’atte_ yaa
garaa jaalalaa. Waan bare fakkaata gidiraa ani keessa jiru.
Mana barumsaa ishii ooltee galgala yeroo galtu karaa
manakoo gortee ana gaafatte. “Lakki….. innoo balbala kana
hinmul’atu” jedhan warri mana naaf kireessan.
Silaa duraanuu manakoo malee mana Tokkummaa waan
hinbeekneef ofirra garagaltee gara mana ishiitti
kutte_Kuluuleen. Durumaanuu bor irbaata waliin nyaanna
jennee beellama walii waan qabnuuf erga galtee xiqqoo
boqottee booda irbaata hojjechuu eegalte. Tokkummaanis isa
52
waliin dhufuu danda’a jettee waan shakkiteef irbaata nama
sadii ga’u mi’eessitee hojjechuuf olii gadi kurkuraa oolteetti.
Yeroo aduun dhihuu jala ga’e waan hunda qopheessitee
ammamoo amma dhufu jettee sagalee keenya eeguuf alatti
osuma gurra qensituu lafti dukkanaa’e. Ishiinis erga wal
barree jaalala waliin jalqabnee asitti guyyaa ani dhufa jedhee
hafee beeku, yoon hafes ergan hafee sa’aa beellamaa sana
dabarsee, ariitiin dhaqee sababaan itti hafe ishiitti himu beekti
malee, waan akkanaa kaniin ishii mudachiisee beeku waan
hinjirreef baay’ee natti mufatte_ garaa ishiitti.
“Mucaan kun maal jechuu isaati? Irbaata waliin nyaanna na
jedhee cirumayyuu mana barumsaa hafee oolee ammas
manakoo hafuu isaatii?” jettee ofitti odeessiti. Isa gaafa
jalqabaa keessikeefi dubbiin afaankee yoo tokko ta’e waan
gargar nu baasu hinjiru jette yaadatte.
Deebitee immoo jaalala anaafi ishiin waliif qabnu waan
dhamdhamtee beektuuf, “garuu dhuguma hanga ammaa
Jaawween anaan beellamee mana ormaa taa’a natti
hinfakkaatu. Mucaan kun nagaa miti tayinnaa?” jettee osuma
yaadaan battee dhootuu halkan waariin ga’ee hirribni fuudhee
bade_ osuma waan kurkurtee qopheessaa oolte afaaniin
hinqabiin.
53
Boqonnaa Afur
Anaafi hiriyyaankoo Tokkummaanis kaleessa dukkana
galgalaa sodaannee lafa bari’ee ifu hawwaa turre. Kunoo
har’as ifa mo’atee dukkanichi nutti dhufeera. Har’a garuu
dubbiin akka kaleessaa miti. Dukkana kaleessaa, kan galgala
keessa bulle miti, har’a guyyaa ifa qabullee yeroo xiqqoof
osoo balballi nutti hinsaaqamiin oolle. Erga ganama
fincaaniif nu yaasanii eegalee. Kutaa manaa nuyi keessatti
hidhamne keessa hidhamaan biraa waan hinturreef,
namtokkollee hidhamuu keenya kan beeku hinjiru. Kan
nyaata nuu fides hinturre. Jarris homaa nuuf hinlaanne.
Yeroo kana egaa, harka nama namaaf hindiinnee gallee yeroo
beelliifi qorri, dukkanniifi sodaan nurratti wal ga’ee waxxee
qormaata jireenyaa nutti waxxisuu eegalu, isa kaleessa
Kuluuleen irbaata waliin nyaanna jette yaadadheen
garaankoo na baabba’e, na boora’es. Yoona nyaata hojjettee
ana eegdee yoo dadhabde maal na jetti ta’a? jedheen yaadaan
gara mana ishii beellamakoo dheengaddaa dhaqe.
Garuu kan ana ajaa’ibe, osoo gidiraafi sodaan gocha badii
malee anaafi hiriyyaakoo dararaa jiruu, yaadnikoo kana
cinaatti dhiisee, waa’ee jaalalleekoo_ Kuluulee mana ishii
siree ishii irra ciisaa jirtuu cinqamuuti.
Yaa jaalala dhugaa! Ati teessoonkee eessaa? Lafa hagamiitu
si ga’a? Yaa jaalalaa… ati uumaamoo uumamaadhaa? Kan
54
daangeffamuu hindandeenye . Safuu! Gammachuun si
hindaangessu, gaddi si hindaangessu, fageenyi si
hinmurteessu, ifaaf dukkana hinfilattu, ati uumaankee
maalii? Ammas safuu! As mana fincaaniifi tafkii keessa
taa’eellee takkuma waa’een Kuluulee hamman mana hidhaa
kana keessaa ba’utti sammuukoo keessaa hinirraanfatamuu?
Kan asitti ana faana mana fincaanii keessatti rakkatu maaliifi?
Yaa jaalalaa…. ati ajaa’iba uumaas taatu uumamaa, jedhee
osoon waa’ee jaalalaa sammuu wareereen forocuu halkan
guyyaa lammataa waariin baate.
Yaadakoo galaana jaalalaa horfu kana duubatti
dachaafadheen hiriyyaakoo ana barbaacha dhufee ofii
barbaacha dhabe kana_ Tokkummaa harkaan qaqqabeen,
silaa hirribaaf ciisuu maaltu jiraa miti, Tokkee… Tokkee…
jedheen waame.
Innis akkuma nama rafuu xiqqoo ana jalaa calliseeti, “maali?
maal taatee ana waamta?” jedhe sagalee dallansuu tokkoon.
Lakkii…. anoo dukkana kanaaf ijikoo waan fuulakee
hinargineef osoo teessuu hirribni si qabee jedheen shakke
malee waan biraaf miti. Garuu yoo si qabeera ta’emmoo
anaan waan hinqabneef as natti siqii mataakee gudeedakoo
irra hirkifadhuu xiqqoo shillib jedhii ka’i, jedheen jilbakootti
gad gombifameen taa’e, quxuuxxadhee_ qorra keenyanichaa
dugda na gubaa jiru baqachuuf.
“Lakki…. anaanoo hirribni hinqabne. Ati dur sa’atii kana
inteessa turtemoo? Wanti sirra ga’e kun siin aarsee hirriba si
dhoowweeti, anaan gammachiisee hirriba natti naqe jechuu
keetii?” jedheeti, sagalee gumgummii tokko dhageessise.
55
Akkas jechuukoo miti Tokkee… garuu “sodaa du’aa hirriba
malee hinbulani” jedhama mitii. Waan taanewoo sila taanee.
Teenyee yaadaan osoo namoota kaartaa nurratti taphatan
ilaalluu osoo hinbeekiin hirribni nu fuutee baduu dandeessi
jedheeni malee, jedheen sagalee laafaan isa jajjabeessuu
barbaade.
Xiqqoo walirraa callifnee akkuma turreen akkuma kaleessa
yoonaa sagalee korrisa weennitu gurraakoo seene. Maaloo
yaa gooftaa! Har’as kan hirriba dhabnu irratti osuma yaadaan
lafa qarmii hinqabne qonnee qofforruu lafti nutti bari’ee?
Yoo bari’es maal nuuf godha? Akkanumaan akka hantuuta
gannaa walitti butamnee teenyee karaa qaawwaa ifa hawwuu
irraa kan hafe, jedheen ofitti odeessa.
Hiriyyaankoo Tokkummaanis isan ani dhagahee yaadaan
buusee baasaa oole_sagalee korrisa weennii, marii tokko
malee waa’ema kanaa waan yaadaan akka maraa gundoo
naannessaa ture natti fakkaata. Gidduumatti, sagalee akka
wareeruu ta’e tokkoon na waame.
“Egaa nuti asuma keessatti tortorree duunee banna
jechuudhamoo, maal jechuudha?” jedhee ana gaafate_ akka
ani waa furuu danda’uu. Dabalees, “fira cimaa abbaa aangoo
kan dubbatee dhageessifatusoo hinqabnu. Fira nuti qabnuhoo
akka jirutti hundumtuu baadiyaa keessaa qonnaa qota.
Qonnaa isaa dhiisee osuma midhaan ciniinnu illee isiniin fida
jedhes haga inni deebi’ee galutti iyyuu jaldeessiifi booyyeen
midhaan fixa. Maal wayya? Maal malanna? Garuu osuma
booyyeefi jaldeessi midhaan isaan dhama’anii oomishan kana
garanaaf garasiin butanii ishuma hafte haammachuuf iyyuu
yoo hidhamuu keenya dhagahan qofaadha kan midhaan
nyaataallee nuu fidan” jedhe_ Tokkummaan.
56
Anis laficha abbaankoo qotee nu jiraachisu sana nan beeka.
Gaaf gaaftokko yeroo nuyi galgala walitti naannofnee jimmaa
jimmiiteef hibboo taphannu, erga miilla isaa dhiqatee booda
rakkoo bineensi isarraan ga’aa oolan nutti hima ture. Lafichis
oomishaaf oomishtummaa dabaluu irratti akka mudaa
hinqabne indubbata ture.Yoo Qamadii facaaste qamadii irraa
guurta. Yoo barbaadde boqqolloo, yoo barbaadde xaafii adiif
diimaa, yoo feete Garbuu, feenaan immoo Mishingaa, yoo
barbaaddes kuduraaf muduraa kan barbaadde facaaste akka
barbaaddetti siif biqilcha.
Garuu, maal godha biqilchuun, yoo haammatanii dhahatanii
galchatan malee. Kan abbaakoo yeroo hundumaa hojiin isaa
qotuu, qofforuu, meesuufi aramuu qofa akka ta’e nutti hima.
Karaa Kaabaa tulluu, dhagaafi holqa, dachee bineensa
saamtuuf tolu tokkotu jira. Jaldeessiifi dhaddeen da’oo kana
argatanii abbaan qabeenyaa abbaankoo inni qotee qoffore
osoo ijaan ilaalee hinquufiin, asheeta osoo bilchaatee
haamaaf yookaan cabsaaf hinga’iin hundeetti buqqisuu
eegalu. Kanarratti iyyuu abbaankoo halkan miti guyyaa iyyuu
nama bira dhaabatee midhaan isaa irraa bineensa haay jedhu
hinqabu. Guyyaa saafaa jaldeessi boqolloo seenee yoo
hodhee dadhabe boqolloo corqaa guuree holqatti naqee
yaabee irra ciisaa oola.
Ijoolleen wasiillankoo dargaggoo ta’an kan naannoo laficha
abbaakoo oolan immoo yeroo jaldeessa kana argan baay’ee
gammadu. Maaliif yoo jette, yeroo jaldeessi midhaan seenu,
abbaako abaluu jaldeessi karaa Kaabaa midhaan fixe jedhanii
abbaakoo jaarsa eeguufi ariisaan jaldeessa Kaabaa dulloomse
waamanii itti himu_ akka waan isaaf ooganii oo’anii. Yeroo
kana dhagahu abbaankoo jaarsi maanguddoon kun ulee isaa
dhadhaabbatee gatantaraa maasii isaa gara Kaabaatti fiiga.
57
Jarreen kaleessa dhalatan, dargaggoon dhiigaan finna keenya
ta’an kun seenaa waa’ee jireenyaa yeroo lafa higiggiraa
bosonaafi harangamaa ciranii baasanii har’a lafa warqee
hunda sooru godhanii kana waan hinbeekneef, waan beekne
itti fakkaatee abbaakoo jaarsuma waamanii ariisaa jaldeessa
Kaaba maasii isaatti bobbaasan kana duuba deebi’anii karaa
Kibbaa, Lixaafi Bahaa, isaanis corqaa boqolloof mishingaa
kana gadi ciruutti ka’u.
Kan nama ajaa’ibu keessaa garuu yeroo jaldeessiifi booyyee
wallaalaan bineensi bosonaa baree daqiiqaafi sekoondii
midhaan seenetti osoo ati duukaa fiigduu boqolloo muka
tokkos ta’e lama butatee fiigee ba’u, isaan uumamaan nama
ta’an kun immoo jaarsa duuba deebi’anii yoo boqolloo
seenan, midhaan isaa irraa cabsanii jaldeessaaf lafa buusu.
Agadaa isaa kan harreef fardi nyaattu achi keessa ciisanii
hamma garaan isaanii guuttutti cuunfaa oolu. Yoo garaan
isaanii guutte akka waan waggaa tokko lama midhaan malee
jiraatanii, waan sa’atii tokko lama hincaalle gidduutti kan
udaa’anii fincaa’aniif gammadanii afaan sukkuummachaa
boqolloo keessaa yaa’u_ harka qullaa.
Abbaankoo jaarsi du’aa fakkaatu kun garuu yeroo
dargaggoon fira dhiigaa, kaleessa haala mijate keessatti
dhalatan kun isa gowwoomsanis numa beeka. Innis ijoollee
dargaggoo akka isaanii kaleessa dhalatanii har’a akka jabbii
calacoo burraaqan kanas dhalchee of jalaa qaba ture. Garuu
inni kaan lafichuma warqee kanarratti jaldeessa Kaabaa
midhaan corqaatti kolaasee fixe kana osoo arii’uu yeroo
jaldeessi waan itti dhalatteefi guddatte jireenya lafa dhagaa,
utaaltee holqa irraa gophootti, gophoo irraa dhagaatti dabartu
inni immoo utaalee dhagaa gidduu gophoo keessatti
hafe_mataan galagalee, nama lafaa hirkisee kaasu dhabee.
58
Inni kaan immoo jaldeessuma kana laga ceesisee holqa ishiitti
galchuuf ganamaa galgala mudhii hidhatee osoo faccisuu,
huddu duubaa namumti fira ta’ee fira hinbeekne waan itti
hammaateef, humna jaldeessa faccisuufi humna nama fira
ta’ee fira hinbeekne barsiisu barbaacha hanga har’aa jooree
jaawwaraa jira; baddaaf gammoojjii lafa alagaa keessa.
Guyyaa tokko akka dhufee galus abdii guddaan qaba. Waaqas
nan kadhadhaaf.
Waan hunda caalaa garuu ishuma har’a warri keenya
nyaatanii bulaniifi ishuma as lafa mana kiraayiikootti akka
qallabaatti anaaf ergan kana iyyuu qabatuma jaarsa kanaan
arganna. Innis maal seete, abbaankoo jaarsumti jarri
saamtuun sun akka nama humna hinqabneetti ilaalan kun
gaaf gaaf tokko aaree, saqalaa boqolloo yaabee taa’ee osuma
ulullee afuufuu, jaldeessi dhuftee boqollootti naqamti. Achii
aaree kaanaan, saqalaa boqolloo irraa bu’ee gara Kaabaatti
fiiguu isa hinbarbaachisu. Achumarra dhaabatee, furguggee
isaatti dhagaa hidhee, hoomaa jaldeessa Kaabaa boqolloo
corqaa fixu kanatti yeroo furguggisu, keessaa tokko adda
dhahee akkuma boqolloo corqaa ciniintetti lafa ishii
ciniinsisa. Yeroo kana egaa namoota fira ta’anii fira
hinbeeknes ta’e jaldeessonni Kaabaa boqolloo corqaa fixan
kun, onnee naasuutiin torbee tokko lama turu_ osoo karaa
midhaanii hinba’iin. Egaa jaarsi osuma bulee bubbulee
aariidhaan ka’ee, ija nyaattuufi saamtuu tokko tokko jaamsuu
ishiin hafte corqaan kun bilchaattee kaan haamuuf, kaan
immoo cabsuuf geessi. Kanaani egaa jaarsi otuma hambaa
jqaldeessaafi booyyee walitti coruu nu nyaachisee lubbuun nu
tursaa jira, jedheen waa’ee jireenya keenyaafi oomisha
midhaan maasii keenyaa hiriyyaakoo Tokkummaatti hime.
59
Innis otuma ana dhaggeeffatuu anis osuman seenessuu iyyi
lukkuu waca sinbiraatti nu ceesiseeti lafti bari’e.
*****
Silaa balballi karaa alaan waan nutti cufameeruuf namoota
diidaa dudubbatan sana, addaan baasnee beekuu
hindandeenye. Sagaleema namaa dhagahuu irraan kan hafe
abalutu alaa dubbata hinjennu. Callisneetuma osoo sagalee
namaa dhaggeeffannuu sagalee dubartii wahii dhageenye.
Lachuu hafuura baafachuu dhiifnee alatti gurra
qensine_abaluu ishii adda baafachuuf. Ammas xiqqoo turee,
sagalee dubartii boossuu gurra keessa nu seene. Osuma nuti
walii ishii hinbariin yeroo yartuuf dallaa waajjira poolisii
keessatti takka boossee gara mana ishiitti deebitee galte.
Garuu intalli alaa bo’aa turte kun jaalalleekoo_ Kuluulee
turte. Ishiinis isa gaafa bor galgala irbaata waliin nyaanna
jennee wal beellamnee gargar baane sanaafi irbaata
qopheessitee nu eegdee dadhabde sanaa kaasee, aarii qabdi
ture. Har’a garuu aariin ishii duraa kun waan biraa ta’ee
argameera. Kuluuleen akka lubbuu ishiitti ana jaallattuufi
akka lubbuukootti ani ishii jaalladhu, har’a isa irbaata
qopheessitee beellama irratti na dhabde osoo hintaane, isa
guyyaatti si’a kudhan manakoo dhaqxee yeroo hundaa
balbala manaa cufaatti dhaqxuufi mana barumsaa dhaqxee
yeroo hundaa daree keessaa anaafi hiriyyaakoo_
Tokkummaatiin dhabdutu gaaffii jireenyaa itti ta’ee halkaniif
guyyaa ishii maraachaa jira_hammam akka barnoota
keenyaaf iddoo kenninu waan beektuuf. Waan taane
wallaaltus nagaatiin hagana akka ishii irraa hinfagaanne
hubatteetti.
60
Kana irraa ka’uudhaanidha egaa har’a kan waajjira poolisii
ishii fidee imimmaaniin booresseeru. Ishiinis ol baaftee gad
buuftee yaaddee dadhabdeetti. “Ijoolleen kun garuu nagaatiin
barnoota isaaniifi manakoo irraa hincitan” jettee waajjira
qajeelcha poolisiitti beeksisuu dhufteetti. Akkuma
dhufteefiis, seentee irqinfuufi imimmaan lolaasaa osoo
boossuu itti beeksifte_ sababa hinbeekamneen lafa buuteen
keenya akka dhibame.
Poolisoonni ishii arganis “ijoolleen ati badan jettu kun
maalkeeti?” jedhanii gaafatan_ imimmaan ishii waan garaa
isaan nyaate natti fakkaata. Ishiinis dhugaa jiru tokko osoo
hinhambisiin itti himte. Ajajaan waajjirichaas “ammaaf illee
wanti quba qabnu hinjiru, garuu sa’atiifi guyyaa ati nutti
beeksifte kanaa eegalee hordoffii barbaachisu hundaa ni
goona. Waan hundaafuu maal irra akka geenye ati
deddeebi’ii nu gaafadhu” jedhe. Afaan dhadhaa dibatee.
Akka nama ishiif oo’eetti jecha of sobuutiin laaqame
dubbatee ofirraa ishii gaggeesse_ akkuma nama nuun
hinagarre of fakkeessee.
Ishiinis “tole… tole….adaraa maaloo ijoolleen kun lachuu
ijoollee bakka hintaane buluu miti sekoondii tokkoof illee
bakka hintaanetti argamuu hinbarbaadnedha. Ijoollee
baay’ee barnoota isaanii jaallatanidha. Jabaadhaa naaf
hordofaa” jettee qajeelte, ofduuba garagaltee.
*****
Dhufee nu bira ga’eeti, balbala mana keenyaa ‘qosqos’
godhe. Nuyis duraanuu afuura sodaan waan guutamnee
jirruuf, har’ammoo maaltu galgalaan nutti dhufe? Sa’atii kana
nu baasanii eessa nu geessuufi? Gadi yaasanii nu tumuuf jiru
61
tayinnaa? jennee garaadhumatti yaadaan battee dhoofnee
jalaa callisne_ ati eenyu jechuu didnee.
“Jarana… har’ammoo yeroomaan raftammoo? Maa ana jalaa
hinqabdan?” jedhee balbala nutti bane_ osoo nuti homaa jalaa
hinqabiin.
Lakki…. rafnee iyyuu miti. Akkanumaan abbaa isaa waan
hinbeekneef callisne malee jenne. Lamaan keenya iyyuu akka
nama qaana’e tokkoo wal ilaallee lafa ilaalle_ bilicii ibsaa
keessa.
“Waan hundaafuu amma isin lachuu ka’aa mana keessaa gadi
ba’aa. Intalli tokko isin dubbisuu barbaaddee ala kana
dhaabachaa jirti” jedhe. Akkuma inni kana dubbatee afaanii
buufateen, dugdikoo bakka lamatti na qurxame.
Dubbachuufis afaankoo na saamsame. Ol ka’uufis
mogoleenkoo na laafe. Achuma akkan taa’etti ija ija
poolisichaa keessa osoon ilaaluu afuurrikoo dhufee deebi’uu
dide.
“Maaliree…. ka’ikaa Jaawwaraa…. ni rifattemoo? Homaa
miti hinna’iin. Ka’ii gadi ba’ii jaalalleekee dubbisi” jedhe
poolisichi. Ammas homaa deebisuun dadhabe.
Hiriyyaankoo Tokkummaan fuuldurakoo bilicii ibsaa alaa ol
galtu jala taa’ee achii as na laaleeti akka ani ta’uufi fuulakoo
argee osoo hinbeekiin sagalee tokko malee imimmaan isaa
fuularra akka lolaa lolaase. Anis jecha namicha kanaa fudhee
osoo of hinamansiisiin calliseetuma jilbakoo jabeeffadheen
osuman hoolladhuu olka’ee ijaajje. Gadi ba’uufis
tarkaanfachuun yaale_ mogolee beelliifi qorri, dhaanicha
jaraa waliin wal makee laaffiseen.
62
“Ka’i atis Tokkummaa…. garuu lachuu harka harka wal
qabadhaatii wal cinaa bu’aa gad ba’aa” jedhe_ poolisichi.
Nutis harka wal qabannee tirachaa, mana keessaa gad yaane.
Yeroo nuti mana keessaa gad yaanu, ani ganaa dallaa ala
baana jedhee waanan yaadeef takkaa illee ol jedhee
fuuldurakoo hinilaalle. Calliseenuma suuta tirachaa
fuulduratti qajeele. Garuu Kuluuleen fuuldura keenya
ijaajjitee waan jirtuuf yerooma nuti manaa gad baanu ija
naasuufi dukkana sursuraan walii keenya adda baasuu
dadhabdeeti xiqqoo gad nutti siqxe. Ol jedhee gaafan
fuuldurakoo ilaalu Kuluuleetu anatti adeemaa jira.
Ku… Kuu…Kuulleekoo… jedhee yeroon afaan banee
imimmaankoo lolaasuutti jalqabu, ishiinis bakkuma jirtutti
akkuma sagaleekoo dhageesseen nama elektirikiin qabee
dhiiga keessaa fixe taatee gogdee hafte. Imimmaan lolaasaa
walitti siqnee si’a qaamaan walitti marminee nagaa wal
gaafannu, nuun lachuu akka walitti marminetti, hiriyyaa
keenya Tokkummaan akka lamaan keenyatti marmetti gaddi
gargar baanee turuu keenyaafi gidiraan oolaa malee agarre
walitti dhufee irqinfuu bo’ichaafi lolaa imimmaanii nu
daaksise.
“Amma dhuguma si argee? Ati Jaawwaraadhaa?
Jaawweekoo… maaloo maalin si gaddisiise? Maalin sitti
balleesse? Yoodhuma kaan hafe illee afaaniin akkan dhufee
isin dubbisuuf maal ta’a akkuma hidhamtaniin osoo nama
natti ergitee jiraatte? Jaawweekoo… maaliif adabbii natti
cimsite?” Yakkikoo hammuma kanaa cimaadhaa? jettee
afaan afaankoo keessa hidhii imimmaaniin tortoreen
‘lamphas lamphas’ gootee na dhungatte.
63
Dhiisi hinboo’iin Kuulleekoo…. Ani sitti ergachuu jibbeen
yookaan irraanfadheen miti. Siin malees asii naman itti
ergadhus ta’e himadhu hinqabu. Sitti himachuus ta’e
ergachuun anaaf filannoo miti. Waanan siin walbira qabee
keessaa si filadhus hinqabu. Ati anaaf jaalalaafis ta’e fira
dhiyoo namaaf oo’u tokkittiikoo biraqabaa hinqabnedha.
Garuu…. jedheen afaankootti hambifadhe. Haala isaa
ibsuufii barbaadeen poolisicha nu cinaa dhaabatu sodaadhe.
“Waan mari’attan dafaa mari’adhaatii ol galaa. Ishiinis osoo
aduun itti hindhihiin yeroodhaan gara mana ishiitti haa
deebitu” jedhe_ poolisichi. Silaa akka ilaalcha jara kanaa
hubannetti maal gochuu dandeenyaayi maal mari’anna miti.
Callisneema walitti bo’uu keenya itti fufne sadanuu. Yeroo
yartuuf akkuma walitti boonyeen booda, wal irraa ol jennee
ija ija keessa wal ilaaluu eegalle.
Ishiinis “maaloo Jaawweekoo maal gootanii hidhamtan?
Amma kanaa booda immoo akkamittan isin arguu danda’a?”
jette. Waadaa poolisichaaf galte waan beektuuf_ dubbichi
akka dhoksaa cimaa ta’e. Waanan dubbadhu wallaaleeni,
imimmaan boolla ija ishii keessaa burqu ilaalee fajajeen hafe.
“Sittan dubbachaa jiraam? Jaawweekoo maaloo adaraa
waaqa jaalalaa, yoo mana hidhaa kana keessaa ba’uu
dandeessu ta’es yoom akka baatan, yoommoo asuma turtu
ta’e akkamitti akkan nyaata isiniif fiduu danda’u natti
himikaa? Maa callistee ija keessa na laalta?” jette, ammas
dabaltee.
Kuulleekoo ati akkamiin akka nuyi as jirru dhageesse?
jedheen ajaa’iba dhagahamuu hidhamuu keenyaa gaaffe.
Gaaffiisheef osoo deebii hinlaatiin_ ani icciitii jiru waan
64
hinbeekneef. Waan hunduu alaa waa’ee hidhamuu keenyaa
odeessu natti fakkaate.
“Egaa namni akkuma uumamaan fuulli isaa adda addaa,
garaan isaas adda addaa” jettee jalqabde. “ Waajjira kana isin
barbaacha dhufeen ture. Garuu isin argachuu hindandeenye.
Booda garaa kutadhee ba`uuf yeroon ka`u poolisichi kun
imimmaan koo argee nawaame. Yerooma ani balbalaa gad
bahu duukaakoo ba’ee nawaame. “Maali? Maaltu si dhaane?
Maaliif boossa?” jedhee nagaafate. “Lakki… namatu na
dhaane miti. Hiriyyaakoo kaniin baay’ee jaaladhutu hiriyyaa
isaa tokko waliin lafa isaan seenan dhabeen bo’a malee”
jedheen itti hime. Irra deddeebi’ee dubbii na qore. Akka ani
jaalala dhugaa si jaaladhus jechakoo irraa hubate” jette.
Humni jaalalaa silaa hinmadaalamu. Nama itti beekeef
sibiila baqsa. Nama itti wallaaleef immoo cabbii itti maqsa.
Poolisichis waan garaan boora’e fakkaata. “Booda waajjirri
sa’atii 11:30 tti cufama. Atimmoo isaa booda xiqqoo turii
kottu. Ijoolleen lama bakka ta’e tokkotti hidhamanii jiru kan
jedhu odeeffannoo waanan dhagaheeruuf, iddoo isaan jiran
qulqulleesseen sitti hima. Deemtee adda baasuu dandeessa”
jedhee na gaggeesse” jettee qarqara icciitii dhaga’amuu
hidhamuu keenyaa natti himte .
Haaluma kanaan amma yoon dhufu waa`ee keessan tokko
tokkoon nagaafte. “Maqaan isaanii eenyu eenyu jedhamu?
Bifni isaanii maal fafakkaatu?” jedhee sammuukoo qoraa
oolee, “waan hundaafuu ijoolleen kun naannooma kana jiru.
Amma waameen si dubbisiisa. Dursa garuu waadaa anaaf
galtu qabda” jedhe_ sodaa iccitiin ba’uu danda’a jedhu waan
qabu fakkaata. Silaa isaafis dubbii buddeenaati.
65
“Tole… Waan barbaadde yoo narraa feete waanan qabutti
hanga lubbuukootti waadaan siif gala. Ati qofaan ijoollee
kana ijumaan ana agarsiisi malee” jedheen.
Innis “waadaan ati anaaf galtu baay’ee salphaadha. Erga
nama wabii lubbuutiin waadaa seenu taatee, ani waadaa wabii
lubbuukee miti waadaa wabii arrabakeen barbaada” na jedhe.
“Maal jechuu keeti? Anaaf hingalle” jedheen_ deebiseef.
“Ijoollee kana lamaan, isa ati barbaaddu, ijaan nan si
agarsiisa. Afaaniinis dubbistee yeroo murtaa’eef waliin
mari’achuu dandeessa. Garuu, asii baatee booda ijoollee kana
argeera , dubbiseera jettee yoo dubbatte anaafis buddeena
waan ta’eef tarkaanfiin isaan irratti fudhatame kun si irrattis
akka fudhatamu hindagatiin. Kanaafuu, eegamuun iccitii
kanaa yoo lamaan keenya fayyade iyyuu, eegamuu dhiisuun
isaa lamaan keenya hinmiidhu siin qofa malee. Ofiif jecha
iccitii kana sirriitti eegi” jedhe.
Anis, tole! Akka ati na jettetti icciitii kana nan eega, homaa
na hinshakkiin jedheen.
Kana booda egaa, bakka taa’uu ol ka’ee qawwee isaa
gombifate. “Mee ati asuma ijaajji ammaaf” jedhee gara mana
amma isin keessaa yaatanitti gad qajeele. Kanumaan sababa
poolisichi garaa naalaafeeef walarguu dandeenye. Kanaafuu,
ammaa boodahoo akkamitti walarguu dandeenya?” jettee
nagaafatte.
Akkana yoo ta’ehoo, nuyi maal murteessuu dandeenyaree?
Waa’ee deebinee wal arguu keenyaa. Atumti karaa
dandeesseen nu hubadhu malee Kuulleekoo jedheen akka
66
nuyi wal arguu keenyaaf ga’ee taphachuu hindandeenye
ishiitti hime.
Poolisichis “kana caalaa jarana kottaa ol deebi’aa. Anaafis
buddeena” jedhee gargar nu baasuuf nutti as adeeme_ bakka
ijaajjee jiruu.
Ishiinis haalli isaa waan ishiif gale natti fakkaata. “Tole” jette.
Haaluma har’aa kanaan guyyaa biraas suuta jettee nu arguuf
garuma ishiitti murteeffateeti, maddiikoo isa harree daaraa
keessa gangalatte fakkaatu asiif achiin ‘lamxas lamxas’
goote. Ana dhungattee imimmaan lolaasaa duubatti siqxe.
“Jedhaa… waaqayyo abbaan jaalalaafi abbaan dhugaa inni
humna qabu isin waliin haa ta’u. Jaawweekoo sin jaaladha.
Obbo poolisii isinis baay’een galateeffadha. Tokkummaa
egaa jajjabaadhaa” jettee imimmaan ishii dhangalaasaa gara
mana ishiitti qajeelte.
“Homaa miti waan hundaafuu waan jenne akka jennetti eegi.
Dubbiin akka dubbatani qalqalloon akka hidhani. Jedhi
nagaan buli” jedhe_ poolisichis. Nutis ofirra deebinee mana
keessaa baanetti ol seenne. Poolisichis duubaan nutti cufee
gara teessoo isaatti deebi’e.
*****
Guyyaa galgala sanaa eegaleeti egaa sammuunkoo onnee
qulqulluufi jaalala dhugaadhaan dirqisiifamee waa
murteessuuf kan kutate. Anas ta’e hiriyyaankoo_
Tokkummaan yakka dalagne hinqabnu. Waan balleessines
hinqabnu. Barnoota keenya ni jaalanna, ni hordofna_ wal
nama hingaafachiisu. Ragaas hinbarbaachisu. Biyyatu ragaa
nuuf ba’a waan ta’eef. Garuu osoo hinjaalatiin borsaa dabtara
67
keenyaa akka nama irraa du’ee fannisne. Barnoota keenyaaf
jaalleen keenya akkasumas maatii keenya irraa adda baane.
As mana fincaaniifi tafkii keessatti nama osoo hinjaamiin iji
hinagarreefi osoo hinduudiin gurri hindhageenye waliin
teenyee dararamuurra, waa fala dhahachuu wayya jedheen
garaakootti yaade.
Maatiis ta’e jaalallee, barnootas ta’e fira keenya osoo
hinjaalatiin addaan baanee daangaa du’aaf jireenyaa gidduu
jiraachuun dirqama ta’eera. Akka ilaalcha jara kanaa
hubannetti_ warra waajjira seeraa banatee dhala namaa akka
harree dhaanu kana. Kana taanaan maaliif as keessatti
dargaggummaan burkutoofna? Humna dargaggummaa kana
fayyadamnee mana kana cabsinee baanee baduu qabna. Osoo
beelliifi dhaanichi jara kanaa mogolee laaffisee akka
daa’imaa harkaaf miillaan nu hindeemsisiin. Osuma cabsinee
baanehoo eessa dhaqna? Nama beeknusoo hinqabnuu. Waan
fedhe haa dhufu ergan mana kana keessaa ba’ee. “Kutataan
fira hindhabu” jedha oromoon. Rabbi fira nuuf arguu
danada’a dhugaa keenya waan beekuuf. Cabsineema baanee
gara rabbi nu oofetti joorree jaawwarra, jedhee osumaan
jedhuu…. dhiisuu… jedhuu…dhiisuu, jedhee yaada yeedaluu
garaakootti yaadaan murteesse.
Yeroo kana sa’atiin gara halkan waariitti siqaa jira.
Tokkummaanis waan hirribni isa qabe miti. Taa’eema yaada
mataa isaa duukaa taphata. Tokkee … nuti ilmoo dhiiraa
mitii? Maal inni? Maal taaneeti akka dubartii dugdi citee osoo
boonyuu, akka nama harkaaf luka hidhamee teenyee du’a
eegganna. Amma kaanee foddaa kana cabsinee ba’uu qabna,
jedheen gara jabinaan kan garaankoo murteeffate itti gad
baase.
68
“Kan dhufe gad haa dhufu. Kana caalaa wanti nutti dhufus
hinjiru. Du’a yoo ta’e malee. Du’a immoo teenyee
eeggachuurra osoo kufnee kuffisnuu du’uu qabna. Ka’i
inkaana” jedhee yaada murtoo yaadakoo tumsu naaf deebise_
hiriyyaankoo Tokkummaan.
Nuyis akkuma dubbannee walii galle, kaanee suuta jennee
foddaa jallisne. Keessa baanee qajeelle. Egaa yeroonsaa
halkan waarii ture. Durumaanuu bubbuttaafi dhaanichi jaraa
beelaan wal makee qaama nu butuchee jira. Xiqqoo manicha
hidhaa keessaa yaanee magaalarraa akka siqneen afuurri
dadhabbii haalaan nutti naqamte. Xiqqoo muka tokko jala
teenyee aaragalfanne. Ammas kaanee tirachuu eegalle.
Yoo lafti bari’e poolisichi roondii eegu sun mana hidhaa sana
keessaa nu dhabee nu duukaa bu’uu danda’u jennee shakkine.
Nuyis dadhabbii butucha reebichaafi beelli garaa qullaa
guyyaa hedduu mar’ummaan walitti nu gogsee deemsa waan
nu dhorkeef, tirannaa keenya dhiifnee dukkana cillimiitiin
jirma Birbirsaa tokko jala ciciisne. Shakkiin nuti qabnus
poolisichi waardiyyaa waajjirichaa guyyaa har’aa kun,
ganama erga lafti bari’ee mana keessaa yoo nu dhabe
poolisoonni kaan nu hordofuu danda’u kan jedhudha malee,
halkan kana poolisichi iddoo ciisuu ka’ee nu ilaalee akka nuti
jirruufi hinjirre nu hubachuu danda’a kan jedhu shakkii
hinqabnu ture.
Garuu dubbiin ganamuma nuyi nama nagaa jiraatu akka
yakkamaa bara mootummaa abbaa irreetti harree hora didde
nu goosise, nama yakkamaa lubbuu namaa ajjeesee qaama
namaa hir’isuuf immoo, waraqaa eenyummaa nagaa eegaa
kennee uummata miskiina keessa bobbaase sun, ammas
69
wanta nuti hineegneefi hinshakkine akka galaana sunaamii
duubaan nurra yaase.
Aniifi hiriyyaankoo beelaafi qorraan qaamni nu waxalamee
sagaleen nu du’eera. Xiqqoo erga gad ciifnee yoo lafti bari’e
garam akka deemnuufi maal akka goonu erga mari’annee
booda xiqqoo walirraa callisne_ dubbiin. Rafuu barbaannee
miti, baay’ee walitti dubbachuuf sagaleen nu keessatti
duunaan malee.
Silaa hirriba maaltu jiraa miti. Jireenya nuyi amma keessa
jirruufi akkamitti jireenya suukkaneessaa kanatti akka galle
duubatti deebinee yeroo yaadnu, yaadniifi gaaffiin yeroo
sanaaf furmaata hinqabne baay’ee nutti hedduumate_ beela
qoonqoo mar’ummaan nu guduunfuuf deemu dabalatee.
Yaadni gaaffii jireenya keenyaas lafa dhihee bari’u
lakkoofsaafi hammaan dabalaa adeeme. Kan kaleessa karaa
kam mana kana keessaa baana jennee yaadaan of raatessaa
turre, har’a yakkamaa mana hidhaa cabsee bade taanee
dhimma biraan barbaadamuun keenya dhugaa keenya
dhoksee miilla akka fageeffannu nu dirqisiiseera.
Maal godharee, isa boruu miti, dubbiin qoonqoo ammuma
iyyuu beellama marii nu dhorkate. Kaanee deemuuf
mogoleen nu mudhukaa’eera. Callisnee ciisuuf poolisoonni
kun dugda duubaan nu hordofuu danda’u jennee shakkine.
Jidduutti yaadaan akkuma amala keenyaa joonjofne_ waan
murteessinu wallaallee. Osoo kaanee luka dheereffanna
jennee tattaafannuu sagaleen qawwee akka boqqolloo
fandishaa xaaxa’u gurra keessa nu seene. Nuyis duraanuu
shakkii waan qabnuuf bibir’annee ol kaane. Dhaabannee
gurra qeensine _ kallattii sagalee baruuf.
70
“Hulaa hulaatti….. hulaa hulaatti…. Malkaa cufaa…
hidhattoonni mataa maraa… yakkamtoonni mana adabaa
cabsanii badaniiru” jedheeti sagaleen nama tokkoo osoo wal
irraa hinkutiin iyyee iyya labse_ uummata gamaa gamasiitti.
Naasuun kunis nu lamaan nama ija midhaanii osoo hinargiin
guyyaa sadii buleeru, humnuma midhaanii nuuf ta’e. Osoo
hinbeekiin yaa miilakoo lubbuu na oolchi jenne_ deemsa
keenya itti fufne. Laga irraa lagatti qaxxaamurre. Dukkanni
limixiin lafa argaa waan nu dhorkeef humnuma sodaa
keenyaan akka jaldeessaa dhagaa irraa dhagaatti buune.
Osuma gufuun miilla nu cirtuu tulluu Gurraachaa qaarinee
deemsa karaa fagoo deemne_ hamma lafaafi biyya geenye
wallaallutti. Xiqqoo tasgabboonee, gara duuba keenyaa yeroo
dhaggeeffannu sagalee simbira halkaniifi waraabessaa irraa
kan hafe kan ‘xas bac’ jedhu hinjiru. Mukoota qilleensaan
raafaman qofatu altokko tokko walitti bu’anii nu wareersu
malee. Yeroo mukti qilleensaan socho’u, garaan gad lafa
ciisnee suuta jennee halaalatti ilaalla_ hamma iji arge.
Qomonyoofi mukoonni gaggabaaboon biroo maasii qotee
bulaa keessa dhaabatan kan nu godhan reebichi namoota
uffata gurraachaa iyyuu nu hingoone. Yeroo gad jennee
ilaallu ni socho’a. Kunoo jarri dhufanii mataa nu maranii jiru
jennee kallattii jijjiirrannee muka irraa mukatti dabarra. Safuu
dubbii lubbuuf! Ammas karaa biraa xiqqoo deemnee yeroo
waa ‘xas kash’ jedhu gad jennee garaa waaqaa irratti ilaalla.
Dhaabadhaa booji’amtaniittu, harka keessan ol qabaa waan
jedhan seena_ qomonyoof muka gaggabaaboo fuuldura
keenyaa qilleensaan raafamaa jiran.
Osuma akkanaan muka qilleensaan raafamu dheessinuu lafti
bari’e. Lafti bari’us gandi kun eessa akka ta’e, ganda maalii
akka jedhamu wanni beeknu hinjiru. Muka wareerree waan
71
biyyaa fagaanne fakkaata. Sodaafi beelli lafaan nu maree lafti
nuun garagaleera. Waliin qaaquus dhiifneerra.
Osoo teenyee ija ija keessa wal ilaalluu jaarsa maanguddoo
tokkotu fardeen yaasanii gara goodaa bishaan Finca’aatti
oofanii dhufan. Nuyis bishaan Haroo Finca’aa ijumaan of
cinaatti ilaalla malee karaa kallattii kam akka jirru hinbeeknu.
Karaa Ganjii Qeexalaa haa ta’uu, karaa Qixiibaa haa ta’uu,
karaa Coomman haa ta’uu, karaa Waayyuu haa ta’uu, karaa
Haratoo haa ta’uu, karaa Laga Gomboo haa ta’uu, karaa
Gooda Doonjee haa ta’uu wanti nuyi beeknu hinjiru. Baqaaf
manaa baanee garatti baqannu iyyuu kallattiin nu harkaa
badeera. Hoomaa poolisootaa nu hordofan gidduu harkumaan
ofii deemnee galuu dandeenya jennees sodaanne. Of
baasuufis jecha yeroo tokko tokko of nyaachisuunis waan jiru
natti fakkaata. Kanaafi egaa maanguddoo faradoo yaasu kana
gaafachuun furmaata filannoo hinqabne kan nutti ta’e_ lafti
nuyi geenye kun eessa akka ta’e baruuf.
Abbaa …. Nagaa bultanii? jedheen itti siqee harka fuudhe.
“Nagaa bultanii ijoolleekoo” jedhan. Harka nu fuudhan.
Fuulaafi uffata keenya dhiigaan bulbulame ilaalaniiti akka nu
shakkuus, akka nu sodaachuus barbaadan.
Abbaa …. Waa isin gaafanna dhiifama wajjin, jedheen biyyi
kun ganda maalii jedhama? Aanaa kam keessatti argama?
jedheen walfaana waan lama gaaffe.
“Ganda Duunee Kaanee jedhamti. Aanaa Jimmaa Gannatii
keessa. Ofii isin eessaa dhuftan? Garam deemaa jirtu? Kan
karaa hinbeekne eessaa kaataniiti sa’atii kana kan as
geessan?” jedhanii gaaffii irratti gaaffii dabalanii, shakkii
nurraa qaban nutti ibsan.
72
Silaa jaarsoliin uumamumaan kennaafi dandeettii dhugaa
hubachuu waan qaban fakkaata. Nuyis deebii dhabne.
Dhugaa jiru itti himuuf sodaanne. Dhiisuufis beelaan
socho’uu dadhabneerra. Waa jennee garaa laaffifannee waliin
gara mana isaaniitti gallee waa nyaachuu barbaanne.
73
Boqonnaa Shan
Kuluuleenis eda galgala hidhamtoonni mana hidhaa cabsanii
badaniiru jechaa oduu ganamaa ollaa irraa dhageessee turte.
Ganama yeroo hirribaa kaatu. Garuu warri badan jedhaman
sun eenyufaa akka ta’an waan dhageesse waan hinjirreef
isaantu bade jettee amanuus dhiisuus hindandeenye. Adda
baafachuuf ganamaan kaatee gara waajjira poolisii deemte_
poolisicha kaleessaa gaafachuuf. Fuula lolaa imimmaan
jaalalaan dhiqameen daalachooftee bifa ashaboo
fakkaatteetti. Yeroo balbala waajjira poolisii geessu, poolisii
tokko gaafa duraa yeroo ishiin baduu keenya beeksisaa turte
biiroo hogganaa waajjirichaatti ishii argee turetti dhufte.
Osuma ishiin waa hinjedhiin “intalaa.... eessa deemaa jirta?”
jedhe, faara walitti gubee.
“Yeroo darbe dhufee dhimma wayii himadheen ture. Maal
irra akka ga’an gaafadha jedheeni” jette. Osoo dubbattee
afaan ishii irraa hinfixiin, akka bakakkaa rukuteeti waajjira
poolisii keessatti kaballaadhaan lafa ishii ciniinsise_
Kuluuleetiin.
“Malaan karaa gurrakee haa yaa’u. Tokko sii kan dargaggoo
sana akka korma abbaa warraa nurratti goobsaa jiru. Amma
waan gaafattu hinqabdu. Karaakee irra bu’ii gara manakeetti
74
gali. Kanaan ala atis gatiikee argatta” jedhe_ aarii mana
hidhaa keessaa baduu keenya irraa qabuun.
Ishiin waan isaa wallaaltu iyyuu “mallikee mala dubartii,
humnikee humna bishaanii haata’u” akkuma jedhamu,
Kuluuleenis shakkuun ishii hinoolle. Aariin akkas isa raasee
fuula kana fakkaatutti harka ol kaasee kaballaa itti naqsiise
waa’ee ishii wajjin hidhata akka qabu hubatte. Namoonni
badan jedhaman kunis anaafi Tokkummaa ta’uu akka
danda’u shakkite.
Yeroo kana egaa, Kuluuleen duubatti deebitee ija yaadaan
ilaalteeti, gatii hanga har’aatti jaalalaaf jecha kaffalte
xiinxaltee hiikkaa jaalalaa wallaalte. Ishiin gaafa anaan
waadaa galfatte, gochaankoof keessikoo akka dubbii
afaankoo yoo ta’e jaalala dhugaa waliin habbuuqachuu akka
jalqabnu isa afaanii baastee natti dubbatte yaadatte.
Jaalala dhugaa jettee kan ishiin guyyaa san afaanii baastee
dubbattes, namni wal jaalate lamaan gochaan isaaf yaadni
garaa isaa akka dubbii afaan isaa yoo ta’e gidiraafi gaddi
jireenyaa waan nama mudatu hinseene_ gammaachuufi
boqonnaa jireenyaa malee. Kanaafis natti fakkaata hiikkaa
jaalalaa wallaaltee raata’uun ishii. Maal godharee kankoofi
kan Kuluulee jaalalli dhugaan gaddaaf gidiraan marfame.
Kuluuleenis, “yaa waaqayyoo jaalala malee jiraachuun
nidanda’amaay? Yoo danda’ama ta’e erga jalqabanihoo
keessaa ba’uun nidanda’amaa? Ani yaa gooftaa dhalli namaa
jaalala malee akka hir’uu ta’ettan beeka. Jireenya waliin
dabarsa jedheen nama hedduu ana barbaadan keessaa tokko
filadhe. Jaalalas waliin jalqabee jireenyikoo gidiraafi gaddaan
guutame. Jaalallee ani filadhes waan anatti balleesse irratti
75
hinagarre. Maaltu akka ta’eefi maaltu akka ta’uu qabu anaan
marii’achuufis lafa inni jiruhoo lafa gidiraaf gaddaati malee
lafa itti nama alaa mari’atan miti. Moo jaalala jalqabuuf
eeggataa qabaachuutu gaaridha tayinnaa? Silaa yoo inni
tokko gidiraaf gaddaan qabame inni tokko jireenya
gammachuu yoo qabaate isa waliin turuun nidanda’ama.
Kanaafi tayinnaa shamarreen bara kanaa dhiira meeqa of
duuba hiriirsanii siin du’a! siin gaggaba! kan jedhan. Kun
filannoo yeroo jireenya gaddaaf gidiraa tayinnaa? Kun
dhugumaan filannoo taanaan dhiirri akkasiis jira tayinnaa?
Yoo jiraatehoo innis gaafas sana anaan dhiisee ishii gidiraaf
gadda hinqabne bira deemuu danda’a. Garuu namni nama
ta’ee gidiraaf gadda malee jiraatu jiraayi? Kan gidiraaf gadda
hinqabne biyya lafaa irra yoo jiraate silaa namuu nama kana
barbaada ture. Garuu nam jireenya barbaadu kamuu namuma
akka isaa jireenya barbaadu barbaada malee nam jireenyaafi
gadda addaan ilaalee barbaaduhoo argees dhagahees
hinbeeku. Kanaafuu jaalala dhugaa isa namni hundi hinqabne
jaalalleekoof qabaadhee gidiraafi gadda jaalalleekoo
hirmaachuunkoo iyyuu jaalalleekoof jireenya gammachuuti.
Anaaf akkamitti gadda ta’a? ani nama ta’ee osoon kaayyoo
jireenyaaf harka rabbiin uumamee jiruu, maaliif nama
akkakoo dirqama tokko malee fedhakootiin jaaladhee jiru
rakkoofi gidiraa jireenyaa keessatti dhiisee deemuuf yaadaan
mala dhahaa? Gochuu hinqabu. Hamman du’ee biyyeetti
makamutti jaalalleekoo biraa hindheessu” jettee osoo
yaadaan yeedaltuu kaballaa ana barbaacha dhuftee gurratti
fudhatte, baattattee mana ishiitiin baate_Kuluuleen.
76
Boqonnaa Jaha
Aniifi hiriyyaankoos, akkuma “raata’aan raatuu hindheessu”
jedhamu, maanguddoo faradoo yaasaa turan kanatti haala
keenya xiqqoo beeksifnee duukaa gallee gaggaba ooluun
gochaaf jecha filannoo hinqabne nutti ta’e. Yoo lubbuun
barfachuu barbaanneef. Nuu lachuu nama dhaanichaafi
gufuuf gufaata dukkana limixii darbinee dhufnee as geenye,
kunoo har’a dubbii qoonqoo darbuuf karaa hulluuqqii
dhabne. Dubbiin qoonqoos, gorsa abbaakoo bara jimmaa
jimmiitee yeroo nyaata asheeta boqolloo Birraa sana keessaa,
laga deemsa jireenya dhala namaa daangessan keessaa “qara
qaramee hindoomnetti” akka fakkeeffamu beelofnee midhaan
dhabnaan hubanne. Ofii waa harkaa hinqabnu. Nama waa
harkaa qabu agarree akka bira hintarre hubanne.
Maaloo abbaa…. nuyi lafa kana hinbeeknu. Adaraa keessan
nu gargaaraa jenne.
“Maal taatan? Maal akkan isin gargaaru barbaaddu?” jedhan_
maanguddoon faradoo yaasaa turan sun. Akkan fuulaafi
dubbii isaanii irraa hubadhetti haalli keenya waan isaan
gaddisiise natti fakkaata, osuma garaan isaanii maalummaa
keenya shakkaa jiruu.
Elaa… maal seetan abbaa … nuyi barattoota mana barumsaa
olaanaa Shaambuuti. Garuu amma dhimma barachuuf
barachuu dhiisuu osoo hintaane, dhimma du’uuf jiraachuutu
77
mormatti nu hudhee jira. Kanaaf ammallee akka nu
gargaartan adaraa isin jenna jenne.
“Maalinni waansaa? Maaliif barnoota dhiistanii asii deemaa
jirturee?” jedhan.
Asii barataadha ofjechaa, achiin immoo gargaarsa daangaa
du’aaf jireenyaa gidduutii nama baasu gaafachaa itti siquun
keenya, maanguddoon faradoo yaasan kun waa’ee
maalummaa keenyaa hubachuuf akka isaan rakku taasise.
“Mee amma isin barataa erga taatanii maal hojjechuu
Shaambuu baatanii haga kana dhuftaniree?” jedhan. Osoo isa
duraaf hindeebisiin gaaffii irratti gaaffii nuuf dabalani. Nuyis
gaaffii isaaniif hamma ta’e deebisuu yaalle.
Nuyi barattoota mana kiraayii teenyee barachaa jirrudha.
Garuu akkuma tasaa ta’ee poolisoonni magaalaa daandii irraa
nu qabanii mana hidhaatti waan nu galchaniif, mana hidhaa
keessaa baanee baduutti jirra. Poolisoonni sun immoo
duubaan nu hordofuutti jiru. Erga mana hidhaa seennees ija
midhaanii agarree hinbeeknu. Beeluun mogolee nu
buusteetti. Gara mana keessaniitti nu geessaa waan nyaatamu
nuuf kennaa jenne.
“Garuu maal goonaan isin hidhani poolisoonni?” jedhan.
Waan nuyi baay’ee ibsuu hinbarbaanne nu gaafatan. Ibsuufis
waan hubannoo hedduu qabnu natti hinfakkaatu_ waa’ee
sababa hidhamuu keenyaa.
Jechuma poolisichi nu qabe sun nuun jedhe sana nuyis
deebisnee jaarsatti himne. “Gowwaa altakka arrabsi isaa
booda innuu of arrabsa” akkuma jedhamu. Barattoota
qindeessanii warra mana barumsaa jeequuf jiranidha jedhanii
nu hidhan jenne.
78
“Boo! ijoolleekoo … isinittihoo hinhafne. Bara durii yeroo
mootichi Haayilasillaasee biyya bitaa turellee barataan waan
hingoone hinqabu. Seenaa Itoophiyaa keessattillee warra
gurmaa’anii jijjiirama fidan keessaa, sochiin fincila qotee
bultootaaf barattootaa adda duree ture. Maal godhuu miti,
jijjiiramicha seenaa barreeffamumaan yoo waraqaa irra
taa’eera ta’e malee sabni Oromoo waan jireenyaan arge miti.
Waan nuyi yeroo sana itti cichinee mormine, ittuu itti caale
jabana kanoo. Akka durii yoo ta’uudhaa baatellee haala isaa
jijjiirrate malee inni ammaa isa afaan nama ukkaamsu ta’e.
Keessumaa immoo nama baratee bor bakka guddaa ga’uufi
nama har’a baratee beekumsaan bakka guddaa jiru adamsanii
galaafachuun dubbii araada amaleeffatamee hindhiifamne
ta’eera. Ijoolleekoo…. waraanaan osoo taate gaafa goodaa
Imbaaboo, gaafa Oromoon fardaaf gaachanaan duulee dhiiga
nyaphaan afaan lulluuqqatee, miilla itti dhiqatee biyya bilisa
baase, barumaanuu barri alagaan bulan dhufti jedhee kan
yaade hinturre. Maal kana qofaa, achii gurmuun fincila
diddaa garbummaa Baalee irraan kaate qawwee Shulkutiifi
Filibeeriin xiyyaara nafxanyaa samii irraa gad harcaaste.
Teessoo jeneraalaafi koloneelaa_Helikoopteriif Jeettii,
goodaa hurufa oolmaa loonii keessatti akka baala harbuu
harcaasee, teessoo iddoo tapha tikee loonii taasise. Harargeen
meencaaf eeboo guuree yaa’e, gaafa Calii Calanqoo hanga
akka qamadiif ingirdaadaa calalee addaan qoodutti duubatti
biraa hindachaane. Arsiinis gaafa ijibbaata Aannolee, osoo
harkiif harmi muramuu diina oofee laga ceesise. Oromoon
bilisummaa isaa gonfachuuf takkaa rafee bulee hinbeeku.
Asuma gama kanattillee kunoo Abiishee Garbaa osoo quba
nyaatuu tulluu Kokor irraa konkolaate. Diinni Qotiyyoodhaan
lafarra harkiftee biyyaa baafte. Gootni bilisummaa Oromoof
jecha aarsaa lubbuu kenne kun har’a lafa itti reeffi isaa
79
awwaalamerree hinbeekamu. Qaaniin gabrummaa kana caalu
jiraare ijoolleeko? Inni baratee biyyaaf bu’aa ta’a jennee
eegaa turres kunoo ollaa kanaa ilmi Obbo Garbaa_
Alamaayyoo kan jedhamu tokko, digirii isaa dura reeffa
isaatu dhufe. Biyya bilisa baate ofumaa deebisanii harkatti
kennani” jedhan_ maanguddoon faradoo yaasan kun.
Eenyutu biyya dabarsee harka diinaatti akka kenne garuu
anaaf hingalle. Seenaa sochii fincila diddaa gabrummaa bara
sanaa keessatti jaarsi ga’ee ofii gumaachuurratti waan gaabbii
qaban natti hinfakkaatu. Dhimmi ga’ee ofii ba’uu sochii
fincila diddaa gabrummaa kunis eenyu bira ga’ee akka inni
laamsha’e anaaf hedduu ifa hintaane. Dubbii maanguddoon
kun yeroo xiqqoof dubbatan kun ribuu nu seenee hirbuu nu
keessa kaa’e.
“Amma ka’aa gara manaatti yaana ijoolleekoo” jedhan.
Nuyis kaanee duukaa buune. “Dubbiin nama keenyaa waan
harka rabbiin qabamten se’a. Hamma harka rabbii
lakkifamtutti isa qabame dhiisaatii isa hinqabamne barnoota
keessan baradhaa” jedhan.
Hireen keenya harka Waaqaatti haaqabamtuu yookaan harka
namaatti haarakkattuu, aniif hiriyyaankoo keessaa tokko
filachuu hindandeenye. Garuu amantaa rabbi hiree ofii
manatti namaaf fiduu danda’a jedhu hinqabnu. Hiree ofii
harka galfachuun aarsaa akka gaafattu nu lachuu beekna.
Akka yaada maanguddoo kanaa hubannetti barattoonni sochii
fincila diddaa gabrummaaf jecha olii gad kan kaataa jiran
jedhanii waan fudhatan fakkaata.
Maanguddoon kunis osuma takka nuuf seenessanii, altakka
takka immoo osuma nu gorsanii mana isaanii biraan baane_
faradoota goodaa qarqara bishaan Haroo Finca’aatti dhiisnee.
80
Yeroo balbala mana maanguddoo kanaa geenyu dallaan
isaanii qe’ee ‘Abbaa Oofaa’ fakkaata. Ganna yeroo lafti
hunduu magariisaan uwwifamu miti, bona qaamuu walakkaa,
yeroo wanti hundi gogullee dallaa isaanii jala handaaqqoon
hulluuquu hindandeessu. Qe’ee nama guddaa isa balballiif
boroon ulfina qabudha.
Maanguddoon kunis fuuldura keenya bu’anii balbala dallaa
mana isaanii bananii olseenan. “Ijoolleekoo….. kottaa
olseenaa” jedhan. Nuyis duukaa isaanii olseenne. Erga
manatti olseennee, balbaluma manaa irra teessuma dalgee
xiqqoo tokko irra gad teenye.
“Maal taatan ijoolle…. teessuma daa’imaa irra teessuu?
Ka’aa oldarbaa” jedhan.
Lakkisaa…. nuuf ta’eera. Ulfaadhaa jennee didne_ bakka
teenyee ka’uu.
“Ayyaana abbaakootii! maal kan afaan balbalaa irra teessan.
Ka’aa malee…” jedhaniiti harka qabanii nu kaasan.
Oldabarsaniis gararraa teessuma manaa nu teessisan.
“Haadha Margaa…. haadha Margaawoo…” jechaa gara
golaatti olseenan.
“Ooko, abbaa Margaa …… na waamtanmoo?” jedhan jaartiin
gola keessaa.
“Eeyyee si waamaan jira. Mee as ba’i” jedhan.
Jaartii maanguddoon yeroo dinqa keessaa as ba’an harka
mirgaa isaanii of fuulduratti qabatanii dhufan.
“Mee ijoollee kanaaf waan ciniinan kenni” jedhan.
“Tole! tole!” jedhaniiti nutti siqanii nagaa nu gaafatan.
Jaartiinis dulloomanii iji diduu jalqabdeetti.
81
“Kukummaan kun kan eenyuuti?” jedhan. Nulaalanii waan
nu hubachuu dadhabaniif.
“As ijoollee Shaambuuti” jedhan_ maanguddoon abbaa
manaa.
Jaartii maanguddoon haati manaa kun yeroo jaarsi
maanguddoon abbaa manaa faradoo yaasuu deeman, duuba
ka’anii ciree hojjechuu jalqabaniiru. Haati manaa kunis
bixxillee bixxilanii ho’aa isaatti osoo dhadhaa irra dibaa
jiraniiti, kan gidduutti jaarsi waamee golaa gad baase. Harki
jaartiis namuma gaagurtee damma baasaa jiru fakkaata_
dhadhaan harka irraa gara ciqileetti yaa’aa jiru. Kanaafi harka
isaanii fuulduratti qabatanii kan gad nutti ba’an. Nuyis yeroo
dhadhaa harka irraa cophu agarru afaan keessi nu dafqe.
Harka irraa arraabuu malee kan nu hafe hinjiru.
Jaarsi maanguddoonis gola keessaa duubatti as deebi’aniiti
intala mana isaanii teessu tokko waamani. “Giddumee….
Giddumee.. mee kottumee. Hamma haati Margaa ijoollee
kanaaf waa hojjettutti godoo keessaa jabbii booqee gad
baasii, mee aannan elemiifii” jedhan.
Erga mana sana seennee gochaan ta’aa jirus, dubbiin
dubbatamaa jirus nuu nama beelaan waxalameeru
dharraadhaan baay’ee nu gomjaasise. Osuma baay’ee
hinturiin bixxilleen dhadhaan irra dibamee jaarsa
maanguddoo abbaa manaaf qophaa’e, aannan booqee waliin
okolee isa guuboo midhaanii fakkaatutti nu jala taa’e.
“Ijoolleekoo…. jedhaa egaa… ishii kana ciniinaa. Aannanis
itti unadhaa” jedhan.
“Uleen harkakee malli garaakee” akkuma jedhamu, silaa
namni beela’e quufa hinse’u, namni quufes beela’a hinse’u,
anaafi hiriyyaankoo_ Tokkummaanis harka bitaan bixxillee
82
dhadhaa dhuge baxarraqaa harka mirgaan aannan booqee
habbuuqne. Jaarsi maanguddoon nu fudhatanii galan kunis
haalli nyaata keenyaa waan isaan ajaa’ibe natti fakkaata,
harka isaanii areeda isaanii jala godhatanii callisaniituma
hubatanii nulaalu. Yeroo nuti akkuma nama abidda dhaamsaa
oolee, bixxillee maxax goonee afaan haxaawwannee teenyu,
“maaloo haadha Margaa bixxilleenkee hinhafnee?
Ijoolleenoo dhumaniiruu” jedhan.
“Anaan biyyeen haanyaatu. Anoo akka ati nama qabdu
hinbeekne. Kunoo waanan suma qofaaf hojjedhedha. Mee
xiqqoo ishii naaf obsaa nan bixxilaafii” jedhaniiti gola
keessaa as nutti ba’an.
Dhugaa Waaqaa lafaati. Nuyi akka kanaatti erga dhalannee
iyyuu quufnee nyaannee hinbeeknu. Waaqayyo isin haa
eebbisu. Quufaa! Sooromaa! Waan laattaniif waan nyaattan
hindhabiinaa! jenne. Beelofneema ijaa nyaanneef jenne
malee garaagartummaan beela’uuf quufuu iyyuu maal akka
ta’e beekuuf guyyaan itti beela hamaa shaakalle hinturre,
seenaa jireenya keenyaa darbe keessatti.
“Erga quuftaniittu ta’ewoo gaariidha. Amma xiqqoo asuma
balbala kana taa’aa boqodhaa. As gajjallaa kana bu’een
midhaan tokko ilaaleen deebi’a” jedheeti maanguddoon ciree
isaaf qophaa’e dabarsee nuuf kenne, osoo homaa hin nyaatiin
dallaa mana isaa keessaa ba’ee qajeele. Lafa maasii midhaanii
isa kan akka abbaakoo jaldeessiif booyyeen itti hammaattu
waan qaban se’a.
83
Boqonnaa Torba
Kuluuleenis, erga gaafa nubarbaacha waajjira poolisii
deemtee kaballaa fudhattee, yaadaan boqottee raftee bultee
hinbeektu. Ganamaa galgala yaada yeedaluun hojii idlee
imaanaa jaalalli ishiitti kenne ta’e. Asiin baastus achiin
buustus iddoo nuyi geenye baruun abjuu hiikuu ishiitti ta’e.
Jiraaf du’aa keenyas wanni quba qabdu tokkollee hinjiru.
Waan gootu gaafa dhabdu, osuma dubbiin jaalalaa hirriba
keessaa dammaqsee ishiitti hasaasuu, barnoota ishii itti fufte.
Maqumaaf akka barnoota addaan kutteetti hinjedhamneef
ooltee galti malee, seera qabeessaan barsiisaa hordofuufi
barruulee qayyabachuu dhiisteetti.
Barattoonni hiriyyummaa keenya beekanis bulee ka’ee lafa
dhihee barii’u, dhaabiif taa’ii ishii dhorkataniiru.
“Hiriyyaankee Jaawwaraan maaliif barnoota dhiise?”
jedhanii yeroo maraa madaa garaa ishii keessaa tuttuqu. Silaa
nami hedduun jaalala nulachuu waliif qabnu waan hubatan
se’a, kan ija qobummaan ishii ilaalee gaaffii hiriyyaa jaalalaa
ishiif dhiheesses hinturre. Dubartii heerumtee abbaan manaa
irraa du’e taate, dhalattuun kaayyoo jireenyaaf cichitu osoo
jaalala hiriyyaa ganamaa unattee hinquufiin. Ishiinis baastee
hindubbattu. Namnis ishii gaafachuu hindhiisu_ waa’ee
barnoota addaan kutuukoo. Ofumaa osoo dhoksattee garaatti
gubattuu inni keessaa alatti ba’uu jalqabe. Fuulli ishii dur
84
burtukaana bilchaate fakkaatu suutuma suutaan sibiila biyyee
keessa awwaalame fakkaachaa dhufe. Kana cinaan immoo
kan dur dhiqqaa naqabaa jettee, meeqa of dibdee, of
miidhagsitee dhuftu, guyyaadhaa guyyaatti akka nama ofirraa
bahee of gataa dhufte.
Duraanuu firakoos ta’e hiriyyaakoo kan ishiin beektu yoo
jiraate Tokkummaaf Kifilee qofaadha. Kanaafuu nama ishiin
gaafattee oduu waa’ee keenyaa irraa dhagahuu dandeessu
tokkollee hinjiru. Nama itti himattee waliin nu barbaaddus
hinqabdu. Carraa ishiin itti hafte ganamaa galgala
waaqayyotti imimmaan ishii dhangalaasuu qofaadha. Ta’us
carraa hedduu jiru keessaa hunduu cufaa fakkaatee kan waaqa
wajjinii yoo baname waan cufame hunduu akka banamuu
danda’u ifaadha_ nama waaqaan beekuuf. Kuluuleenis kan
amantaa akkanaa qabdu natti fakkaata.
85
Boqonnaa Saddeet
Aniifi hiriyyaankoo_ Tokkummaanis, erga bixxillee xaafii
dhadhaa dhuge aannaniin unannee, mar’ummaan keenya
ka’uu jalqabeera. Jaarsi maanguddoon afaan nama bineensaa
keessaa nu baasanii gaggaba nu oolchan, har’as haga dubbiin
walii baramtutti akka nuyi gola mana isaanii keessaa
hinbaane nu akeekkachiisaniiru. Akkuma amala isaanii takka
loon, takka fardeen, takka jabbilee maqaa dhahatanii dachaa
goodaa Finca’aaf mana isaanii gidduu marmaaru. Kan gidduu
kanaa garuu fardeeniifi loon qofa miti, kan maanguddoo sagal
gad baasee oldeebisu. Namoota nuun hordofaa jiranis
halaalatti eeguun hojii dabalataa, dirqama dhiigni
oromummaa itti kenne ta’eera.
Guyyaa tokko garuu akeekkachiisa jaarsaa cinaatti dhiisnee,
dhokannee gara dachaa fardeeniitti yaane. Golatti waan
dhokannaa poolisootaan ukkaamamneef qilleensa fudhannee
xiqqoo boqochuu barbaanne. Dubbiinis waan irraanfatamaa
dhufe nutti fakkaate. Ijoollummaa hubannaa sochii fincila
diddaa gabrummaa waan qabnu natti fakkaata, dubbii
kaleessa lubbuu nu keessaa baasuuf mormatti hudhee nu qabe
sana, akkamitti dheessinee akka jalaa baane dagannee, har’a
mana dhadhaaf aannan walitti unatan dhiisnee gara bakkeetti
yaane_ akka nama bilisummaa qabuu qilleensa unachuuf.
86
Jaarsi maanguddoon kunis akkuma amala isaanii faradoo
isaanii galchuuf jecha gara dachaatti dhufan. Dachaa
fardeenii kana cinaatti yeroo nu arganis hedduu rifatani.
“Maal ijoolleekoo….. maal taatanii bakkeetti baatan?”
jedhan.
Nutoo qilleensuma fudhanna jennee gad dachaa kanatti
dhufne. Namuu nun agarre jenne.
“Lakkisaa ijoolleekoo…. Nuyi nama hinagarre jedhaa malee
namni nu hinagarre hinjedhiinaa. Bara kana jireenyi
galagalchoo ta’ee akka nama rakkise isin hinhubannee?
Hiriyyaan icciitii qilleensa ta’eera. Kan nuyi erga dhalannee
abbootii keenyarraa dhageenyees, agarrees hinbeekne kunoo
ta’ii jireenyaa bara kanaa hinagartanii? Kan hinmul’annetu
argama, waan hindubbatamnetu dhagahama, qulqulluutu
yakkama, yakkamaatu muudama, jaalalleetu wal wallaala,
seenaatu hatama, barataa budooma, bineensa firooma,
finnatu alagooma, kormatu sangooma, kaayyootu seenaa
diiga, seenaatu kaayyoo ijaara, ijatu dhiiga boo’a, dhiigatu
aannan rooba, mirgatu sarbama, mijuutu darbama, biyya
gurgurama, sabatu uggurama, eelaatu olkaa’ama, aadaatu
qeeqama, shiratu beekama, sareetu dheekkama, egereetu
wallaalama, ekeraatu fuudha, seexanatu heeruma, reeffa
cidha sirba, dureessa wayyaa erba, harreetu dhiqata, garbittii
dibata, leencatu baqata, lugnatu ari’ata, dargaggoo kadhata,
karaatu nama nyaata, qoraattiitu nama baasa, aannantu garaa
nama kaasa, eebichatu dheebuu nama baasa, eenyummaatu
halluu ta’a, abbaa biyyaa baqata, harreetu iddoo qabata,
hoolaatu qonnaa qota, jaldeessatu aramata. Maal jedheen
maal dhiisa waa’ee jireenya fuggisoo bara keessanii kana?
Dargaggoon jabana kanaa silaa duubaaf fuuldura isaa
87
ilaaluun hinjiru. Kanaafuu amma ka’aa daddafaa gara
manaatti deebi’aa. Jarri keessan kun duubaan isinirra
yaa’anii, anaanillee qe’eekoof maqaakoo xureessuu
danda’u” jedhan.
Nama bilisummaa hinqabneef qilleensi gabaa bittaaf
gurgurtaa hinbarbaanne illee hagas qaalii akka ta’e homaa
nuuf hingalle ture. Jireenyi bara keenyaas akkana akka
mataan miila ta’e waan hubanne miti. Mul’istuu bara
keenyaa maanguddoon kun miira ho’aan nuuf tarreessanis
akka of bir’annus, akka of ilaallus nu taasise.
Nuyis tole jennee jaarsa maanguddoo waliin gara manaatti
qajeelle. Yeroon isaas aduu dhiha sa’atii galchaa looniiti.
Osuma fagoo hindeemiin dargaggoo ta’e tokkotu borsaa wa’ii
rarraafatee daandii irraa ‘luf’ jedhee nutti ba’e. Nuyis
naannoo kanaa namni nu beeku jira jennee hinshakkine.
Hinsodaannes. Fira keessummaa fakkaachuuf yaalle. Garuu
dargaggoon borsaa rarraafatee deemu kun akka nu bira
ga’een callisee nu bira hindabarre. ‘Gem’ jedhee dhaabate.
Xiqqoo ijaajjee nulaaleeti borsaa isaa ofirraa lafatti gad darbe.
“Ijakootu na sobamoo ati Jaawwaraadha?” jedhe. Ofirra
garagalee yeroon isa mil’adhu, akkuma weennii mukarraa,
utaalee mormatti na marme.
“Maaltummoo biyya kana si fide haadhookoo? Lubbuun
numa jirtaa garuu?” jedhe.
Eeyyee nan jira. Galata rabbii haata’u yoona ga’eera. Ofii ati
akkami? Nagaa qabdaa? Barnootakee jabaattee hordofaa
jirtaa? Akkami barattoonni daree keenyaa hunduu nagaadha
mitii? jedheen anis morma isaatti marme. Dargaggoon kunis
hiriyyaakoo daree barnootaa dubbiin buddeenaa walitti nu
88
fidee, dubbiin hiree fuggisoo si’anaa gargar nu yaase_ Kifilee
Zamanuu ture. Anarraa utaaleeti ammas Tokkummaatti
marme.
“Jarana isin lachuu kan barnoota addaan kuttan maaliifi?
Hiriyyaa jechuun ammanumaa Jaawwaraa?” jedhe.
Dallansuu sababa barnoota addaan kutuukoo duraan dabarsee
itti himuu dhiisuukoo fakkaata_ komeen inni dubbii dhukaan
natti darbatu. “Garuu maal taatani?” jedhe, ammas dabalee.
Haala uffata keenyaafi cululuqa fuula keenyaa kan dur beeku
waliin kan inni amma argaa jiru hedduu waan itti jijjiirameef,
ifatti nu gaafachuu waan qaanfate fakkaata. Osoo
hinbeekiinis miilaa hamma mataatti nalaaleeti imimmaan
lolaase_ Kifileen. “Kan nyaate nama hin nyaatu” isa jedhamu
sanan se’a waan lafa oromiyaa irratti dhalatee guddateef.
Moo kan nu nyaatee nu fixe iyyuu isaanii? Namni amala
sanyii isaamoo, amala maatii keessatti guddateemoo, amala
naannoo keessatti guddatee dhuunfata gaaffii jedhuuf garu
yerootu deebii laata.
“Jaawwee maali garuu…. anaanillee dhiisi, hiriyyaakee
Kuluulee illee rabbumaaf jecha nagaa itti yoo dhaamte maal
qaba? Ilmoo dhiiraa taatee, ilmoo namaa ishii hanqaaquu
fakkaattu jaalalaan sakaaltee saree qamalee nyaatte
fakkeessitaa?” jedhe.
Waan ani of sobee of sossobee, aduu dhiisisee bariisisaa jiru
garaatii na kaase. Keessikoo waadamee waxalamee,
affeelameera. Ta’us ani akka duraanii miira ho’aan bo’ee
harquu dhiiseera. Yoon bo’es garaakoottin bo’a. Garaa
jaalalaatu ana keessatti jabaate miti, hirbuufi booree ta’ii
89
gocha badii maleen na uggure falmatutu na keessatti saqqii
jabeeffate malee.
Inni homaa miti Kifilee…. Yookaan hireekootu kana,
yookaan immoo hiree ishiitu kana. Yookiis immoo hiree
jaalalaatu kana ta’uu danda’a. Waan hundaafuu ati amma
eessaa garamitti deemaa jirta? jedheen isatti deebise.
“Anoo Shaamburraan dhufaa jira. Gara maatiikoottan galaa
jira” jedhe.
Edaa manni maatiikeetii asiinii? jedhee osoo ani afaanii
hinfudhatiin……
“Manni keenya kunoo qorqoorroo dallaa baargamoo tutaa
sana keessaati. Hinargituu? Mana obbo Saaqqataafaa
bukkeedha” jedhe. Obbo Saaqqataa jechuun jaarsa
maanguddoo nu cinaa dhaabataa jiranidha.
Maanguddoo dhadhaaf aannaniin nu simatan kanas qabatuma
Kifileetiin maqaa isaanii barre malee, nuyis gaafannee
hinbeeknu, isaanis nutti himanii hinbeekan. Waan darbe
kaasnees dubbii baay’ee waliin haasofne_ Kifilee waliin.
Osuma haasa’aa yaanuu mana obbo Saaqqataa biraan baane.
“Obbo Saaqqataa…. Ijoolleen kun fira keessaniiy?” jedhe_
Kifileen.
Obbo Saaqqataniis firakooti jechuufis, lakki firakoo miti
jechuufis, waan jecha dhaban fakkaatu. Akka of wareeruu
ta’aniiti, “ii…..iiii…. maal jette Kifilee?” jedhan. Akka nama
hindhageenyee godhatani, osoo dhagahanii. Osoo Kifileen
gaaffii isaa irra hindeebi’iin, “chee…chee….. bulloo…”
jedhanii gara fardeeniitti nurraa siqan. Baqa deebii gaaffii
dubbii Kifileef malee fardeen oofuuf waan nurraa siqan
90
hinsee’u. Kifileenis irra deebi’ee hingaafanne. Nuyis kun
akkana, sun akkasi hinjenne. Waa’ee obbo Saaqqataa
dhiifnee, waa’ee keenya wal harkaa fuunee oduu xaaxessine.
“Mee jedhaa…. mana seenee mi’akoo olkeeyyadheen dhufa”
jedhe_ Kifileen.
Obbo Saaqqataanis “ijoolleekoo kottaa olseenaa. Ilma
mammiree Zamanuu kana waliin eessatti wal beektu?”
jedhan.
Waliin baranna ture. Osoo nuyi barnoota addaan hinkutiin
dura daree keessatti walcinaa teenya ture jedheen dhugaa jiru
itti hime. Kan anaafi Kifilee wal barsiises kanarra darbee
hinturre, erga walbarree yoo jiraatellee. Osoo nuyi jaarsa
maanguddoo beelaafi afaan du’aa keessaa nubaase_ obbo
Saaqqataa, waliin odeessaa jirruu Kifileen ‘tuf’ jedhee nu
biraan ba’e. Obbo Saaqqataanis hubataa jaarsaa waan
turaniif, ganaa haala deemsa jireenyaa nuyi keessa dabarre
waan baay’ee nu gaafachuuf kan qophaa’an fakkaatu. Jaarsi
nama bilchinaafi cimina namaa fonqolchanii keessaaf alaan
madaaluu danda’anidha. Haalli amma jiru garuu isaaniif
mijataa hintaane, waa hunda nu gaafachuuf.
Kifileenis hedduu afuura nu kute. “Amma ka’aa na duukaa
bu’aa. Ana waliin galtan malee du’een argama” jedhe. Waan
garaa jaalalaan nuuf oo’en se’a.
Obbo Saaqqataanis homaa hindubbanne. Callisaniituma
haala hiriyyaa keenyaa kana waan taajjabaa jiran fakkaatu.
Lakkisaa…… duukaa hingaliinaa jechuufis egeree dubbii
kanaa hinbeekani. Deemaa….. dhaqaa waliin galaa jechuufis,
duuba dhaqanii deebisanii nu fiduufis yookaan achuma mana
mammiree Zamanuutti nu dhiisuufis karaan ifaa ta’ee tokko
91
filachiisu sammuutti isaan hindhufne. Waan fedhes ta’u
akkuma wawwaate mana mammiree Zamanuutti nu fudhatee
gale_ Kifileen.
Yeroo faana Kifilee buunee manatti olseennu, maanguddoo
uffata gurraacha dheeraa, mataa hanga miilaa ofitti naqe
tokkotu qoobii mataa irra kaawwatee taa’a. “Olseenaa!
Nooraa!” jedhee bakka taa’uu olka’e.
Taa’aa…. Taa’aa… jennee, nafa nafa suksuknee nagaa
gaafachuuf jecha mataa gadi qabannee harka lamaan itti
hiixanne. Harka nutti hiixachuu dhiiseeti, dhuka isaa keessa
harka galchee fannoo mormatti rarraafateeru, isa amma
waanjoo ga’u gad baasee nutti qabe. Anas ta’e hiriyyaankoo_
Tokkummaan erga dhalannee haga har’aatti waan akkasii nu
qunnamee hinbeeku. Garuu yeroo tokko tokko, yeroo barataa
turre karaa bataskaana madaanaalamii Shaambuu si’a deemaa
turre, namoonni tokko tokko uffata balee adii bitaaf mirgatti
oolbatanii gaafa qeesota dubbisan akka fannoo dhungatan
ijaan agarree beekna.
Ta’us fannoon kallattii afur qaba. Kallattii kamtu dura
dhungatama, isa kamtu lammaffaatti dhungatama, isa kamtu
sadaffaatti dhungatama kan jedhu wanni beeknu tokkollee
hinjiru. Durumaanuu yeroon manatti olseenee nama uffata
gurraachaa argu, kan manaa nu baasee nu joonjessaa jiru,
gochaan poolisoota uffata gurraachaa waan sammuu keessatti
na bocamee jiruuf, naasuun na keessa ka’ee ture. Anis naasuu
kanaan wal makee akkan ta’es hinbeeku. Fannoo harkatti
qabeen calliseenuma gadi gombifameen si’a sadii dhungoo
fannoo keessaa fuudhe.
92
Hiriyyaankoo Tokkummaanis osuma ofirratti rom’uu fannoo
dhuka jaarsaa keessatti leelee dammaa fakkaate itti
culuullatee dhungate. Waan jaalala guddaa itti agarsiisu
fakkaata, nama hubatee ilaaleef. Namni waan argee
hinbeekne jaalataa gaaffii jedhuuf garuu anii deebii hinqabu.
Abbaan hiriyyaakoo mammiree Zamanuunis baay’ee
ajaa’ibsiifate. “Ijoolleen kiristaana ta’anii fannoo
dhungachuu hinbeekne, kan qeesii harkaan dubbisuuf itti
fiigan kun eessaa ba’aniiru” jedhee ofitti odeessa.
“Akkami isin kiristaana mitii?” jedhe.
Lakkisaa……. nuyi Oromoodha jenne.
“Ihii…… ihiii…… kiristaanamoo musliima isin jechuukooti
malee gosa keessan isin hingaafanne” jedhe. Garaa isaa
keessatti maal ijoolleen joonjoftuun kun, kan gosaaf saba
adda baastee hinbeekne jedhee waan ofitti hasaasu fakkaata.
Akka yaada isaattis erga kiristaana yookaan musliima ta’anii
dhalatanii waan gosa ofii filatanii ta’an se’a. Nuyis waan
deebisnu wallaalle. Eenyummaa keenya beeknu kan rabbi
nuuf kenne dhiifnee, eenyummaa mammireen nuuf kennan
kanaan of ibsuu eegalle.
Garuu addunyaa kanarra kiristaanaaf musliimaa ala sabni
hinjiru jechuudhaa? Kiristaana jechuun nama saba musliimaa
hintaane jechuudhaa? Moo warra fannoo mormatti
rarraafatan yookaan warra fannoo dhungatan qofaadha?
Kiristaana keessa musliimni jiraay? Musliima keessahoo
namni kiristaanni jiraay? Musliimas ta’e kiristaana, tahanii
dhalatumoo dhalatanii tahuu? Wanni kun hidda dhiigaa
waliin kan walqunnamtu yoo taate tokko ta’uuf furmaanni
isaa tokko. Innis rabbiin kadhachuu qofa. Namni amalaafi
93
akeeka isaa malee dhiiga isaa jijjiirachuuf ga’ees ta’e hiree
waan qabu natti hinfakkaatu. Yoo erga dhalatanii kan argatan
taate garuu madda garaagarummaa ta’uu hinqabdu. Namuu
irratti waliigalee furmaata soquu qaba jedheen anis
mudannoo haaraa har’a na qunname waliin yaadaan ofitti
hasaase.
Wanni hunduu, gaafachuunis, gaafatamuunis darbee mana
Mammiree Zamanuutti nyaanni nuuf dhiyaate. In nyaannes.
Jaarsi mammireenis nu waliin taphachuuf keessi isaa waan
eeyyameefii natti hinfakkaatu. Akkuma nyaata nyaatee
ka’een harka isaa dhiqatee gara gola ciisicha isaatti darbe.
Hiriyyaankoo_ Kifileen garuu nu waliin taphatees, odeessees
quufuu dadhabe. Mana jala siree teephaa tokkorra ciisnee,
halkan guutuu sadii taanee akka odeessinutti bulle. Asiin
haasaan haasaa fidee, achiin oduun oduu fixee, akkamitti
akka barnoota keenya addaan kunnes itti himne. Icciitii jiru
hundaa gad itti jigsine. Kifileenis abaluu isaanii
wallaaluyyuu, namoonni lama waajjira poolisii keessaa mana
hidhaa cabsanii akka lafa buuteen isaanii dhibame gurra isa
buteera. Garuu gaaftokkollee Jaawwaraaf Tokkummaadha
jedhee yaadees, shakkees hinbeeku.
Yeroo lafti bari’u, mammiree Zamanuun sursuraan ka’anii,
balbala taa’anii macaafa bicuu tokko kan afaan Gi’iiziin
barreeffamte dubbisu. Si’a nuyi waa’ee poolisoota duubaan
nu hordofaa jiranii oduutiin laaqnee bukeessinu, jaarsi
mammireen nu cinaa taa’ee gurra qensa. Oduu keenyas
dhugee quufeera.
“Lekkaa….. ijoolleen kun dubbii barattoota bara Atse
Haayilasillaasee natti fiddee lafa keenya dabarsitee
94
garbootaaf kennuuf deemaa jirtudhaa laata?” jedhe. Isa yeroo
bara mooticha Haayilasillaasee, habashaa abbaa lafaa
jedhanii, oromoo hedduu hojjechiifataa turan waan hawwe
fakkaata_ mammiree Zamanuun.
95
Boqonnaa Sagal
Kifileenis, boqonnaa guyyaa lamaa xumuree, gara mana
barumsaa isaatti deebi’uuf mana keessa qophaa’aa jira. Haati
isaas galaa wa’ii naqxeettiifii.
“Egaa….. adaraa keessan mana kana keessaa hinba’iinaa.
Rakkoo jiru maras abbayyeekoo haasofsiiseera. Dubbii jiru
hundaa haala danda’ameen qoradheen odeeffannoo isiniif
fideen dhufa. Yoo haalli isaa rakkisaa ta’es, garamitti akka
deemuu qabdan walumaan marii’annee murteessina.
Hagasitti garuu asuma maatiikoo waliin turaa. Torbee lama
sadii dabarseen dhufa” jedhee gara mana barumsaa isaatti
sokke_ Kifileen.
Guyyaa sadan tokko erga bullee booda, mammiree
Zamanuun nutti siqanii nu haasofsiisuu eegalani. Jechi dubbii
mammireen dubbatuufi jechi anaaf hiriyyaankoo_
Tokkummaan dubbataa jirru hagas wal hinfudhanne. Nus ta’e
mammiree Zamanuu bitaa gale.
“Maal isinihoo dubbii iyyuu hinbeektanii? Faranjiima
baargamaa dhufte taatanihoo…. isin ijoollee habashaa mitii?”
jedhe_ Mammireen.
Lakkisaa ……nuyi faranjiis habashaas miti jenne.
“KKKKKK……” jedheeti kiksee nutti kolfe. Mata dureen
dubbii, yaadni keenya yaada isaa waliin irratti wal dhiites
96
waanuma ajaa’ibaa inni dhagahee hinbeekne itti ta’e_
habashummaafi faranjummaa.
“Isin ilmoo namaa mitii? Faranjiis miti, habashaas miti jettan.
Maal ofjechuu feetanree?” jedheeti ammas kolfa qasa’e.
Dhimmi habashaaf faranjii kun, anaanillee yeroo baay’ee
sammuu keessa na dhufee seenaa dhugaa waliin mataa na
cabsa ture. Yeroo hedduu nyaata faranjiimoo nyaata
habashaa, loon faranjiimoo loon habashaa, barsiisaa
faranjiimoo barsiisaa habashaa, sanyii faranjiimoo sanyii
habashaa jedhamee eenyummaa namaafi, ga’ee hojii yookaan
abbaa qabeenyummaa namaa ibsuuf filannoon habashaaf
faranjii malee akka hinjirre, biyya Itoophiyaa keessatti, qotee
bulaa hanga beekaaf barataa yunivarsiitiitti, bal’inaan
dubbatama. Bal’inaan haadubbatamu, haadhiisus, kuni
homaa miti. Garuu, qabeenyaanis faranjiif habashaa,
sanyiitiinis faranjiif habashaa, ga’ee hojiitinis faranjiif
habashaa jedhanii nama addunyaa kanarraa mara, biyya
tokko keessatti qofaa, bakka lamatti qooduun kun eessaa
jalqabe? Ammaan tanahoo eessatti jedhamaa jira? Eenyutu
jechaa jira? jedhanii adda baasuun barbaachisaa natti
fakkaata_ mul’istuu eenyummaa dhala namaa hedduu
keessaa isa tokko dhugaan hubachuuf.
Habashaa jechuun nama gogaa halluu gurraachaa, faranjiin
immoo nama gogaa halluu adii akka ta’e biyya Itoophiyaa
keessatti hedduu lafa qabateera. Baratti dhaloonni sanyii isaa
barsiifatee, seenaa sanyii isaa katabee, osoo dhugaa
hinjallisiiniifi dhugaa hinhambisiin dhaloota dhufuuf
dabarsuun, pilaanetii biraa irra qubachuu caalaa ulfaate
kanatti, warri seenaa dhugaa ukkaamsanii seenaa sobaa
waltajjiitti baasan kun carraa maalii akka isaan argataniifi
fayyadaman hedduu ana ajaa’ibeera.
97
Osoo habashummaan yookaan faranjummaan halluu gogaa
taate, galata tekinooloojii haata’u malee, namni gogaa halluu
gurraachaa, keessa gogaa isaa garagalfatee, adiitti jijjiirratee
faranjii ta’uu danda’a. Jireenyaaf qabeenyaanis ta’e
beekumsa barnootaan, durattis ta’e yeroo ammaa kana
olaantummaa pilaanetii dachee kanaa waan to’ataniif malee,
sanyiin nama gogaa halluu adii sanyii nama gogaa halluu
gurraachaa irra wayya kan jedhu hinjiru_ seera namaa yoo
ta’e malee seerri waaqaa. Osoo uummanni sanyii nama gogaa
halluu gurraachaa, qabeenyaaf beekumsaan warra gogaa
halluu adii caalaa olaantummaa gonfatee jiraate, uummanni
warra gogaa halluu adii kun gara warra gogaa halluu
gurraachaatti jijjiirrachuu yaalu ture_ yoo kan danda’amu
ta’e. Silaa kan bareedu waanuma nama waa qabuuti. Kanaaf
natti fakkaata geerartuun Oromoo, “qabaatan mucaa ta’uu
hunduu nama dhungataa yoo dhaban budaa ta’uu hunduu
nama tuffataa” kan jedhuufii.
Dhugaan jirtu garuu, habashummaas ta’e faranjummaan
ibsituu eenyummaa ta’us, halluu gogaa waliin kan
walqunnamtii qabdu miti. Habashaa jechuun, akka
uummanni Itoophiyaa hedduun jedhanitti nama gogaa halluu
gurraachaa hunda bakka bu’a miti, hinibsus. Faranjummaanis
nama gogaa halluu adii hunda bakka hinbu’u. Biyya
dhugumaan mirgiif eenyummaan dhala namaa keessatti
kabajame keessatti, nama gogaa halluu adii faranjii jettee
waamtee, yookaan nama gogaa halluu gurraachaa habashaa
jettee waamtee, seeraan gaafatamuu qofa miti
adabamuunillee jira. Habashaa jechuun guboo dhiigaafi afaan
waliin kan walqabatee dhufe malee, guboo halluu gogaa
waliin kan walqabate miti. Namoonni yeroo ammaa kana
habashaa jedhamanii beekamanis, saboota afaan gurguddoo
Afrikaa keessaa garee Afro-eeshiyaatik jedhamu jalatti kan
98
ramadaman ta’ee, saboota afaan gartuu Semetik jedhamu
dubbatanidha.
Akka gosaattis, sabni Itoophiyaa keessaa guboo dhiigaaf
afaan gartuu Semetikii irraa dhufan, kan akka Amaaraa,
Tigiree, Guraagee, Adareefi Argobbaan isaan gurguddoodha.
Isaan kunis walumaagalatti sanyii habashootaa jedhamu.
Maqaan habashaa jedhu kunis kan isaaniif moggaafameef
akkasumaan miti. Bara durii yeroo akka har’aa kana lafti
addunyaa keenyaa kun hundi namaan hinqabamiin, sanyii
arabootaa ‘Habish’ jedhamantu biyya arabaa irraa godaananii
karaa yeroo amma kana biyya Yemen jedhamtee beekamtu
kana, gaanfa Afrikaa irraan gara biyya yeroo ammaa kana
Itoophiyaa jedhamtuutti seenanii qubatan.
Biyyumti amma Itoophiyaa jedhamtee addunyaa irratti
beekamtu kunillee yeroo sana maqaa kanaan beekamuu miti
daangaa kanaan illee hinbeekamtu ture. Hiikkaan dhufaatii
maqaa biyyittii kanaas afaanota yeroo ammaa kana
Itoophiyaa keessatti dubbataman wajjin walitti dhufeenya
akka hinqabne hambaaleen seenaa tokko tokko ni ibsu.
Saboonni Itoophiyaa baay’een illee akka eenyummaa sobaan
(false identity consciousness) of hubatan yookaan ofbeekan
kan taasise raacitii godaantota kanaa akka ta’e ragaaleen
haftee bara mootummoota abbaa irree ni mul’isu. Jabana sana
waan dhagaa bu’uuraa buufate natti fakkaata, inni yeroo
ammaa kana rakkoo guddaa guddina uummattoota Afrikaa
ta’ee sabaaf saba wal nyaachisaa jiru, seenaa sobaa
barreessuuf barsiisuu (historical transformation) irraa kan
madde.
Garuu yeroo ammaa kana gosa sabaaf sablammootaa 86 ol
ta’an kan biyya Itoophiyaa keessa jiraatan qofa miti, saboonni
gogaa halluu gurraachaa kutaalee biyyaa ardiilee adda addaa
99
irraa dhufanii, Itoophiyaa keessa jiraatanis ta’e hojjetan, akka
habashaatti ilaalamu. Ilaalamuu qofas miti, abalu
habashaadha, abalu faranjiidha jedhu halluu gogaa isaatiin.
Osoo eenyu akka ta’eef eessa akka dhufe isaan hindhibiin.
Wanni eenyummaa kun, kan walitti hindhufne walitti fidanii,
masara mootummaa galchuun, waan eenyummaa dhugaa
immoo dhoksanii sabaan saba waamuun, eessaaf maaliif akka
jalqabee hanga har’aa waltajjii qabatee ijaajju, namoonni
adda baasanii beekan baay’ee bicuudha. Saba tokko saba
biraan waamuun, saba tokkoof daangaa beekamtii babal’suu,
saba isa saba biraan waamamuuf immoo labsii badisa isaa
irratti labsuudha jedheen, seenaa sabakoo hatamee mataa na
cabsaa jiru hamma ta’e yaadakoo ibseen hiriyyaakoo_
Tokkummaaf qoode. Yeroon ani isa baddaaf dakaa walitti
fidee, uggura seenaa sabaan saba waamuu kana, miira
aariidhaan Tokkummaaf seenessu, jaarsi mammireen gola
keessaa gurra dhaabee mataatii bokokaa jira.
100
Boqonnaa Kudhan
Aadaa oromoo keessatti, bara rakkinaa namni firattis ta’e
hiriyyaatti baqatee bara dabarfachuun kan baramedha.
“Baraaf murxuxxee gad jedhaniiti ofirra dabarsu” akkuma
jedhamu, oromoonis bara rakkinaa wal oolchuu aadaa
godhatee, walharkaa fuudhee fide. Aniif hiriyyaankoo_
Tokkummaanis, beeknees ta’e osoo hinbeekiin aadaan kun
sammuu keessa waan nu jirtuufi mana maatii hiriyyaa
keenyaatti baqachuun keenya. Garuu firummaan yookaan
hiriyyummaan afaan haataatuu dhiiga, wanni adda baafannee
beeknu hinjiru.
Erga gaafa gola keessa taa’ee, dubbii uggura seenaa
eenyummaa ani Tokkummaaf seenesse dhagahee, abbaan
Kifilee_ mammiree Zamanuun, nutti dhihaatee taphachuun
baay’ee dabale. Seenaa sanatu isa gammachiisee? Moo nama
afaan dhadhaa isa garaa madaati? Waaqxiif lafti haabeeku
malee, homaa wanni nuyi beeknu hinjiru. Waan shakkines
hinqabnu. Hedduu nu kofalchiisa. Ofii illee hudduutii
garagalee kolfa.
“Waaqa addaataa roobuuf nama kolfaa nama miidhu
hinbeekkatani” akkuma jedhamu, kolfa dhugaa haata’uu kan
sobaa, nuyi hinbeeknu, waan mamnes hinqabnu. Jaarsi kun
waan hedduu nu jaalatan seena. Osuma ganamaa galgala
101
jaarsa cinaa teenyee kolfa qasaanuu, guyyoota murtaa’e
dabarsine.
Jaarsi mammireen kun bulchaa bataskaana Maaramii
Qadiidaati. Waanuma tokko yoo dubbatan, dhugaa jettuu….
jennee yeroo dubbii isaa jalaa qabnu, “maaramii qadiidaa”
jedha. Maaramii qadiidaa jennaan… soba dubbachuuf shira
maruu miti, waan bishaan liqimsan hinseenu.
Guyyaa tokko garuu waanuma addaa tokkoon nu
keessumsiisani. Akkuma guyyoota muraasa dabarsine, har’as
ganamaan kaanee karaa boroo balbalatti gad yaane. Biqiltuu
geeshoo jala barcuma buufannee teenye. Mammiree waliin
haasaa keenya wal harkaa fuunee walaasne.
Erga gaafa mana obbo Saaqqataatii baanees namni nu argee
hinbeeku. Nu arguu dhiisuu isaaniif garuu gorsa obbo
Saaqqataa gaafa dachaa goodaa fardeenii, galagalchoo
mul’istuu bara keenyaa kana irraanfanneerra. Akka yaada
keenyaatti, mana mammiree Zamanuu jiraachuu keenya kan
beeku obbo Saaqqataafi waaqayyo qofaadha.
Balbala boroo teenyee osuma haasaa keenya jaarsa waliin
walaasnuu, fooliin dhadhaa mana nyaata bilcheessan keessaa
gad burqu, bakkeetti lafaan nu mare_ dharraatiin. Hamma
ka’aa olseenaa… laaqana nyaadhaa… jedhanitti hedduu
sardamne. Akkuma ta’u ta’ee yeroon laaqanaa nuyi
muddamnee eegaa turres qaqqabe. Harka dhiqannee
olmanatti seenne. Har’a silaa akka durii nyaadhaa….
kutadhaa….. jechuun illee waan barbaachisu natti
hinfakkaanne_ osuma nyaanni dhiyaatee nu bira hinga’iin
iyyuu foolii fuunee waan afaan mi’eeffanneef.
102
Nyaanni dhufee dhiyaates, hamma nuyi fooliidhaan bakkeetti
dharraanee eegnee gad miti. Ittoo handaaqqoo isa funuuna
giiftii fakkaatu distii sibiilaa keessaa itti nuuf jigsani_ anaafi
Tokkummaaf. Mammiree Zamanuufis distii suphee keessaa
itti buusaniif. Nyaata akkas urgaawu kana takkaa qofa afaan
kaawwadheen osoo lammata afaan hinkaawwatiin, akkuman
harkakoo gabatee buddeenaatti ergetti, sagalee iyya saree
gurra nama duuchutu balbalaa dhagahame. Dubbiin sagalee
guddaa dhagahuu kun anaaf sodaa erga ta’ee bubbuleera.
Buddeena cabsee afaan kaawwachuuf akkan maree
qopheeffadhetti gabateerra buuseen alatti gad fiige. Yeroon
saree kana bira ga’u narraa siqxee dhaabattee nalaalte.
Ergamtuu du’aa haataatuu, ergamtuu waaqa jireenyaa, rabbi
malee ani hinbeeku. As ilaallaan, achi ilaallaan homtuu
hinjiru. Doomi! Dhorami! Rabbi ayyaana si haaqabu! Saneen
si hinga’iin! Bita keenya fudhuu dhaqi! jedheen abaaraa
olseene.
Silaa durumaanuu ittoon har’aa raajiidha. Hiriyyaankoo
dukkanaaf ifa waliin daaknee har’a asiin geenye, waan taa’ee
na eege hinfakkaatu. Hamma ani iyya saree balbalaa
birmadhee deebi’utti, nyaata mi’ooftuu kana si’a lama sadii
waan afaan ka’aten se’a. Yeroon bakka taa’umsakootti
oldeebee harkakoo gara gabatee buddeenaatti hiixadhu, harki
Tokkummaa buddeena cabsachuuf as diriire osuma
hindacha’iin gabatee nyaataa dhahee lafatti dabaleeti, ofii
lafatti diriire. Anis wayyoo haadhookoo……. jedheen irratti
lafa dhahe. Mataa isaa olqabee yeroon ija keessa isa ilaalu,
akkuma jawwee hiixatee dhaabachuu dide. Osuman arguu
akkuma laastikii isame. Altakkaa duwwaa ija isaa bongol
godhee nalaaleeti, “Jaa…. Jaaa….” jedhe. Maqaa na waamee
waa natti dhaamuu barbaadeeti, afuurri isaa deebi’uu didde.
103
Dhangala’aan baaduu fakkaatu tokko qaawwa funyaan isaa
keessaa kolol jettee gad yaate.
Isa dura akka jawwee hiixate, akka ribuu walitti butameeti
walitti guduunfame. Tokkummaan mucaan utubaa manaa
fakkaatu akkuma feestaalii abiddi gubee walitti shuntuure. Iji
isaas akka ijakoo keessa ilaaletti, harki isaa akka
shurraabakoo qabatetti, miiltoonkoo gaafa qormaata dukkana
limixii waliin kufnee kaane, foon isaa harkakoo irratti dhiisee
addunyaa kanarraa godaane_ summii mammiree Zamanuun
nyaata waliin nu nyaachiseen. Anis osoo hinrafiin dhaabiitti
abjuun liqimfame. Nan boo’e! Nan gadoode! Nan mar’adhe!
Nan halaake! Nan caraane! Lafarran gangaladhe!
Hiriyyaankoo haga har’aatti yaada malaaf falaa naaf qoodaa
tures, tole bade hinjenne. Hirriba hinkaane ciisee na
dhaggeeffate.
“Eree minnoo…… Hiniyyiinii….. mucaan fayyaadha.
Besma’aab wolde menfes qiddus ….. maal ta’ee qe’ee
rabbashaa?” jedhe, mammiree Zamanuun.
Yeroo hiriyyaankoo_ Tokkummaan gad hiixatee, ol
kottoonfatee, akka dubartii deessuutti miixatee lubbuu of
keessaa baasu, lafti urattee gad na liqimsuu didde. Samiinis
butee ol na fudhachuu dide. Malaaf fala dhabeen akka sa’a
gorra’amee, reeffa hiriyyaakoo irra gangaladheen gadoode.
Homaa kan naaf dirmates hinjiru.
“Aantee lij, yoo zim jetta ta’e zim jedhi. Qe’eekoo irratti
hiniyyiin. Kanaan ala poolisii fideen seeraan manakoo
keessaa si baasisa” jedhee, reeffa namaa akka reeffa sareetti
osoo hinilaaliin irra tarkaanfatee ala ba’e_ mammireen.
104
Yeroo mammireen maqaa poolisii dhahee gad ba’u, akka
maraachuus akka of wallaaluus na gochuu kajeele.
Bo’ichakoo dhiiseen, hiriyyaakoo naaf jecha gatii lubbuu
kaffale miila jala ofirra gad quuphane. Jaarsi mammireenis
xiqqoo ala dhaabateeti deebi’ee manatti olseene.
“Dhukkubni akkasii kun ‘irgimaanii’ ta’uu danda’a. Gizee
baay’ee namoonni betesabiin isaanii yookaan ofii isaanii
abaarsa qaban akkuma tasaa kufanii du’u. Duraan dabarsanii
soomaaf sagadaan maaramiin ‘ammaalladuu’ qabu ture. Maal
godhuu mitii…. Maaramiin qadiidaa lubbuu isaa jannata
haagalchitu malee. Amma nama du’e qabatanii taa’uun
waagaa hinqabu. Bo’ichakee dhiisiitii… ka’ii deemii maatii
isaatti himi. Dhufanii fuudhanii haa awwaallatani” jedhe.
Yakkamaan lubbuu dhalattuu karaatti galaafate waan
garalaafessa namaa of fakkeesse. Akka ani maatii
Tokkummaa waamu barbaadee osoo hintaane, akka nuyi
dhokataa jirru waan beekuuf, anis waanan qabuuf gad dhiisu
wallaalee achitti gogee akkan hafuu barbaadeeti. Akka nuyi
poolisoota dheessaa jirru waan dhagaheeruuf nama
hindhageenye fakkaatee, tooftaatiin guboo kaayyoo keenyaa
balbala isaatti gogsuuf ture, kaayyoon mammiree Zamanuu.
Silaa baqataan ofiifuu mala wallaalee jooru, maal namaaf
malaa miti, anis taa’ee hedeen yeroon lubbuu hiriyyaakoof
mala dhabu ofiif waa murteeffadhe. Deebi’ee galuun waan
hinfakkaannedha. Fagaadhee deemuuf, waahillikoo
dhadhaabbata ulee bosoqqee natti ta’e. Yeroo aduun dhihee
lafti sursuraa’u, mana isaa keessa reeffa cinaatti na dhiiseeti
gara bataskaana maaramii qadiidaatti sokke, “qiddaasee
qaddaseen dhufa” jedhe.
105
Anis marii nyaphaa kana taa’ee hineegne. Tokkittiikoo ishii
gaafa xiiqii, kan duuti na harkaa baase_ reeffa Tokkummaa,
gateettiirra buufadheen gara bosona qarqara bishaan haroo
Finca’aatti kaadhe. Osoo baay’ee ta’uu baatellee, anis nyaata
summaa’aa sana altakka afaan kaawwadhee waanan tureef,
suuta suutaan garaa keessaa lapheetti ol na aare. Deemsas ana
dhorke. Caffee raatuuf sochootuu qarqara bishaaniitti biqilee
jiru keessatti lafaan dhaheen reeffa Tokkee boraafadhee ciise.
As gangalchee, achi gangalchee yeroon gadoodu, Tokkeen
‘xis ximbis’ hinjenne. Caffee boraafatee ciise, jireenya
naachaaf raachaa. Anis halkan guutuu seexanaaf ekeraa
waliin reeffarra sirbaan bule. Awwaallachuufis qeensaan lafa
hinqotu. Dhiisuufis seexaan na keessa jira. Waanan godhun
wallaale.
Ganama yeroo lafti barii’u, allaattiin luka dhedheeraa bishaan
keessaa qurxummii adamsu nu marsee dirrisuu jalqabe.
Akkanumaan ganamaa hamma galgalaatti allaattii irraa
tiksaan oole. Osoo reeffa hiriyyaakoo na harkaa butee
nyaachuuf itti gamuu. Aduun dhihee si’a biiftuun lixxu, haga
yoomiitti reeffa qabadhee akkan taa’u gaaffii natti ta’e.
Tokkee lafaa ol fuudheen, gara bishaaniitti buteen caffee
harkaan jijjiksee irra ciibse.
Yoo waaqayyo jedhe, haga fedhe dheerattus guyyaa tokko
shiraaf uggura manaa si baasee irbaata allaattii si taasise kana
nan jijjiira. Seenaakees, seenaa hundeeffama gurmuu fincila
diddaa garbummaa saba oromoo godheen kataba. Guyyaa
yaadannoo gootota qabsoo bilisummaaf hobba’anii ta’ees,
kan kanaa booda qabsoof gatii kaffalan dabalatee, akka
kabajamu nan taasisa. Yoon barakootti dadhabes imaanaakee
kana dhalootatti dabarseen darba. Ragaan keenya
waaqayyoof lubbuukeeti. Lubbuun hinduutu. Mana waaqaatti
106
na gaafatti. Naachiif raachi, allaattiif qurxummiin caffee
Haroo Finca’aa si haa awwaalani. Lafarrattis, mana waaqaa
keessa samiirrattis, dhiignikee na haa gaafatu, yoon imaanaa
kaayyookee nyaadhe. Hireekees haa ta’u carraakee,
hiriyyaakoo gaafa xiiqii, osoo akeekakee bira hinga’iin
galaana “qara qaramee hindoomneen” liqimfamtee na biraa
hafteetta. Anis yoon danda’e galaana akeeka jireenya dhala
namaa nyaatu kana tarkaanfadheen akeekakee akeekakoo
taasisa. Kun immoo kennaakoo isa jalqabaaf dhumaati.
Shurraabakoo ati itti rarraatee miixattee lubbuukee of keessaa
baafte, ijakeerra haa buutu. Allaattiis ta’e bineensi dura si
arge, ilkeen isaa oso qaamakee hinciniiniin shurraabakootti
afuura haa baafatu, jedheen shurraabakoo ofirraa baasee fuula
isaa irra buuse. Osoon imimmaan dhiiga roobsuu waadaa
hamma wabii lubbuukootti deemus isaaf seeneen seexaa
kudhaammadhee biraa qajeele_ qal’oon aayyuleekoo,
huuqqattuun abbaa Milkii, ani Jaawwaraa Caattoo.
Garuu dubbiin wabii waadaa, lubbuukoofi ragaa waadaa
waaqayyoof lubbuu Tokkummaa na waamsise, nyaatamuu
Tokkummaa “galaana qara qaramee hindoomneen” qofa osoo
hintaane, Tokkummaan gumaafis ta’e gumaata dhaquuf nama
cophaafi dhala hingodhatiin hobba’e ta’ee nama “galaana
nama du’ee du’aa hinkaaneen” kan altakkatti galaana lamaan
nyaatame ta’uu isaati.
Akkuma abbaankoo bara Birraa yeroo nyaata asheeta
boqolloo sana nu gorsaa turan, laggeen galaana riqicha malee
akeeka dhala namaa ta’anii kan kaayyoo dhala namaa
fuuldura hiriiran kana, hiriyyaankoo Tokkummaan kan irra
taruu dadhabeef akka nama mukarra rafuutti yeroo hunda
dammaqaa ta’uu waan dhabeefmoo waan biraatiifi? jedheen
107
sababa isaa osoo ofiif hindeebisiin galaa godhadheen
akeekakoo faana ba’e_ bilisummaaf birmadummaa sabakoo.
Silaa namni dhalatee dhala malee hafe muka seerame
waliin waan wal caalu miti. Seenaan isaas ta’e eelaan isaa
awwaalcha isaa biraa hafee umrii dheeraa jiraachuuf waan
mana jireenyaa argatu natti hinfakkaatu. Tokkummaanis
kunoo daangaa kanaan qabamee ana biraa hafe.
108
Boqonnaa Kudha Tokko
Dubbiin ganamuma borsaa barruuleekoo na fannisiise, har’as
ana duukaa bu’ee bo’ichaaf gaddaan na hordofa. Silaa namni
waan halle biraa dheessuu danda’ullee, waan lama baqachuu
akka hindandeenye ifaadha. Lafa haga fedhe fagaatees haa
deemu, dachee kana lakkisees pilaanetii biraatti haa ce’uu,
namni kamuu yaada mataa ofii isaafi waaqayyo uumaa isaa
jalaa hinba’u. Namni jalaa ba’uuf yaalus dhumni isaa
maraatummaa yookaan du’a ta’a_ yoo itti araarame malee.
Namni mataa ofii yookaan waaqa uumaa ofiin waldhabe,
dheessuurra araaramuu osoo filate lafa kufee ka’uu yookaan
deebi’ee jiraachuu danda’a.
Anis yaada mataakoo yookaan waaqa uumaakoo osoo
hintaane, dunkaana gabroomfataa eenyummaa sabaa
ukkaamsuuf, sirna bulchiinsaa dhalattuu karaatti gogsee
sanyii namaa aramaa nyaachisu kana dheessuuf jecha
geeraraan qajeele_ osoon fuulakoorra imimmaan lolaasuu.
Yoon argadhes nyaadhee, yoon dhabes mudhiikoo
hidhadhee, deemsa guyyaa lamaa booda osuman lagarraa
lagatti darbuu, Jaree biyya mimmixaa jala darbeen bosona
maangoofi shonkoraa magaalaa Baakkootti ba’e. Qamaleef
bosonuu maangoof shonkoraa keessa burraaqan malee namni
na arges hinjiru. Takka shonkoraa, takkammoo maangoo gad
cireen itti hafuura deeffadhe. Guyyaa lamaan tokko
109
shonkoraa keessa ciiseen halkaniif guyyaa cuunfe_ sukkaara
na hingaafatiinaa malee. Maddiinis na xunxunuu barbaade.
Mogoleenis humna argatee jajjabaate. Humna shonkoraaf
maangoo galaa naqadheen ammas ba’ee qajeele. Garam
akkan deemaa jiru garuu adda hinbaafanne. Ta’us, dubbiin
gorsaaf seenaa obbo Saaqqataa waa’ee Harargeefi Baalee
natti himee ture, garaa keessa na jirti. Uummata dhiira,
nyaphaaf fira akka qamadiif ingirdaadaatti addaan fo’e kana
qunnamuun akka humna naaf ta’u amaneera.
Lixa Oromiyaa, magaalaa Baakkoo irraa gara Baha
Oromiyaatti deemuun filannoo humna argachuuf dhabuu
natti fakkaate. Humna dhabuurra humna argachuu wayya
jedheen Baakkoo keessaa ba’ee imalakoo itti fufe. Karaa
namni irra deemu osoo hintaane, daandii bineensaa
qabadheen, Geedoof Gudariin qaxxaamureen, Waddeessa
keessa darbee bosona Cillimootti ba’e. Gara torbaan lamaafis
jaldeessaaf weennii waliin Baddeessaaf Goosuu bosona
Cillimoorratti wal saamne. Nama caalaa bineensa waliin
jiraachuun waan baay’ateef, namatti siquurra bineensatti
siquutu na boqochiisuu jalqabe; namatti baqadhees miidhama
godaannisa jiilaa qaba. Mana alagaatti baqachuun galaana
nama nyaachisee amma fayyaa, amma du’aa akka nama
baachisus ta’e, achiin dhadhaa asiin summii akka nama
nyaachisu argeera.
Galanni gooftaa uumaaf haata’u. Kan dachee lafa Oromiyaa
irratti na uume. Beela’ees waan nyaatamu barbaacha mana
namaa irra hinjoorre. Dheebodhees bishaan barbaacha
gandarra hinkaanne_ ergan Cillimoon seenee. Baddeessaaf
Goosuu, Goraaf Agamsa funaaneen dabaqaa oola. Bishaanis,
taliilli dhagaa keessaa burqitu garanaaf garasiin gadi fincaa’u.
Yoon barbaade nan dhuga, yoon barbaade ittiin dhiqadha.
110
Osoo namni hubatee nalaalu jiraate kolfa du’a ture. Ergan
bosona Cillimootti galee rifeensa mataakoof qeensa
miilaakoo malee kan fala dhabe hinjiru. Fuulli wullee
dhadhaa abidda bira fanniffame na fakkaateera. Qomnis
Leenca kormaa na ta’e.
Bosona nyaataaf dhugaatiin badhaadhe kana keessa turuun,
kaayyoo seexaakoo na dagachiisee, osoo waahila humna naaf
ta’u hinargatiin akkan qofaa bineensa waliin jiraadhu na
taasisa jedheen shakke. Cillimo keessaa ba’ee osuman jooree
jaawwaruu, Gincii duuba darbeen magaalaa Kilbeetti ba’e.
Namuma jiraataa naannoo fakkaadheen magaala xiqqoo kana
keessa oliif gadi sosocho’e. Mucaan ijisaa barbadaa abiddaa
fakkaatu tokko, kan qaamaan hamma arbaa ga’u fuuladuraan
natti dhufe. Anis calliseen itti adeeme.
“Obboleessoo……” jedhe akkuma na bira ga’een.
Eenyuun jechaa jirta? Anaan jechaa jirtaa……. jedheen ija
keessa isa ilaale.
“Eeyyee….. siin jechaan jira. Dhiifama waliin…….. waa
sigaafadha jedheeni….. Magaala kanaa mana obbo Taabor
beektaa? Yoo beekta ta’e natti himta jedheeni” naan jedhe.
Lakkii….. anoo hinbeeku jedheen bira darbe.
Duubatti na duukaa deebi’eeti, “manni daabboo naannoo
kana jiraa?” jedhe.
Lakkii…… ani magaala kana keessa hinbeeku jedheen itti
garagalee dhaabadhe. Jecha inni, mana daabboo jedhee na
gaafates garaakoo na nyaatteetti. Nama biyya fagootii dhufee
rakkataa jirudha tayinnaa jedheen shakke. Waa gochuufii
yoon baadhellee beela’ee waanan argeeruufi. Osoo ani
111
waa’ee mana daabboo deddeebisee sammuu keessa of
naannessuu, ammas xiqqoo natti siqe.
“Waajjira poolisiihoo naannoo kanatti argiteettaa?” jedhe.
Baay’een nahe. Innis fuulakoo ilaalee baay’ee rifate. Ani
poolisii ana hordofaa jiru se’een, hedduu of bir’adhe.
Duubakoof fuuldurakoo morma yaaseen mil’adhe. Innis
homaa dubbachuu didee, akka of bir’achuu ta’e.
“Maal obboleessoo? Magaala kana keessa rakkoon jiraay?
Waan rifatte fakkaatta” jedhe. Silaa “nama harree badde
barbaadu gurratu ‘kurum kurum’ jedha” jedhama.
Lakkii….. waa’ee rakkoo magaala kanaa waanan beeku
hinqabu. Yoo jiraatemmoo deemtee furuu dandeessa, ani
poolisii miti jedheen biraa qajeele.
Mucaan magaala Kilbee keessa naanna’ee mana obbo Taabor
iyyaafatu kunis, manneetii barnootaa magaalaa Amboo
keessatti fincilli diddaa gabrummaa dhuka’ee, gabroomfataaf
barataan Oromoo dhiiga wal boorrachiisaa waan tureef, isatu
gurmuu barataa fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo
qindeesse jedhamee du’aaf barbaadama. Innis ajjeechaa kana
baqadha, fira isaa sabboonaa oromoo magaalaa Kilbee keessa
jiraatu, kan gaafa gammachuuf gaddaa iyyaafatee hinbeekne,
har’a gaafa lubbuu of oolchuu jooree barbaadaa jira. Bara
kana keessa akka nama mukarra ciisuutti yeroo hunda of
ilaaluun laga riqicha hinqabne nama ceesisa inni jedhamus
tokko kana natti fakkaata.
112
Boqonnaa Kudha Lama
Kuluuleenis, halkaniif guyyaa osoo dhoksattee boossuu
barumsa ganna lamaa turtii mana barumsaa magaalaa
Shaambuu xumurte. Qormaatas fixxee gara mana maatii
ishiitti deebite. Fuulli ishiis kasalaa eelee fakkaate. Kuluuleen
yeroo barnoota sadarkaa gadii barachaa turtetti, shamarree
cimtuufi sodaatamtuu turte. Nama isa ormaa miti, maatiin
ishii illee gaafa ishiin nyaara guurte homaa ittiin hintaphatan.
Garuu guyyaa ishiin itti nyaara guurtu akka dhahaa yoo ta’e
malee, yeroo baay’ee fuulli ishii iyyuu ilkaani.
Barri fuulli Kuluulee ilkaan fakkaatus roobee caameera.
Galgala daftee rafti. Ganama daftee hinkaatu. Kuluuleef
maatii Kuluulee gidduu, ija keessa wal ilaaluun ajaa’iba ta’e.
Haatiif abbaan Kuluulee osoo ija ishii arguuf hawwanii,
ganama osoo ishiin hirribaa hinka’iin gara waajjira hojii
isaaniitti sokku. Galgala yeroo isaan lachuu hojii oolanii
galan, osoo lafti dukkanaa’ee ibsaan hinbanamiin gola
ciisicha ishiitti galti. Haadhaaf ilmoo gidduutti wal argaan
soogidda taate. Maatiin mana tokko keessa jiraatu akka nama
laga riqicha hinqabne gamaaf gamana jiraatuu wal hawwe.
Rakkoonkee maali? jedhanii ishii gaafachuus sodaatani.
Kuluuleen kan mataa ofii ishee miti, yeroo haatiif abbaan ishii
waldhabaa turanillee, guyyaa tokko jaarsummaa nama alaa
waammatanii hinbeekani. Bitaaf mirgaan teessiftee, akka
113
qorataa yakkaatti rakkoo isaanii adda baasaa turte. Nama
dogoggorri irratti argames gorsaa turte. Shamarreen
ijoollummaa ishiitii kaastee utubaa maatii turte kun, har’a
gaafa umriif beekumsa barnootaan dabalteetti jedhamtu
kanatti, rirma utubaa manaa nyaattu taate. Maatii nagaa
dhorkatte.
Guyyaa tokko garuu harmeen ishii waa mala dhahan;
akkaataa itti amala ishii bakka duriitti deebisan barbaaduuf.
Gola ciisicha ishii keessa seenanii “Kuulleekoo……
kottumee…. godana gara baadiyaa kana deemnee
akaakayyuukee dubbisnee dhufna” jedhan.
“Maali? Akaakaankoo maal ta’ani?” jette. Yeroo
ijoollummaa akaakayyuu ishii biratti waan guddatteef,
akaakayyuu ishii baay’ee jaalatti_ Kuluuleen.
“Lakkii…… dhukkubahoo hinqabani. Akkanumaan itti
mul’annee dhufna jedheen malee” jedhan.
“Tolekaa…. yeroo qophooftu natti himi. Indeemna” jette.
Harmeen ishiis, siin qophaa’uun sinbarbaachisuu? hinjenne.
Callisanii gola ciisicha isaaniitti deebi’ani. Waan fudhatan
fudhatanii gara Coommanitti ka’an_ Kuluuleef haati.
Kaayyoon haadha Kuluulees qofaatti ishii baafachuu ture.
Maal rakkattee akka ishiin amala jijjiirratteefi, maal taatee
akka ishiin kasalaa eelee uffatte, sababa rakkoo ishii
gaafachuuf. Osuma waan birqabaa taphataa deemanii, Gabaa
Dafinoo qaxxaamuranii Looyyaa Qidaamiitti ba’an. Daandii
konkolaataa Finca’aa-Geedoo irraa gara mirgaatti maqanii
baadiyaa keessa qajeelani. Fuullee qe’ee sabboonticha qotee
bulaa obbo Gaanfuree Burqaa isa ilma barbadaa abiddaa
dhalche sana darbanii Coommanitti imalani.
114
Silaa garaan haadhaa tiruudha, harmeen Kuluulee waan
manaa ba’aniif sana gaafachuu jalqabani. Kuluuleenis gaaffii
harmee ishii deebisuuf baay’ee eeyyamamtuu hintaane.
Dhugaa jiru dhiistee sababa biraa kaasuu yaalte.
“Barnootumatu anatti cime malee homaa rakkoo biraa
hinqabu aayyoo….” jette.
“Sareekoo…. nan dhoksatiin. Waan fedhes haata’u, ji’a sagal
guutuu garaatti si baadheen si dahe. Ana haadhakee caalaa
nama sitti aanu hinqabdu. Amman lubbuun jirutti, ana
gararraatti kan rakkookee furuuf sitti dhihaatu waaqa yoo ta’e
malee hinjiru. Mee natti himadhu…… bukuraakoo….. nan
sodaatiin dhugaa jiru anatti himi” jedhanii sossoban.
“Aayyoo…… adaraakee gaaffii kana irra deddeebitee na
hingaafatiin. Takkaa rakkoo hinqabu jedhee sitti himeera.
Amma waa’ee kanaa irraanfadhuutii, waan biraa taphanna”
jette, faara gubdee. Dubbii haadhaatti bishaan naqxe.
*****
Kuluuleenis maatii ishiif intala tokkittii qofa osoo hintaane,
dhala tokkittii ilmoo kurupheeti. Sababa kanaaf ture, gaafa
ishiin akka durii kofaltee haasa’uu dhiistu, manni mana
gaddaa kan fakkaate_ namni taphatu dhibee. Ishiinis gaafa
haatiif abbaan ishii gara mana hojii deeman, nama waliin
qaaqxee godaannisa madaa jaalalaa ittiin dagattu of biraa
hinqabdu. Kanaafuu, yeroo hundaa gaafa kophaa teessu
yaadaan buustee baastee madaa onnee kana bal’isti. Har’a
gaafa haadha ishii waliin taphataa deemtus, yeroo xiqqoof
dagattullee, gaaffii harmee ishiitiin gara hojii idlee ishiitti
deebi’uuf dirqamte_ yeedala yaadaa madaa godaannisa
jaalallee jaalatanii dhabuu.
115
Haati Kuluulees kanumaan hincallisne. Ija ishii keessa
ilaalaniiti, “dhalakoo….. yoo himattes yoo dhoksattes,
furmaata rakkookee arguu malee rakkookee arguun ana jalaa
hindhokanne. Ammaaf illee homaa miti dhoksadhu. Garuu
guyyaa tokko nama waan taateef, golli dhoksaakee guutee
akka gad baastu natti mul’ata. Hammasittis si keessatti
guddachaa waan buluuf, gaafa guutee dhangala’e ishuma
har’a na dhokfatte, ana haadhakee waliin illee baachuun
ulfaataa nutti ta’uu danda’a. Yaadni akkas keessakee fixee,
fuulakeetti ba’e kun gara lubbuukeetti dhufee, mana keenya
onatti jijjiiruu danda’a. Ati waa taatee kanan si biraa hafee
taa’ee midhaan nyaadhu sitti hinfakkaatiin. Abbaakee gara
ilaalchisaa hambifta malee…. kankoollee homaa miti”
jedhanii imimmaan dhangalaasani.
Dubbii haati ishii dubbatan kunis Kuluulee mataa maruu
hinoolle. “Aayyoo…….. ati maal taate? Amma waan ta’e
maal hubatteeti, ati kan akkas hamma kana dubbii baddaa
dakatti geessitu” jette.
“Lakkii…… lakkii…… dhiisi Kuulleekoo….. ati isa durii
miti giiftiikoo. Garuu kanaa booda anis ishii durii ati beektu
akka hintaane hubadhu. Maal taate intalli…….. otuma ijikoo
silaaluu na jalaa darbuuf jirtaam. Siin malee akka ijikoo
jaamaa ta’e hinbeektuu?” jedhaniiti uf-f-f……. jedhani.
Hafuura dheeraa baafatani.
“Osuma waan fedhe siqunnameyyuu haadhakee ta’uukoo
qofa miti, ani ilmoo dubartiiti. Yoo anatti himatte maal ta’a?
Dubartiin dubartii taatee fafa dubartii odeessitu gaaftokko
insalphatti. Anillee haadhakeeti, osuma dubartii ormaatti
himatteyyuu maal qaba? Dhukkubsataan ogeessa yaalaatti
iddoo dhibeesaa hinhimanne horii qofaadha. Namni afaan
xaxamellee mallattoodhaan agarsiifata. Ati nama taatee kan
116
dhukkuba dhoksaatti kunuunsitu maaliifi?” jedhan_ harmeen
Kuluulee.
“Aayyookoo……. hindogoggoriin. Anillee siin ala ija
hinqabu. Rakkookoos akka ati anarratti hinilaalle nan beeka.
Garuu ……” jettee calliste.
“Mee dubbadhu dosoraakoo… ana aayyookee daaraa
haafakkeessu…… daalachooftuukoo…” jedhanii fuula ishii
irraa harkaan haxaa’ani.
“Harmee……. ijuma jabinaan akkan rakkookoo si dhoksaa
jiru atis barteetta. Rakkoo ana mudates furuu hindandeessu.
Yoon sitti himes, yoo baay’ate akkumakoo aariidhaan bifa
jijjiirrachuu dandeessa. Kanaan ala wanni furmaata laattu
tokkollee hinjiru. Anaaf ati, galaana rakkoo na qunname kana
keessatti yoo kufne, aabbaakoos injifachuun keenya
salphaadha. Kanaaf sadii taanee mana keenya diiguurra,
osoon rakkookoo anumti baattadhe anatti tola. Hanga rabbi
furmaata naaf kennutti. Yoommoo dhagahe malee kan jettu
taate sitti himuu nan danda’a” jette Kuluuleen.
“Mana abbaa isaa haaballeessu….. manni anarratti
haajigu….. maaliif har’a galgala diigamee hinbadne. Isa
dhiisiitii, amma ani dhagahuun barbaada. Dafii waanuma
rakkatte sana anatti himi dhalakoo…. Garuu ni ulfoofte akka
hintaane?” jedhan, ilkaan seeqaa.
“Boo! yaa aayyookoo…….. yoon ulfaa’e maal qaba? Kun
safuu har’a anarratti jalqabu miti. Osoon ulfaa’e immoo kun
siif silaa gammachuu addaati. Mucaa guddisuun baay’ee si
hinmiine. Anaanillee akkayyaakootu na guddise. Garuu
dubbichi rakkoo waan biraati” jette.
“Inni biraan immoo maalinniree? Kuulleekoo” jedhan.
117
“Harmeekoo……. yeroon isin bira taa’ee barachaa ture,
barnootakoo malee waan biraa akka ani hinbarre inbeekta.
Intala abaluu ishii gaafa akkasii jedhamees safuu
tarkaanfachuutti waamamee, gaaftokkollee maqaa isin
dhoosisee hinbeeku. Ergan Shaambu deemee garuu,
akkaataan itti gale osoo hinbeekiin, jaalala keessattin of arge.
Garuu mucaan ani jaaladhee jaalala ijoollummaa waliin
jalqabe kun haa du’uu, haa jiraatuu, wannan beeku hinqabu.
Erga waraabessi isa nyaate yuusuu didee waggaarra
darbeera” jette. Haadhas dubbiin isaa bitaa gale.
“Situ isa jaalata malee, inni sin jaalatu jechuudhaay?”
jedhani.
“Lakkii….. harmee innillee hedduu najaalata” jette.
“Yoos balaa konkolaataatu irra ga’ee du’emoo maal ta’eree,
kan nama jaalattuuf si jaalatu argaa dhabde” jedhan.
Ishiinis erga gaafa daree keessatti ija hannaan wal kabaluu
eegallee kaasee, hanga gaafa bo’icha mana hidhaa waajjira
poolisii keessaatti, seenaa ture hunda haadha ishiitti himte.
Rakkoon Kuluulee mudatee bifa ishiitti jijjiire kunis, darbee
haadha Kuluuleef illee qormaata jireenyaa ta’e.
“Akka ati jechaa jirtu kana taanaan, wanni goonu hinjiru.
Furmaanni yoo jiraate, ofdagachiisanii irraanfachuu
qofaadha” jedhan.
“Harmee……… mee maal godheen irraanfachuu danda’a?
Ani nama akkasumaan nama jaalatu miti. Mucaa kana
duubaaf fuuldurasaa ilaaleen waadaa jireenyaa, jaalala waliin
jalqabe. Waadaa anaaf gales cabsuu isaa hinagarre,
hindhageenyes. Kan ijakoo duraa dhokates jireenyi itti tollaan
miti. Fira jireenyi itti tole, kan gaafa rakkinaa itti baqatanis,
akka hinqbne natti himeera. Jaalalleekoo libsuu ijaaf na
118
hinamanne, kan waanan kufee cabu itti fakkaatee akka
hanqaaquutti na kunuunsu, waanumti na irraanfachiisu eessa
jira? Yoo lubbuun kan jiru ta’e bosonatti galee bineensatti
firooma. Deemeen bineensa lagaa waliin bosona keessa isa
barbaada. Yoo du’eera ta’es deemeen uffataaf lafee isaa
bosona keessa barbaada. Kanaan ala furmaanni na
boqochiisus ta’e, kan garaa na kutachiisu natti hinmul’atu”
jette, Kuluuleen. Akkuma barte imimmaan dhangalaasaa.
Haadhas garaan raafame.
“Kuulleekoo……. Jaalala mucaan sun si jaalatu, dhugumaan
akka ati jettu yoo ta’e, numa wal agartu_ yoo lubbuun
jiraateef. Yoommoo kan lubbuun hinjirre ta’e, waaqxi
lubbuu isaa haa maaru. Atis kan rabbi waliin buddeena
nyaadhu siin jedhe hindhabdu. Kanaafuu, kan lubbuun jiru
yoo ta’e jilbeeffadhuu waaqaan kadhadhu, waaqayyo dhugaa
gargar ba’e walitti suphuu beeka. Teessee yaadaan
ofjoonjessuu dhiisiiti, amanamummaakee rabbi waliin
eeggadhu” jedhanii morgaa jaalalaa onnee ishii jabeessani_
harmeen Kuluulee. Yaada furmaataa asiin fidanii, achiin
baasanii osuma dhaqaa gala odeessanii, Kuluuleef haati
Kuluulee jaarsa dubbisanii baadiyaa Coomman irraa gara
magaalaa Finca’aatti deebi’anii galan.
119
Boqonnaa Kudha Sadii
Dargaggoon Amboo irraa dhufee obbo Taaboriin iyyaafatu
kunis, akkuma nama maraatee magaala Kilbee keessa olii gad
kaate. Anis suuqii xiqqoo tokko jala taa’een sochii dargaggoo
kanaa haalaan hordofe. As fiigee, achi fiige. Homaa
iyyaafatus, mana obbo Taabor argachuu hindandeenye. Nama
halaalatti arges ittuma fiigee gaafata. Nama argeera jedhu
miti, nama beekna jedhullee dhabe. Ammas osuma asiif achi
fiiguu fagootti na argeeti, garakootti dhufe. Nama gara biraa
na see’e. Yeroo ana bira ga’u akka duraan na gaafateeru bare.
Waan jedhus wallaalee callise.
Nama iyyaafataa jirtu sana argatteey? jedheen gaaffe. Fuulli
isaa duraaf ammaa natti jijjiirame. Nama hedduu aare
fakkaata.
“Lakkii….. aboo argachuu hindandeenye. Ija haadhashii
gadi. Lubbuu du’a hinoolleef akkas naan taphatti” jedheeti,
osoo hinsee’iin jireenya isaatti dheekkamee koomeerra gad
quuphane.
Ati bakka biraatii dhufteey? Maali, maaltu siqunname?
Nagaa mitii? jedheen itti siqe.
“Nagaa maaltu jira aabbee……… hamma foon uffannee
deemnutti lafti kun baay’ee ulfaatti. Osoo bulchiinsi nama
akka harreetti bulchan kun jiruu jiraachuun rakkisaadha”
120
jedheeti, ilkaan ciniinnatee, aarii guddina osoo hidhii ofirratti
nyaatuu quba harka isaa raase.
Yeroon ka’umsa aarii isaa dubbii isaarraa ciicadhu, bakkan
taa’uu olka’een itti siqee taa’e. Obboleessoo…..waan fedhes
ta’u akka kanatti of hinmuddiin. Iyyaafattee argachuu
dandeessa. Garuu maal taate? Mee ifatti natti himi jedheen,
suuta suuta miira aarii isaa fayyadameen, waan ta’eef ta’aa
jiru, kan inni biraa dheessee dhufe isarraa dhaga’e. Anis
hamma ta’e, seenaa biyyaa na baasee na joorsaa jiru kana
osoo hin yaadiin gurra buuse.
“Ani maqaankoo…… Jaagamaa naan jedhan. Siin eenyu siin
jedhu?” jedhe.
Anis, Jaawwaraa naan jedhan jedheen itti hime.
Jaagamaanis anaaf, anis Jaagamaaf miiltoo deemsa kaayyoo
fincila diddaa gabrummaa waliif taane. Kaayyoo haaraas wal
hinfudhachiifne. Kaayyoo duraan qabnus wal hindhiisifne.
Kaayyoon keenya lachuu osoo nuyi wal hinbeekiin
walbeekee tokko ta’eera. Haala jirus hedduu waliin
mari’anne. Nulachuu akkuma kaayyoo keenyaa tokko taane.
Waan waaqayyo hiriyyaakoo Tokkummaatiin afaan allaattii
goodaa haroo Finca’aa keessaa baasee na cinaa buuse natti
fakkaate_ Jaagamaan.
Eessaa ka’ee garamitti akkan deemaa jiru, maaliif akkan
deemaa jiru, kaayyookoo imala gara Baha Oromiyaa, si’an
Jaagamaa taphachiisu, innis nama qofaa ture waan ta’eef
filannoo humna dabalachuu kanatti hedduu gammade.
“Jaawwaraa……ijoolleen Amboo dhiira garaa tiiraatiim.
Namuma xiqqoo nurra wayyu, kan hubannoof qabeenya qabu
121
dhabne malee silaa waan baay’ee gooneerra ture.
“Walqixxeen bishaan harkaa walii hinbuuftu” akkuma
jedhamu, osoo gurmuu qabnuu nama cimaa tokkummaa
keenya eegu waan dhabneef, yeroo baay’ee har’a gurmoofna
bor bittinoofna. Yoo gara Harargee deemne rakkoon kun
hinjiruu laata? Waan quba qabdu qabdaa?” jedhe.
Lakkii……. Wanni quba qabullee hinjiru. Garuu, dhiira akka
gingilchaatti nyaphaaf finna calalee, akka qamadiif
ingirdaadaatti fo’udha jechaa dhagaheera. Namni yookaan
gurmuun tokkummaa hinqabne yoomillee akkanatti
gingilchuu hindanda’u. Kanaafuu, deemnee gurmuu saba
keenyaa kanatti makamuu qabna. Naannoo oromiyaa
hundattis babal’isuu qabna jedheen, kan natti fakkaate itti
deebise.
“Dhugaadha Jaawwaraa… nyapha calaluun dhugaatti bu’aa
tokkummaa gurmuuti. Garuu Oromiyaa keessaa lafti
tokkummaan haalaan lafa ejjette waan jiru natti hinfakkaatu;
yoo seenaa durii ta’e malee. Kanaafuu, saba Oromoo waaqni
dhiigaan tokko godhe, aniif ati immoo yaadaan tokko
gochuuf kutannee yoo kaane wanti nu daangessu tokkollee
hinjiru. Yoo jiraates, dhugaa waan qabnuuf waaqnillee nu
gargaara. Sammuu tokkummaatti amanu yoo qabaatte,
hamma ciminakee kan mul’isu, lafa Oromiyaa hunda irra
deemtee odeessitee akka namni waa’eekee odeessu gochuu
osoo hintaane, lafa oromiyaa hundarra nama akkakee
tokkummaatti amanu oomishuudha. Kun immoo kan ta’u,
gurmuu ijaaramu kam keessattuu waa’ee oduu tokkummaa
odeessuun yookaan gorsuun qofa miti, gochaa tokkummaa
gochuun malee. Akkaataa itti gochaa tokkummaa barataniif
barsiisan yoo nuuf mijachuu baatemmoo maanguddoo
Karrayyuuf Booranaa deemnee gaafanna. Isaan lachuu,
122
seenaa keessatti, hamma dhiyoo kanaatti rakkoo tokkummaa
dhabuutiin hamatamanii hinbeekani. Tokkummaa isaanii
Oromoota maratti babal’isuuf haalaaf karaan yoo isaan
daangessellee, bakka jiranitti qaawwaa walitti hinbanne.
Diinnis gaalas ta’e looniif re'ee isaanii fudhattee haftee
hinbeektu” jedhe_ Jaagamaan.
Jechi miiltoonkoo gubattuun gaanfuree Amboo dubbates,
seexaa keessakoo jabeessee horde. Tokko dubbataa, tokko
dhaggeeffataa, haasaa ejjennoo nama jabeessu erga waliin
taphannee, kaanee gara handhuura oromiyaa Finfinneetti
qajeelle. Finfinnee bullee, ganamaan kaanee buufata
konkolaataa biyyoolessaa deemne. Konkolaataa magaalaa
Harar korree gara Harargeetti kunne. Naannoo sa’a tokkoo
erga deemnee booda magaalaa Bishooftuu geenye. Nulachuu
Finfinnee darbinee deemuu miti, magaalaa Finfinnee illee
kan beeku miiltookoo Jaagamaa qofa ture. Ana qofaas miti,
namoonni oromoo oromiyaa hedduun Finfinnee hinbeekani.
Osoo hinbeekamiin odola addaa taateetti_ orma tajaajiluun.
Hafteen hambaalee duudhaa eenyummaa saba Oromoo
mul’isanis magaalaa Finfinnee keessatti tokkollee
hinmul’atani. Kanaaf ture, lafa magaala geenyetti, imalaa nu
cinaa taa’u waamnee gaafanna_ magaalli nuyi geenye maal
akka jedhamu.
Namichi nu cinaa taa’ee gara Harargeetti imalaa jiru kunis,
daldalaa jiraataa magaalaa Dadariiti. Sheeh Abdullaahii
jedhama. Sheehuu…. magaalaan kun eenyu jedhama? jennee
gaafanne.
“Ka amma keessa kutaa jirru kun Bishooftuu je’ama. Isin
lachuu karaa kana dhuftanii hinbeektanii?” jedhe, Sheeh
Abdullaahiin.
123
Eeyyee… karaa kana dhufuun keenya yeroo jalqabaafi jenne.
“Haaya….. rakkoon hinjirtu…. Walumaan yaana” jedhe.
Osuma foddaa konkolaataa irraan Xaafii Ada’aa Liiban
marxamee ciisu bitaaf mirgaan daawwannuu Moojoo biraan
baane. Moojoos qaxxaamurree osuma gamaaf gamanatti
magaalaa Adaamaa arguuf ija babaasnuu, takkaallee
halaalatti osoo hinargiin tabbarraa gad ofjalatti agarre.
“Ijool…. Hinmukaa’iinaa… kunoo Adaamaa kan je’an kana.
Magaalaa ho’ituudha. Daldalli akka malee keessatti
daldalama” jedhe Sheehuun.
Konkolaataanis gara mana nyaataa tokkootti nu geessee,
naannoo ‘Amadee Sefer’ jedhamutti, “wureduu…
wureduu…. Haayaa daqiiqaa aallachu. Fexen fexen
bilaachuu qurs biluu” jedhe gargaaraan konkolaachisichaa.
Nus silaa eessa beeknaay, eessa dhaqnee mana nyaataa
filannaa miti, mana nyaataama nu biraa sana seenuuf gad
buune. Yeroo nuyi konkolaataa irraa buunu, Sheeh
Abdullaahiin nu duuba dhufee, “ijool…. kottaa…. ciree
nyaannee ifirraa dachaana” jedhee harka nu qabee olseene.
Cirees waliin nyaannee kaanee harka dhiqanne. Durumaanuu
ani qarshii homaa of harkaa hinqabu. Miiltoonkoo Jaagamaan
gatii ciree kaffaluuf jecha qarshii gad baase.
“Aboo ifirraa deemikaa…. Niin kafala” jedhe sheehuun.
“Lakkisaa…. Homaa miti ani nan kaffala sheehuu” jedhe
Jaagamaan.
124
“Aboo maal taate mucaa….. narraa usikaa… niin kafalaan
je’e. Isin keessummaa bar…” jedheeti gatii nyaata ciree
keenyaa sheehuun nuuf kaffale.
Gochaa tokkummaa ittiin cimsan keessaa, waan qaban waliin
gahuu kanas taajjabuu qofa miti ajaa’ibsiifachuu jalqabne.
Ciree keenya nyaannees gara konkolaataatti dachaane. Imala
keenya itti fufne. Adaamaa keessaa baanee, Walancitii
dabarree akkuma yeroo murtaa’e deemneen, ijoollee mataan
isaanii muka rigaa qarqara lagaa fakkaatu, faaqqee itti
diratanii, ilkaan cabbii fakkaatu rigachaa, daandii cinaatii
gaala tiksan agarre. Ijoolleen sunis, ijoollee dhala qeerransaa,
goofaree filatanii aadaa oromummaan dhaadatan ilmoolee
Oromoo Karrayyuuti.
Osuma Jaagamaaf Sheehuu waliin taphataa deemnuu, haroo
dambaliin isaa ol utaalee akka qaccee dhuka’utti baane.
Sheehuu….. bishaan akkanatti ka’ee ol ijaajju kun maali?
jenne.
“Kun haroo Basaqaa je’ama. Qabeennuma keenya” jedhe,
sheehuun.
Anaafi Jaagamaanis osuma badhaasa uumaa kana raajeffataa
deemnuu, gidduutti yaadni ana fuudhee bade.
“Maali Jaawwee…… asumatti na dhiistee waan fagoo
deemte fakkaatta” na jedhe Jaagamaan.
Anis yeroo yartuuf yaadaan ofduuba deebi’ee si’an xiinxalu,
jaalala ijoollummaa isan jalqabee xumuruun Tulluu Diimtuu
koruu natti ta’e of fuuldura naqe. Waanan duraan ofkeessa
dhoksee miixachaa ture, yeroon deemsa konkolaataa
kachamaalee ilaalu, sekoondiif daqiiqaa konkolaataan
125
deemutti fageenya kilometira dhibbaan lakkaa’amurra darbee
kan kumaan lakkaa’amuun jaalalleekoo osoo hinjaalatiin
adda irraa ba’e irraa fagaachaa akkan deemu natti mul’ate.
Garaankoos na raafame. Mul’anni deebi’ee jaalalleekoo
Kuluulee arguuf qabus anatti dukkanaa’e. Karaan wal arguu
keenyaa yoo anatti dukkanaa’es, Kuluulee irraanfadhee
shamarra biraa waliin jaalala jalqabuun yookaan bultii
ijaaruun anaaf abjuu ture. Deebi’ee ishii hinargadhu taanaan,
hireenkoo dhalatanii karaatti hafuu ta’ee natti mul’ate.
“Namni dhaloota hinbadu; erga dhalatee bada malee” inni
jedhamus dhugaadha.
Jaalalli Kuluulee abdii jireenyakoo biyya lafaa ta’ee jalqabe,
har’a fageenya lafa kilometira hamma kanaa fagaatu
irrattillee kaayyoo bultoo jaalalaa miti, kaayyoo fincila
diddaa gabrummaallee akka ani fiixaan baasuu hindandeenye
na gaadi’e.
Kuulleekoo…… amma dhuguma sirraa fagaachaan jiraay?
Siin ofduubatti dhiisee garamittan deemaa jiraa? Maaloo
waaqa jaalalaa…….. jaalalleekoo osoo deebi’ee guyyaa
tokkoof illee ija ishii nan agarsiisiin ana hinajjeesiin jedhee,
osuman garaakoo keessatti imimmaan jaalalaa lolaasuu,
kachamaaleen Finfinnee nu fuudhe, Ciroorra nu
qaxxaamursee Harariin nu galche.
Gidiraafi yaadni, jaalala Kuluulee dhabuun sammuu na
dhiphisee, halkaniif guyyaa hirriba na dhorke kanas, hamma
ta’e hiriyyaakoo Jaagamaa taphachiise. “Miila lama
qabaataniif muka lama hinkoran” akkuma jedhamu,
yaadnikoo bakka lamatti qoodame. Tokko saba Oromoo
keessatti tokkummaa ijaaruu, tokko immoo jaalalleekoo
deebi’ee arguu, jedhee waan qabuuf dhiisu ana wallaalchise.
126
Jaagamaanis humna laafe. Asii gaafa Jaagamaan
mudhukaa’u, achiin ani waa’ee Kuluulee yaaduun dabala.
Akkanumaan osoon yaada lama ari’uu, Harar irraa Dadaritti,
Gaara mul’ataarraa Qarsaatti, Hirnaarraa Haromaayaatti,
Galamsoorraa Baddeessaatti, Baddannoorraa Cirootti olii gad
qaxxaamurree, Harargee Bahaa hanga Lixaatti waliin geenye.
Humnas hamma ta’e horanne. Osuman yaada Kuluulee
yeedalaa deemuu yeroo xiqqoo boodas, Harargeerraa
Baaleetti kunne. Naannoo bakka dhaloota weellisaa leenca
Oromoo Umar Suleeymaan, Gindhiir keessa qaxxaamurree,
konkolaataa muka fe’u irra keessa korree karaa Daawwee
Sarar somaalee keessa baanee Boorana geenye.
Akkuma magaalaa Yaa’a Bal’oo geenyeen yeroo yartuun
booda Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa waliin wal barre. Erga
wal barrees suutuma suutaan waan baay’ee waliin taphanne.
Abbaan Gadaa kunis baay’ee nutti gammade_ kaayyoo
keenya dhagahee. Ijoollee fooraa waliinis wal nu barsiise.
Qabee qabannee loon fooraa duuba yaanee aannan unachuus
jalqabne. Akkuma biyya keessa baruu eegalleen, faana
keenya babal’ifanne. Ijoollee fooraa waliin yaanee, gaafii
gara Meeggaatti, gaafii gara Taltallee, gaafii gara Dilloo,
gaafii gara Borbor, gaafii gara Moyyaalee, gaafii immoo gara
Areerooti sosocho’uu jalqabne.
Guyyaa tokko Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa waliin gara
gabaa Bakkee yaane. Gabaa Bakkee jechuun Boorana
keessatti gabaa guddaafi beekamaa bakka itti loon
gurguramanidha. Waan nama ajaa’ibu garuu, namni duraan
argee hinbeekne yookaan odeeffannoo gabaa kanaa dhagahee
hinbeekne, gabaa Bakkee gaafa argu waan loon addunyaa
kanaa achitti wal ga’an se’a. Loon miti, konkolaataan loon
127
gara adda addaatti fe’uuf dhaabbatanillee dhibbaan
lakkaawamu.
Gabaa Bakkee cinaa teenyee, Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa
waliin osoo taphataa jirruu, dargaggoon lama dhufanii Abbaa
Gadaa kana gad jedhanii dubbisan. Silaa Boorana keessatti
namni Abbaa Gadaa hinkabajne nama waaqaan beeku
hinse’u. Jaarsi araaraa, dheekkamsa waaqaafis ta’e, gaaffii
kennaa hiree rabbii saba Oromoof waaqa gidduu deddeebisu,
Abbaa Gadaafi waahiloota isaati_ maanguddoota Booranaa.
Roobi jedhanii roobsuufis, caami jedhanii caamsuufis,
waliigalteen isaan waaqa waliin qaban kan ganamaa kaasee
dhufedha. Kan karaa irraa gore_ nama safuu wallaale, yoo
deebi’eef garalaafinaan gorsuu beeku. Yoo didee garaa
jabaatee safuu tarkaanfates, abaaranii gogsuu beeku. Waan
Abbaan Gadaa afaanii baasan osoo oolee hinbuliin raawwata.
Abbaan Gadaa, waaqa ulfeessuuf kabaja seera uumaa jalatti
kan muudame malee, akkafeeteen kan namni karadeemaan
nama muudu miti. Karadeemaanis akkanumaan kan
muudamu miti. Seera cimaa qaba_ sirna gadaa.
Dargaggoon lamaan Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa dubbisan
kunis, maqaa nuuf himanii nuun walbaran. Tokko Mallicha
Liiban jedhama. Inni biroon immoo Gaaloo Halakee
jedhama. Gaaloon qal’aa huuqqataadha. Yeroo taphatus nafa
nafa dubbata. Dubbiin afaan isaa keessaa ba’us akkuma
dammaa namatti mi’aawa. Mallichi immoo hedduu
hintaphatu. Callisuu jaalata.
Waan hedduu taajjabnee dinqisiifachaa gabaa Bakkeetii gara
Yaa’a Bal’ootti Abbaa Gadaa duukaa deebine. Erga gaafa
gabaa Bakkee oollee gara Yaa’a Bal’ootti deebinees, yeroo
baay’ee Abbaa Gadaa kana bira deemnee waliin taphanna.
128
Akeekaaf deemsa keenyaafis gaggeessa isaanii gaafanna.
Har’as akkuma durii, osuma gara mana Abbaa Gadaatti
galgalaan deemaa jirruu, nam ta’e tokko dugda duubaan
dhufee nu tuqe. Ofirra garagallee yeroo ilaallu nama nuyi
beeknu fakkaachuu dide_ yeroon isaas sursura galgalaati.
Magaalli Yaa’a Bal’oos ibsaa daandii irraa waan qabudha
jechuuf haga kana kan ija nama jabeessu miti. Callisnee ija
keessa isa ilaalle.
“Oriyaa…… maali namana…. Na dagattanii? Galchumni
nagayaa mii? An niin qaabadha, gaaftokko walbarree ture”
jedhe.
Dhiifama…. ati Gaaloo natti fakkaatta jedheen, nu lachuu
harka isa fuune.
“Eeyyeen… qarallee akka isin lachuu ana dagattan beekeera.
Waan cufa akka arganitti hin yaadatani. Homaa miti…. waan
dhibii illee akkanatti hindagatiinaa” jedhe Gaaloon.
Akkam Gaaloo…. Jireenyi gaariidha mitii? jenne.
“Jireenyi badhaadha. Wanni cufti dansa. Rakkoon tokkollee
hinjirtu” jedhe.
Xiqqoo daandii gubbaa dhaabannee Gaaloo waliin taphanne.
Nagaatti wal jennee addaan deemne. Mana Abbaa Gadaa
Guyyoo Duubaas dhaqnee manaa isaan dhabne. Ilma isaanii
angafaa Dooyyoo waliin xiqqoo taphannee ofirra dachaane.
129
Boqonnaa Kudha Afur
Kuluuleenis, erga gaafa haadha ishiitti himtee, keessi ishii isa
dur caalaa jeeqame. Rakkooshee kana furuuf haati ishii ga’ee
isaan taphatanis tokkollee hinturre. Garuu haati ishii,
Kuluulee caalaa aariidhaan fuula badaa dhufani. Abbaan
Kuluulees jinnii mana sana keessa seene wallaalani.
Olseenanis, gad ba’anis akkuma nama maraatee ofitti
gumgumaa deemu.
Osoo yaadni maatii kanaa callee kirriin citte ta’ee jiruu,
qormaanni Kuluuleen qoramtee eegaa turte dhufe. Ishiinis
qormaaticha darbitee gara yunivarsiitii Finfinneetti
ramadamte. Yeroon waamichaas ga’ee gara yunivarsiitii
deemte. Barnoota yunivarsiitiis erga calqabdee guyyaan
bubbuleera. Erga gaafa mooraa yunivarsiitii seentees, alatti
baatee gaaftokko shaayee dhugdee hinbeektu. Yunivarsiitiin
isheen itti barattus mooraa/kaampaasii kiiloo jahaa ture.
Yeroo baay’ee kan ishiin itti boqottus, mana dubbisa
kitaabaatti.
Akkuma aadaa barattoota yunivarsiitii keessaa baraa
dhufteen, yeroo tokko tokko mana ciisichaa (dormitory)
keessaa gad baatee, bakkee teessee waan hunda taajjabuu
jalqabde. Barattoonni yunivarsiitii hedduunis, yeroo baay’ee
kaan mana dubbisaa turee, kaan bashannana magaala turee,
kaan muraasni immoo waan bishaan biqilaa kana jaamboo
tokko lama fudhatee yeroo deebi’u, naannoo halkan sa’atii
130
sadii eegalee, shamarriif dhiirri lama lama ta’anii, naannoo
yeroo durii galma mooticha Haayilasillaasee ture cinaa, kan
yeroo ammaa ‘Bag Taraa’ jedhamutti wal qaxxaamuru.
Hunduu karuma karaasaa afaan keessa wal xuuxaa, gara
naannoo ‘kiisiing puul’ jedhamuutti basha’u. Tokko gararraa,
tokko gajjallaa, tokko cinaa taa’anii bishaan akka burqaa
waaqatti danfu marsanii jaalala waliif lolaasu.
Kuluuleenis yeroo hedduu qofaashee duuba duuba deemtee,
ija ija keessa ilaalaa ta’ii ta’u taajjabdi. Hiriyyaa akkasitti
yunivarsiitii keessa waliin bashannantu dhabuun ishiis yeroo
hedduu sammuu ishee dhiphisa. Yeroo mara gaafa akka tasaa
gad baatee barattoota naannoo dirree dhungoo (kissing pool)
jedhamu bashannanan kana agartu, ol iddoo ciisicha
(doormii) ishiitti deebitee golga ishii (tension box) jala galtee
imimmaan harcaafti. Kuluuleen bareedina yookaan bifa
hiriyyaa ishiif argus hindhabne. Garuu, garaa ana Jaawwaraa
irraanfatee nama garbiraa kajeelu dhabde. Kan ishii
boossisus, hiriyyaa waliin bashannantu dhabuu qofa osoo
hintaane, hiriyyaa ishii akka lubbuutti jaalattu kana argitee
waliin bashannanuuf illee abdii isheen fuulduratti qabdu
dukkana roobaa waan itti ta’eefi.
Akkanumaan osoo hiriyyaa lama ta’anii deeman ilaaltee
boossuu, turtii waggaa afurii keessatti osoo guyyaa tokko
hingammadiin barnoota yunivarsiitii Finfinnee xumurte.
Gaafa ishiin eebbifamtus barattoonni shamarraa hiriyyoota
ishii hedduun, ija maatii eeggatee kan abaaboo diimaa
hinfudhanne hinturre. Hunduu fuulli ilkaan fakkaata.
Kuluuleen garuu abaaboo lama kan haatiifi abbaan ishii biyya
irraa dhufanii kennaniifii qofa baattee suura ka’aa turte
malee, dargaggeessi abaaboo diimaa itti hiixate hinturre.
131
Gaafa Kuluuleen eebbifamtee galtus, qe’een maatii
Kuluuleefaa mana cidhaa fakkaata. Ollaan dallaa mana
isaanii keessa akka kannisa waabee wal qaxxaamuru waan
ajaa’ibaati. Kaan asii cooma mura, kaan achii booka una.
Hunduu ol utaalee gad utaalee ingisheef emmoolee sirba.
Ollaan gamaa gamanaa walitti yaa’ee, booka isaa quufee
geerarsatti ka’e. Asii dura bu’e, achii jalaa qabani, kuun abbaa
faarse, kuun haadha faarse, kuun biyya faarse, kuun hiriyyaa
abaare, kuun waaqa komate. Kaanis keessa gugatee quuqqaa
garaa isaa ofirraa diddigse.
Yeroo geeraranis, namni hunduu ‘xis ximbis’ hinjedhu.
Callisee geerarsa dhiiraa dhaggeeffata. Kuluuleen garuu
geerarsa kana dhaggeeffattee xumuruu hindandeenye.
Geerarsi namoota quuqqaa qaban tokko tokkoo, namuma
quuqqaa hinqabneyyuu garaa booressa. Osoo kunis dhufee,
sunis dhufee itti marmee harka fuudhuu, ‘tuf’ jettee gola
seente. Gola ciisicha ishii waggaa afran kana bo’ichaan
keessaa baate, har’as osoo namni gammachuu eebba ishii
dhiichisuu bo’ichaan itti seente.
“Jaawweekoo……. Maaloo……. Maal ta’a yoo bineensi si
nyaate waa natti dhaame. Injirtamoo duuteetta laata? Maal
qaba osoo waaqayyo gaafa gammachuukoo kana altakkaa
qofaaf na biraan si baase. Moo gammachuukootu siif
gammachuu miti? Maaf na gubda jaalalleekoo… kunoo
eebbifameen jira, waadaa naaf galte maalirra keesseree?
Maaf gara na ilaalchiftaa…… sin eegamoo sin darba
laata….” jettee gadda anaan ofbiraa dhabuutiin waaqayyotti
boosse, gola ciisicha ishii keessa jilbeeffattee.
Kuluuleen bara dhufee darbu gaddaan haguugamte. Dubartiin
akka dhiiraa, har’a gaafa bu’aa dhama’a ishii waggaa dheeraa
132
gaachanaaf faacha digirii baattee galtus, sammuun ishii
furmaata boqonnaa hinarganne. Dhiichisni gammachuu
eebbifamuu ishiis xumurame.
Kuluuleen kaleessaaf dheengadda barattuu jedhamaa turtes
hafe. Hojjettuu mootummaas taatee godina Lixa Wallaggaa,
aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiitti qacaramte. Magaalaan
Mandiis biyya jiraachuuf filataman keessaa ishii tokkodha.
Sabboonummaattis ta’e qabeenyaan mudaa hinqabdu.
Maatiin Kuluulees jijjiirraa hojiidhaan magaalaa Finca’aa
irraa gara magaalaa Gimbiitti galan. Kuluuleenis yeroo
hedduu Jimaata galgalaa hanga Dilbataatti guyyaa boqonnaa
ishii maatii ishii bira Gimbiitti dabarsiti. Garuu hamma
ammaatti iyyuu yaada ishii hinjijjiirranne. Mandii bakka hojii
ishiittis, Gimbii bakka jireenya maatii ishiittis waa’ee
hiriyyaa biraa qabachuu gaaftokkollee yaaddee hinbeektu.
133
Boqonnaa Kudha Shan
Anaafi Jaagamaanis guyyaa tokko akkuma tasaa osoo
magaala Yaa’a Bal’oo keessa deemnuu, intala hojjettuu
mootummaa taate tokko waliin wal barre. Ishiinis erga
yunivarsiitiitii baatee hojiitti qacaramtee waggaa tokko kan
hincaalle akka ta’e nu taphachiifte. Yeroo baay’ee gara
waajjira mana hojii ishiitti si’a deemtus, si’a galtus qofaa
deemti. Hedduu waan nama Booranaatti madaqxe
hinfakkaattu. Dubbii buddeenaa ta’ee carraan hojii waan ishii
fideef malee, naannoo bakka dhaloota ishii irraa fagaattee
deemtee hinbeektu_ gaafa yunivarsiitii Finfinnee deemte
malee.
Intalli kunis maqaan ishii Warqee Kitilaa jedhamti. Kan
dhalattee guddattes, godina Lixa Shawaa bosona Cillimoon
achi , naannoo Ginda Barat jedhamutti. Erga wal barrees
yeroo tokko tokko walitti adeemuu jalqabneerra. Jaagamaanis
mucaa Amboo ta’ullee, dhufaatiin maatii abbaa isaa Ginda
Barat akka ta’e ishiitti hime. Warqeenis nama naannoo ishii
argachuu ishiitiif baay’ee gammadde. Namni yeroo hedduu
lafa deemetti, hojiinis haa ta’u daldalaan, nama naannoo
bakka dhaloota isaatti akka gammadu kan godhu garuu maal
akka ta’e anaaf gaaffii deebii hinqabnedha. Ati achii dhufte.
Innis achii dhufe. Isheen asii dhufte. Ani iddoo akkasiin
dhufe, jedhanii wal gaafachuunis ta’e wal baruun
134
barbaachisaa ta’ullee, namummaafi eenyummaa nama
tokkoo ibsuufis ta’e baruuf garuu haala lafa naannoo namni
tokko keessatti dhalatee guddate malee, lafti yookaan bakki
itti dhalatan hidhata hinqabu.
Waan fedhes ta’u, Warqeen har’a nama naannoo ishii argatte,
“waliin galle malee du’een argama” jette. Nuyis tole jennee
duukaa ishii galle. Shaayee nuuf dhaabdee, mana keessa oliif
gad kurkurte.
“Warqee….. kottu taa’i malee…… maal hojjechaa jirtaa?”
jedhe Jaagamaan.
“Lakkii…. homaa miti. Jedhaa… taphadhaa” jette. Cilee
shaayee irratti nuuf dhaabaa jirtu alatti gad baastee, waan
nyaatamu hojjechuu jalqabde. Gidduumatti oldeebiteeti,
“mukooftanimoo Jaagamaa….” jette.
“Lakkii…… taphataa jirraam” jedhe.
“Mee hagan waa hojjedhutti aalbamii isin afeeruu?” jetteeti,
aalbamii suuraa mataa dura siree ishiitii luqqistee nu jala
keesse.
Anaafi Jaagamaanis fuula jalqabaa irraa kaasee yaada qalbiin
suuraa aalbamii Warqee daaw’achuutti kaane. Suurris
gosuma gosaan toora galee nam’eera. Jalqabarratti suuraa
ijoollummaa ishiitti maatii waliin kaateettu daawwanne.
Takka osoo jabbilee yaastuu, takka osoo taphattuu, takka
osoo haadha ishii dhungattuu kan ishiin kaateettu
malalchiifanne.
Ani osoon du’eyyuu suuraa ittiin naaf boo’anillee kan
maatiinkoo argatan natti hinfakkaatu. Guyyaan itti suuraa
ka’es hin yaadadhu. Baadiyaa keenyas namni suuraa kaasu
135
dhufee hinbeeku. Itti aanees, isa yeroo dargagummaa barattuu
mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turte, kan hiriyyoota
ishii waliin kaateettu suuraa hedduu daawwanne. Isa gaafa
wal gaggeessaa xumura qormaata kutaa kudha lammaffaa
dabalatee. Gara dhumaattis, suuraa hedduu babbareedan kan
magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti hiriyyoota ishii
waliin kaateettu ilaalle.
Osuma suuraa ishii kan gaafa eebba ishii kaateettu
daaw’annuu, suuraa baay’ee bareedu tokko kan dallaa
horsiisa leencaa naannoo kiiloo jahaatti argamuutti ka’aniiran
hedduu mararsiifanne. Hiriyyoonni ishii hundis ilkaan cabbii
fakkaatee ala jira. Kaan hidhii sararee, kaan nyaara kuullatee,
hunduu abaaboo birraa caalaa ifu. Keessaa garuu tokko faara
baddee duuba isaanii ijaajjiti. Fuulli ishiis sirriitti adda
hinbaafamu. Ammas fuula aalbamii tokko garagalchinee
yeroo suuraa biraa ilaallu, intalli faara gubdee duuba
dhaabataa turte sun, suuraa isa lammaffaa irratti fuuladuraa
ifatti mul’atti. Ishiinis Kuluulee jaalalleekoo ishii onneenkoo
baroota dheeraaf dhiiga boossuuf turte. Anis amanuu
hindandeenye. Oljedhee ijakoo irraa haxaawwadheen ammas
itti deebi’ee sirriitti ija qalbiin ilaale. Osoo ishii ta’uus, ta’uu
dhabuus, adda hinbaasiin dafqi bobaa jala na yaa’e. Aalbamii
takka dalgan qabe, takka ol qabe, takka gad qabeen, miilaa
haga mataatti ilaale. Sirni hargansuukoo humnaa ol dabale.
Dhiignikoo onnee keessatti wal mudde. Afuura baasee
deeffachuun natti ulfaate. Taa’een ija babaase.
“Dabarsi malee Jaawwaraa… hunda isaa ilaalla” jedhe
Jaagamaan. Fuula aalbamii suuraa kanaa garagalchuun
ajjeesee of awwaaluu natti fakkaate. Dafqi fuularra na
xuruure.
136
“Maali Jaawwee ….. maal taate?” jedhe Jaagamaan. Akka
rifachuus ta’e.
Lakkii…… homaa hintaane. Mee Warqee waami jedheen
akka ofirratti rom’uu ta’e.
“Maali Jaawwaraa….. in si dhukkubaay? sirrii ta’aa hinjirtu
bar…” jedhe.
Warqeenis sagalee jabaa yeroo dhageessu, “maal taatani
Jaagamaa” jettee alaa olseente.
Mee as kottu Warqee…… shamarran waliin suuraa kaatan
kun ijoollee eessaati? jedheen gaaffe.
“Isaan kami?” jettee, aalbamii suuraa anaafi Jaagamaan
gidduu keenyatti qabannee daawwataa jirrutti gad jette.
“Ihii…… ijoolleen kun hiriyyootakoo yunivarsiitii
Finfinneetti waliin dabarsinedha. Kunoo har’a buddeenni
gargar nu mancaase, osoo hedduu wal jaalannuu” jette.
Ammas tokko tokkoo suuraa isaaniitti quba qabdeeti, “kun
mucaa Shaashamanneeti, maqaan ishii Suutumee Horaa
jedhamti. Kun immoo mucaa Dambi Doollooti, maqaan ishii
Leemmanee Wagii jedhamti. Ishiin kokkofaltuun kun immoo
mucaa Jimmaati, Raabiyaa Abbaagissaa jedhamti. Ishiin
nyaara guurteettu kun immoo mucaa Finca’aati, Kuluulee
Yaadii jedhamti” jettee, osoo ishiin maqaa Kuluulee afaan
irraa hinfixatiin, buusaan qaamakoo hundi damma bishaan
seente na ta’e. Dubbachuus hindandeenye.
“Intala kana jechuun, hiriyyootakoo keessaa nama akkasii
argee hinbeeku. Waggaa afur guutuu guyyaa tokko ilkaan
ishii saaqxee hinbeektu. Guyyaa tokko tokko immoo gad
137
baatee deebiteema olgaltee boo’icha irqinfatti. Maal akka
ishiin gadditu hinbeeku. Yeroo hedduu karaa baay’ee yaaleen
dadhabe, maal akka ishiin gadditu baruuf. Garuu yeroo gara
dhumaa eebbifamuu jala geenye, hiriyyaa ishiin
ijoollummaatii kaastee yeroo jalqabaaf jaalatte tokko du’aaf
jiraan isaa osoo hinbeekamiin akka lafa buuteen isaa
wallaalame xiqqoo natti himtee ture. Baay’ee na gaddisiisti.
Erga eebbifamnee gargar baanees, eessatti akka hojii argatte
quba hinqabu. Garuu hiriyyootakoo keessaa akka ishii kanaa
kan garaa na nyaatu hinjiru” jettee, waa’ee eenyummaa
Kuluulee bara barnoota yunivarsiitii Finfinnee osoo
hinbeekiin gurra keessa na buuste. “Ishiin qarqaraa kun
immoo mucaa Qobbooti, Seenaa Toofiq jedhamti” jette.
Hiriyyoota ishii shanan kana maqaa isaanii nutti himtee
raawwattee si’a ol jettee ija keessa nulaaltu, anaan lubbuun
na keessaa ba’uuf mormatti na rakkatteetti. Mogoleen na
mudhukaa’e. Jaagamaaf Warqeen lachuu hedduu rifatani. As
na qabanii, achi na qabani. Qoricha na tuqe wallaalani. Dafqi
hillee lamaaniin xuruuru qaama na tortorse. Mana yaalaa si
geessina jedhanii, asiif achiin bobaa jala na qabanii qajeelan.
Erga xiqqoo na deemsisaniin booda afuurrikoo natti deebi’uu
jalqabe. Lakkisaa….. dhukkubnikoo yaalaa fayyaa
hinbarbaachisu. Deebisaa manatti na galchaa jedheen sagalee
xiqqoo dhageessise. Gaaddisa mukaa tokko jala na ciibsani.
“Maali Jaawwee…….. maal taate…. Haadhookoo…. osuma
nagaa deemtuu, maal mari’anneeti bakkeetti na gatuuf
kaata?” jedheeti Jaagamaan imimmaan roobse.
Jaagamaa ……sin gatu. Hinboo’iin. Kottu harkakoo na qabii
ol na kaasi. Fayyaan jira, jedheen ciniinnadhee ka’ee
oldhaabachuu yaale. Akka gatantaruu ta’een Jaagamaatti
138
hirkadhee ka’ee ijaajje. Xiqqoo afuurri natti deebi’e. Anis of
jajjabeessuun yaale. Yeroo Jaagamaan uffata isaa baasee
ittiin qilleensa natti afarsu xiqqoo natti fure.
Jaagamaa…… osoo hinsee’iin na moo’ate malee obsuuf
yaaleen ture. Intalli hiriyyaa Warqee Kuluulee jedhamtu sun,
hiriyyaakoo ishii ani kanaan dura waa’ee ishii sitti himedha.
Kanaafan sammuukoo wallaaluu barbaade malee waan biraaf
miti. Dhiisi hinjeeqamiin, tasgabbaa’i. Amma fayyaan jira
jedheen of danda’ee dhaabachuuf carraaqe. Warqee dubbiin
bitaa gale. Jaagamaa garuu gaggabdookoo caalaa rifachiise.
“Dhugaa waaqaa jechaa jirtamoo…. Jaawwee” jedhe.
Eeyyeen …… dhugumakoon siin jechaa jira. Amma waan
biraa dhiisiiti, akkamittiin akkan Kuluulee arguu danda’u
Warqee wajjin mala naaf barbaadaan jedhe. Innis waan
baay’ee Warqee qorate. Ishiinis seenaa jireenyaa bara
barnootaa yunivarsiitii Finfinnee keessatti waliin dabarsaniin
ala, eebbifamtee gara biyyaatti galuu ishii malee kana darbee
waan ishiin beektu akka hinjirre itti himte. Jaagamaanis waan
godhuuf waan jedhu dhabee yaadaan baay’ee jeeqame.
Tirannee manatti deebinee waan baay’ee taphanne. Waan
baay’ees mala furmaataa marii’anne.
Anaafi Jaagamaanis guboo sochii fincila diddaa gabrummaa
saba Oromoo jabeessinee luka lamaan lafa ejjechiisnee
dhaabuuf adda baanee akka hafuu hinqabne irratti walii galle.
Warqeefi Jaagamaanis, haalakoo erga hubatanii booda,
deemee akkan Kuluulee barbaaddachuu qabu murteessani.
Anis, Jaagamaa… jaalalleekoo barbaadee yoon argadhe,
akeekakoof akeekakee kan ta’e tokkummaa saba Oromoo
cimsuufi birmadummaa gonfachuu keessatti humna dabalataa
139
godhadheen deebi’ee garakee dhufa. Yoommoo osuman
barbaaduu osoo jaalalleekoo hinargatiin aduun natti dhiite,
adaraakee akkuma dubbannetti jabaadhuu guboo fincila
diddaa gabrummaa saba Oromoo kana bakkaan ga’i, siidaa
yaadannoo gootota bilisummaaf hobba’aniis tolchii dhaabi
jedheen imimmaankoo lolaasaa biraa qajeele.Warqeenis
qarshii hamma ta’e naaf kennite. Lachuu na eebbisanii,
suuraa hiriyyoota Warqee, kan Kuluuleen keessa jirtu kana
naaf kennanii, imimmaan cobsaa na gaggeessani.
“Yoo waaqayyo jedhe jaalalleekee argattee gaaftokko akka
deebinee wal agarru abdii guddaan qaba. Jedhii Jaawweekoo
……… karaan dugda handaaqqoo siif haa ta’u” jedhee,
irqinfataa na biraa deebi’e, Jaagamaan.
Anis konkolaataa Finfinnee koreen Bulee Horaa keessa
qaxxaamuree, Diillaa, Hawaasaa, Shaashamannee, Baatuu,
Maqii, Botee, Moojoo jedhee osuman magaalota lakkaa’uu,
deemsa guyyaa lamaa booda Finfinnee ga’e. Bulees, barii
lafaa ka’een konkolaataa koree galgala keessa naannoo sa’atii
9:30tti magaalaa Finca’aa ga’e. Magaala keessa deemeen
abbaa Kuluulee_ mana Obbo Yaadii, iyyaafachuutti ka’e.
Guyyaa lama sadii iyyaafadheen nama beekna jedhu dhabe.
Gaafa guyyaa afraffaa waajjira mana hojii mootummaa
magaalaa Finca’aa keessa jiru irra naanna’een Obbo Yaadii
iyyaafachuutti ka’e.
Ani kanaan dura gaaftokkoof illee magaalaa Finca’aa deemee
hinbeeku. Osuman waajjira irra jooruu jaarsa maanguddoo
tokkottan ba’e. Abbaa….. mana hojii kana keessa namni
Obbo Yaadii jedhamu jiraay? jedheen gaaffe.
140
“Yaadii eenyuu jedhama?” jedhanii gaaffii ani dhagahee
hinbeekne as garakootti deebisani.
Maqaa abbaa isaanii illee hinbeeku. Garuu maqaan intala
isaanii Kuluulee jedhamti jedheen itti hime.
“Ahaa….. ahaa….. abbaa Kuluulee jechuun Yaadii
Oljirraatikaa…… ishii intalli isaa yeroo tokko digirii
eebbifamtedha mitii? Innoo waajjirri isaa as miti. Gubbana
waajjira qonnaa keessa ture. Garuu, erga biyya kanaa
jijjiiramee biyya biraatti galee waggaa lama afeera mitii?”
jedhan.
Eessatti jijjiiraman? jedheen ammas gaaffii itti dabale. Osoo
imimmaan ijatti na guutee jiruu.
“Lakkii…. garamitti akka jijjiiramellee hinbeeku. Mee dhaqii
namoota waahiloota isaa durii waajjira isaa seenii gaafadhu”
naan jedhan.
Anis gara waajjira qonnaa Aanaa Abbay Coomman deemee
yeroon iyyaafadhu, gara Gimbiitti jijjiiramuu isaanii
dhagahe. Ammas abdii kutadhee hinteenye. Qarshii na
harkatti hafte qabadheen kottee na baasi jedhe_ gara
Gimbiitti. Finca’aatii ka’een Waayyuuf Gooban keessa
darbee, Jaarsoo cinaatti dhiiseen karaa Geedoo goree, karaan
waggoota torba dura miilaan yeroo ji’ootaan lakkaa’amu irra
deeme, har’a konkolaataatiin darbeen guyyaa tokkotti
Naqamtee ga’e. Karaa Shaambuu yoon gore jarri biyyaa na
baasan sun qircaakoo hiratu jedheen sodaadhe malee, karaan
achiin dhiyaata ture. Buufata konkolaataa magaalaa
Naqamtee seenee osuma keessa hindeemiin, konkolaataa
xiqqoon (minibus) tokko “Gimbii…..Gimbii….. Najjoo
Gimbii….. Gimbii Najjoo…….. nama tokko qofaan kan
141
hir’ate. Nama ariifateeru……. Kan dafee qaqqabuu
barbaadu” jedhee iyyee waame_ gargaaraan konkolaachisaa.
Anis ‘xoph’ jedheen keessa bu’e. Durumaanuu iddoo nama
tokkoo qofaatu hafeera waan ta’eef ba’uuf waan ariifate
fakkaata. Konkolaachisichis kaasetta sirba Abbitoo
Kabbadaa keessa nuuf galchee imaltoota bohaarsaa ba’ee
qajeele. Haroo Sorgaa dabarree yeroo irraa gadee Diggaa
qabannu, Abbitoon geerarsa kololaasuutti ka’e.
“ Ilaalaamet yaa hiriyyaa
Geerar geerar naan jedhaa
Ani maalan geeraraa
Anoo yaadan yeedalaa
Namni yaada yeedaluu
Akkamiin haa geeraruu
Namni geeraree hinquufnee
Goodaa biyyakoo jiraa
Geerarii maal na gonfuu
Goota garaatu hinobsuu
Wallaallaan natti kolfuu
Beeka maalan wallaalaa
Deegaa allaatiitu awwaalaa
142
Akaawwiin midhaaniiree
Beelofnaan nyaanne malee
Haati ormaa gaariidhaaree
Rakkannaan teenye malee
Aayyookoo yaa sindidee
Baga duuti si didee
Harmee luuccaan wal maraa
Akka muujjaa balbalaa
Abbaakoo nyaara kaabbaa
Si faarsus maalan gaabbaa
Durattoo jabanakee
Balbalaan si waamanii
Boroodhaan sitti himatuu
Ammammoo jabanakoo
143
Tokkoffaa na waamanii
Lammaffaa in na ifatuu.
Haadhakoo yaa suutumee
Yommuu hirribni si qabee
Teessee hinmugiini ciisii
Yommuu garaan si nahee
Natu maqaa si dhahee
Deessee hinabaariin dhiisii
Gurraaleef jedheen malee
Maafan tulluu naanna’aa
Booree birmaduuf malee
Maafan lubbuutti haasa’aa
Irraangadeen arreedaa
Yaa gufuu nan dhahiinii
Haadhaaf ilmoon ajjeesee
Yaa cubbuu na hinga’iinii
Rukuttaan ulee geeshee
144
Dirra namaa balleessaa
Jechi nama gadheedhaa
Biyyaa nama fageessaa
Surree naannessan hidhaa
Incitaa hin yaadda’iinii
Tulluus naanna’een galaa
Indu’aa hin yaadda’iinii
Aayyookoo yaa aayyuleekoo
Kutaakee dachaa fo’ii
Yoon galeef ittiin koortaa
Yoon du’es ittiin boossaa
Inbade inbade jedhuu
Eessa abbaakoottan badaa
Qilxuun qirixe malee
Mil’uun miliqe malee”
jedhee gaafa Abbitoon geeraru, waan ta’e tokko garaatii na
ka’e. Anis haalonni tokko tokko jaalalleekoo irraa fageessee,
akka nama biyya hinqabnee joorsee na jaawwarsus “qilxuun
145
qirixe malee mil’uun miliqe malee” jedhee kan inni geerare,
jaalalleekoo deebi’ee arguuf abdii na keessatti coologe
deebisee lubbuu itti hore. Gochaan jooruuf jaawwaruu ani
biyyarra naanna’aa tures, mil’uu hacuuccaa miliquuf akka
ta’e ofduuba deebi’ee yaadeen ragaa ofiif ba’ee, of
jajjabeesse.
Yeroo kana egaa irraangadee Diggaa xumurree, magaalaa
Arjoo Guddattuu dabarree bishaan laga Dhidheessaarra
geenyeerra. Anis qalamakoo baaseen Mil’uu Miliquu jedhee
waanan keessa darbe hunda barreessuu eegale_
konkolaatichuma keessatti mata dureen seenaa jaalalaa
jireenyakoo waaqa biraa karaa Abbitoo naaf kenname.
Joogir keessa darbee, gaara Abbaa Seenaa sabbata haadhaa
fakkaatu, isa dur leenciif gafarsi keessa burraaqu har’a lafa
jaldeessi basha’u ta’e qaxxaamureen gara Gimbiitti finxiriire.
Gimbiis ga’ee konkolaataa irraa bu’e. Gimbiin magaalaa
guddaa, daldalli bunaa Afraasaa hanga Birraatti, Bonaa hanga
Gannaatti keessatti gaggeeffamudha. Akka magaalaa
xixiqqoo, nama tokko iyyaafattee argachuun carraan isaa
baay’ee dhiphaadha. Osuma olii gad deemee takka Kuluulee,
takka abbaa Kuluulee_ Obbo Yaadii, iyyaafadhuu qarshii
Warqeef Jaagamaan naaf kennan na harkaa baddu baate.
Dubbiinis yeroo hunda qe’eef waajjira irra jooree Kuluuleef
Obbo Yaadii iyyaafachuu irraa gara waan qoonqoo
barbaaduutti hiramte. Silaa maal baradhee eebbifameeraayiin
hojii nama baratee hojjedha, deemeen hojii guyyaa
hojjechuutti ka’e. Gaafa boqonnaakoo immoo suuraa
Kuluuleef hiriyyoota ishii qabadheen magaala keessa jooree
iyyaafachuutti ka’e. Gaafii karaa Caancoo, gaafii karaa
Gabaa Maalifuu, gaafii karaa safara maaramii, gaafii immoo
146
kara laga Somboo naanna’een iyyaafadha. Kaan suuraa na
harkaa fuudhanii ilaalanii…….. “lakkii hinbeeknu” jedhanii
natti deebisu. Kaan immoo suuraa na harkaa fuudhanii, na
duraa fiigu. Akkuma daa’imaa na boossisu. “Maal mucaa
joonja’aan kun. Nama barbaadanii arguun ulfaataa akka ta’e
hinbeekuu. Isayyuu kan barmeeqaa iyyaafataa…. Yeroo
darbes as karaa laga Gafaree deemee, dargaggoota
konkolaataa miican gaafachaa ture” jedhanii muka qoosaa na
taasisu. Magaalaa Gimbii keessattis Abbaa footoo jedhanii
maqaa maatiinkoo hinbeekne naaf baasani. Namni magaala
keessa deemu hedduun yeroo daandii irratti na argu, Abbaa
footoo na jedha.
Akkuma ‘qoraaliyoo’ ganamaa hanga galgalaa jooruunis
mogolee na laaffifte. Hojii guyyaa kana sirriitti hojjechuufis
humni na keessatti dhumaa deeme. Namichi to’ataa
hojjettoota guyyaas, “ati hojii hindandeessu, waan qabdu
fudhuu ba’i” jedhee, morma qabee hojii keessaa gad na
darbate. Namni hojjetee galii argatu gaafa dhabu yookaan
hatuu yookiis daandii irraa hambaa namaa funaanaa
jiraachuun filannoo isaan gurguddoodha. Anis irree ittiin
hatani miti, mogolee ittiin hojjedhullee waanan dhabeef,
hatee jiraachuu filannookoo hingoodhanne. Kanaafuu,
daandiirra oolanii buluun tokkicha filannoo jireenyakoo naaf
ta’e.
Akkanumaan gaafii lafa gabaa keessa, gaafii buufata
konkolaataa keessa naanna’een mi’a imaltootaa gateettiitti
baadhee lama buluu eegale. Garuu guyyaa tokkollee suuraa
Kuluulee harkakootii baasee hinbeeku. Deemus qabadhee,
ciisus ammadheen oolee bula. Feestaalii pilaastikaa itti
mareen baadhee olii gad deema. Kuluuleenis isa yeroo dur
torban torbaniin Mandiidhaa dhuftee Gimbiitti boqonnaa
147
dabarsaa turte, yeroo ammaa kana ji’atti altokko dhufuun illee
hedduu ishiitti ulfaateera. Akkanumaan daandii magaalaa
Gimbii keessatti Ganna dooluu roobaa keessa, Bona qaanqee
qorraaf aduutiin waadamee fuullikoof dhaqnikoo bifa biraa
biqilche. Kuluulee kan jaalala yeroo xiqqoof waliin unanne
miti, haatikoof abbaankoo kan dhalchanii na guddisan illee
osoo na argan ana baruu danda’u kan jedhu amantaa hinqabu.
Guyyaa tokko, yeroon isaa jala bultii ayyaana waggaa ture.
Namni baay’een ayyaana maatii isaa biratti baasuuf, kaan gad
kaan ol kaata. Konkolaataan tokkos Asoosaa irraa dhufee
buufata konkolaataa Gimbii seene. Anis akkuma amalakoo,
mi’a baatamu barbaacha fiigeen bira dhaqe. Konkolaataa irra
ba’een mi’a imaltootaa gad buuse. Namoonni hunduu
konkolaataa keessaa gad yaa’an.
“Obboleessoo…… nama mi’a baatu na waamimee….”
jetteeti intalli tokko namoota buufata konkolaataa keessaa
imaltoota keessumsiisan gaafatte.
Keessummeessaan sunis, “miinikee kami?” jedhe.
“Kunoo kana” jette, mi’a dooniyaa tokko guutuu.
“Abbaa footoo…… Kottu abbaa footoo….” jedheeti, hamma
intalittiin haati mi’aa borsaa ishii konkolaataa keessaa
fudhattutti, mi’a kana fuudhee mataarra na kaa’e. Anis
baadheen qajeele. Intalli haati mi’aas duubakoo deemtee,
“asiin gori, achi maqi, gadi gori” jetti hamma mana maatii
ishii bira geenyutti.
Anis feestaalii suuraa Kuluulee baatu kana dhukakoo keessa
kaawwadheen mi’a kana baadhee deemaa ture. Osuma
deemnuu akka tasaa ta’ee feestaaliin suuraa baatu kun, osoo
148
ani hinargiin dhukakoo keessaa lafa bu’a. intalittiin haati
mi’aa kunis, ana duuba waan deemaa turteef waa gatteetta
naan hinjenne, callisteema fuutee manaan geesse. Yeroo
mana geenyee qarshii humnakoo kan ani mi’a baadhee dhufe
naaf kaffaluuf jecha feestaaliikoo lafaa argite waliin natti
fiddu, itti siqeen harka itti hiixadhe. Jalqaba fuula ishii caalaa
feestaaliikoo suuraa baatu harka ishiirratti argeen
naasuudhaan itti ariifadhe. Feestaaliikoo harkaa butadheen ija
ishii keessa ilaale. Intalli ba’aa dooniyaa tokko natti feetee
ana duuba deemaa dhuftes jaalalleekoo Kuluulee akka taate
fuulashee ilaaleen bare. Takkaa qofa ijashee mil’adheen osoo
hinbeekiin Kuullee……. jedheen miila ishii jalatti
hojjaadhaan diriire. Feestaaliin suuraa Kuluulee baatus ana
harkaa darbamee lafa dhahe. Feestaalicha ana harkaa
darbamee gama bu’e kaasteeti “uu….uu……” jettee iyyite.
Maatiin ishiifi ollaan gad yaa’ani.
“Maali….. maal taate?” jedhan.
“Mucaa kanatu mi’a naaf baatee dhufee maqaa na waamee
lafatti kufe” jette.
“Isa kami inni? Maqaa isaa qeesiin haadhahu” jedhanii yeroo
lafatti uffatakoo mallattoo yeroo hundaa argan, “boo……
mucaan kun duraanuu du’aarra hinjiru. Atimmoo nama
dhabdeeti kana baachifattee dhuftaa? Dhiisaa amma xiqqoo
turee ka’a. Innoo yeroo baay’ee magaala keessatti gaggabee
kufee xiqqoo turee ka’a. Kun mucaa isa suuraa harkatti baatee
magaala keessa joorudha mitii?” jette, dubartiin daldaltuu
Gabaa Maalifuu kan ollaa mana Kuluuleefaa jiraattu.
“Maayinni harkakee irraa immoo Kuulleekoo….” jedhan
haati Kuluulee.
149
“Anoo hinbeeku, isumatu karaatti buuse jennaan qabeefii
dhufe malee” jette.
“Gati gadi. Maal beekteeti waan xonxamaa kana harkaan
qabda? Maal mucaa maraataan kun, maal baatee deemaa?”
jedhanii Kuluulee harkaa fuudhani.
“Maal xonxee baatee deemaa?” jedhanii quba lamaaniin
haguuggaa feestaalii irraa ciran. Yeroo gad baasan suuraa
Kuluuleef hiriyyoota Kuluulee yunivarsiitii Finfinneetti
waliin baratantu keessa jira. Haati Kuluulee hedduu rifatani.
Waan hojii seexanaaf jinnii wahii itti fakkaate.
Kuluuleenis…. “maayinnii suurichi aayyoo?” jettee harkaa
butte. Si’a suuraa ishii keessatti agartu, wanni hunduu abjuu
itti ta’e. Nama fayyaa ta’uu ishii of amanuu dadhabde.
Takkaa gogdee dhaabatteeti, waa shakkite. Si’a ani altakkaa
Kuullee… jedhee lafatti gombifamu, maqaa ishii dhahuunkoo
waa ishiitti raajeera. Gadi jettee bakkan gaggabee awwaara
keessa ciisutti ilkaankoo irraa hidhiikoo ol qabdee, mallattoo
ilkaankoo kan ishii qofaan dur beektu agarte. Takkaa
qofaa….. “anoo badeera hinjiruu….” jettee ol utaaltee lafatti
of hiddite. Balbala Kuluuleefaatti iyyi duraan qabbanaa’e
deebi’ee abidda saafaa ta’e. Kuluulee lafaa hammaaranii ol
kaafnaan afuurri keessaa ba’uuf waan dhiyaate fakkaata.
Haati Kuluulee ol manatti deebi’anii funyoo fudhatanii lagatti
biriirsani. Namni ollaas kan qabee, kan gad dhiisu wallaale.
Iyyi iyya caalee poolisiin burqee dhufe. Ambulaansiinis
dhufee Kuluulee fuudhee hospitaala Gimbiitti geessan. Ana
jooraa, taltaallaa fira hinqabne lafatti na dhiisanii, ollaan iyya
dirmate hunduu gara hospitaalaatti Kuluulee waliin
godaanani.
Xumurame! 150